Qajeelfama Bu’uuraa Asmaa’a wa Sifaata-Kutaa 5

Offline dubbisuf

Rabbii keenya Kan nu uumee, nu sooru, nu obaasu fi qananii keessaa alaatin nu qananiiseef faaruu fi galanni hundi haa ta’u. Warroonni darban akkana jechaa turan “Kullu maa khaxara bibaalika fallahu bikhilaafi zaalika- wanti sammuu kee qaxxaamuru hundi, Rabbiin faallaa wanta saniiti.” Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Tokkicha fakkaataa wayitu hin qabneedha. Wanta sammuu namaa qaxxaamuruun gonkumaa wal hin fakkaatu. Qajeelfama Bu’uuraa asmaa’a wa sifaata osoo ilaallu kunoo mata-duree garmalee barbaachisaa ta’e irra geenye jirra. Gargaarsa, eeggumsa fi ikhlaasa Mawlaa irraa kajeelaa mee itti haa fufnu.

Qajeelfama Bu’uuraa 8ffaa: Sifaata yommuu mirkaneessan wantoota dhoowwaman lama irraa bilisa gochuun garmalee barbaachisaadha: 1ffaa-Tamsiil (Fakkeessu), 2ffaa-Takyiif (akkaata dubbachuu)[1]

Tamsiil jechuun sifaanni (amaloonni) Rabbii sifaata (amaloota) uumamtootaatiin wal fakkaatan jedhanii amanuudha. Fakkeenyaf, beekumsi fi dandeetti Rabbii subhaanahu beekumsa fi dandeetti uumamtootatin wal fakkaata jechuu. Yookiin Beekumsi, Dandeettin, dhageettin, argituun Isaa akka beekumsa, dandeetti, dhageetti, argituu uumamtootati” jedhanii amanuu. Daliila (ragaa) shari’aa fi sammuutiin amantiin akkanaa baaxila (soba).

Ragaa shari’aa irraa jecha Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa eerun ni danda’ama: “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru.”  (Suuratu Ash-Shuura 42:11) “Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” (Suuratu Al-Ikhlaas 114:4)

Ragaa sammuus karaa adda addaatin dhiyeessuun ni danda’ama:
1ffaa– Khaaliqaa fi uumamtoota jidduu garaagarummaan Zaata akka jiru sirritti kan beekkameedha. Zaataan erga gargar ta’anii sifaataniis gargar ta’uun ni barbaachisa. Sababni isaas, wanti amalaan (sifataan) ibsamu hundi amala isaaf malu qaba. Akkuma amaloota uumamtoota irraa ifa ta’utti. Uumamtoonni akkuma zaatan gargar ta’an amalli hunda isaanitu garagara. Fakkeenyaaf, humni gaalaa humna mixiitiin (dagandaatin) wal hin fakkaatu. Uumamtoota jidduu garaagarummaan jiru erga ifa ta’ee, Uumaa fi uumamtoota jidduu garaagarummaan jiru baay’ee guddaa fi garmalee addaan fagoodha.

2ffaa– akkana jechuun ni danda’ama: Khaaliqni gara hundaan guutuu ta’e akkamitti sifaata Isaa keessatti makhluuqa (uumamaa) hir’uu fi kan isa guututti hajamuun wal fakkaataa? Amantin kuni haqa Khaaliqaa hir’isuu malee wanta biraa ta’uu danda’aa? Dhugumatti kan guutuu ta’e wanta hir’uu ta’een wal fakkeessun hir’uu isa taasisudha. 

3ffaa– Uumamtoota keessatti wanta maqaaleen walitti galan garuu haqiiqaa fi akkaataan isaanii garagara ta’e ni argina. Namni harka akka qabu ni argina. Garuu harki isaa akka harka arbaati miti. Ammas, humni isaa akka humna gaalaati miti. Maqaan walitti haa galanii malee haqiiqaan isaanii garagara. Kunis harka, sunis harka; kunis humna sunis humna. Garuu isaan jidduu akkaataa fi haalan garaagarummaatu jira. Kanarraa ka’uun, maqaadhaan walitti galuun haqiiqaan walitti galuu hin barbaachisu. (Kana jechuun wanti tokko maqaan yoo wal fakkaate haqiiqan (maalummaan) isaanii wal fakkaata jechuu miti. Namnis harka qaba, fardis harka qaba. Garuu harki namaa fi fardaa wal hin fakkaatan. Jecha “Harka” jedhu nama fi fardaaf haa fayyadamnu malee harki isaan lamaanii garagara. Kanaafu, haqiiqaan amalaa uumamtoota jidduu jiru garagara erga ta’e, haqiiqaan sifaata Khaaliqa fi makhluuqa jidduu jiruu baay’ee garagara. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala harka lama akka qabuu Qur’aanaa fi hadiisa sahiih ta’an keessatti dhufee jira. Garuu harki Isaa harka uumamtotaatiin gonkumaa wal hin fakkaatu. )

Takyiif jechuun immoo namni sifaata mirkaneessu sifaanni Rabbii akkana akkana jiran jechuun amanuudha. Jecha biraatin akkaataa sifaata dubbachuudha. Namni akkaata sifaata dubbatu (takyiif godhuu), “Rabbiin akkanatti dhagaha, akkanatti arga, akkanatti gara samii gadi aantu bu’a” jedhe dubbachuudha. Ragaa shari’aa fi sammuutin kuni amanti baaxila ta’eedha. Ragaa shari’aa irraa jecha Rabbii olta’aa dhiyeessun ni danda’ama:

17:36

Waan beekumsaa isaa hin qabnees hin hordofin. Dhugumatti, dhageettin, argituu fi qalbiin, kuni hundinuu isa irraa ni gaafatamu.” Suuratu Al-Israa 17:36

Aayah tana ilaalchise Ibn Abbaas ni jedha:wanta hin beekne hin dubbatin. Aalimni Qataadah jedhamus ni jedha: wanta hin argine “argee jira” hin jedhin, wanta hin dhageenye dhagaye” hin jedhin, wanta hin beekne “nan beeka” hin jedhin. Rabbiin kana hundarraayyu is gaafata[2].

Akkuma beekkamu akkaataa sifaata Gooftaa keenyaa ilaalchisee beekumsa hin qabnu. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala waa’ee sifaata Isaa nutti beeksise jira, garuu akkaataa sifaata kanniini nutti hin beeksiisne. Kanaafu, akkaataa sifaata Isaa dubbachuun wanta beekumsa itti hin qabne hordofuu fi wanta guutumatti hin beekne dubbachu ta’a.

Ragaan sammuu immoo:
1-Akkaataa sifaata wanta tokkoo karaalee sadan kanniin qofaan beekkama: Takkaa zaata isaa beeku, takkaa wanta isaan wal fakkaatu beeku takkaa immoo odefannoon dhugaa isarraa dhufuu. Akkaata sifaata Rabbii ilaalchise karaaleen sadan kunniin hunduu kan hin jirreedha. Kana jechuun zaatni Isaa akkam akka ta’e hin beeknu, wanti Isaan wal fakkaatu tokkollee hin jiru; odeefannoon dhugaa akkaata sifaata Isaa nutti himus hin dhufne. Kanaafu,akkaataa sifaata dubbachuun soba (baaxila).

2-Ammas akkana ni jenna: akkaata akkamii sifaata Rabbii olta’aaf tilmaamu dandeessaa? Akkaataan kamiyyuu ati sammuu kee keessatti tilmaamtu, Rabbiin san irra garmalee guddaa fi olta’aa dha. Akkaata kamiyyuu sifaata Rabbiif yoo tilmaamte, sifaata kanniin ilaalchise ati kijibaa taata. Sababni isaas, waa’ee kanaa ilaalchisee beekumsa hin qabdu. Kanaafu, akkaataa sifaataa qalbiin tilmaamu ykn arrabaan dubbachuu ykn qubbiiniin akeekuu irraa of qusachuun dirqama.  

Kanaafi, yommuu Imaamu Maalik (rahimahullahu) Aayah tana ilaalchise:

20:5

“Ar-Rahmaan Arshii ol olta’e” Suuratu Xaahaa 20:5
“Istawaan (Olta’iinsi) akkami?” jedhamee yommuu gaafatamu, hanga dafqii irraa coccobuu mataa isaatiin gadi jedhe. Ergasii akkana jedhe, “Istawaan wanta wallaalame miti, akkaataa isaa wanta sammuun hubachuu hin dandeenyedha, isatti amanuun waajiba (dirqama), waa’ee isaa gaafachuun bid’aadha.”

Kana jechuun hiikni istawaa wanta wallaalame miti.  Hiikni isaa ni beekkame. Istawaa jechuu olta’e jechuudha. Garuu akkaata Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’e sammuun namaa hubachuu hin danda’u. Rabbiin Arshii ol olta’iinsa Isaaf malu akka olta’e amanuun waajiba. Sababni isaas, Rabbitu Qur’aana keessatti beeksise. Qur’aanatti amanuu jechuun immoo wanta isa keessa jirutti amanuudha. “Waa’ee isaa gaafachuun bid’aadha” kana jechuun “Rabbiin akkamitti Arshii ol olta’e?” jedhanii gaafachuun bid’aa (wanta haarawa argameedha). Sababni isaas, sahaabonni waa’ee kanaa Nabiyyi hin gaafanne.

Barsiisaan imaamu Maalik kan ta’e Rabi’ah irraayis akkana jedhamuun gabaafame jira, “Istawaan wanta wallaalame miti, garuu akkam akka ta’e sammuun namaa hubachuu hin danda’u.”

Isaan lamaan booda warri beekumsaa miizanaa (madaala) kanaan deemanii jiru. Akkaataan sifaataa sammuun namaa hubachuu kan hin dandeenye fi shari’aa keessatti kan hin dhufne erga ta’ee, akkaata (takyiifa) irraa of qabuun dirqama.

Takyiifa gochuu (sifaanni Rabbii akkana akkana jechuu) irraa of eeggadhu, of eeggadhu! Yoo akkana goote bakka nama balleessu keessa seenun boodarra keessaa bahuu hin dandeessu. Yoo sheyxaanni qalbii kee keessatti darbe, waswasaa isaa akka ta’e beekun gara Gooftaa keeti dheessi Inni si eegati. Wanta Inni itti si ajaje hojjadhu, Inni si fayyisaati. Rabbiin olta’aan ni jedha:

7:200

Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Al-A’araaf 7:200

Kana jechuun yommuu sheyxaanni wanta badaa sitti wasawasuu (hasaasu), hojii gaarii irraa duubatti si harkisuu ykn hojii badaatti si kakaasu, gara Rabbii dheessuun akka si eegu kadhadhu. Inni wanta jettu dhagahaadha. Niyyaa, dadhabinna kee fi hangam gara Isaatti akka dheessitu ni beeka. Yoo dhugaan gara Rabbii dheessun sheyxaana irraa akka si eegu kadhatte, Inni qormaataa fi waswasaa isaatirraa si eega.[3]

Maddi jallinnaa guddaan Khaaliqa makhluuqatti fakkeessu ykn makhluuqa Khaaliqatti fakkeessudha. Imaamu Ibn al-Qayyim ni jedha: “Haqiiqaan shirkii- Khaaliqatti waa fakkeessu fi Khaaliqa makhluuqaan wal fakkeessudha. Kuni haqiiqaadhaan fakkeessudha.” Ilmaan namaa baay’een isaanii makhluuqa Khaaliqatti fakkeessutti kufan. Mushrikoonni (warroonni Rabbiin waliin waan biraa gabbaran) yommuu amala Rabbiif qofa ta’uu wanta gabbaraniif godhan, wanta gabbaran san Khaaliqatti fakkeessan. Haala kanaan, Rabbiin waliin gabbaramaa biraa godhatan. Mushrikni wanta gabbaru san Rabbal-aalamiinan wal fakkeessa. Kanaafi, keeyyanni Qur’aanaa makhluuqa Khaaliqatti fakkeessu garmalee morma. Aayaata irranatti eerre waliin aaya bira haa daballu:

16:74

Rabbiif fakkeenya hin godhinaa. Dhugumatti Rabbiin ni beeka, isin hin beektan.” (Suuratu An-Nahl 16:74)

Kiristaanonni uumama (makhluuqa) Uumaan (Khaaliqaan) wal fakkeessun beekkamu. Kanaafi, jallinna hanga hin jedhamne keessatti taran. Namoonni Guyyaa Qiyaamaatti hin amannes Uumaa uumamaan wal fakkeessu. Beekumsaa fi Dandeetti Rabbii subhaanahu akka beekumsa fi dandeetti ilma namaatti waan ilaalaniif namoonni du’an lamuu hin kaafaman jechuun mormu. Namoonni badii hojjatanis, “Rabbiin nu hin argu, nu hin dhagahu” jechuun yaada badaa yaadun badii isaanii itti fufu. Dhugumatti, Khaaliqa makhluuqatti fakkeessun ykn makhluuqa Khaaliqatti fakkeessun jallinna hangana hin jedhamnetti nama dabarsa. Akkuma shekhni irranatti jedhe of eegganno, of eeggannoo guddaa barbaachisa.

Qajeelfama Bu’uuraa 9ffaa: Tanziih (Qulqullessun) ta’axiil irraa bilisa ta’uu
Ta’axiil jechuun wanta dhugaadhaan mirkanaa’e dhabamsisuudha. “Tanziih (qulqullessun) ta’axiil irraa bilisa ta’uu” jechuun wanta Rabbiif hin malle irraa Isa qulqulleessu fi sifaata Inni mirkaneesse dhabamsiisu dhiisudha. Warri fakkeessan (Mushabbihata)- Khaaliqa makluuqaan wal fakkeessu. Warri ta’axiila (mu’uxxilata) immoo Rabbiin ni qulqulleessina jedhani sifaata Inni mirkaneesse dhabamsiisan. Fakkeenyaf akkana jedhu, “Rabbiin harka hin qabu, Fuulas hin qabu.” Isaan Rabbiin wayittu fakkeessu irraa Isa qulqulleessina jedhanii waan yaadaniif wanta Rabbiin Ofiif mirkaneesse dhabamsiisan. Garuu karaan jidduu galeessa karaa ahlu sunnaati. Karaan isaanii kana:

Osoo hin fakkeessin mirkaneessu, osoo hin dhabamsiisin qulqulleessu.[4] Kana jechuun sifaata Rabbiin Ofiif mirkaneesse fi beeksise osoo wayittu hin fakkeessin ni mirkaneessina. Maqaalee fi sifaata Inni mirkaneesse fi beeksise osoo hin dhabamsiisin wanta Rabbiif hin malle irraa Isa ni qulqulleessina. Aayan armaan gadi yaada armaan olii kana ni mirkaneessiti:

Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.”  Suuratu Ash-Shuura 42:11

Ibsa jalqabaa: Rabbiin ni arga, ni dhagaha. Garuu dhageetti fi argituun Isaa akka dhageetti fi argituu keenyaati miti. Kanaafu, sifaata Rabbiin Ofiif mirkaneesse fi beeksise osoo wayittu hin fakkeessin ni mirkaneessina.

Ibsa lammataa: Rabbiin akka waa hundaa argu, dhagahu beeksisee jira. Akkuma Inni beeksisee Inni waan hundaa ni arga, ni dhagaha jenne ni mirkaneessina, garuu wanta Isaaf hin malle kan akka rafuu, ilma qabaachu fi hanqinna hunda irraa ni qulqulleessina. Kanaafu, maqaalee fi sifaata Inni mirkaneesse fi beeksise osoo hin dhabamsiisin wanta Rabbiif hin malle irraa Isa ni qulqulleessina.  Wanti kana kaasnef, namoonni fitnaa barbaadan yeroo garii ummata keessatti bahuun nama dhamaasu. Kanaafu, qajeelfama kana beekun salphatti sharrii isaanii jalaa akka bahan nama gargaara.

Guduunfaa
➦Sifaata Rabbii osoo wayittuu hin fakkeessin, akkana akkana jira jedhanii osoo hin dubbatin, haala Rabbiif maluun mirkaneessun karaa nagahaa nama baasudha.
➦ Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa ni beeka, ni arga, ni dhagaha. Garuu beekumsi, argituu fi dhageettin Isaa, beekumsa, argituu fi dhageetti uumamtotaatiin wal hin fakkaatan. Haaluma kanaan, sifaanni Isaa biroos amaloota uumamtootin wal hin fakkaatan.
➦ Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akkamitti waan hundaa akka beeku, arguu fi dhagahu nuti beeku hin dandeenyu. Kanaafu, “akkaata Isaaf maluun waan hundaa ni beeka, ni arga, ni dhagaha” jenne ni mirkaneessina.
➦Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundarra guddaadha (Allaahu akbar- Allah is the Greatest).
➦Inni Arshii ol olta’iinsa Isaaf maluu olta’ee jira. Arshiin guddinnaa fi bal’innaan uumama samii caaluu fi samii torbaffaa ol jiruudha. Rabbiin Guddaan Arshii ol jira. Guddinna Isaatirraa kan ka’e, samii hangana bal’attu Guyyaa Qiyaama harka mirgaatin maruun, “Ani Mootiidha, eessa moottonni dachii?” jedha.[5] Rabbiin waan hundarra guddaa fi sifaanni Isaa hundi guutuu erga ta’ee maaltu Isa fakkaataa ree? Kanaafu, Inni Tokkicha fakkaataa hin qabneedha.


Kitaabban Wabii:
[1] Ta’aliiq alaa Al-Qawaa’idul Muslaa- fuula 80-85, Ibn Useyminii fi Abdurahmaan bin Naasir Al-Barraak
[2] Tafsiir Ibn Kasiir 5/74
[3] Tafsiir sa’diyyi-356
[4] Sharih al-aqiidatil Tadmuriyyah -fuula 48-49, Ibn Useymiin
[5] Sahiih Al-Bukhaari 7382Sahiih Muslim 2787

Qajeelfamoota Bu'uuraa Asmaa'a wa Sifaata-Kutaa 6
Qajeelfamoota Bu'uuraa Asmaa'a wa Sifaata-Kutaa 4
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply