Siiraa-Lakk.1

Offline dubbisuf

Nabii Muhammad (SAW) ergamuun dura jaarraa 6ffaa keessa haala addunyaa (Zamana Wallaalumma (Jaahiliyyah))
Addunyaan wantoota wal faalleessan lamaan tan guuttamteedha. Ifa fi dukkanni, adii fi gurraachi, mu’minaa fi kaafirri, fi kkf wantoota wal faallessaniidha. Seenaa dhala namaa keessatti nabiyyoonni ifa beekumsaa namootaaf ibsuun dukkana namarraa oofu. Yeroma Nabiyyoonni kunniin du’anii fi hordoftoonni isaanii itti gaafatamummaa isaanii bahuu dhiisan, dukkanni wallaalummaa fi zulmii addunyaa haguuga. Seenaa keessatti, nabiyyoonni dukkana kana oofan yeroo adda addaa ni bahu. Wal-duraa duubaan yeroo isaanii eeggatanii erga dhufanii booda Nabiyyiin xumuraa Nabii Muhammad (SAW) dhufuun addunyaaf ibsaa guddaa ta’anii jiru. Ibsaa kana dura haalli addunyaa jaarraa 6ffaa maal akka ture beekun, gatii nabiyummaa, maaliif akka ergamee fi jijjirama inni fide salphatti akka hubannu nu taasisa. Waa’ee kana osoo hin beekin cal’isne dhaloota nabiyyii irraa yoo kaane rakkoodha. Kanaafi, hayyuun beekkamaan Abul Hasan Nadawii akkana jedha:

“Dubbisaan taatewwanii fi murtiwwan kitaabban siiraa (seenaa Nabiyyii) keessatti argu hubachuu hin danda’u, haala hawaasummaa, diinagdee, siyaasaa, uumamaa fi teessuma lafaa biyya tanaa fi naannawa ishii, wanta hawaasni irraa ijaarramee fi qileensa baramaa, walitti dhufeenya isaanii, hijra fi Islaamni babal’achuun dura aadaa fi haala waliin jireenyaa ummataa yoo beeke malee. Dubbisaan kana hunda yoo wallaalee fi kitaabban siiraa keessatti adeemsa yoo jalqabe, akka waan holqa keessa deemaa jiru isatti fakkaata. Holqa keessatti waan naannawa isaa jiru hin argu. Dhimma irraa homaa quba hin qabu.

Haaluma kanaan, mootummoota yeroo sanii fi biyyoota ollaa [yoo wallaale], balaa guddaa daaw’an Islaama deebisee fi humni guddaan isaaf ifa hin ta’u. Hamma mootummoota naannawa san jiran Islaamni dubbise, Nabiyyiin (SAW) ergaa isaatti akka amananii fi murtii Islaama akka fudhatan waame, qaroominna isaan irra gahan, humna waraanaa fi badhaadhinna, irree fi aangoo mootummoonni kuni itti fayyadamaa turan yoo beeke malee [wareegaa fi humna guddaa Nabiyyii fi sahaabonni isaa kafalan beekuu hin danda’u].”[1]

Kanaafu, seenaa Nabiiyyitti seenun dura haala mootummoota yeroo sanii, haala amanti, haala hawaasummaa fi teessumma lafa Arabiyaa beekun nu barbaachisa. Kuni hundi barbaachisummaa Nabiyyii akka hubannuu fi gaafii guddaa, “Nabiyyin xumuraa (SAW) maaliif Makkaa fi Araba keessaa filatame?” jedhuuf deebii akka argannu nu taasisa.

Kutaa kana bakka sadiitti qoodun ilaalla: Isaanis: (1)-Mootummoota Gurguddoo yeroo sanii, (2)-Haala ummata Hindii,Awrooppaa, Arabaa fi (3) haala amantiiwwan yeroo sanii

1-Motummoota Gurguddoo Addunyaa Jaarraa 6ffaa

Jaarraa 6ffaa yommuu jennu Nabii Muhammad (SAW) dhalachuu fi ergamuun dura akka lakkofsa Awrooppatti baroota 500 keessa. Yeroo kanatti mootummoonni bebbeekamoon gurgudoon addunyaa lama. Isaanis: Impaayara Roomaa fi Impaayara Pershiyaa (Iraan). Impaayara jechuun mootummaa lafa bal’aa qabatee fi biyyoota baay’ee too’atedha.

1.1 Impaayara Roomaa
Impaayarri Roomaa impaayara bahaa “impaayara Bezantaayin” jedhamun kan beekkamuudha. Biyyoota akka Giriik, Balkaan, Eeshiyaa, Sooriyaa, Filisxeem, Ijibt fi Kaaba Afrikaa guutuu bulchaa turan. Magaalan guddittiin isaanii Konistantipol (Istanbul yeroo ammaa) turte. Impaayarri Roomaa kuni mootummaa zaalimaa (cunqursaa guddaa raawwatu)fi ummata bulchuu garmalee kan hacuucu ture. Akkuma beekkamu yoo humni alaa biyya tokko qabatu, jiraattota biyya sanii too’anna jala oolchuuf tooftaaleen badaan inni hin fayyadamne hin jiru. Mootummonni abbaa irree kunniin ummata bulchaniif mararfannaa wayitu hin agarsiisaniif. Ummanni Sooriyaa liqaa isaanii kafaluuf hanga ijoollee isaanii gurguruu gahanitti rakkoon diinagde impaayara Roomaa jalatti garmalee itti cime.

Ijibtis cunqursaa amantii fi siyaasa jalatti kufuun hanga Bezantayinonni (Romaanonni) akka hoolaa elmamtu godhan gahanitti haalli jireenyaa itti cime. Kana jechuun wanta ummanni Ijibt qabuu irraa fudhatu ykn isaanitti ni fayyadamu, garuu  mirga isaanii ni sarbu.

Gama biraatin hawaasni Roomaa wal faalleessuu fi jeequmsa guddaan kan guuttameedha. Kitaaba “Qaroominna Darbee fi Ammaa” jedhu keessatti jechi kuni dhufee jira:
“Jireenya hawaasumma Bezantaayin keessatti jeequmsaa fi wal faallessuu guddaatu ture. Amantin sammuu isaanii keessatti hidda qabatee jira, moloksummaan kan babal’ateedha. Biyyatti keessatti namni aadaan (tara saw) qorannoo amanti keessatti garmalee kan gadi lixuu fi falmii Bezantayiinin kan of ko’oomsu ta’e. Gama biraatin ummanni wanta faaydaa hin qabnee, taphaa, bashannanu fi badii keessatti taruun kan haguuggamaniidha…”[2] (Civilisation, Past and Present, fuula 261-262, By T.Walter Wallbank and Alastair M.Taylor, 1954)

1.2 Impaayera Pershiyaa (Iraan)
Impaayerri Pershiyaa impaayara Bezantayin caalaa guddaa fi humna cimaa qabaa ture. Amantin kijibaa akka Zorostrayinismi fi Misraayism lafa Pershiyaa keessatti kan babal’ataniidha. Amanti Misraayismi (maaniyya) jaarraa 3ffaa keessa nama Maani jedhamutu hundeesse. Ergasii jalqaba jaarraa 5ffaa amantin Mazdakiyyah wanta badaa hunda hayyamu mul’ate. Kanarraa kan ka’e, fincilli qotee bultootaa ni babal’ate, saamtonni mana dureeyyi seenun ni saamu. Dubartoota ni qabu ykn ni hidhu, qabeenyaa fi manneen ni too’atu. Lafti, qonni fi manneen akka waan duraan homtu keessa hin jiraanne ta’an. Sababni isaas, qotee bultoonni waan irraa dheessaniif lafa kana kan qotu hin jiru.

Moottonni isaanii dhaalan bulchu. Ilmaan Aadami ol bakka guddaa kanneen of kaa’anii fi garmalee mufsidoota (balleessaa kan babal’isan) turan. Sababni isaas, sanyii gooftaa isaanii akka ta’anitti of ilaalu. Wanti Pershiyaa keessatti oomishame hundi qabeenyi mootota ta’a. Ergasii haala hin yaaddamneen qisaasessu daangaa darbee qisaasessu. Qotee bultoonni baay’een takkaa gibira humnaa olii sodaachun takkaa immoo loltummatti seenu irraa sodaachuun lafa isaanii gatanii iddoolee waaqefannaatti baqatan. Lolli impaayara Pershiyaa fi Roomaa jidduutti yoo baname mootumman pershiyaa kuni ummata isaa kaayyoo ofii gahuuf itti fayyadama. Lola ykn waraana kanarraa ummanni homaa hin fayyadamu. Kan fayyadamu mootii qofa.

2-Haala ummata Hindii,Awrooppaa fi Arabaa

2.1 Ummata Hindi
Islaamni dhufuun dura naannawa jaarraa 6ffaa keessa Hindiin wallaalumma keessatti tan tarteedha. Gochoonni fokkuun jirraattota hindiitiin akka qulqulluutti ilaallaman manneen waaqefanna keessatti raawwatama turan. Dubartoonni gatii fi kabaja homaatu akka hin qabnetti ilaallamaa turan. Dubartii abbaan manaa irraa du’e gubuun aadaa ta’uun ummata kana keessa babal’ate jira. Dhiirsi ishii erga du’ee booda yoo jiraatte, kan biraatti heerumuun ishii irratti haraama (dhoowwamaa) dha. Hindin addunyaa irraa kophatti bahuun gara wallaalumma guddaatti geesse. Jiraattoonni biyyatti seeraa nyaata ofirratti jabeessan (Fkn, foonii fi oomisha horii soorachu dhiisu. Biqiltoota qofa nyaatu).

Sadarka hawaasummaa yoo ilaalle, warroonni amanti seera baasan jiraattota biyyatti sadarkaalee afuritti qoodu:
Sadarkaa 1ffaa- Raagdu fi namoota amantii. Isaan kuniin “Baraahama” jedhamu.
Sadarkaa 2ffaa- Dhiirota waraanaa fi loltoota. Kunniin, “Shatraa” jedhamu
Sadarkaa 3ffaa- Qotee bultootaa fi daldaltoota. Kunniin “Vaysyas” jedhamu
Sadarkaa 4ffaa- Tajaajiltoota,hojjattootaa fi gabroota- Kunniin “Sudras” jedhamu. Kunniin sadarka hundarra sadarkaa gadi aanoo ta’aniidha. Khaaliqni Warroota kanniin namoota sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa tajaajiluuf malee wanta biraatiif hin uumne jechuun kijibu.

Seerri kuni Baraahamaf bakka ol’aanaa eenyullee isaan waliin hin hirmaanne kenneefi jira. Baraahaman nama isaaf araaramni godhame. Badii fedhe yoo hojjate hin adabamu. Warri “Sudras” jedhaman immoo mirga qabeenya horachuu ykn kuufachu hin qaban. Baraahama waliin taa’u ykn harkaan isaan tuquu ykn kitaabban qulqulluu barachuu hin danda’an.

Dhugumatti, Hind haala badaa keessa turte. Bulchitoonni dhibbaatamatti lakkaawaman ni jeequ, waraanni fi wal dorgoommin biyyatti garmalee dadhabsiisee. Jeequmsi, bulchiinsi badaan fi nageenyi dhabamuun biyyatti kan haguugedha. Yuniversitii hindii keessaa tokotti barsiisaa fi barreessaan seenaa Hindii tokko waa’ee yeroo durii seensa Islaamaa gara Hind ilaalchise  akkana jechuun dubbata:
“Ummanni Hindi addunyaa irraa kan citanii fi kophatti kan bahaniidha. Haala addunyaa ilaalchise homaa quba hin qaban. Wallaalummaan kuni sadarkaa isaanii ni dadhabsiise. Isaan keessatti gogiinsi ni guddate, mallatooleen kufaatii fi badiinsa isaan keessatti ni mul’atan. Yeroo kana keessatti naamusni lubbuu kan hin qabne ture.
Hawaasni hindii duubatti hafaa fi gogaa ture. Sadarkaalee hawaasaa fi maatii keessa garaagarummaa fi addaan bahiinsa guddaatu ture. Dubartii dhiirsi irraa du’eef akka heerumtu hin hayyaman. Nyaata fi dhugaati keessatti garmalee of irratti jabeessu. Warroonni hawaasa irraa badhetti darbaman, biyyaa fi magaalaa irraa fagaatanii daangaa irra jiraatu.” (Muslim Rule in India-Page 33 by Vidyadhar Mahanan (New Delhi 1970))[3]

2.2 Awrooppaa
Ummanni Awrooppaa Kaabaa fi Dhiyaan dukkana wallaalumma keessatti taranii fi waraanaa itti fufaa keessa kanneen jiraatan turan. Qaroominna ilma namaa fi beekumsa naamusaa irraa kanneen fagaataniidha. Addunyaan haajaa isaanii hin qabdu, isaaniis haajaa addunyaa biroo hin qaban.

Qaamni isaanii xuraawaa, mataan isaanii hawwii qullaan kan guuttameedha. Qulqullinnaa fi bishaan fayyadamuu irraa garmalee of qusatu. Isaan keessatti molokseen qaama ofii miidhu fi namoota irraa dheessu keessatti daangaa gaha. Dubartiin nama moo beellada, lubbuu yeroo hundaa turtu qabdi moo hin qabdu, mirga qabeenya horachu, bituu fi gurguruu ni qabdi moo hin qabdu jechuun qoratuu turan. Robert Briffault akkana jedha:
“Jaarraa 5ffaa irraa kaasee hanga jaarraa 10 ffaatti halkan nama balleessu Awrooppaa irratti kan dukkanaa’e ture. Halkan kuni dukkanaa fi gurraachinnaan dabalaa adeeme. Gara jabeenya yeroo durii caalaa gara-jabeenyi yeroo kanaa garmalee cimaa fi rooressaa ture. Sababni isaas, kuni akka reefa qaroominna guddaa tortoreetiin wal fakkaata. Mallattoon qaroominna kana barbadaa’e, badiinsi irratti murtaa’e…” (The Making of Humanity, Page 164)[4]

2.3 Haala Arabootaa
Nabiyyin rahmataa (SAW) ergamuun dura haalli Arabaas garmalee kan bade ture. Amalli isaanii kan bade, alkooli dhuguu fi qumaarin kan machaa’aniidha. Gogiinsi fi garaa jabaachun hanga ijoollee durbaa awwaalan gahanitti isaan geesse. Shiftaa fi daldaltoota saamun isaan keessa kan babal’ateedha. Sadarkaan dubartii kan kufeedha. Akkuma meeshaan ykn hoorin dhaalamu ishiinis ni dhaalamti. Nyaata irraayis dubartii irratti dhoowwamuun dhiira qofaaf kan hayyamametu ture.

Isaan keessatti gosummaa fi dhiigummaan of tuuluun gogiinsa guddaadha. Hanga lolli isaaniif bashannanaa fi booharti ta’u gahuutti waraana keessatti kan lixaniidha. Fedhii lubbuu guutuuf karaa lola itti banan barbaadu. Dhiiga jiigsun isaan biratti garmalee salphaadha. Wanti baay’ee xiqqoon ibidda waraanaa kaasti. Waraannis hanga waggaa afurtamaa fa’aa tura. Waraana kana keessatti namoonni kumaatamatti lakkaawaman ni dhumu.

Gama amalaatin (akhlaaqatinis) yoo ilaalle, isaan keessa dhibee lafa qabatetu jira.  Khamrii (alkooli) dhuguun wanta isaan keessatti garmalee babal’atee fi hidda qabateedha. Warroonni walaloo walaleessanis araada fi khamrii dhuguu irratti walitti qabamuu namootaa ilaalchise garmalee dubbatu. Lugaa, hogbarruu fi seenaa isaanii keessatti khamriin bakka guddaa qabachuun isaan ko’oomsite jirti. Daldalli khamrii babal’achuu irraa kan ka’e hanga jechi “Tijaarah (Daldala)” jedhu gurgurtaa khamriitin wal fakkaatu gahe.

Qumaarinis dhaadanna isaanii ture. Islaamni Araba keessa babal’achuun dura qumaari taphachuun dhaadannoo guddaa ture. Namni qumaari taphachuu keessatti hin hirmaanne akka salphataa ta’eetti ilaallama.
Hayyuun Qataadaa jedhamu akkana jedha: “Islaaman dura namni tokko maatii fi qabeenya isaatiin qumaari taphata. Ergasii kan gaddee fi saamame ta’ee gadi taa’a. Qabeenya isaa harka nama biroo keessa ilaala. Qumaarin isaan jidduutti diinummaa fi jibba uumaa ture.”

Warri Hijaaz, Arabaa fi Yahuudaan ribaa (dhalaan) dalagaa turan. Isaan keessatti dhalli kan babal’ateedha. Hanga daangaa darbuutti garmalee dhalaan hojjatu. Dhalli nama tokkoof waggoota keessatti dachaa ta’uun liqaa caala. Namni tokko nama biraatirraa maallaqa yoo liqafate, yeroon liqaa yoo gahe, namni maallaqa liqeesse kuni liqeefataan akkana jedha, “Maallaqa siif liqeesse naaf kafalta moo naaf dabaltaa?” Yoo wanti kafalu isa bira jiraate ni kafala. Taa’u baannan, gara waggaa dhufuutti jijjiruun maallaqa irratti dabalee kafalaaf. Fakkeenyaf, santima yeroo san ittiin daldalan Diinaaraa 500 yoo liqeefate, yeroon itti deebisu yoo dhumate Diinara 500 fi dinaara hamma ta’e itti dabalee deebisa. Kuni zulmii guddaa waan ta’eef Islaamni kana hunda ni dhabamsiise ykn ni dhoowwe.

Hanga isaan lubbuun awwaalu gahanitti ijoollee dubaraa garmalee jibbu. Islaamni dhufuun dura ijoollee dubaraa lubbuun awwaalun wanta gosoota Arabaa keessa babal’ateedha. Adeemsi Araboota ijoollee lubbuun awwaalu garagara. Gariin isaanii sababa dubartiitin salphinni na qunnama jedhee sodaachuun jirtuu ishii awwaala. Gariin immoo gurraatti waan taateef, gariin dhibee waan qabduuf jirtuu awwaalu.

Yeroo garii sababa abbaan imala deemef ykn ko’oomef osoo jirtu ishii hin awwaalin intalli hanga of beektu ni guddatti. Wanta nama boochisu waa’ee kana ni himu. Gariin isaanii qilee fagoo irraa intala ofii darbu. Ammas isaan keessaa hiyyummaa sodaachun ijoollee ofii kan ajjeesantu jiru.[5]

Kuni hundi addunyaan nuura (ibsaa) nabiyummaa yoo dhabde hangam dukkana keessatti akka tartu nutti agarsiisa. Seenaa darbe qorachuun haala namoota ammaas akka beeknu fi hubannu nu gargaara. Namoonni ammas qaroominna jechuun wantuma badaa namoonni durii hojjatan irra deebi’anii karaa adda addaatin hojjataa jiru. Qilee gadii fagoo fi dukkana cillimi ummanni darbe itti tare, namoonni yeroo ammaa Qur’aanaa fi qajeelcha Nabiyyii irraa fagaatanis qilee fi dukkana wal fakkaatutti taraa jiru. Inumaa san caalu hin oolu. Cunqursaan, faahishaan (wanti fokkuun), dhala (ribaa) nyaachun, gara-jabeenyi, ummata jumlaan fixuuni fi kkf dukkana addunyaan ammaa keessa jirtuudha.


Maddoota
[1] Siiratu Nabawi– fuula 49, Abul Hasan Nadawi
[2] Madda olii- fuula 70
[3] Madda olii- 77
[4] Madda olii-78
[5] Madda olii- 78-83
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 13-15, Alii Muhammad Sallaabi [Arabic]
Noble Life of The Prophet [English]

Siiraa-Lakk.2
Siiraa (Seenaa Nabii Muhammad (SAW))-Seensa
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply