Maqaalee fi Sifaata Rabbii (Subhaanahu)- Seensa

Offline dubbisuf

Rabbii maqaalee babbareedoo fi sifaata gugguuuta qabuuf faaruu fi galanni daangaa hin qabne haa ta’u. Yoo nuti Isa faarsine fi galateefanne, faarsine fi galatefanne fixuu hin dandeenyu. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sifaata gugguutuu ittiin faarfamu kan ilmi namaa dhaqqabu hin dandeenye qaba. Ammas, hojiiwwan Isaa hundi hojiwwan faarfamaniidha. Qananii keessaa fi alaa ilma namaa irratti halkanii guyyaa dhangalaasu Isa waan ta’eef hunda caalaa kan galateefatamuu fi faarfamu qabuudha. Namni Rabbiin faarsu fi galateefachu kan danda’u yoo Isa beekedha. Namni  “Eenyutu akka isa uume, nyaachisu, obaasu fi qananii adda addaa isarratti dhangaalasu” hin beekne, akkamitti Gooftaa isaa galateefachuu fi faarsu danda’aa? Karaan guddaan Rabbiin itti beekan, faarsan, galateefatanii fi jaallatan, maqaalee fi sifaata Isaa beekudha. Yeroo darbe qajeelfamoota bu’uuraa maqaalee fi sifaata Rabbii ilaalle turre. In sha Allah qajeelfamoota bu’uura sanniin irratti hundoofne, gargaarsa fi eeggumsa Mawlaatin maqaalee fi sifaata Isaa ni ilaalla. Maqaalee fi sifaata kanniin tokkoon tokkoon ilaalun dura mee faayda maqaalee fi sifaata Rabbii beeku keessa jiru ilaalchise wanta hayyoonni jedhan muraasa isaanii haa ilaallu.

Maqaalee Rabbii beeku fi hubachun beekumsa keessaa boqonnaa kabajamaa ta’eedha. Inumaa, beekumsa fi hubannaa (fiqhi) hundarra caaludha. Jecha Ergamaa Rabbii (SAW), “Nama Rabbiin waan gaarii fedheef amanti akka hubatu isa taasisa”[1] jedhu keessa seensa jalqabaa fi dursaa seena. Beekumsi maqaalee fi sifaata Rabbii beekumsa hafuurri baay’een itti citeedha, wanta gaarii hundarra argatanii fi gahuumsa warra sammuu qabaniitii fi qajeelaniiti. Inumaa, kaayyoo ol’aanaa dursitoonni itti wal dursaniidha, gahuumsa dhumaa dorgomtoonni itti wal dorgomaniidha. Beekumsi kuni seensa cimaa jaalala Isaa itti argatanidha, nama Rabbiin jaallatee fi filateef karaa qajeeladha.

Akkuma ijaarsi hunduu bu’uura qabu, bu’uurri amantii, Rabbitti fi maqaaleef sifaata Isaatti amanuudha. Akkuma bu’uurri kuni garmalee cimuu fi [qalbii keessatti] hidda qabatuun, ijaarsa gubbaa isaa jiru humnaa fi gadi dhaabbannaan baadhata, diigamuu fi kufuu irraa nagaha ta’a.

Ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) akkana jedha: “Namni ijaarsi isaa akka olfagaatu barbaade, bu’uura isaa jabeessun, sirreessu fi garmalee bu’uura kanatti xiyyeefachuun isarratti haa ta’u. Dhugumatti olfageenyi ijaarsaa bu’uura jabeessu fi sirreessu irratti hundaa’a. Hojiwwanii fi sadarkaaleen akka ijaarsati, bu’uurri isaa immoo iimaana. Yeroma bu’uurri cimaa ta’u ijaarsa ofirratti baadhata. Ijaarsis isa gubbatti baha. Yommuu ijaarsa irraa waa diigaman, isa dhaqqabuun ni salphata. Garuu yoo bu’uurri cimaa hin ta’in, ijaarsi ol hin bahu, gadis hin dhaabbatu. Bu’uura irraa yoo waa diigaman, ijaarsi gubbaa ni kufa yookiin kufutti dhiyaata.

Namni Rabbiin beeku yaanni isaa guddaan bu’uura sirreessu fi jabeessudha. Namni wallaalan immoo bu’uura malee ijaarsa olkaasa. İjaarsi isaas kufaati irraa homaa hin turu (yoosu kufa). Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Sila nama bu’uura ijaarsa isaa sodaa Rabbii irraa ta’ee fi Jaalala [Isaa] irratti hundeesse caala moo, nama bu’uura ijaarsa isaa afaan qilee kan cituu dhiyaate irratti hundeessee ergasii ibidda Jahannam keessatti isaan kufetu caalaa?” (Suuratu at-Tawbaa 9:109)

Ijaarsa hojiitiif bu’uurri akka humna qaama namaati.  Yoo humni cimaa ta’e, humni kuni qaama baadhata, badii baay’ee isarraa ittisa. Yoo humni dadhabaa ta’e immoo qaamni ni dadhaba, gara qaamatti badiin wanta garmalee ariifatuudha.

Ijaarsa kee ciminna bu’uura iimaanaa irratti baadhadhu. Gubbaa ijaarsatii fi xaaraa isaa irraa wanti tokko yoo bade, bu’uurri baduu irra isa dhaqqabuun siif salphata. Bu’uurri kuni lama:
1ffaa-Haala sirrii ta’een Rabbiin, ajaja Isaatii fi maqaaleef sifaata Isaa beeku.
2ffaa-Isaa fi Ergamaa Isaatiif masakamuu (ajajamuu).
Kuni bu’uura cimaa hundarra caalu gabrichi ijaarsa isaa irratti hundeessudha. Bu’uura kana irratti hundaa’e ijaarsi hanga fedhe ol fagaata.” (Al-Fawaa’id-fuula 175)

Kanaafi, ragaaleen bu’uura kana jabeessanii fi hidda qabsiisan Qur’aana Kabajamaa keessatti baay’atan. Wanta barbaachisummaa beekumsa kanaa agarsiisan keessaa tokko aayan Qur’aana baay’een isaanii maqaalee fi sifaata Rabbii osoo hin dubbatin bira hin darban.

Qur’aana keessatti aayatoonni baay’een beekumsa kabajama kana barachuu fi hundee guddaa kanatti xiyyeefannoo akka itti kennan ajajan dhufanii jiru. (Kana jechuun Qur’aanni maqaalee fi sifaata Rabbii akka beekanii fi baratan ajaja.)

Rabbiin olta’aan ni jedha: “Rabbiin Injifataa, Ogeessa akka ta’e beekaa.” (Suuratu Al-Baqara 2:209) Ammas ni jedha: “Rabbiin Beekaa waan hundaa akka ta’e beekaa.” (Suuratu Al-Baqara 2:231), Ammas ni jedha: “Rabbiin wanta isin hojjattan Argaa akka ta’e beekaa”(Suuratu Al-Baqara 2:233) (Kana jechuun Rabbiin wanta isin dalagdan hunda akka arguu beekaa.) Ammas ni jedha: “Rabbiin Araaramaa, Obsaa akka ta’e beekaa.” (Suuratu Al-Baqara 2:235), “Rabbiin Dhagahaa, Beekaa akka ta’e beekaa.” (Suuratu Al-Baqara 2:244) “Rabbiin Dureessa Faarfamaa akka ta’e beekaa.” (Suuratu Al-Baqara 2:267) “Rabbiin adabbiin cimaa, ammas Rabbiin Araaramaa, Rahmata Godhaa akka ta’e beekaa.” (Suuratu Al-Maa’idah 5:98) (Kana jechuun nama Isa faalleesse fi daangaa Isaa darbe adabbii cimaa akka adabuu fi nama gara Isaatti deebi’ee fi Isaaf ajajameef akka araaramu fi rahmatu godhu beekaa. Beekumsi kuni adabbii Isaa akka sodaattan, araarama fi sawaaba (mindaa) Isaa akka kajeeltan isin taasisa.) Ammas ni jedha, “Rabbiin Mawlaa (Gargaaraa fi Tiiksaa) keessan akka ta’e beeka; Tiiksaan [Isa ta’uun] waa tole, Tumsaan [Isa ta’uunis] waa tole!” (Suuratu Al-Anfaal 8:40) “Rabbiin wanta nafsee teessan keessa jiru akka beeku beekaa, kanaafu Isa sodaadhaa.” (Suuratu Al-Baqara 2:235)
Ammas ni jedha: “Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki!” Suuratu Muhammad 47:19 Aayanni haala kanaan dubbatan gara aayah soddomaatti dhiyaatu.

Rabbiin Qur’aana keessatti maqaalee fi sifaataa Isaa wanta biraa caalaa baay’isee dubbate. Sheykhul Islaam Ibn Taymiyaan (rahimahullahu) ni jedha: “Qur’aanni waa’ee wanta Jannata keessatti nyaatamu, dhugamu fi nikaah dubbachuu caalaa waa’ee maqaalee, sifaataa fi hojiwwan Rabbii baay’isee dubbata. Aayatonni maqaalee Rabbii fi sifaata Isaa of keessaa qaban gatiin isaanii aayatoota waa’ee Aakhirah dubbatan caala. Qur’aana keessatti aayanni hundarra guddoon Aayata Al-Kursiyyih dha. [Sababni isaas, Aayat al-Kursiyyin maqaalee fi sifaata Rabbii of keessatti qabatte.] Hadiisa sahiih ta’e kan Muslim gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) Ubayy ibn Ka’abin akkana jedhan: “Kitaaba Rabbii keessatti aayan hundarra guddoo taate tamiin akka taatee beektaa?” Ubayyis ni jedhe, “Allahu laa ilaah illaa huwa-l-hayyu-l-qayyuum…” (Suuratu Al-Baqarah 2:255) Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) harka isaanitiin laphee isaa keessa rukutuun “Beekumsi sitti haa mi’aawu yaa Abbaa Munzir.” Jedhan.” Sahiih Muslim 810
(Aayan suuratu Al-Baqarah lakkoofsa 255 irratti argamtu tuni Aayatu Al-Kursiyyi dha. Maqaalee fi sifaata Rabbii waan of keessaa qabduuf aayatota Qur’aana hunda caalti.)

Ammas, Qur’aana keessatti suuraalee (boqonnaalee) Qur’aanaa keessaa suuraan (boqonnaan) hundarra guddoo taate suuratu Al-Faatihadha. Sahiih al-Bukhaari keessatti, Abu Sa’iid bin Al-Mu’alla akkana jechuun gabaase: Ani osoo masjiida keessatti salaataa jiru Ergamaan Rabbii (SAW) na waaman, garuu ani hin awwaannef. Anis ni jedheen, “Yaa Ergamaa Rabbii! Ani salaataa ture.” Ergamaan Rabbis ni jedhan, “Rabbiin akkana hin jenne, “Yoo isin waame Rabbii fi Ergamaaf awwaadhaa.” (8:24) Ergasi akkana naan jedhan, “Masjiida keessaa bahuun dura Qur’aana keessatti suurah (boqonnaa) hundarra guddoo taate dhugumatti si barsiisa.” Ergasi harka kiyya ni qaban. Yommuu bahuu hedan, ni jedheen, “Qur’aana keessatti suurah hundarra guddoo taate si barsiisa hin jennee?” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “Alhamdulillahi Rabbil aalamiin…” ishiin aayata torba irra deddeebi’uun dubbifamtuu fi Qur’aana guddaa naaf kennameedha.” Sahiih Al-Bukhaari 4474

(Aayan torban irra deddeebi’uun dubbifamtu suuratu Al-Faatihadha. Namni salaatu hundi osoo suurah tana hin qara’in hin darbu. Suurah tana keessa waa’ee Aakhirah caalaa maqaalee fi sifaata Rabbiitu jira.)

Ammas Ergamaan Rabbii (SAW) hadiisa sahiih ta’e keessatti “Qul huwallahu ahad” tokko sadaffaa Qur’aanatiin akka wal qixxaa’u dubbatanii jiru.[2] ( Qul huwallahu ahad maqaalee fi sifaata Rabbii of keessatti hammata). Sadarkaa Qul huwallahu ahad” (Suuratu Al-Ikhlaas) qabdu ilaalchise Haati manaa Ergamaa Rabbii (SAW) Aa’ishaan akkana jechuun gabaaste, “Ergamaan Rabbii (SAW) namticha tokko hoggonaa gochuun gara duulaa ergan. Yeroo salaataa hiriyyoota isaatiif [Qur’aana irraa] qara’uun dhumarratti, “Qul huwallahu ahad” in xumura.Yommuu duula irraa deebi’an, gochi isaa kuni Rasuulatti (SAW) himame. Rasuullis ni jedhan, “sababa maaliif akkas akka hojjatu gaafadhaa.” Isaanis ni gaafatan. Namtichis ni jedhe, “Sababni isaas, “Qul huwallahu ahad” sifaata Rahmaani. Kanaaf ani suurah tana qara’uu nan jaalladha.” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Rabbiin akka isa jaallatu isatti himaa.” Sahiih Muslim 813
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama sifaata Isaa yaadatu fi faarsu akka jaallatu ifa godhe. Kuni boqonnaa bal’aadha.” (Dara’u Ta’aarudi- 5/310-312, Ibn Taymiyyah)

Kuni hundi ragaa ifaa barbaachisummaa beekumsi kabajamaan kuni qabu, guddinna dhimma isaatii fi baay’inna kheeyri isaa agarsiisuudha. Beekumsi maqaalee Rabbii fi sifaata Isaa hundeewwan iimaana keessaa hundee guddaadha, utubaalee (arkaana) amanti keessaa utubaa tokko. Bu’uura amanti Islaamati. Dhaabbanni amanti ol fagoo fi sadarkaa ol’aanaa beekumsa kana irratti ijaarrama. Uumaa, Argamsiisaa fi Gooftaa isaan sooru osoo hin beekin, ammas maqaalee fi sifataa isaa osoo hin barin akkamitti dhimmi dhala namaa qajeelaa, haalli namootaa tolaa? Garuu namoota baay’ee wanta uumamaniif irraa wanti isaaniif uumame isaan ko’oomse (biizi godhee) jira. Rabbiin jecha Isaa kanaan gocha akkanaa irraa gabroota Isaa akeekachiisa:

63:9

Yaa warra amantan! Qabeenyi keessanii fi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin (hin garagalchin). Namoonni kana dalagan isaanumatu hoonga’oota (kasaartota).” Suuratu Al-Munaafiqun 63:9

Zikriin qalbiidhaan Rabbiin yaadachuu fi arrabaan faarsu of keessaa qaba. Rabbiin yaadachuu fi faarsu kan danda’an, maqaalee fi sifaata Isaa yoo beekaniidha. Maddi beekumsa kanaa Qur’aanaa fi hadiisota sahiih ta’aniidha. In sha Allah itti fufna…


Kitaabban Wabii:
[1] Sahiih Al-Bukhaari 3116, Sahiih Muslim 1037
[2] https://sunnah.com/muslim/6/317
Fiqhu Al-Asmaa’il Husnaa– fuula 7-10, Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin Badri

Faaydaalee Maqaalee fi Sifaata Rabbii beeku keessa jiran
Offline dubbisuf

Leave a Reply