Qajeelfamoota Bu’uuraa Asmaa’a wa Sifaata-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Bismillah
Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Qajeelfama bu’uura maqaalee fi sifaata Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa osoo ilaallu kunoo amma xumura irra geenya. Kana yommuu jennu qajeefalmoota bu’uuraa hunda xumurre jechuu keenya miti. Qajelfamoota hunda asitti tarreessuun dubbistoota gariitti ulfaachu danda’a. Kanaafu, kanneen ijoo ta’an fudhachuun kan hafan ammaaf ni dhiisna.

Qajeelfama Bu’uuraa 10ffaa: Al-Ilhaadu fii asmaa’illahi (Maqaalee Rabbii keessatti jallinna)
Jalqaba ilhaada jechuun maal jechuudhaa?
Jechi ilhaad jedhu xumura alhada jedhu irraa kan fudhatameedha. Alhada jechuun maquu jechuudha. Jecha kanarraa jechi “Lahdi” ni horsifame. Lahdi qabrii maal akka ta’e ni beeknaa miti ree? Yoo beeku baannes, lahdi jechuun jidduu qabrii irraa gara cinaatti maqsun kan qotamee fi reeffi keessa kaa’amuudha. Ergasii lahditti xaawlaa ykn dhagaa ykn bolookeetti gochuun biyyeen qabritti ni rarama. Lahdin qabri, “Lahdi” kan jedhameef jidduu qabriiti gara cinaatti waan dabuufi. Kanaafu, ilhaada jechuun karaa qajeelaa irraa jallachuu ykn maquudha.

Maqaalee Rabbii keessatti jallachuu (ilhaad) jechuun haqa mirkanaa’e irraa maqaaleen, haqiiqaa fi hiika isaanitiin jallachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

7:180

Rabbiif maqaalee gaggaaritu jira, kanaafu isaaniin Isa kadhaa. Warra maqaalee Isaa jallisaniis dhiisaa. Waan dalagaa turaniif fuunduratti jazaa ni argatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:180

Imaamu ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) “Maqaalee Rabbii keessatti jallinna (ilhaada) raawwachuun gosoota qaba” jedha[1]. Gosoota kanniin ni tarreessa:

1ffaa- Sanamni ittiin waamamu- Sanama jechuun muka ykn dhagaa bocame gabbaramuudha ykn waaqefatamuudha. Mushrikoonni sanama isaanii kanaaf maqaa adda addaa baasuf. Maqaalee isaan moggaasaniif keessaa tokko maqaa Rabbiitin moggaasudha. Kuni ilhaada (jallinna). Fakkeenyaaf, Mushrikoonni maqaa “Ilaah” jedhu irraa baasun “Laat” jechuun sanama isaanii moggaasan. Ammas sanama biraa maqaa Rabbii “Al-Aziiz” irraa baasun “Uzzaa” jechuun moggaasan. Akkasumas, sanama harkan bocan guutu “Ilaah” jedhanii moggaasun ilhaada. Sababni isaas, maqaa Rabbii gara sanama isaanii jallisan.

2ffaa- Guddinna Rabbiitiin wanta hin malleen Isa waamu ykn moggaasu. Fakkeenyaf, Kiristaanonni “Ab” jechuun moggaasu. Warroonni falaasfaas “Sababa waa hojjatu” jechuun waamu fi kan kana fakkaatan ilhaada (jallinna).

3ffaa– Hanqinna Inni irraa qulqullaa’en Isa ibsu. Fakkeenyaf, Yahuudonni namoota hundarra khabiisa ta’an akkana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hanqinnaan ibsu: Inni hiyyeessa, uumamtoota Isaa erga uume booda boqonnaa fudhate, Harki Rabbii maramaadha (kana jechuun Inni tola hin kennu) fi kan biroo ilhaada (jallinna) guddaadha.

4ffaa-Maqaalee Isaa hiikan ala gochuu fi haqiiqaa isaanii fudhachuu diduu. Kana jechuun maqaaleen Isaa hiika fi haqiiqa wayitu akka hin qabne godhanii yaadudha. Fakkeenyaf, gareen Jahmiyyah jedhamtu akkana jetti: “Maqaaleen Isaa jecha qofa. Sifaataa fi hiika of keessaa hin qaban.” Maqaalee “Dhagahaa, Argaa, Jiraataa, Rahiim, Dubbataa, fedhaa” jedhan Rabbif ni godhu. Garuu ni jedhu, “Inni jireenya, dhageetti, argituu, dubbii fi fedhii hin qabu”. Dhugumatti,kuni shari’aan, sammuun, uumamaani fi lugaanis ilhaada (jallinna) hundarra caaledha. Warri kuni mushrikootaan wal gitu. Mushrikoonni maqaa Rabbii sanama isaanitiif kennaan. Warri Jahmiyyah kuni immoo sifaata Isaa guutuu dhabamsiisan. Gareen lamaanu warra maqaalee Rabbii keessatti ilhaada raawwataniidha.

Xiqqaatus guddatus, namni kamiyyuu wanta Rabbiin ittiin of ibse yookiin Ergamaan Isaa ittiin Isa ibse fudhachuu didee fi kijibsiise, kana keessatti ilhaada (jallinna) raawwatee jira.

5ffaa-Sifaata Rabbii sifaata (amaloota) umamtootatin wal fakkeessu- Amaloota Rabbiin ittiin of ibseen amaloota uumamtootatiin wal fakkeessun ilhaada. Ilhaadni kuni ilhaada warra sifaata Rabbii hin fudhanneen (mu’axxilaan) wal gita. Mu’axxilaan sifaata Isaa guutuu yommuu dhabamsiisan, warroonni kunniin immoo sifaata Isaa sifaata uumamtootaan wal fakkeessan. Karaan isaanii gargar haa ta’uu malee ilhaadni tokko isaan taasisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala hordoftoota Ergamaa Isaa fi dhaaltota Sunnah isaa kanniin hundarraa isaan qulqulleesse. Wanta Inni ittiin Of ibseen ykn Ergamaan Isaa ittiin Isa ibseen malee Isa hin ibsan. Sifaata Isaa guutuu ta’an fudhachuu hin didan. Akkasumas, sifaata uumamtoota Isaatiin wal hin fakkeessan. Jechaa fi hiikanis gara biraatti hin jallatan. Kana irra, maqaalee fi sifaata Isaaf ni mirkaneessan, uumamtootan wal fakkeessu ni dhabamsiisan. Kanaafu, mirkaneessun isaanii fakkeessu irraa kan qulqullaa’e fi qulqulleessunis ta’axiila irraa kan qulqullaa’edha.

(Kana jechuun sifaata Rabbii osoo wayittu hin fakkeessin ni mirkaneessu (itti amanu). Ammas, sifaata guutuu ta’an osoo hin dhabamsiisin hanqinna irraa Isa qulqulleessu. “Alhamdulillah (Faarun hundi kan Rabbiiti)” yommuu jennu sifaata guutuu Isaa mirkaneessa jirra. Sababni isaas, Rabbiin amaloota (sifaata) guutuu faarfaman waan qabuuf faaruun hundi kan Isaati. Wanti tokko kan faarfamuuf amala faarfamu yoo qabaatee miti ree? Ammas, “Subhaanallah (Rabbiin Qulqullaa’e)” yommuu jennu wanta Isaaf hin malle irraa Isa qulqulleessina. Allahu Akbar (Rabbiin hundarra guddaadha). Dhugumatti yoo itti xinxalline, jechoonni kunniin hiika guddaa qabu.)

Tuqaalee ijoo dabalataa akka gaafitti dhiyaatan: [2]
Gaafi 1ffaa: Karaa sirrii itti dhabamsiisan yookiin qulqulleessan tarreessi.
Deebii: Karaan sirriin wanta Rabbiif hin malle itti dhabamsiisan (nafiyy godhan) sadii:  

1ffaa- Wanta Rabbiin ifaan ifatti ofirraa dhabamsiise. Kuni keeyyata Qur’aana ykn hadiisa keessatti dhufeedha. Akka fakkeenyaatti Qur’aana irraa:

[Rabbiin] hin dhalle hin dhalannes. Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” Suuratu Al-Ikhlaas 112:3-4

2ffaa– Hanqinna hunda Rabbiin irraa dhabamsiisu. Kan akka jaamaa, duudaa, beela’u fi kan biroo hundi amaloota hanquu Rabbiif hin malleedha. Hanqina kana dhabamsiisuun karaa lamaan ta’a:

  1. Sifaata guutuu Rabbiin ittiin of ibsee wanti faallessu hundi hanqinna waan ta’aniif Rabbiin irraa dhabamsiisu barbaachisa. Yoo Inni akkana jedhe, “Inni Dhagahaa, Argaadha” (Ash-Shuura 42:11), faallaan dhagahuu fi arguu hanqinna-kana jechuun duudaa fi jaamadha. Kanaafu, sifaata guutuu Isaa wanti faallessu hundi hanqinna waan ta’ef Rabbiif hin malu. Ilma qabaachun durummaa fi tokkichummaa Isaa waan faallessuuf ilma qabaachun Isaaf hin malu. Duuti, rafuun, muguun Jireenya guutuu waan faalleesaniif duuti, rafuu fi muguun Isaaf hin malan.
  2. Yoo Inni hanqinna ofirraa dhabamsiise, wanti hanqinna kanaaf barbaachisu hundi Isaaf hin malu. Fakkeenyaf, Inni niiti fi ilma qabaachu irraa qulqulluudha. Namni niiti kan barbaaduf fedhiin lubbuu (shahwaan) isa keessa waan jiruufi. Kanaafu, Rabbiin akkuma niiti fi ilma qabaachu irraa qulqulluu ta’e, shahwaa irraayis qulqulluudha. Namni dadhabaa waan ta’eef nyaata fi dhugaati ni barbaada. Rabbiin subhaanahu Dandeetti fi Humni Isaa guutuu waan ta’eef dadhabbii irraa qulqulluudha. Kanaafu, nyaata fi dhugaatitti hin hajamu.

3ffaa– Uumamtootaan wal fakkeessu dhabamsiisu- kana jechuun sifaanni Isaa sifaata uumamtootatin kan wal hin fakkaanne ta’uu beeku fi amanuu. Sifaanni guutuun Isaa hundi homaanu wal hin fakkaatan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa ni dhagaya, ni arga, ni beeka, waan fedhe ni hojjata, waan hundaa irratti danda’aadha. Garuu dhageettin, argituun, beekumsi, hojii fi dandeettin Isaa dhageetti, argituu, beekumsa, hojii fi dandeetti uumamtootatin wal hin fakkaatan.

Gaafi 2ffaa- Rabbiif fakkaatan akka hin jirree ragaalee shari’aa fi sammuu dhiyeessuu dandeessaa?[3]
Deebii: Shari’aa irraa jecha Rabbii olta’aa:
Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.”  Suuratu Ash-Shuura 42:11
Rabbiif fakkeenya hin godhinaa.” (Suuratu An-Nahl 16:74)
Kana jechuun Isaaf dorgomaa fi fakkaataa hin godhinaa.

Ragaalee sammuu irraa immoo: Osoo Khaaliqaa fi makhluuqni wal fakkaatan jenne, silaa wanti Isaaf ta’uu makhluuqafis ni ta’a. Garuu kuni baaxila (soba). Sababni isaas, Khaaliqni yeroo hundaa turaa ta’ee fi Of Danda’e, makhluuqaan wal fakkaata osoo jennee, baduu fi wayitti hajamuun Isaaf ni ta’a jechuudha. Uumamtoonni yeroo murtaa’af erga jiraatanii booda ni baduu ykn ni du’u. Khaaliqni garuu gonkumaa hin du’u ykn hin badu. Uumamtoonni wayitti ni hajamu. Khaaliqni immoo Of Danda’aa waan ta’eef homattu hin hajamu. Kanaafu, Inni homaanu wal hin fakkaatu.

Guduunfaa
Ilhaada jechuun maquu ykn jallachuudha. Maqaalee Rabbii keessatti ilhaada (jallinna) rawwaachuun gosoota qaba:
1-Sanama (taabota) maqaalee Rabbiitiin waamu.
2- Guddinna Rabbiitiin wanta hin malleen Isa waamu
3- Hanqinna Inni irraa qulqullaa’en Isa ibsu.
4- Maqaalee Isaa hiikan ala gochuu fi haqiiqaa isaanii fudhachuu diduu.
5-Sifaata Rabbii sifaata (amaloota) umamtootatin wal fakkeessu
Kuni hundi ilhaada (jallinna) dhoowwameedha.

Wa akhiru daaw’anaa anilhamdulillahi Rabbiil aalamiin.

Gooftaa keenya yoo daganne yookiin dogongorre nu hin qabin. Gooftaa keenya! Ba’aa guddaa akka warra nuun duraa irratti baachifte nurratti hin baachisin. Gooftaa keenya wanta dandeettiin keenya [baadhachuu] hin dandeenye nutti hin baachisin. Irras nuuf darbi, nuuf araaramis. Rahmata nuuf godhi. Ati Gargaaraa keenya. Ummata kaafiroota irrattis nu tumsi (gargaari).” Suuratu al-Baqarah 2:286

 اللَّهُمَّ رَبَّ جِبْرِيلَ وَمِيكَائِيلَ وَإِسْرَافِيلَ فَاطِرَ السَّمَوَاتِ وَالأَرْضِ عَالِمَ الْغَيْبِ وَالشَّهَادَةِ أَنْتَ تَحْكُمُ بَيْنَ عِبَادِكَ فِيمَا كَانُوا فِيهِ يَخْتَلِفُونَ اللَّهُمَّ اهْدِنِي لِمَا اخْتُلِفَ فِيهِ مِنَ الْحَقِّ إِنَّكَ تَهْدِي مَنْ تَشَاءُ إِلَى صِرَاطٍ مُسْتَقِيمٍ

Yaa Rabbii! Gooftaa Jibriil, Mikaa’iili fi Israafiil, Uumaa samiwwanii fi dachii, Beekaa wanta hin mul’anne fi mul’atu [taate]; wanta isaan keessatti wal dhabaa turan ilaalchise gabroota Kee jidduutti Ati ni murteessita. Yaa Rabbii! Wanta isaan irratti wal-dhaban irraa gara haqaa na qajeelchi.  Dhugumatti, Ati nama feete gara daandii sirriitti qajeelchita.” Sunan Nisaa’i 1625, Sahiih Muslim 770


Kitaabban Wabii
[1] Faa’idatul jaliilatu fiil qawaa’idil asmaa’il husnaa– fuula 47-50
[2] Sharihu Risaalat Tadmuriyyah-fuula 326
[3] Madda olii 333

Qajeelfama Bu'uuraa Asmaa'a wa Sifaata-Kutaa 5
Offline dubbisuf

Leave a Reply