Siiraa-Lakk.2

Offline dubbisuf

Jaarraa 6ffaa keessaa haala Amantii Addunyaa
Kutaa darbe irraa itti fufuun haala amanti addunyaa jaarraa 6ffaa keessa ture ilaalla. Jaarraa kana keessa amantiwwan gurguddoo fi kitaabban durii ilmaan namaa dukkana keessa ni baasan jedhamanii yaaddaman, namoota fafee fi munaafiqotaaf taphaa fi baacoo ta’e jira. Biiftuun Islaama guddoon dhooyun dura dhalli namaa marsaa seenaa keessatti marsaa sadarkaa gadi aanaa keessa jiraataa turan. Dhimmoota amantii, diinagdee, siyaasaa, hawaasummaa fi jireenya isaanii guutuu keessatti jeequmsa guddaan rakkachaa turan. Wallaalummaan amantii fi yaada isaanii kan too’ateedha. Doofummaan, fedhiin qullaan, akka fedhan ta’uun, badiin, of-tuuluu fi cunqursaan amaloota jaahilliyah (wallaalummaa) ifa bahanii fi addunyaa namoota too’atan ta’anii jiru.

Amantiwwan samii irraa bu’an jireenya namoota keessatti bu’aa fi dhiibbaa homaatu kan hin finne ta’aniiru. Sababni isaas, kitaabban samii bu’an kanniin keessa micciruu fi jijjiran argame jira. Namoonni fedhii ofiitiin wanta kitaaba keessa hin jirre itti dabaluun ykn irraa hir’isuun kitaabicha jijjiran. Amantiwwan yeroo san babal’atanii fi sababa adda addaatin gatii dhabuun ilmi namaa dukkana keessa akka turuuf sababa ta’an mee muraasa isaanii haa ilaallu:

1-Yahuudaa- Amantiin yahuudaa kuufama waaqefannaa fi akkeessaa malee lubbuu tan hin qabne taate jirti. Amanti sanyii malee wanta biraati miti. Adduunyaaf ergaa guutuu baadhachuu, sabootaaf waamicha gochuu fi dhala namaatiif mararfannaan ishii keessa hin jiru. Amanti tana sababa ummata yahuudan ittiin olloomtee fi bulchiinsa jala turteen dhiibbaan guddaan irra gahe jira. Yahudoonni ummata ollaa kana irraa aadaa fi akkeessaa wallaalummaa isaanii fudhachuun amanti ofiitti makan. Barreessitoonni seenaa Yahuuda waa’ee kana ni amanu. Galmee hiikkaa Yahuudaa (Jewish Encyclopedia) keessatti wanta akkana jedhu dhufe jira: “Taabota waaqefachuu irratti nabiyoonni dallanuu fi dheekkamuun, taabota waaqefachuun nafsee Israa’elota keessatti akka lixe agarsiisa. Amantii dhugaa irratti hin hundoofnee fi shirkii ni fudhatan. [Kitaabni Yahuudaa] Talmudis yahuudan taabota gabbaruutti maxxanuu isaanii ragaa baha.”  (Jewish Encyclopedia, Vol.XII, Page 568-69)[1]

Nabii Muhammad (SAW) ergamuun dura amantiin yahuuda sadarka gadi aanaa irra gahee jira. Kitaabban samii bu’an kan yahuudan harka qabduu garmalee micciramanii fi jijjiramanii jiru. Sababa kanaan, waa’ee Rabbii ilaalchise yaada sobaa of keessaa qabu.

2-Kiristaanummaa-Kiristaanummaanis yeroo jalqabaa irraa kaasee micciruu warroota daangaa darbaniin, hiikkaa wallaaltotaatiini fi Roomanota taabota waaqefataniin qoramte. Micciruun, jijjiramni fi hiikni badaan Kiristaanummaa keessatti argame tuulaa guddaa barsiisni Iisaa (aleyh salaam) jalatti awwaalamee ta’ee jira. Rabbiin tokkichoomsu fi hojii Isaaf qulqulleessuun duumessa gurraacha furdaa kana duubatti dhokatee jira.

Gochoonni shirkii baay’een Kiristaanumma keessatti argamanii jiru. İsaan keessaa adda dureen silaasen qajeelcha bu’uuraa Kiristaana ta’ee jira. Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) namoota gara Rabbii Tokkicha gabbaruutti waamaa ture. Garuu waaqa baay’ee waaqefachuun (polytheism) namoota inni itti ergame keessatti kan lixe fi hidda qabateedha. Kanarraa kan ka’e, Iyyasuusin booda amantiin waaqa baay’ee waaqefachuu maqaa kiristaanummaatin babal’ate jira. Namni Kiristaanaa tokko lubbuun isaa yoo wareegame, namoonni biroo nama kanaaf amala waaqaa kennuuf, siidaas isaaf ni dhaabu. Namoonni isaan qiddaase jedhaniin Kiristaanotaa fi Gooftaa jidduutti akka araarsitootatti ilaallamu.

Barreessan Kiristaanaa tokko waa’ee silaasee ilaalchisee akkana jechuun dubbata:”Dhuma jaarraa afraffaa irraa jalqabee amantiin silaase addunyaa Kiristaanaa fi yaada namoota keessatti kan gadi lixee fi akka amantii waligalaa ta’uun itti fufe. Akkaataa amantiin silaase kuni itti dhufee fi guddatee hanga walakkaa jaarraa kudha saglaffaatti malee hin beekkamu ture. (Kana jechuun Kiristaanummaa keessatti amantiin gooftaan sadii garuu tokko ykn silaase jedhamu akkaata itti jalqabamee fi guddate hin beekkamu ture. Iccitiin isaa beekkamu fi ifa bahuu kan jalqabe walakkaa jaarraa 19ffaati (bara 1850 booda).”[2]

Akkuma yeroo ammaa arginu Kiristaanumman ilma namaatiif ibsaa dukkana keessaa itti bahan ta’uu hin danda’u. Sababni isaas, hundee fi bu’uurri amanti diigamee fi wal dhayee jira. Hundeen amantii Rabbii Tokkicha gabbaruu fi Isatti waa qindeessu dhiisudha. Kiristaana keessa waa’ee Rabbii, Tokkichummaa Isaa fi amaloota Isaa ilaalchise wanti ifaa hin jiru. Wanta namaaf hin gallee fi sammuu namaa dhamaasutu keessa guute. Namni haala sirrii ta’een Rabbii isa uumee yoo hin beekinii fi itti hin amanin akkamitti dukkana keessaa ifatti bahuu danda’aa? “Rabbiin Gooftaadha, Iyyaasusis gooftaadha, Gabra’elis gooftaadha, garuu hundi isaanitu tokko” yommuu jedhan, kuni sammuu namaa hin dhamaasu? Kuni uumama Rabbiin ilma namaa irratti uumee fi sammuu sirrii waliin deemu waan hin dandeenyef yaanni silaase kijiba ta’uun ifaan ifatti beekkama. Garuu akkamitti kiristaanonni kijiba ifa bahe kana akka dhugaatti ilaalun itti amananii? “Afalaa ya’aqiluun (sila hin hubatanii)?” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

2:163

“Gabbaramaan keessan Gabbaramaa tokkicha. Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, [Inni] akkaan mararfataa, rahmataa godhaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:163

Kana jechuun Gooftaan keessan Gooftaa Tokkicha. Inni hiriyyaa, gargaaraa, fakkaataa fi dorgomaa hin qabu. Dhugaan kan sodaatamu, jaallatamu, garmalee kabajamu, sagadamuufi qabu, waa hundaa irraa kadhatanii fi kajeelan Isa malee hin jiru. Iyyasuus gooftaa miti. Sababni isaas, Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) ilma namaa waan ta’eef nama fakkaata, dachii fi samii hin uumne, mataa isaatinu uumamaadha. Uumamaan Uumaa waan hundaa uumuu ta’uu danda’aa? Makhluuqni (Uumamni) dachii fi samii booda uumame uumaa ykn gooftaa samii fi dachii ta’uu danda’aa? Kanaafu, Rabbiin Gooftaa keessan Tokkicha kan ta’eedha. Fakkaataa hin qabu, dachii, samii fi wantoota isaan keessa jiran hundaa kan uumedha. “Iyyasuus gooftaadha” yoo jettan, mee wanta Iyyasuus uumee nutti agarsiisaa? Samii, dachii fi ilmaan namaa uumee jiraa? Rabbiin waliin uumee jira yoo jettan, Rabbiin Tokkicha gargaaraa, fakkaataa fi hiriyyaa kan hin qabneedha. Qur’aana keessatti: “Jedhi ‘Faaruun Kan Rabbi ilma hin godhatiniiti, Kan mootummaa keessatti shariika (hirmaataa) hin qabnee fi dadhabbinna irraa ka’e gargaaraan kan Isaaf hin jirreeti.’ Guddisu Isa guddisi.” Suuratu Al-Isra 17:111 (Rabbiin shariika Isa waliin qooda fudhatuu fi gargaaraa Isa gargaaru hin qabu. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha. Guddisu Isa guddisi-jechuun amaloota gaggaarii Isaa beeksisuu fi maqaalee Isaa gaggaariin Isa faarsun kabaja guddaan Isa kabaji.) Wanta kaafironni jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e olta’e.

3-Majuusaa-Jalqaba jaarraa 6faa irraa eegalee amantin Majuusaaa jedhamu kan babal’ateedha. Majuusaan wantoota uumamaa keessumayyuu ibidda waaqefachuun beekkamu. Manneen ibiddi itti waaqefatamu bakka adda addaatti ijjaarramanii jiru. Manneen kanniin keessatti namoonni ni sagadu, qajeelfama jabaa hordofu. Garuu alatti waan fedhan hojjatu. Kanaafu, isaanii fi namoota amanti hin qabne jidduu garaagarummaan homaatu hin jiru jechuudha. Itti gaafatamtoonni Majuusaa guyyaatti si’a afur aduu waaqefachuun isaan irratti dirqama godhame ture. Kanarratti dabalate addeessa, ibiddaa fi bishaan waaqefatu. Ibiddi gonkumaa akka hin bannee fi bishaaniin wal tuquu irraa akka eegan dirqamni isaan irra kaa’ame.

Majuusaan Iraan yommuu sagadan gara ibiddaa garagalu. Mootiin dhumaa Yazdajird jedhamu gaafa tokko aduun kakatee akkana jedhe, “Ani Aduu gooftaa guddaa taaten kakadha.” Hordoftoonnis dhugaa isaanii mul’isuuf aduu waaqefatu. Wanti Majuusaa jaarraa fi gadaa hunda keessatti tokko godhu, gooftota lamatti amanuudha. 1ffaa- Ifa ykn gooftaa kheeyri, 2ffaan immoo “Dukkana” ykn gooftaa sharriiti.  

4-Budihizim– Amantiin kuni immoo Hindi fi jiddu gala Eeshiyaatti hordofamaa ture. Hordoftoonni Budihizim iddoo deeman hundatti taabota baadhatanii deemu. Iddoo kamuu yoo qubatan siidaa ni hojjatu, fakkii ni kaasu.

5-Barhamanizim-Amanti Hindi isa duraaniti. Amantin Barhamizim hundee amanti Hindu’izimiti. Wantoota waaqefatan baay’ee qabaachun amanti beekkamedha. Shakkii tokko malee Hindu’izimi fi Budihizimin amanti taabotaati. Wantoota baay’ee gabbaru (waaqefatu).

6- Jaahilliyah Arabaa– Araboonni gadaa durii amanti Ibraahimitti amananii fi lafa isaanii keessa Manni Rabbii qulqulluun dhaabbate, yeroo Nabiyyiin (SAW) ergamuu hedutti taabota (sanama) waaqefachun qoramanii jiru. Sababni isaas, gadaan isaanii gadaa nabiyyummaa irraa waan fagaatef. Arabiya keessatti sanamni garmalee baay’ate. Shirkii keessatti ol deemun Rabbii gaditti gabbarama baay’ee godhatan. Gosni hundi sanama ofii qabu. Inumaa hanga manni hundi sanama gabbaru godhatan gahan. Ka’abaa keessaa fi naannaawa ishiitti gara sanama 360 ture. Dhagaa filatanii waaqefatu, urjiilee, Malaykootaa fi Jinnootas ni waaqefatu turan.

Naannawa Nabiyyin (SAW) ergamuuf hedutti namoonni addunyaa galaana taabota gabbaruu keessatti taranii jiru. Miseensi amantii hundaa-Kiristaanumma, Yahuudaa, Budihizm, Barhama fi Jaahiliyyah Arabaa- kamtu irra taabota akka qulqulleessu fi ol guddisu arguuf waan wal dorgomaa turan fakkaatu. Akka waan dirree farda gulufsiisan irratti wal dorgomaniiti.

Ergamaan Rabbii (SAW) babal’inna wallaalumma yeroo sanii gaafa tokko dubbii isaanii keessatti akkana jechuun ibsan:
“Dhagayaa! Gooftaan kiyya wanta har’a kana na barsiise irraa wanta isin wallaaltan akka isin barsiisu na ajaje jira: Qabeenyi hundi Ani gabrichaaf kenne halaala. Gabroota Kiyya hundaa hunafaa’a gochuun uume. (Hunafaa’a jechuun uumamaan gara Rabbii Tokkicha gabbaruutti qajeelu fi shirkii irraa fagaachudha.) Garuu sheyxaanonni itti dhufanii amantii sirrii isaanii irra dabsan, wanta isaaniif halaala godhe haraama isaan irratti godhan. Wanta Ani ragaa irratti hin buufne akka Natti shaarrakan (qindeessan) [sheyxaanonni namoota] ni ajajan.” Rabbiin gara namoota dachii keessa jiranii ni ilaale. Arabaa fi Araba kan hin taane hundaa ni jibbe, haftee warra kitaabaa keessaa malee. (hafteen warra kitaaba kunniin warra Tokkichumma Rabbitti amananii fi Isa qofa gabbaranidha.)” (Sahiih Muslim 2865)

Hadiisni kuni dhalli namaa karaa adda addaatin akka jallatee fi karaa sirrii irraa akka bahe agarsiisa. Kan akka Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu, shari’aa Isaa achi darbuu, fooyyessitoonni amantii samii irraa bu’anii baduu fi ummata jallinna keessatti dhiisudha. Kanaafu, hadiisa armaan olii irraa Islaamni amanti haqaa ilmaan namaa hundi irratti uumaman akka ta’ee fi amantiwwan biroo baaxila akka ta’an hubanna. Sababni isaas, Islaamni amanti Rabbi tokkicha gabbaru irratti ijaarramee fi shirkii (Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu) garmalee dhoowwudha. Amantiwwan biroo immoo Rabbii gaditti waan biraa gabbaru irratti waan hundeefamaniif baaxila. Baaxila jechuun wanta dhugaa (haqa) irratti hin hundeefamnee fi faayda hin qabneedha. Rabbiin qofa gabbaruun (tawhiinni) haqa hundarra caaludha. Rabbiin ala waan biraa gabbaruun (shirkiin) immoo baaxila baaxiloota hundaa caalaa badaa ta’eedha.

17:81

“Jedhi, ‘Haqni dhufe, baaxilli dhabame. Dhugumatti baaxilli dhabamaa ta’eera.’” Suuratu Al-Israa 17:81



[1] Siiratu Nabawi– fuula 60, Abul Hasan Nadawi
[2] Madda olii-61
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 15-18, Alii Muhammad Sallaabi [Arabic]
Noble Life of The Prophet [English] 1/25-28

Siiraa-Lakk.3
Siiraa-Lakk.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply