Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 1.1

Offline dubbisuf

Bismillahi Rahmaani Rahiim, Alhamdulillahi Rabbil aalamiin.
Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallinna keessatti dhiise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

Maqaaleen Rabbii keenya hundi babbareedoo fi amaloonni (sifaanni) Isaa hundii sifaata gugguutu ta’aniidha. Namni kanniin hunda hubachu kan danda’u, maqaalee fi sifaata barachuuf yoo tattaafateedha. Imaamu ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) ni jedha: “Karaa maqaalee fi sifaatatin gara Rabbii deemun dhimma ajaa’iba ta’eedha. Namni maqaalee fi sifaata Rabbii beeke, warroota garmalee ifaajan baay’ee dursa. Rakkoo guddaa osoo hin arginii fi biyya isaa keessaa osoo hin bahini fi hin raata’in [gammachuu barbaadu] argata. Wanti nama ajaa’ibsiisu halkanii guyyaa deemuu fi mallattoon adeemsaa namarratti mul’achuu osoo hin ta’in, nama tasgabbaa’e fi mallattoon adeemsaa (imalaa) irratti hin mul’anneedha. Garuu inni marsaalee adeemsaa (imalaa) baay’ee darbee jira. Namni kuni nama nafseen isaa isa yaabbattee fi inni ishii baadhatuun kan deemudha. Inni nafsee ofiitti qabsaa’un takkaa gara fuunduraatti deema, takkaa immoo nafseen duubatti isa butti.”[1]

Dhugumatti, nafsee ofiitti qabsaa’un qabsoo (jihaada) guddaadha. Karaan guddaan nafsee ofii itti injifatan maqaalee fi sifaata Rabbii guddaa beeku fi itti amanuudha. Namni akkuma Rabbiin beekun nafsee ofii haala salphaan too’ata. Fedhii ofiitiif hin harkifamu. Yeroo darbee faaydalee maqaalee fi sifaata Rabbii beeku waan ilaallef amma irra hin deebinu. Amma hojiin keenya maqaalee fi sifaata kanniin baruu fi wal barsiisudha. Haala salphan akka hubatamu fi hojiitti jijjiramuuf barnoota maqaalee Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) haala afur armaan gadiitiin ilaalla:
A-Ta’ariif (hiikkaa) maqaa
B-Sifaata maqaan kuni of keessaa qabu
C-Ibsa Aayatoota (keeyyattoota) Qur’aanaa muraasa maqaa kana of keessaa qabanii
D-Maqaa fi Sifaata kana beekuu fi itti amanuun bu’aa namni argatu

Bismillah jechuun Maqaa Rabbii “Allaah” jedhu irraa haa jalqabnu.

1-Allaah (الله)

A. Hiika “Allaah”
“Maqaan garmalee kabajamaa fi bareedaan kuni maqaa hundarra guddaa ta’eedha. Kanaafi, maqaaleen Rabbii biroo maqaa kanatti maxxanfamu. Ar-Rahmaan, Ar-Rahiim, Al-Khaaliq, Ar-Raaziq, Al-Aziiz, Al-Hakiim fi kan biroo maqaa Allaah ti jedhamu. Qur’aana keessatti maqaan “Allaah” jedhu si’a 2724 dubbatame jira. Maqaa kanaan Isa malee eenyullee ittiin hin waamamu.

(Hiika jecha ijoo: Gabbaru jechuun wanta tokko garmalee jaallachuu, ol-guddisuu fi wanta saniif of gadi qabuudha. Ammas, hiikni biraa ‘Gabbaruu‘: Jaalala fi of gadi qabuun, sodaa fi kajeellaan wanta Gooftaan itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Gabrichi gabricha kan jedhameef wanta bulchaan isaa itti ajaju waan hojjatuuf, ammas wanta inni dhoowwe waan dhiisufi.)

Hiikni “Allaah” jedhu hundeen isaa “Ilaah”dha.[2] Ilaah jechuun gabbaramaa jechuudha. Sheykhul Islaama ibn Taymiyyah hiika “Ilaah” (Gabbaramaa)” akkana jechuun ibsa: “Ilaah gabbaramaa gabbarri haqa godhatuudha. Rabbii Tokkicha malee homtu gabbaramu hin qabu. Isaan ala wantoonni gabbaraman (waaqefataman) hundi baaxila (soba). Allaah Ilaah (Gabbaramaa) haqaati, Isaan ala gabbaramaan biraa hin jiru. Namni yoo Isa gabbaree fi Isa waliin gabbaramaa biraa yoo hin godhin, Isa tokkichoomse jira. Allaah ni jedha:

26:213

“Gabbaramaa biraa Allaah waliin hin kadhatin, [yoo akkas goote] warra azzabaman (adabaman) keessaa taatati.” Suuratu Shu’uraa 26:213
(Du’aayin (kadhaan) hiika ibaada (gabbarri) of keessatti qaba. Kanaafu, hiikni aayah: “Rabbiin waliin gabbaramaa biraa hin gabbarin. Yoo akkana goote, warroota azzabaman keessaa taata.”[3] Rabbiin waliin waan biraa gabbaruun shirkii waan ta’eef azaaba (adabbii) guddaatti nama geessa. Fkn, warroota du’an kanneen akka nabiyyoota, awliyaa’otaa, warroota fagoo namarraa jiran kanneen akka Malaykoota, Jinnoota fi uumamtoota biroo nama fayyaduu fi miidhaa namarraa deebisuu hin dandeenye kadhachuun shirkiidha.) Ammas Rabbiin ni jedha:

17:22

“Rabbiin waliin gabbaramaa biraa hin godhin.[Yoo akkas goote] balaaleffatamaa fi salphataa taatee teettati.” (Suuratu Al-Israa 17:22) (Rabbiin waliin wanta biraa hin gabbarin. Rabbiin alatti wanta biraa yoo gabbarte, Rabbiin biratti, Malaykoota fi namoota gaggaarii biratti balaalefatamaa (waqqafamaa fi jibbamaa) akkasumas, makhzuul taate teetta. Makhzuul jechuun yeroo haajaa isaa nama isa gargaaru kan dhabeedha. Namni Rabbiin waliin waan biraa gabbaru addunyaa fi Aakhiratti gargaarsa hin qabu. Salphataa ta’ee hafa. Jechi “teetta” jedhu dadhabbinnaa fi gadi aantummaa bakka nama kanaa agarsiisa.* Gargaarsa irraa abdi kutee fi salphatee taa’a.) Ammas ni jedha:

“Yommuu Ibraahim abbaa isaa Aazarin [akkana] jedhe [yaadadhu]: ‘Sila ati taabota gabbaramtoota godhattaa? Ani dhugumatti, sii fi ummata kee jallinna ifaa bahaa keessatti argaa jira.’” Suuratu Al-An’aam 6:74

Wanti uumame (makhluuqni) mataa isaatin gabbaramaa (ilaah) miti. Garuu namni isa gabbaru akka gabbaramaatti ilaalun gabbarama godhe, gabbaramaa (ilaah) jechuunis moggaase. Kuni soba (baaxila). Nama kana hojjatu ni miidhaa malee hin fayyadu. Wanti Rabbiin ala jiru gabbaramaa gabbaramuu fi kadhatamu ta’uu hin danda’u. Sababni isaas, wanti kuni homaa umuu fi soorata (rizqii) namaaf kennuu hin danda’u… Wantoonni Rabbiin ala jiran akkuma Uumaa fi Raaziqa (kan sooru) ta’uu hin dandeenye, gooftaa gabbaramus ta’uu hin danda’an. Rabbiin Uumaa, Raaziq, Jiraachisaa wantoota hundaa waan ta’eef haqaan gabbaramu kan qabu Isa malee hin jiru. Inni shariika hin qabu, mootummaan kan Isaati, faaruunis kan Isaati, Inni waan hundaa irratti danda’aadha.”[4] (Majmuu’u Al-Fataawaa 13/202-205)

Ibn Al-Qayyiim ni jedha: “Ilaah (gabbaramaa) jechuun jaalalaan, garmalee kabajuun, gara Isaatti deebi’uun, ol-guddisuun, gadi of xiqqeessun, gadi of qabuun, sodaan, kajeellaani fi irratti hirkachuun kan qalbiin gabbartuudha.”[5] Kanaafu, ilaahni (gabbaramaan) kan garmalee jaallatamu, kabajamu, olguddifamu, kan isaaf of gadi xiqqeessanii fi of gadi qaban, sodaatan, waan hundaa irraa kajeelanii fi irratti hirkataniidha.

Sheykhu Abdurahmaan Sa’dii ni jedha, “Allaah: Gabbaramaa umamtoonni hundii gabbaruu qabaniidha. Sababani isaas, Sifaata guutuu ta’aniin waan ibsameef.” (Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sifaata guutuu waan qabuuf haqaan gabbaramu kan qabu Isa qofa. Wantoonni Isaan ala jiran sifaata guutuu waan hin qabneef isaan gabbaruun gonkumaa hin ta’u. Sifaata (amaloota) gugguutuu ta’an keessaa: Waan hundaa beeku, arguu, dhagahuu, waan hundaa irratti dandeetti qabaachu, rahmata gochuu, guutumaan guututti dureessa ta’uu, uumamtoota hundaa jiraachisuu, eeguu fi kan biroo. Sifaata gugguuta kanniin kan qabu Allaah dha. Wantoonni Isaan ala jiran sifaata kanniin hin qaban. Kanaafu, garmalee kan sodaatan, gadi jedhaniif, jaallatan, irratti hirkatan, waan hundaa irraa kajeelanii fi kadhatan Allaah qofa.)

B.Sifaata maqaan “Allaah” of keessaa qabu
Maqaan kuni sifaata guutuu ta’an hunda kan of keessatti qabateedha. “Maqaan Allaah jedhu [Rabbiin] Gabbaramaa ta’uu fi uumamtoonni hundi jaalalaan, ol-guddisuun, of gadi xiqeessuun, yeroo rakkoo fi balaa gara Isaatti dheessun kan Isa gabbaran ta’uu agarsiisa.”

Rabbiin sababa sifaata guutuu qabuuf Gabbaramaadha. Amaloota guddinnaa waan qabuuf ni gabbarama. Ammas, uumamtoota kan uumuu, jiraachisuu, bulchu, dhimma isaanii qindeessu fi too’atu Isa qofa waan ta’eef kan gabbaramu Isa qofa. Ammas, umamtoota hundaaf rahmata kan godhu, qananii keessaa fi alaa isaaniif kan kennu Isa Tokkicha waan ta’eef ni gabbarama. Ammas Rabbiin ni gabbarama sababni isaas, beekumsaan, murtiin, ogummaan, tolaan, rahmataan, dandeettin, jabeenyaanii fi injifannoon wantoota hundaa waan marseef. Inni gabbaramadha sababni isaas, gama hundaanu durummaa daangaa hin qabneen waan Tokkicha ta’eef (Gara hundaan Dureessa homattu hin hajamne waan ta’eef kan gabbaramu Isa qofa). Wantoonni Isaan ala jiran immoo yeroo hundaa jiraachuu fi turuuf Isatti hajamu. Haajaa xiqqaa fi guddaaf, wantoota isaan barbaachisan hundaaf Rabbitti hajamu.[6] Kuni akka Isa gabbaranii fi Isaaf of gadi qaban isaan taasisa. Kanaafu, Rabbiin dureessa wayittu hin hajamne, waan hundaa kan beeku, uumuu, jiraachisu, waan hundaa irratti dandeetti kan qabuu fi sifaata gugguutuu biroon kan ibsamu Isa qofa erga ta’e, Gabbaramaan haqaa Isa qofa jechuudha. Wantoonni Isaan ala jiran immoo hiyyeeyi waan ta’aniif Isatti hajamu. Kanaafu, gabroota Isaati. Amaloota (sifaata) guutuu waan hin qabneef gooftaa gabbaramu ta’uu hin danda’an. Kana sirritti itti xinxalli!!! Gooftaa haqaan gabbaramuu fi gooftaa sobaan gabbaramu kan addaan baasu sifaata guutuu qabaachu fi dhiisudha. Gooftaan haqaan gabbaramu sifaata gugguuta qaba. Rabbii gaditti wantoonni namoonni gooftaa jedhani gabbaran immoo sifaata (amaloota) guutuu waan hin qabneef sobaan kan gabbaraman(waaqefatamanii)dha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

22:62

“Suni waan Rabbiin [Gabbaramaa] haqaa ta’ee fi wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran soba (baaxila) waan ta’eefi, Ammas Rabbiin Isatu olta’aa, Guddaa ta’eefi.” Suuratu Al-Hajj 22:62

Aayah tana dura Rabbiin halkan guyya keessa, guyyaas halkan keessa akka seensisu dubbata. Naannawa addunyaa garagaraatti bonaa fi ganna dheerinni guyyaa fi halkanii garagara. Yeroo bonaa guyyaa dheerrassa, yeroo gannaa immoo halkan dheeressa. Haala kanaan halkanii fi guyyaa wal keessa seensisa. Imaamu Ibnu Jariir Xabari aayah armaan olii haala kanaan ibsa: Rabbiin olta’aan ni jedha: ” Suni ” kana jechuun, hojiin Ani hojjadhe kuni- halkan guyyaa keessa seensisu, guyyaas halkan keessa seensisun-[kan raawwatame] sababa Ani Haqa fakkaataan, shariikni fi dorgomaan Naaf hin jirre ta’eefi. Wanti mushrikoonni kunniin Rabbii gaditti gabbaramaa (ilaah) godhachuun kadhatanii fi gabbaran, baaxila (soba) homaa hojjachuu hin dandeenyedha. Rabbiin olta’aan warroota Isaa gaditti gabbaraniin akkana jedha: “Yaa warra beekumsa hin qabne! Fayyaduu fi miidhun harka Isaa kan jiru, wanta hundaa irratti Danda’aa gabbaruu dhiistanii wanta sobaa gabbarrin isaa isin hin fayyanne gabbartanii? “Rabbiin Isatu olta’aa“- Ol’aantummaan kan Isaati. Inni wantoota hundaa oli, wantoonni hundi Isaa gadi. “Guddaa” Inni wantoota hunda caalaa Guddaadha, wanti Isa caalaa guddaa ta’e hin jiru.” Tafsiiru Xabari 16/622

Haqa jechuun yeroo hundaa turaa gonkumaa kan hin banneedha. Rabbiin gabbaramaa haqaati. Sababni isaas, Inni haqa waan ta’eef yeroo hundaa turaa fi jiraataa gonkumaa hin duunee fi hin banneedha. Wantoonni Isaa gaditti gabbaraman kanneen akka taabota fi uumamtoota biroo waan badaniif ibaadan (gabbarrin) isaaniif godhamu baaxila (soba). Baaxila jechuun hundee kan qabnee, hin turree fi kan baduudha. Wanti kaafironni gabbaran wanta baduudha. Ibaadan isaaniis hojii baduudha. Kanaafu, hojiin isaanii hundi baaxila (soba).

C.Ibsa Aayatoota (keeyyattoota) Qur’aanaa muraasa maqaa kana of keessaa qabanii
In sha Allaah kutaa itti aanu keessatti itti fufna…


Maddoota
[1] Xariiiqul Hijrateyn-fuula 470
[2] Fiqhu Al-Asmaa’il Husnaa– fuula 76, Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin Badri
[3] Ma’aariju tafakkur wa daqaa’iqu tadabburi-8/717, Abdurahmaan Habanka
[4] Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– AbdulAziz bin Naasir Jaliil,
[5] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 54, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[6] Walillahi asmaa’ul Husnaa fud’uuhu bihaa
*Ma’aariju tafakkur wa daqaa’iqu tadabburi-9/596

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 1.2
Faaydaalee Maqaalee fi Sifaata Rabbii beeku keessa jiran
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply