Faaydaalee Maqaalee fi Sifaata Rabbii beeku keessa jiran

Offline dubbisuf

Shakkii hin qabu, beekumsi maqaalee fi sifaata (amaloota) Rabbii olta’aa beekumsa shari’aa hundarra kabajamaa ta’e, kaayyoo hundarra qulqulluu fi ol’aanaa ta’eedha. Sababni isaas, wanta beekkamu hundarra kabajamaa ta’een waan wal qabatuuf. Kan hundarra kabajamaa ta’e Allah (Azza wa jalla). Isa beekun, maqaalee fi sifaataa Isaa beekun beekumsa hundarra guddaa amantiiti. Fuula Isaa barbaadun kaayyoo hundarra guddaa ta’eedha. Isa gabbaruun (ibaadan) hojii hundarra kabajamaadha. Maqaalee fi sifaata Isaatiin Isa faarsun dubbii hundarra kabajamaa ta’eedha. Kuni hundee amantii Ibraahim haniifiyyah ta’eedha. (Haniifiyyah jechuun shirkii dhiisun Rabbiin qofa gabbaruudha. Kuni jecha biraatin Islaama) Shirkii dhiisun Rabbiin qofa gabbaruun (haniifiyyaan ykn Islaamni) amantii Ergamtoonni Rabbii hundi irratti walii galanii fi jechoonni isaanii wal fakkaataniidha. Gorsi fi ibsi ummata isaniitif godhanis kanuma ture. Inumaa wiirtuu amantiin isaanii irratti hundeefameedha.

Ergamtoonni gara Rabbii (Azza wa jalla) waamuun, karaa Isatti nama geessu ibsuun, Isa bira erga gahanii booda haala isaanii ifa gochuun ergaman. Kana ilaalchise Ibn Al-Qayyim ni jedha: “Daaw’aan (waamichi) ergamtoota dhimmoota sadii irra naanna’a: 1ffaa- maqaalee, sifaataa fi hojiwwan Isaatiin Rabbiin ummatatti beeksiisu, 2ffaa-karaa Isatti nama geessu beeku.Karaan kunis, zikrii Isaa, Isa galateefachuu, Isa gabbaruu (ibaada) jaalala guutuu fi Isaaf of gadi xiqqeessu guutuu of keessatti hammateedha. 3ffaa-Erga Isa bira gahanii booda wanta isaaniif jiru isaanitti beeksisu. Qananiin guddaan isaan ganda kabajaa (Jannataatti) argatan Rabbiin isaan irraa jaallachuu, Inni isaanitti mul’achuun isaaniis Isa arguudha…”  (As-Sawaa’iqu al-Mursilati 4/1489)

Haala Ergamaan Xumuraa (SAW) wanta garmalee guddaa barbaadamu kana ibse ilaalchise Ibn al-Qayyim itti fufuun ni jedha: “Ergamaan Rabbii (SAW) fiixe beekumsaa irra hanga  humni isaanii gahuu danda’uun Gooftaa fi Gabbaramaa isaanii namoota barsiisee jira. Hanga Rabbiin beekuun qalbii warra amananii keessatti ifa ta’utti irra deddeebi’uun, gabaabsu fi dheeressuun maqaalee, sifaataa fi hojiiwwan Isaa barsiisee jira. Akkuma ji’a (addeessa) guutuu ta’e irraa duumessi deemu, duumessi shakkii qalbii isaanii irraa hanga deemutti, [waa’ee Gooftaa isaanii isaan barsiise]. Beekumsa kana ilaalchise ummata isaatiif wanta biraatti akka hajaman bakka duwwaa hin dhiifnef. Wanta isa duras ta’i wanta isa boodatti akka hajaman hin taasisne. (Kana jechuun Ergamaan Rabbii (SAW) waa’ee Rabbii ilaalchise haala guutuu fi ifa ta’een ummata isaatiif ibse jira. Waa’ee maqaalee fi sifaata Rabbii beekuuf kitaabban Kiristaanaa fi Yahuudaa bira deemun hin barbaachisu. Ammas, falaasfa bira deemun hin barbaachisu. Kanaafu, Rabbiin haala sirrii ta’een beekuf Qur’aanaa fi hadiisni ni gaha.) Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

29:51

Kitaaba isaan irratti dubbifamu si irratti buusun Keenya isaan hin gahuu? Dhugumatti kana keessa ummata amananiif rahmataa fi yaadannootu jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:51″ (Jalaa’ul Afhaami- 285-286)

Kuni maaliif hin taane, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhanii osoo jiranu:
قَدْ تَرَكْتُكُمْ عَلَى الْبَيْضَاءِ لَيْلُهَا كَنَهَارِهَا لاَ يَزِيغُ عَنْهَا بَعْدِي إِلاَّ هَالِكٌ
“[Daandii] ifaa halkan isaa akka guyyaa ta’e irratti isin dhiisee jira. Ana booda nama badu malee eenyullee karaa kanarraa hin jallatu.”
Sunan Ibn Maajah 45

Ammas akkana jedha: “Ana dura nabiyyiin tokkoyyuu hin turre, ummata isaa gara kheeyri isaaniif beekutti kan qajeelchuu fi sharrii isaaniif beeku irraa kan isaan akeekachisu yoo ta’e malee. (Sahiih Muslim 1844) (Kana jechuun nabiyoonni hundu na dura dhufan, ummata isaanii gara wanta gaaritti ni qajeelchu, wanta badaa irraas ni dhoowwu. Kuni itti gaafatamummaa Nabiyyootati.)  

Ummata isaa bal’innaan adaba (naamusa) nyaata fi dhugaati, naamusa mana fincaanii, manaa bahuu fi seenu barsiisee, waa’ee Gooftaa isaanii ilaalchise wanta arrabaan dubbatanii fi qalbiin amanan osoo hin barsiisin isaan dhiisun wanta hin danda’amneedha. Dhugumatti, Nabiyyiin waa’ee Rabbii haala ifa ta’ee fi bal’innaan ummata isaa barsiisee jira. Sababni isaas, Rabbiin beekun beekumsa hunda caaleedha, Isa bira gahuun wanta garmalee barbaadamudha. Namootaaf gammachuun, boqonnaan sammuu, tasgabbiin qalbii hin jiru yoo Rabbii isaanii beekanii fi Isa qofa gabbaran malee. Haala kanaan, kaayyoon guddaan barbaadan Isa ta’a. Zikriin Isaatii fi hojii gaggaarii hojjachuun gara Isaatti dhiyaachun gammachuu ija isaaniiti, jireenya qalbii isaaniiti. Yeroma kana dhaban, haalli isaanii haala horii caalaa baay’ee badaa ta’a.

Haala kanaan, Muslimni kabajaa fi sadarkaa beekumsi kuni qabu beeka. Beekumsi maqaalee fi sifaataa hundee gurguddaa keessaa hundee daaw’an (waamichi) Ergamtootaa irratti hundeefamedha. Addunyaa fi Aakhiratti karaa tokkicha namni ittiin jabeefamu, fooyyefamuu fi sadarkaan isaa itti olka’uudha. Namni qalbii isaa keessatti jireenya xiqqoo yookiin Gooftaa isaatiif jaalala qabu, Fuula Isa barbaadu fi Isa qunnamuuf yaaddawu, beekumsa kana argachuuf garmalee fedha, hubachuu fi dabalachuuf sirritti carraaqa.

Rabbiin beekun wiirtuu gammachuun irra naanna’u, fiixee ol’aanaa namni itti guuttamu, sadarkaa namni ittiin olkaafamu, qananii addunyaa fi Aakhirah itti argataniidha. Namni yeroo Rabbii isaa beekee Isa gabbaru, wanta Inni itti ajaje hojjatu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisu, wantoota lamaan kanaan guutummaan isaa isaaf mirkanaa’a. Wantoonni lamaan kunniin: Rabbiin beekuu fi Isa qofa gabbaruudha. Namni wantoota lamaan kana yoo galmaan gahe, aklaaqni isaa ni guuttama, sadarkaa ol’aana irra gaha. “Gooftaa ishii uumee beeku, Isa jaallachuu, Isa yaadachuu fi faarsu, karaa Isatti dhiyaatan barbaadu caalaa wanti garmalee ruuhin itti hajamtu hin jiru. Karaan kana itti argatan hin jiru maqaalee fi sifaata Isaa yoo beekan malee. Akkuma gabrichi maqaalee fi sifaata Isaa sirritti beekun, Rabbiinis daran bara, ni barbaada, gara Isaatti dhiyaata. Faallaa kanaa immoo, akkuma inni maqaalee fi sifaata Rabbii jibbuu fi fudhachuu diduun, waa’ee Rabbii daran wallaala, Isa biratti jibbamaa fi Isa irraa fagoo ta’a.”
Jecha Rabbii olta’aa:

Gabroota Isaa keessaa beektota qofatu Rabbiin sodaata. Dhugumatti, Rabbiin Injifataa, Araaramaadha.” (Suuratu Al-Faaxir 35:28) ilaalchise ibn Kasiir akkana jedha: “Kana jechuun sodaa dhugaa kan sodaatan beektota Isa beekaniidha. Sababni isaas, akkuma Rabbii guddaa, beekaa fi sifaata guutuun ibsamu beekaniin Isa sodaatu. Akkuma Isa beekun guuttamuun, akkasuma Isa sodaachuun guddaa fi baay’ee ta’a.” (Tafsiir ibn Kasiir 3/355)

Rabbiin beekun, Isa sodaachu, wanta badaa irraa of eegu jabeessa. Ammas, qalbii keessatti Isa irraa waan gaarii kajeelu fi abdachuu guddisa, iimaana gabricha dabala. Gosoota ibaadaa baay’ee akka hojjatan nama kakaasa. Beekumsa kanaan qalbii isaatiin gara Gooftaa isaa adeema, jaalala Isaa argachuuf bubbee caalaa fiiga. Bitaa fi mirga hin goru, jaalala Gooftaa argachuuf fiigu malee. Milkeessuun harka Rabbii jira. Rabbiin gargaarsifatan malee tooftaa fi humni namaaf hin jiru.

Guduunfaa

Barreefama armaan olii irraa faaydalee maqaalee fi sifaata Rabbii beeku haala kanaan guduunfun ni danda’ama:
1ffaa– Maqaalee fi sifaata Rabbii beekun karaa tokkicha Isatti nama geessudha- Qur’aana keessatti ni jedha: “Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki!” (Suuratu Muhammad 47:19)
Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre beekuuf maqaalee fi sifaata Isaa beeku barbaachisa. Mushrikoonni fi kaafironni dhugaadhaan maqaalee fi sifaata Rabbii osoo beekanii silaa wanta isaan hin fayyannee fi hin miine ni gabbaruu?

2ffaa– Maqaalee fi sifaata Isaa beekun hundee amantii fi jireenyaati- Arkaana (hundee) iimaanaa jahan keessaa ni guddaan Rabbitti amanuudha. Osoo waa’ee Rabbii hin beekin arrabaan “Ani Rabbitti amane” jechuu qofaan iimaanni hin ta’u. Kana irra, haqiiqaan iimaanaa Rabbii itti amanan beeku, hanga sadarkaa yaqiina (mirkaneefannaa guutuu) irra gahuutti maqaalee fi sifaata Isaa beekuuf carraaqudha. Hangi iimaana isaa hanga Rabbii isaa beeku irratti hundaa’a. Dhawaatuma maqaalee fi sifaata Isaa caalatti beekun, Rabbii isaa beekun dabalamaaf, akkasumas iimaannis ni dabala. Dhawaatuma beekumsi kuni hir’atuun iimaannis ni hir’ata. Namni Rabbiin beeke wanta isaan ala jiru ni beeka. Namni Rabbiin wallaale, wanta Isaan ala jiru daran wallaala. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:
Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaanii isaan dagachiise hin ta’inaa. Isaan warra finciltootadha.” Suurat Al-Hashr 59:19
Yommuu namoonni kunniin Rabbiin dagatan, Rabbiinis akka lubbuu ofii dagatan isaan taasise. Lubbuu ofii dagachuu jechuun of fooyyessuu dagachuu, jireenya addunyaa tanaa fi Aakhiratti sababa adabbii jalaa nagaha isaan baasu dagachuu fi hojjachuu dhiisudha.

3ffaa-Beekumsi kuni qalbiif gammachuu, sammuuf boqonnaa, qaamaf fayyaa, jireenyaaf qananiidha- wanti guddaan namni jireenya tana keessatti barbaadu: gammachuu, boqonnaa sammuu, fayyaa fi qananiidha. Dhugumatti, karaan guddaan kanatti nama geessu Rabbiin beekuu fi Isaaf ajajamuudha. Qur’aana keessatti:

Dhiiras ta’ii dubartii irraa nama mu’mina (dhugaan kan amane) ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenyaa gaarii isa jiraachifna. Mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turanitiin isaan mindeessina.”  (suuratu An-Nahl 16:97)
Namni mu’mina ta’u (dhugaan amanuu) fi dalagaa gaarii hojjatu kan danda’u, yoo maqaalee fi sifaata Rabbii beekedha. Ergasii, wanta itti ajajame yoo beekedha. Yoo inni/ishiin Rabbiin beekee amanee fi hojii gaggaarii hojjate/tte, jireenya gaarii isa/ishii jiraachisa. Jireenyi gaariin qabeenya baay’een kan madaallamu osoo ta’in qalbii keessatti gammachuu fi tasgabbii, boqonnaa sammuu argachuudha. Nama meeqatu qabeenya qaba, garuu gammachu, tasgabbii fi boqonnaa sammuu hin qabu. Qalbiin yoo Gooftaa ishii beekte, yaadattee fi faarsite tasgabboofti. Qur’aana keessatti ni jedha:

Isaan warra amananii qalbiin isaani zikrii Rabbiitin tasgabbooftudha. Dhaga’aa! Zikrii Rabbiitin qalbiin ni tasgabboofti.”(Suuratu Ar-Ra’ad 13:28) 

Namoonni baay’een zikrii ni godhu garuu tasgabbii waadaa galame hin argatan. Sababni kanaa maaliidhaa? Sababa kanaa bakka lamatti qoodun ni danda’ama:
1ffaaHanqinna iimaanaa- Aayah armaan olii keessa yommuu ilaallu, “Isaan warra amananii..” jechuun jalqaba. Kanaafu, qalbiin kan tasgabbooftu dhugaan yoo Rabbii fi arkaana iimaana hafanitti amananiidha. Kunis kan ta’uu maqaalee fi sifaata Isaa yoo beekaniidha.
2ffaa- Gaflaa– namni zikrii jedhu yoo itti hin xinxallin, zikriin hangas mara bu’uu isaaf hin buusu. Garuu dammaqinnaa fi itti yaadun zikrii yoo godhe, tasgabbii ni argata. Kanaafu bu’aan zikrii iimaana, dammaqinnaa fi itti yaadu irratti hundaa’a.

4ffaa– Maqaalee fi sifaata Isaa beekun karaa Rabbiin itti sodaataniidha-Akkuma aayah darbe keessatti argine, namoonni hundarra Rabbiin sodaatan beektota Isa beekaniidha. Rabbiin beekun gara Isa jaallachuutti, Isa kabajuutti, sodaachuutti, Isarraa kajeelu fi hojii Isaaf qulqulleessutti (ikhlaasatti) nama waama. Akkuma beekumsi kuni cimuun gabrichi Rabbiif harka kenna, Isaaf ajajama, wanta Inni dhoowwe irraa fagaata. Namoonni yeroo baay’ee badatti kan kufaniif sifaata Rabbii waan wallaalaniif mitii? Qur’aana keessatti, Yahuudota jecha Rabbii micciranii fi namoota karaa sirrii irraa jallisan akkana jechuun waqqase:

2:77

“Rabbiin wanta isaan dhoksanii fi wanta ifa baasan akka beeku sila hin beekanii?” Suuratu Al-Baqarah 2:77

5ffaa– Maqaalee fi sifaata Isaa beekun karaa adabbii addunyaa fi Aakhirah jalaa nagaha itti bahaniidha- Jalqaba adabbiin namni addunyaa tana keessatti dhandhamu maalidha jennee yoo of gaafanne, adabbii keessaa fi adabbii alaa jennee bakka lamatti hiruu dandeenya. Adabbiin keessaa adabbii qalbii fi sammuu namaatin wal qabatuudha. Qalbiin garmalee dhiphachuun, sodaachun, tasgabbii dhabuun, hirriba dhabuun, jeeqamuu fi kkf adabbii keessaati. Adabbiin alaa immoo adabbii qaamaa fi qabeenyaan wal qabataniidha. Dhibee qaamaa, reebamuu, qabeenyi barbada’uu fi baduu fi kkf adabbii alaati. Asitti wanti hubatamu qabu, wantoonni armaan olitti eerre kunniin hundi yeroo hundaa akka adabbiiti ilaallamu hin qaban. Eeti, yeroo garii qoruu fi barsiisuf wantoonni jibbaman armaan olii namatti bu’u. Nama badii hojatuuf wantoonni armaan olii yoo itti bu’an isaaf adabbiidha. Nama hojii gaarii hojjatuuf wantoonni armaan olii yoo itti bu’an isaaf qormaata fi barsiisudha. Yoo obse sadarkaan isa olka’a. Kuni immoo isaaf adabbii osoo hin ta’in qananiidha. (Ilaali suuratu Al-Baqarah 2:155-157)

Adabbiin Aakhirah immoo garmalee cimaa kan ta’eedha. Innis ibidda. Kanaafu, adabbii addunyaa kan akka dhiphinnaa, sodaa, jeeqamu, dhibee fi kkf jalaa nagaha bahuu fi adabbii Aakhirah irraa baraaramuuf karaan guddaan maqaalee fi sifaata Rabbii beekuu fi Isatti amanuudha. Sababni isaas, namni yoo Rabbiin maqaalee fi sifaata Isaatiin beekee fi amane, wanta Inni itti ajaje ni hojjata, wanta Inni irraa dhoowwe ni dhiisa. Haala kanaan, adabbii Isaa jalaa nagaha baha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Yoo isin [Isa] galateefattanii fi amantan, Rabbiin isin adabuu irraa maal godhaa? Rabbiin Galateefataa Beekaa ta’eera.” (Suuratu An-Nisaa 4:147)
Shukr (galateefachuu) jechuun qalbiin of gadi qabuu fi qananiin Rabbiin irraa akka dhufe amanuu, arrabaan Isa faarsu, qaaman wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi qananii Isaa badii ittiin hojjachuuf itti fayyadamuu dhiisudha.

Faaydaaleen maqaalee fi sifaata Rabbii keenyaa beekun tarreefame hin dhumu. Faaydalee isaa hanga kana erga beekne, barachuu fi wal barsiisuuf qophiidhaa miti ree? In sha Allah torbaan itti aanu irraa jalqabne maqaalee fi sifaata Isaa tokko tokkoon ilaalla.

Kitaaba Wabii: 
Fiqhu Al-Asmaa’il Husnaa– fuula 11-20, Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin Badri

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 1.1
Maqaalee fi Sifaata Rabbii (Subhaanahu)- Seensa
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply