Kabajaa fi Salphinna Ilma namaa??

Offline dubbisuf

Rabbii Ahkamal haakimiin ta’eef faaruu fi galanni hundi haa ta’uu. Ilmi namaa uumamtoota baay’ee caalaa kan kabajameedha. Dachii tana keessatti wanti uumama biraatiif hin laafifamne isaaf ni laafifame. Wanta uumama biraatiif hin kennamne isaaf ni kenname. Aqliin (sammuun) ittiin yaadu fi xinxallu kennaa guddaa uumamtoonni baay’een dhabaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa akka kabaje akkana jechuun dubbata:

17:70

“Dhugumatti, ilmaan Aadam kabajne jirra. Dachii fi galaana keessattis isaan baadhanneerra. Wantoota gaggaarii irraas soorata isaaniif kennine. Irra heddu wanta uumne irras caalchisu isaan caalchifne jirra.” Suuratu Al-Isra 17:70

Dhugumatti, ilmaan Aadam kabajne jirra.” Rabbiin Guddaan ilmaan Aadam akka kabajee ni mirkaneessa. Takriim (kabajuun) hiika “caalchisu, guddisuu, amala wantoota biraa irraa adda isa godhu kennuufi” qaba. Yommuu ilmaan Aadami fi uumamtoota biroo nutti mul’atan wal bira qabne, amaloonni ilma namaa garmalee ol’aanoo fi guddaa kan ta’aniidha. Ilmi namaa haala bareedaa fi dhaabbata gaarii irratti uumame. Ol dhaabbate luka lamaan deema, harka isaatin ni nyaata. Beelladonni fi bineensonni biroo immoo lukaa fi harkaan lafarra deemu, afaanin waa mummuratu fi nyaatu. Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ija, gurra, sammuu fi qalbii, ittiin waa argu, dhaga’uu, yaadu fi xinxallu isaaf kennee jira. Meeshaalee kanniinitti (gurra, ija, sammuu fi qalbiitti) fayyadamee beekumsa argata, wantoota haarawa argachuu fi hojjachuun jiruu ofii fooyyessa. Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kitaabban buusu fi Ergamtoota erguun qalbii fi ruuhin isaanii tasgabbii fi gammachuu akka argattu taasise. Kuni hundi kabaja Inni isaan kabajeedha. Namni kabaja kana Rabbiitti amanuu fi galata galchuun eege, kabaja kana caalutu Aakhiratti isaaf jira. Innis Jannata Firdawsati. Namni kabaja kana Rabbitti kafaruu fi Isa faallessun balleesse, warroota salphatan keessaa ta’a.

“Dachii fi galaana keessattis isaan baadhanneerra.” Kana jechuun dachii keessatti geejjibni beelladaa fi beellada hin taane isaan baadhachuun isaan qananiisne jirra. Akkasumas, galaana keessattis geejjibni doonii akka isaan baadhattu taasisne jirra. Wantoota gaggaarii irraas soorata isaaniif kennine.” Nyaataa dhugaati mi’aawaa fi uffata babbareedaa irraa isaaniif kennine. Wanti gaariin haajaa isaanitiin wal qabate tokkollee hin jiru kan Rabbiin wanta saniin isaan kabajee fi garmalee isaaniif laaffise yoo ta’e malee. “Irra heddu wanta uumne irras caalchisu isaan caalchifne jirra.” Uumamtoota baay’ee caalaa amalaa fi kennaa addaa isaaniif kennuun ilmaan Aadam caalchifne jirra. Kennaa fi qananii adda addaa isaaniif kennuun uumamtoota hedduu irra erga caalchise,  Rabbii isaan qananiisef galata hin galchanii ree?[1]

Tolee, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilma namaa qananii adda addaatin erga kabaje, namoota baay’ee maaltu salphise ree? Jireenyi isaanii jireenya salphinnaa kabaja hin qabne maaliif taate? Kuni salphinna addunyaa tanaa yeroo gabaabaf turuudha. Garuu salphinni Aakhira kana kan caalu fi zalaalamiif kan turuudha. Dubbiin erga akkana ta’ee, kabaja Rabbiin nu kabaje itti fufsiisuu fi salphinna jalaa bahuuf sababootaa salphinnaa fi kabajaatti nama geessan beeku qabnaa miti ree? Dhugumatti Qur’aanni guuttun gara kabajaatti nama waama, salphinna irraa nama akeekachisa. Mee boqonnaalee (suuraalee) Qur’aanaa irraa boqonna tokko fudhachuun waa’ee salphinnaa fi kabajaa haa ilaallu. Suurahn tuni suuratu At-Tiin jedhamti. Gargaarsa Rabbiitiin tafsiira waliin haala armaan gadiitiin irratti haa xinxallinu:

(1) Tiini fi Zaytuuniin kakadhe. (2) Gaara Siiniinaatinis. (3) Biyya nagahaa tanaanis kakadhe. (4) Dhugumatti Nuti nama dhaabbi irra gaarii ta’e keessatti isa uumne. (5) Ergasii bakka warra jalaa hundarra gadi aanaa ta’etti isa deebifne. (6) Garuu isaan amananii fi hojii gaggaarii dalagan, isaaniif mindaa addaan hin cinnetu jira. (7) Kana booda maaltu mindaa [Qiyaamaa] kijibsiisutti si kaasee? (8) Sila Rabbiin irra murteessaa warra murteessanii hin taanee?” Suuratu At-Tiin 95:1-8

Hiika jechoota muraasaa:
Tiin- firaafire mi’aawa Filisxeemi fi biyyoota jiddu-galaa bahaa keessatti argamuudha. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama:

Tiin (fig)

Zaytuuni- firaafire baay’ee barbaachisa ta’e kan nyaatamu fi zeeytin irraa cuunfamuudha. Gurraacha fi daallachatu jira. Dhandhamni isaa hin hadhaawus hin mi’aawus. Dhandhama jiddu galeessaa qaba. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama:

Zaytuun (Olive)

Gaara Siiniinaa– gaara Sinaa’i Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Nabii Muusaa (aleyh salaam) itti haasofsiisedha.
Biyya nagahaa tanaa-biyyi nagaha tuni Magaalaa Makkaati.
Kijibsiisu– kijiba akka ta’etti amanuu ykn yaadu.

Tafsiir (Ibsa):
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhimma garmalee barbaachisa ta’e tokko beeksisuu yoo barbaade, wanta fedheen kakata. Boqonna tana keessatti wantoota afuurin kakate: Tiin, Zaytuuni, Gaara Siiniinaa fi magaalaa Makkaati. Hayyoonni Qur’aana ibsan sababa wantoota kanaan itti kakateef akkana jechuun ibsu:

1ffaa- Tiini fi Zaytuunin kan kakateef faayda baay’ee waan qabanii fi bakki baay’innaan isaan itti biqilan lafa Filisxeemi fi naanna’a ishiiti. Filisxeemi immoo bakka nabiiyummaan Iisaa ibn Mariyam (aleyh salaam) itti mul’ateedha.
2ffaa- Gaarri Sinaa’i immoo bakka nabiyummaan Muusaa (aleyh salaam) itti mul’ateedha.
3ffaa– Magaalaan Makkah immoo bakka nabiyummaan Muhammad (SAW) itti mul’ateedha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa iddoolee qulqulluu kanniin kan nabiyyoota hundarra kabajamoo ta’an keessaa ergeen kakate. Wanti irratti kakatame: “Dhugumatti Nuti nama dhaabbi irra gaarii ta’e keessatti isa uumne.” Kana jechuun uumama guutuu, kutaalee qaamaa walitti galan, dhaabbata sirrii irratti isa uumne. Keessaa fi alaan wanta isa barbaachisu hin dhabne.[2]

Gaafin akkana jedhu ka’uu danda’a, “Hariiroon wantoota darbaniin kakachuu fi hima armaan olii jidduu jiru maaliidhaa?”
Deebiin isaa, “Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa haala fi dhaabbi bareeda irratti erga uumee, akkanumatti hin dhiisne. Haalli bareedaan namaa kuni keessaa alaan akka itti fufuu fi guuttamuuf qajeelfama isa qajeelchu isa barbaachisa. Miidhaginni fi kabajni namaa kan itti fufuu fi guuttamu, yoo Rabbii isaa beeke, Isatti amanee fi Isaaf ajajameedha. Kanaafu, Rabbii isaa akka beekuf, kabajaa fi mindaa guddaa akka argatuu fi salphinna irraa akka baraaramuuf kitaabbanii fi ergamtoota ergeef. Kanaafi, iddoo ergamtoonni gurguddoon kunniin keessaa ergamaniin kakate.”  Iddoolee kitaabban itti bu’anii fi ergamtoonni Isaa itti ergaman kanaan kakachuun guddinna fi gatii ergaalee kitaabban kunniin of keessaa qaban argisiisa. Kitaabban kunniin ilma namaa wanta irra gaaritti qajeelchun sadarka ol’aanatti olkaasu. Namni Rabbitti amanee fi kitaabban kanniin fudhatee fi hordofe, addunyaa tana keessatti ni kabajama. Kabajaa jalqabaa Rabbiin isa kabaje ni eeggata. Kabajaan kuni itti fufuun Aakhiratti hanga Jannata Firdawsa gaha. Namni Rabbitti hin amannee fi kitaabban Isaatti hin bulle immoo warroota salphatan keessaa ta’a. Kanaafi, itti aansun akkana jedhe;

Ergasii bakka warra jalaa hundarra gadi aanaa ta’etti isa deebifne.”
Aayah keessatti, “Asfala- hundarra gadi aanaa”, saafiliin- warra jalaa (gadii)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa dhaabbataa fi haala bareedaa irratti uume. Ergasii sadarkaa gara Jannataa ol bahuu fi gara ibidda gadi bu’uu taasise. namni fedhii ofiitiin amanee fi Rabbiif ajajame, iimaana fi hojii isaa irratti hundaa’e Jannata keessatti Rabbiin sadarkaa isaa olkaasa. Namni kafaree fi yakka gurguddaa keessatti lixe immoo Jahannam keessatti sadarka gadi aanatti gadi isa buusa. Kufrii fi badii isaa irratti hundaa’e hanga warroota gara jalaa jiran caalaa gadi aana ta’utti gaha. Sadarka gadi aanatti gadi buusun seera Rabbii haqa ta’eedha.

Nama kana irratti yaanni kuni dhugaa ta’a: Rabbiin subhaanahu nama kana uumama isaa jalqabaa irraa kaase dhaabbata miidhagaa irratti isa uume. Garuu fedhii bilisaa ofiitiin kafaruun, badii hojjachuun, daangaa darbuun sadarkaa ol’aanaa irraa gara sadarka gadi aanatti of darbe. Hojii isaatiin sadarkaa gadi aanatti gadi bu’uu itti fufuun hanga asfala saafiliin (warroota gadi aanan caalaa gadi aanaa) ta’utti gaha.

Namni kuni fedhii bilisaa isaatiin nafsee ofii irratti yakka dalaguun warra gadi aanan caalaa gadi aanaa ta’uun seera Rabbii jazaa (mindeessutiin) guuttamee jira. Rabbiin seera jazaa lafa godhee jira. Namni ijaarsa garmalee dheeraa (fooqi) irraa dhagaa irratti of darbe, namni kuni caccabuun ni du’a. Namni araada fafee suusi godhate, Rabbiin araada fafee kana irratti itti fufsiisuun isa adaba. Namni fedhii ofitiin ibiddatti of darbe, Rabbiin ibidda keessatti isa guba. Haaluma kanaan, namni Rabbitti kafaree fi du’a dura hin tawbanne, ibidda isa seensisuun isa adaba. Kuni seeraa jazaa Rabbiin lafa kaa’edha.[3]

Warra gadi aanan keessaa ta’uun addunyaa tanattis ni ta’a. Addunyaa tana keessatti, badii adda addaa hojjachuun sadarkaan garmalee kan gadi aanu ta’a. Mee haa ilaallu hawaasa addunyaa yeroo ammaati fi yeroo duri. Namoonni garmalee haafayuun, of jaallachuun, fedhii foonii hordofuun, araada fafeen qabamuun, dallansuu fi kan kana fakkaataniin sadarka gaditti gadi bu’u. Mee fakkeenya tokkotti xinxalli: Yommuu sabni tokko diinummaa biyya ykn saba biraatif qabuun yoo jaame, wanta bineensi bosonaa hin raawwanne raawwata. Bineensi bosonaa wanta adamsu nyaata qofaaf barbaada. Garuu namni sanyii isaa lafarraa duguuguuf fiiga. Bineensi kottee isa fayyadama, namni garuu sammuu isaatiin qawwee, boonbi fi niwukilarii oomishuun ummata guutuu fixa. Gadoo ofii bahuuf dubartoota irratti miidhaa gudeeddaa hangana hin jedhamne geessa, warra fuunduratti ijoolle isaanii ajjeesa. Ilmi namaa jiraa gubama. Namni dhaabbata bareeda irratti haa uumamu malee wanta bineensi bosoonaa hin raawwanne raawwata.

Ammas gama amantiitin yoo ilaalle: Rabbii guddaa isa uume dhiise dhagaa, muka, beelladoota fi namoota akka isaa gabbara (waaqefata). Fedhii ofii hordofuun iddoolee amantii[4] fi bakka biraatti sagaagalummaa raawwata. Haala kanaan gadi aantota keessaa caalatti gadi aanaa ta’a.

Rabbiin sammuu itti yaadu isaaf kennuun wantoota uumee hedduu caalaa isa kabaje. Garuu namni Rabbitti kafaruu fi badii hojjachuun kabaja kana ofirraa mulqee Jahannam keessatti warra gadi aanan keessaa gadi aanaa ta’a. Namoonni amananii fi hojii gaggaarii hojjatan immoo kabaja Rabbiin isaan kabaje tiikfachuun Aakhiratti sadarka ol’aanaa irra gahu. Kanaafi, itti aansun akkana jedha:

“Garuu isaan amananii fi hojii gaggaarii dalagan, isaaniif mindaa addaan hin cinnetu jira.”
Warroonni arkaana iimaana jahanatti amanan, dalagaa gaggaarii Rabbii fi Ergamaan Isaa itti ajajanii fi itti kakaasan hojjatan, akkasumas, hojii badaa irraa fagaatan, mindaan isaaniif kennamu mindaa addaan hin cinneedha. Mindaan kuni Jannata qananiin ishii guutuu itti fufaa ta’eedha. Addunya tana keessattis wanta gadi bu’aa fi salphinna irraa of tiiksun kabaja Rabbiin isaan kabaje itti fufsiisu.

Kana booda maaltu mindaa [Qiyaamaa] kijibsiisutti si kaasee?” Yaa nama! Mallattolee Rabbii baay’ee isaanii yaqiina (mirkaneefannaa) akka argattu si taasisan argite osoo jirtu maaltu Guyyaa Murtii akka kijibsiistu si taasise? Ammas, qananii Inni sirratti oole akka hin wakkaanne kan si taasisu osoo argitee jirtu maaltu Guyyaan Qiyaamaa kijiba akka ta’etti akka yaaddu si taasise? Dhugumatti, jalqaba uumama keeti fi kan biroo bartee jirta. Kan jalqaba uumuu danda’e lamuu deebisuu irratti caalatti danda’aa akka ta’e ni beekta. Kanaafu, kana beekte osoo jirtu maaltu Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisutti si kaasee?

Sila Rabbiin irra murteessaa warra murteessanii hin taanee?” Rabbiin warroota murtii kennan caalaa abbaa murtii gonkumaa nama hin miinedha. Namni fedhii qullaa (hawaa) waan hordofuuf ykn beekumsi isaa hanquu waan ta’eef nama miidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa fedhii qullaa (hawaa) irraa qulqulluu waan ta’ee fi beekumsi Isaa guutuu waan ta’eef nama hin miidhu. Namoonni addunyaa tana keessatti karaa adda addaatin wal miidhu, wal cunqursu. Kan cunqurse adabbii isaaf maluu osoo hin argatin du’aa jira, kan cunqurfames osoo haqa isaa hin argatin du’aa jira. Mee ilaali mootota abbaa irree fi ummata miskiina kallatti afraniin addunyaa keessatti cunqurfamaa fi miidhamaa jiran. Kuni hundi haqa malee akkanumatti badee hafaa? Gonkumaa hin hafu. Kanaafu, Guyyaan namni miidhame haqa isaa itti argatu, namni miidhes adabbi isaaf malu itti adabamu jiraachu qaba. Kunis Guyyaa Qiyaamati. Namoota du’an osoo hin kaasinii fi isaan jidduutti osoo hin murteessin akkanumatti dhiisun wanta Rabbiif maluu?

Tolee hanga kana kabajaa fi salphinna erga ilaalle, gaafi keenya jalqabaatti haa deebinu: Sababoonni kabajaa fi salphinnaa maalii? Jalqaba, salphinni guddaan salphinna Guyyaa Qiyaamati. Salphinni kunis Jahannam keessatti warroota gadi aanan keessaa hundarra gadi aanaa ta’uudha. Kanaafi, Nabii Ibraahim (aleyh salaam) akkana jechuun du’aayi akka godhe Qur’aanni nuuf hima:

26:87

“Guyyaa isaan kaafaman na hin salphisin.” Suuratu Ash-shu’uraa’i 26:87

 Sababoonni salphinnaa fi gadi aantummaa addunyaa fi Aakhiratti nama geessan gurguddoon: Rabbitti kafaruu (Isatti amanuu diduu), Guyyaa Qiyaamatti fi arkaana iimaana hafanitti amanuu diduu, Rabbiif ajajamu diduu fi badiiwwan gurguddaa raawwachuudha.

Sababoonni kabaja ofii akka eeggatanii fi sadarkaa ol’aana irra akka gahan nama taasisan immoo: Rabbitti, Guyyaa Qiyaamatti, Malaykotatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Murtii Isaatti amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuudha. Gabaabumatti iimaanaa fi hojii gaggaariidha. Hojii gaggaarii keessaa salaata sirnaan salaatun bakka guddaa qaba.

Hubachiisa: Tarii kaafironni yommuu qabeenyaa fi humnaan ol’aantumma argatan, kabajaa fi sadarka guddaa irra geenye jirra jechuun yaadu danda’u. Garuu yoo kufrii fi hojii badaa isaanii irraa hin tawbatin, Guyyaa Qiyaamaa asfala saafiliin (warra gadi aanan keessa hundarra gadi aantota ta’u). Qabeenyaa fi humni isaan har’a ittiin of tuulan boru homaa isaan hin fayyadu. Akkuma salphinni guddaan salphina Aakhirah ta’e kabajni fi sadarkaan guddaan kabaja fi sadarka Aakhiraati. Qur’aana keessatti:

Akkamitti garii isaanii garii irra akka caalchifne ilaali. Haa ta’uu malee Aakhiratu sadarkaa fi irra caalchisutti irra guddoodha.” Suuratu Al-Israa 17:21

“Isaan kafaraniif jireenyi addunyaa miidhagfamte jirti, warra amananitti ni qoosu. Garuu warri Rabbiin sodaatan Guyyaa Qiyaamaa isaanii ol ta’u. Rabbiinis nama fedheef lakkoofsa malee soorata kenna.” Suuratu Al-Baqarah 2:212

Guduunfaa
➦Namni akkuma iimaanni isaa cimuu fi hojii gaggaarii baay’innaa fi qulqullinnaan hojjatuun, kabajni fi sadarkaan isaa eeggamaa fi dabalama adeema. Hanga Jannata Fardaws gahuutti kabajni fi sadarkaan isaa dabalu itti fufa.
➦ Namni kafaree fi hojii badaa hojjachuu itti fufe immoo, kabajni fi sadarkaan isaa gadi bu’aa adeema. Sadarkaan isaa gadi bu’uun Jahannam keessatti hanga warroota gadi aanan keessaa hundarra gadi aanaa ta’utti gaha.
➦ Rabbiin ilmaan nama dhaabbataa irra gaarii fi haala miidhagaa irratti uume fi qananii adda addaan isaan kabaje jira. Karaan miidhaginnaa fi kabaja Inni namaaf kenne itti tiikfatan: Rabbitti, Guyyaa Qiyaamatti, Malaykotatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Murtii Isaatti (qadaratti) amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuudha. Akkasumas, hojii badaa irraa fagaachu fi araarama Rabbiin kadhachuudha. Umar bin Al-Khaxxaab akkana jedhaa ture: “Nuti ummata hundarra salphatan turre, Rabbiin Islaaman nu jabeesse (kabaje). Wanta Rabbiin ittiin nu jabeesse dhiisne wanta biraatin jabeenya yoo barbaanne, Rabbiin nu salphisa.”


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 9/688-690, Tafsiiru Ibn Kasiir 5/97, Tafsiiru Sa’adii 538-539
[2]Tafsiiru Sa’adii 1097
[3] Ma’aariju Tafakkuri- 2/406-407
[4] https://quran.com/95, ABUL ALA MAUDUDI(WITH TAFSIR)

Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply