Siiraa (Seenaa Nabii Muhammad (SAW))-Seensa

Offline dubbisuf

Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallinna keessatti dhiise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

3:102

“Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Aali-Imraan 3:102

Qajeelcha [fi seenaa] nabiyyi barachuun Muslimoota hundaaf dhimma garmalee barbaachisaa ta’eedha. Kaayyoolee baay’ee galmaan gaha. Isaan keessaa ijoon: Namummaa Ergamaa Rabbii (SAW), hojiwwan isaa, dubbiwwan isaa fi wantoota inni mirkaneesse beekun Isatti hidhachuu. Muslimni akka nabiyyi (SAW) jaallatu taasisu. Nuti yeroo Nabiyyiin Qureeshotatti daaw’a godhuu bira hin jirru. Kanaafu, akkamitti osoo isa hin beekin isa jaallachuu dandeenyaa? Kanaafu, karaan tokkichi nabiyyi (SAW) itti jaallatanii fi hordofan seenaa isaa (siiraa) barachuudha.

 Seenaa Nabiyyii barachuu fi qo’achuu keessa, Nabiyyiin abbaa manaa akkami, hogganaa akkamii, bulchaa akkamii, barsiisaa akkamii, abbaa murtii akkamii, daa’i akkami, Zaahida akkamii akka ture beekna. Haala fi eenyummaa keenya osoo adda hin baasin hundi keenyayu seena Nabiyyii qo’achuu irraa faaydaa guddaa arganna. Daa’in (namni gara Islaamatti namoota waamu) maloota, marsaalee daaw’aa, marsaalee hundaaf karaa sirrii hordofuu qabu seenaa Nabiyyii (SAW) keessatti ni argata. Seenaa kanarraa wanti daa’in fayyadamu: namootaan akkamitti akka wal qunnamuu fi Islaamatti waamu, Nabiyyiin (SAW) jecha Rabbii oltaasisuuf humna guddaa akka baase itti dhagahamu, gufuwwanii fi rakkoolee isa qunname akkamitti akka too’ate, rakkoolee cimaa fi fitnaa fuundura dhaabbanni sirriin maal akka ta’e ni barata.

Barsiisaan-manatti ykn mana barnootatti ijoollee barsiisus seenaa Nabiyyii (SAW) keessatti nabiyyiin dhaloota hawaasa Musliima seenaa guddaa hojjatan akkamitt akka barsiise fi guddise ni barata. Dhaloonni jalqabaa harka nabiyyii irratti baratanii fi guddatan dhaloota hundarra gaarii ta’anii fi seenaa eenyullee hin hojjatin hojjatanii kan darbaniidha. Bahaa dhiya addunyaa keessatti adli (haqummaa) babal’isan.

Hogganaan waraanaas seenaa Nabiyyii keessatti (SAW) sirna jabaa wal qabate, tooftaa garmalee gadi fagoo fi cimaa ta’e, loltuu fi ummata karaa adda addaatin hogganu ni argata. Nabiyyiin (SAW) akkamitti haqaan akka hojjatu, ummata muslimaa tokko godhe fi hawaasa keessatti namoota gadhee akka munaafiqota waliin akkamitti akka jiraate ni barata.

Ammas aalimman (hayyoonni), Qur’aana hubachuuf seenaa nabiyyii (siiraa) qo’achuu qabu. Sababni isaas, seenaan Nabiyyii wanta Qur’aana keessa jiru hojiin agarsiisa, sababa aayan itti buute ibsa, aayata baay’ee ifa godha. Kanaafu, kuni hundi Qur’aana hubachuu, murtiwwanii fi barnoota isa keessaa baasuu irratti isaan gargaara.

Ammas, daldalaan siiraa irraa kaayyoo daldalaa, karaa fi sirna itti daldalan barata. Namoonni rakkoolee fi qormaata adda addaan qoramaniis obsaa fi gadi dhaabbannaa guddaa sadarkaa ol’aanaa baratu. Karaa daaw’a Islaamaa keessatti jabeenyi isaanii ni jabaata, Rabbiin irratti hirkachuun isaanii ni guddata, xumurri gaariin warroota taqwaa qabaniif akka ta’e ni mirkaneefatu.

Ummanni siiraa keessatti adaba (naamusa) ol’aanaa, amaloota faarfamoo, amantii qulqulluu, ibaadaa sirrii, qulqullinna qalbii, karaa Rabbii keessatti qabsoo jaallachuu, karaa Isaa keessatti shahiidummaa (wareegamaa) barbaadu fi kan biroo baratu. Kanaafi, Ali bin Husseen (Rahimahullahu) akkana jedha: “Akkuma Qur’aana irraa suurah (boqonnaa) barannu duula Nabiyyis (SAW) barachaa turre.” Ammas, Ismaa’il bin Muhammad bin Sa’d bin Abi Waqqaas akkana jedha: “Abbaan kiyya duulaa Ergamaa Rabbii (SAW) nu barsiisaa fi nutti lakkaa’a ture. Akkanas jedha: tuni hambaa abbooti keessaniiti, kanaafu yaadannoo ishii hin gatinaa.” (Bidaayata wa nihaaya-2/242-Ibn Kasiir)

Siiraa nabiyyii barachuun ummata barsiisu fi motummaa ijaaru keessatti karaa Islaama fi Muslimoota ittiin jabeessan beekuuf hayyoota, hoggantoota fi abboota murtii ni gargaara. Guddinnaa fi kufaatiif wantoota sababa ta’an baru. Nabiyyiin akkamitti hawaasa Musliima akka ijaaranii fi tokko taasisan, mushrikoota fi kaafirotatti akkamitti akka duulee, Makkah gara Madiinah Hijraa (godaansa) tooftaa sirrii akkamitti akka baase ni barata. Kuni hundi diinatti akkamitti akka duulanii fi akkamitti diina jalaa akka bahan nama barsiisa. Siiraa keessaa barnoota himame hin dhumneetu jira.

Gabaabumatti ummata Muslima kanaaf dachii keessatti haala mijeessun, injifannoo fi jabeenyi isaaniif deebi’uu kan danda’uu qajeelcha Nabiyyii (SAW) yoo hordofaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Jedhi, “Rabbiif ajajamaa, Ergamaafis ajajamaa. Yoo garagaltan, isarra wanta baachifame qofatu jira, isin irras wanta baachifamtantu jira. Yoo isaaf ajajamtan, ni qajeeltu. Ergamaa irra itti geessu ifa ta’e malee homtu hin jiru.” Suuratu An-Nuur 24:54

Kana jechuun wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aala itti isin ajaju hojjadhaa, wanta Inni irraa isin dhoowwu irraa fagaadhaa. Akkasumas, wanta Ergamaan Rabbii (SAW) itti isin ajaju hojjadhaa, wanta inni irraa dhoowwu irraa fagaadhaa. Kana keessa qooda guddaa fi gammachuuf milkaa’inna keessantu jira. Garuu Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajamuu yoo diddanii fi irraa garagaltan, “isarra wanta baachifame qofatu jira.” Kana jechuun itti gaafatamummaa fi dirqamni Ergamaa irra kaa’ame ergaa Rabbii ummatatti geessu qofa. “isin irras wanta baachifamtantu jira” kana jechuun ergaa kana fudhachuu, ulfeessu (ol-guddisuu) fi akka inni ajajuutti hojjachuudha. (Tafsiir ibn Kasiir 5/560)

“Yoo isaaf ajajamtan, ni qajeeltu.” Kana jechuun Ergamaa Rabbiif yoo ajajamtan hojii fi dubbiin gara daandii qajeelatti ni qajeeltu. Isaaf ajajamu malee karaan biraa qajeelinnatti isin geesu hin jiru. Kanaan alatti qajeelinna argachuun waan hin danda’ameedha.  “Ergamaa irra itti geessu ifa ta’e malee homtu hin jiru.” Kana jechuun itti gaafatamummaan Ergamaa Rabbii irra jiru haala ifa ta’een ummatatti ergaa Rabbii (Subhaanahu wa ta’aalaa) geessudha.

Aayanni armaani olii milkaa’inni nabiyyi (SAW) hordofuu keessa akka jiru ifa gooti. Muslimoonni guddinna, badhaadhinnaa fi tasgabbii galmaan gahuuf yoo dharra’an aayanni armaan gadi lamaan ulaagaalee muraasaa isaan guutuu qaban dubbatu.

“Isin keessaa kanneen amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, akkuma warroota isaan dura darban bakka buuse dachii keessatti bakka isaan buusuu, amanti isaaniif jaallatte isaaniif mijeessu fi sodaa isaanii booda nageenyatti isaaniif jijjiruu Rabbiin waadaa galee jira. Isaan Ana gabbaru, homaa Natti hin shaarrakan (hin qindeessan). Sana booda namoonni kafaran, warri suni isaanumatu finciltoota. Akka rahmanni isiniif godhamuuf salaata sirnaan salaataa, zakaas kennaa, Ergamaafis ajajamaa.” Suuratu An-Nuur 24:55-56

“amanti isaaniif jaallatte isaaniif mijeessu” jechuun Islaama isaaniif jaallate amanti hundaa ol gochuu fi ifa baasudha. Ergamaan Rabbii fi sahaabonni isaa ulaagaalee dachii keessatti jabeenyaa fi humna argachuu guutanii jiru. Ulaagaaleen kunniin: haala sirrii ta’een amananii jiru, gosoota hojii gaggaarii kamiyyuu hojjatan, jireenya isaanii guutuu keessatti Rabbiin qofa gabbaran, gosa shirkii kamiyyuu itti duulanii jiru.

Yommuu isaan ulaagaalee kanniin guutan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyii fi sahaabota dura akkuma Fira’awna balleessuun banii Israa’il dachii keessatti bakka buuse, Nabiyyii fi hordoftoota isaas, dachii keessatti bakka buuse jira. Magaalaa Makkaa harka Mushrikootati buusun Nabiyyi irratti moosise. Nabiyyi booda sahaabonni biyyoota adda addaa banuun Islaama babal’isan. Yeroo jalqabaaf Islaamni Makkaan keessatti yommuu labsamu Muslimoonni lakkoofsan baay’ee xiqqoo waan ta’aniif sodaa guddaa keessa turan. Rabbiin sodaa kana isaan irraa oofun nageenya isaaniif kenne. Yommuu isaan ulaagaalee isaan irraa barbaadamu guutan, Rabbiin waadaa Isaa ni guuteef. Haaluma kanaan, hanga Qiyaamatti namoota ulaagaalee kanniin guutan, Rabbiin waadaa kana ni guutaaf.

 Muslimoonni yeroo ammaa saboota addunyaa hogganuu irraa wanti duubatti isaan hanbise, ergaa Rabbii isaanii waan dagatanii fi bakka isaatii waan gadi buusaniifi. Beekumsaa fi hojiidhaan akka horofaa saamunaa ta’an. Dadhabbinni iimaanaa, gogiinsi ruuhi, jigiinsi yaadaa, dhiphinni nafsee, jeeqamuun sammuu fi kufaatin amalaa (akhlaaqaa) Muslimoota muudate kuni sababa bakki duwwaan Qur’aana kabajamaa, qajeelcha nabiyyii, Kalifoota qajeelfamanii fi ummata jidduutti uumameeni.

Gabaabumatti kallattii jireenyaa kamiiniyyuu Nabiiyyiin (SAW) fakkeenya hundarra gaarii (best role model) namaaf ta’u. Jecha keenyarra jechi Qur’aanaa kana caalaa ibsa:

33:21

Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakkeenya) gaariitu isiniif jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:21

Ergamaa Rabbii (SAW) tti hidhachuuf seenaa isaanii (siiraa) beekun garmalee barbaachisaadha. Umriin ijoollummaa nabiyyii, ijoolleef fakkeenya gaarii ta’a. Umriin dargaggummaas dargaggootaaf fakkeenya gaaridha. Marsaalee umrii kamirrayyuu namoota jiraniif fakkeenya gaariidha. Siiraan Nabiyyii (SAW) Arabiffaan baay’ee barreefame jira. Ingiliffaa fi Afaanota addunyaa birootinis barreefame jira. Garuu gara afaan keenyaatti yommuu dhufnu siiraan Afaan Oromootiin haa barraa’u malee dubbistootaaf wanta barbaadamu kennuufi hin danda’u. Kuni isaan ajiifachuu fi ifaaje isaanii tufachuufi miti. Barreesitoonni siiraa Afaan Oromootin barreessan hanga danda’an ifaajani jiru. Jazaakumullahu kheyran jennaan. In sha Allah wanta hanqatee itti guutuu fi barnoota siiraa irraa baratamu kutaa kutaan qoodun hanga danda’ame seenaa warqii kana kitaabban beekkamo fudhatama argatan irraa ni dhiyeessina. Seenaa kana bakka afuritti qoonne ilaalla.
1ffaa- Nabiyyin ergamuun dura jaarraa 6ffaa keessa haala addunyaa (Zamana Wallaalumma (Jaahiliyyah))
2ffaa- Dhaloota Nabiyyii dura wantoota adeemsifaman
3ffaa- Dhaloota booda: Daa’imummaa irraa hanga Nabiyummaatti
4ffaa- Nabiyummaa irraa hanga du’aatti
Laa hawla walaa quwwata illaa billah

Kitaaba wabii seensi kuni irraa fudhatame
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 5-9, Alii Muhammad Sallaabi [Arabic]
Noble Life of The Prophet [English]

Siiraa-Lakk.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply