Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 1.2

Kutaa darbe keessatti maqaa “Allaah” jedhu hiika isaa waliinii fi sifaata inni of keessatti qabate ilaalle turre. Har’as itti fufuun mata-duree hafee ilaalla.
C.Ibsa Aayatoota (keeyyattoota) Qur’aanaa muraasa maqaa kana of keessaa qabanii
Ibsa Aayatul Kursiyyi

Allaah, Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, [Inni] al-Hayyul-Qayyuum. Mugaatis ta’e hirribni Isa hin qabu. Wantoonni samii keessa jiranii fi wantoonni dachii keessa jiran kan Isaati. Hayyama Isaatin ala Isa biratti kan shafa’aa ta’u eenyumaa? Waan fuundura isaaniitii fi waan duuba isaanii ni beeka. Beekumsa Isaa irraas waan Inni fedhe malee hin marsan. Kursiin Isaa samii fi dachii irra bal’ateera. Isaan lamaan tiiksun Isa hin dadhabsiisu. Innis Olta’aa Guddaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:255

Aayan tuni aayah guddoo maqaalee fi sifaata Rabbal aalamiin of keessatti qabatteedha. Sadarkaa guddaa Aayan tuni qabdu hadiisota keessatti dhufee jira. Hadiisota sanniin asitti dhiyeessun barreefama waan dheeressuuf gara tafsiira (ibsa) aayatti haa seennu. Aayan tuni dhimmoota kudhan of keessaa qabdi.

“Allaah, Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru”
Aayah tana Allah jechuun jalqaba. Ergasii sifaata (amaloota) fi maqaalee ofii tarreessun Of ibsa. Akka waan gaafi “Sifaanni (amaloonni) Allaah maalidhaa?” jedhuuf deebii quubsaa ta’eeti. Sifaata Isaa baruu yoo barbaadan kunoo kana: Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Kana jechuun garmalee jaallachuu fi ol-guddisuun kan gabbaran Isa malee hin jiru.[1] Gabbaru jechuun wanta tokko garmalee jaallachuu, ol-guddisuu fi wanta saniif of gadi qabuudha. Ammas, hiikni biraa ‘Gabbaruu‘: Jaalala fi of gadi qabuun, sodaa fi kajeellaan wanta Gooftaan itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Gabbaruun (ibaadan) kuni Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u. Garmalee jaallachuun, of gadi qabuu fi xiqqeessun, garmalee ol-guddisuun, sodaachuun, irratti hirkachuun, waan hundaa irraa kajeelu fi kadhachuun Rabbii Tokkichaaf malee hin ta’u. Qur’aana keessatti:
Yoo mu’mintoota (warra amantan) taatan Rabbiin qofarratti hirkadhaa.” (Suuratu Al-Maa’idah 5:23
“Namoota hin sodaatinaa, Ana sodaadhaa. Aayaata (keeyyatoota) Kiyyas gatii xiqqaan hin gurguratinaa” (Suuratu Maa’ida 5:44)

Kanneen armaan olii ibaada (gabbarrii) qalbiiti.Kana jechuun jaalalli, sodaan, kajeellan, gadi of xiqqeessu, ol-guddisuu fi kkf hojii qalbiiti. Kunniin ibaadaf hundeedha. Ibaadan biroo immoo ibaada arrabaa, qaama fi qabeenyaati. Ibaadan qaama kanneen akka salaata, sooma, fi kkf. Ibaadan qabeenya immoo kanneen akka sadaqaa, zakaa, qalma (wareega). Ibaadan qaama fi qabeenya of keessatti qabate immoo kanneen akka Hajjii, Jihaada fi kkf. Kunniin hundi Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u.

“Inni al-Hayyul-Qayyuum” Al-Hayy jechuun “Jiraataa” jechuudha. Rabbiin yeroo hundaa jiraataa gonkumaa hin duunedha. Jecha al-Qayyuum jedhu ibsa mufasiroonni kennan bakka lama jalatti guduunfuun ni danda’ama:
1ffaa– Al-Qayyuum jechuun Ofiin dhaabbataa fi Of-Danda’aa homattu hin hajamne[2].
2ffaa– Al-Qayyuum jechuun uumamtoota hundaa Kan dhaabe. Kana jechuun uumamtoota hundaa kan argamsisee, dhaabu, jiraachisu fi eegu Rabbiidha. Uumamtoonni hundi Isatti hajamu. Isa malee gonkumaa of danda’ani dhaabbachuu fi jiraachu hin danda’an.[3] Argamsiisu irraa jalqabe hanga badanitti kan dhaabu, jiraachisuu fi eegu Rabbiidha. Dachii fi samii Kan dhaabe Isa. Ni jedha:

30:25

“Mallattoolee Isaa irraa samii fi dachiin ajaja Isaatiin dhaabbachuudha. Ergasii yeroo Inni waamicha tokko dachii keessaa isin waame, yeroma san isin ol baatu.” Suuratu Ar-Ruum 30:25

Samii fi dachii osoo Inni dhaabu fi eegu baate silaa samiin dachii irratti kufuun, dachiinis kirkiruun baduu turan. Wanti Isaan lamaan keessa jiranis ni badu. Kanaafu, samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran kan dhaabu, jiraachisuu fi eegu Rabbii Tokkicha. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Mugaatis ta’e hirribni Isa hin qabu.” Mugaati fi hirribni amala dhaabu, eegu fi jiraachisu hir’isa. Namni yoo mugee fi rafe waan tokko hojjachuu fi eegu hin danda’u. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa osoo mugee fi rafee silaa samiin, dachii fi wantoonni isaan keessa jiran hundi ni badu turan. Sababni isaas, Kan isaan dhaabu, eegu fi qabu Isa.

Ilmaan Israa’el Nabii Muusaan (aleyh salaam) akkana jedhan: Yaa Muusaa! Sila Gooftaan kee ni rafaa? Innis ni jedhe, “Rabbiin sodaadhaa.” Ergasii Gooftaan isaa akkana jechuun isa waame: “Yaa Muusaa! Rabbiin kee ni rafaa jechuun si gaafatan. Qaruuraa (birciqoo) lama harka kee lamaan irratti qabachuun halkan dhaabbadhu.” Muusaanis kana ni godhe. Yommuu tokko sadaffaan halkanii darbuu Nabii Muusaan ni muge, ni jilbifates. Ergasi dammaqee birciqoo lamaan sirreesse. Yommuu halkan xumuraa irra gahu, Nabii Muusaan muguun birciqoon lamaan harkaa kufanii caccaban. Rabbinis ni jedheen, “Yaa Muusaa! Osoo Ani kan rafu ta’e, silaa samii fi dachiin kufuun baduu turan akkuma birciqoon lamaan harka kee irraa [kufuun caccabanii] badan.”[4]

“Wantoonni samiiwwan keessa jiranii fi wantoonni dachii keessa jiran hundi kan Isaati.” Wantoonni samii torba keessa jiranii fi wantoonni dachii keessa jiran hundi kan Isaati. Sababni isaas, dhabama irraa isaan kan argamsiise Isa waan ta’eef. Namoonni, Malaykonni fi Jinnooni gabroota Isaati. Qananiin namoonni qaban hundi kan Isaati. Ni jedha:

“Qananii (ni’imaa) irraa wanti isin bira jiru Rabbuma irraayi. Ergasii yeroo miidhaan isin tuqe garuma Isaatti warwaattu.” Suuratu Nahl 16:53
Kana jechuun qananiin keessaa fi alaa kanneen akka fayyaa, beekumsaa, iimaanaa, qabeenyaa, ijoollee fi kkf isin qabdan hundi kan Rabbiin isiniif kenneedha. Dhibeen,hiyyummaa fi rakkooleen biroo yoo isin tuqan garmalee Rabbiin kadhattu.

Wantooonni hundi kan Isaa erga ta’anii, Rabbiin wanta fedhee hojjachuu fi murteessu danda’a. Namni kana yoo beeke, qananiin inni harka qabu kan Rabbii akka ta’e beekun wanta Isa dallansiisu ittiin hojjachuu irraa of eega. Wanta Isa gammachiisu qofa ittiin hojjata. Qabeenyi kiyya jechuun akkuma arge hin qisaasessu, ittiin of hin tuulu. Ammas, namni gabricha Rabbii akka ta’e yoo beeke, wanta Inni irratti murteesse gammachuu fi obsaan fudhata. Kanaafi, yommuu Nabiyyiin (SAW) intala isaanii daa’imni jalaa du’eef taaziya godhan akkana jedhan: “Dhugumatti, wanti Rabbiin fudhate kan Isaati, wanti Inni kennes kan Isaati, wanti hundi Isa biratti yeroo murtaa’a qaba. Kanaafu, haa obsitu, ajriis haa abdattu.” Sahiih Al-Bukhaari 1284

“Hayyama Isaatin ala Isa biratti kan shafa’aa ta’u eenyumaa?” Shafa’aa jechuun wanta faayda qabuu fiduu fi wanta miidhaa qabu deebisuuf nama tokkoof jiddu-gala (jaarsummaa) ta’uudha. Jecha biraatin, “Yaa ebalu nama kanaaf kana godhi, yookiin hin adabin” jechuun abbaa aangoo fi sadarkaa qabu kadhachuudha. Guyyaa Qiyaama namoota dirree walitti qabamaa irra dhaabbataniif shafa’aan nabiyyii (SAW) Rabbiin akka isaan jidduutti murteessu Isa kadhachuudha. Kuni shafa’aa miidhaa deebisuufi godhamuudha. Ammas, warroonni Jannata akka Jannata seenaniif Nabiyyiin (SAW) shafa’aa ta’uu. Kuni shafa’aa waan faayda qabu fiduuf godhamuudha.[5]

Guyyaa Qiyaamaa eenyullee shafa’aaf (jaarsummaaf) gara fuunduraatti bahuu hin danda’u hayyama Rabbiitin malee. Guddinna sadarkaa fi Aangoo Isaatirraa kan ka’e eenyullee hayyama Isaatin ala shafa’aa ta’uu hin danda’a. Akkuma aangoon (sulxaanni) guddaa ta’uun Mootiin ni sodaatama. Eenyullee isa dursee hayyama isaa malee dubbachuu hin danda’u. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) aangoon Isaa guutuu waan ta’eef Isa sodaachuu irraa kan ka’e eenyullee hayyama Isaa malee dursee dubbachuu hin danda’u.

Guyyaa Qiyaamaa hayyamni shafa’aa sharxii qaba. Innis: Nama shafa’aa ta’uu fi shafa’aan godhamuuf irraa dubbii fi hojii isaa Rabbiin jaallachuu. Ragaan kanaa:

53:26

“Malaykoota meeqatu samiwwan keessa jiraa kan shafa’aan (jaarsummaan) isaanii homaa hin fayyanne nama Rabbiin fedhee fi jaallateef erga hayyamee booda malee.” Suuratu An-Najm 53:26

Bakka biraatti, “[Malaykoonni] nama Inni jaallateef malee shafa’aa hin ta’an.” (Suuratu Al-Anbiyah 28)
Shafa’aan nama Rabbiin subhaanahu wa ta’aala dubbii fi hojii isaa jaallateef malee hin ta’u. Dubbii fi hojii isaa kan jaallatu immoo nama iimaana fi tawhiida qabuudha.

Namoonni shirkii hojjatan dubbii fi hojiin isaanii badaa waan ta’eef shafa’aan isaaniif hin jiru. Qur’aana keessatti, “Shafa’aan warra shafa’aa ta’anii isaan hin fayyaddu.” (Muddasir 74:48) (Ibidda erga seenanii booda namni shafa’aa (jaarsummaa) isaaniif ta’ee ibidda keessaa isaan baasu hin jiru.)

“Waan fuundura isaaniitii fi waan duuba isaanii ni beeka.” Kana jechuun Rabbiin haala gabroota Isaa hunda kan beekudha. Wanti dhokatu tokkollee Isarraa hin dhokatu. “Waan fuundura isaaniitii” jechuun wanta gara fuunduraatti dhufu, “waan duuba isaanii” jechuun wanta darbe. Rabbiin wanta darbe, ammaa fi gara fuunduraatti dhufu hunda beeka. Wanti beekumsa Isaa jalaa miliquu fi dhokatu tokkollee hin jiru. Namni kana yoo beeke dhoksaa fi ifatti badii fi wanta fokkuu hojjachuu irraa of eega. Sababni isaas, wanta inni hojjatu Rabbiin waan beekuf isa qaba. “Rabbiin wanta nafsee teessan keessa jiru akka beeku beekaa, kanaafu Isa sodaadhaa.” (Suuratu Al-Baqara 2:235)

“Beekumsa Isaa irraas waan Inni fedhe malee hin marsan.” Kuni hiika lama qaba: 1ffaa- Waa’ee maqaalee, sifaata fi hojiwwan Rabbii ilaalchise wanta Inni fedhee isaan barsiisee malee uumamtoonni beeku hin danda’an. Yoo Inni isaan barsiise ni beeku. 2ffaa- uumamtoonni wanta Rabbiin fedhe malee wanta beekkamu guutuu beeku hin danda’an. Wanta Rabbiin isaan barsiisee fi akka beekan haala isaaniif laaffise qofa beeku.[6] Qur’aana keessatti,

96:5

“Nama waan inni hin beekne barsiise” Suuratu Al-Alaqa 96:5

Namoonni wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aala isaan barsiise malee beeku hin danda’an. Yeroo teknolojii kanatti dhugaan kuni daran ifa baha. Yeroo durii namoonni teknolojii ammayyaa kanarra gahuu maaliif dadhabanii? Sababni kanaa, hanga Rabbiin subhaanahu wa ta’aala fedhutti waa beeku hin danda’an. Namoonni yeroo ammaas hanga fedhan beekumsa qabna haa jedhan. Beekumsi isaan irraa dhokfamee galaana guddaa caala. Wanti isaan beekan akka copha bishaaniti. Qur’aana keessatti, “Beekumsa irraa waan xiqqoo malee isiniif hin kennamne.” (Suuratu Al-Israa 17:85) (Wanti asirraa baratamu, namni, “Ani beekumsa qaba” jedhee of tuulu hin qabu. Wanti inni wallaale wanta inni beeke caala.)

“Kursiin Isaa samii fi dachii irra bal’ateera.” Kursiin uumama guddaa samii olii fi Arshii gadi jiruudha[7]. Arshiin uumama garmalee guddaa fi garmalee bal’aa samii torbanii ol jiruudha. Arshiin xaaraa uumamtootati (Saqaful makhluuqaati).

“Isaan lamaan tiiksun Isa hin dadhabsiisu.” Kana jechuun samii fi dachii eegun homaa Isarratti hin ulfaatu. Kuni kan agarsiisu Dandeettin Rabbii guutuu ta’uudha. Samii garmalee bal’attu tana, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda eeguun Dandeetti fi Beekumsi Isaa guutuu akka ta’e agarsiisa.

“Innis Olta’aa Guddaadha.” Rabbiin waan hundaa ol kan olta’eedha. Sifaanni Isaa sifaataa ol’aanoo fi guutuu ta’aniidha. Dandeettiin, injifannoo fi aangoon hundaa olii. Ol’aantummaan kan Isaati.  Zaatanis Inni hundaa oli. Arshii ol olta’iinsa Isaaf malu olta’e; uumamtoonni hundi Isaa gadii. “Guddaa” Inni wantoota hunda caalaa Guddaadha, wanti Isa caalaa guddaa ta’e hin jiru.[8]
Faaydan namni kana beekun argatu maaliidhaa? Namni kana yoo beeke, namoota irratti daangaa darbuu fi of tuulu irraa of eega. Kanaafi, suuratu An-Nisaa keessatti Rabbiin subhaanahu akkana jedhe: “Yoo isaan (nitiwwan keessan) isiniif ajajaman isaan irratti karaa hin barbaadinaa. Dhugumatti Rabbiin Olta’aa Guddaadha.”  Suuratu An-Nisaa 4:34
Nafsee tee keessatti ol’aantummaan yoo sitti dhagahame, ol’aantummaa Rabbii (Azza wa Jalla) yaadadhu. Nafsee tee keessatti guddaa yoo taatee, guddinna Rabbii yaadadhu.[9]

Guduunfaa
☝Gabbaramaa
jechuun kan garmalee jaallatamu, kabajamu, olguddifamu, kan isaaf of gadi xiqqeessanii fi of gadi qaban, sodaatan, waan hundaa irraa kajeelan, kadhatanii fi irratti hirkataniidha.
☝Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sifaataa guutuu qaba. Wantoonni Isaan ala jiran immoo sifaata guutuu hin qaban. fkn, Inni yeroo hundaa jiraatadha, waan hundaa kan dhaabu, eegu fi jiraachisuudha (Al-Hayyul Qayyuum). Garuu wantoonni Isaan ala jiran yeroo hundaa kan jiraatanii miti. Jireenyi isaanii dhabamaan kan durfamte fi baduunis kan qunnamuudha. Kana jechuun duraan kan hin jirre turan ergasii ni argaman. Yeroo muraasan booda ni baduu ykn ni du’u. Ammas, wantoota hundaa eegu fi jiraachisuu hin danda’an. Kanaafu, wanti du’uu fi wantoota hundaa eegu fi jiraachisu hin dandeenye akkamitti gooftaa gabbaramu (waaqefatamuu) ta’aa?
☝ Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala hin mugu, hin rafu. Kuni jireenyi Isaa guutuu akka ta’ee agarsiisa. Uumamtoonni garuu takkaa kan muganii fi rafan takkaa immoo jireenya ykn lubbuu kan hin qabneedha.
☝ Rabbiin wanta darbe, ammaa fi gara fuunduraatti dhufu hunda beeka. Wanta namoonni hojjatanii fi dubbatan hunda takka takkaan beeka. Garuu uumamtoonni waa hunda beeku hin danda’an. Kanaafu, namni akkamitti Rabbii haala fi rakkoo isaa hunda beeku dhiisee uumama (makhluuqa) dadhabaa waa’ee isaa hin beekne kadhataa ykn gabbaraa?


Maddoota
[1] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Faatiha wa Baqarah-3/251 ibn Usyemiin
[2] Madda olii-fuula 251
[3] Fatawa Ibn Baaz
[4] Tafsiiru Ibn Kasiir 2/247
[5] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Ibn Useymiin 252
[6] Madda olii 254, Bidaa’u Tafsiir 1/190-Ibn Al-Qayyim
[7] Zaadul Masiir-fuula 156,Ibn Al-Jawzi Islamway.net
[8] Fatawa Ibn Baaz
[9] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Ibn Useymiin 263

Print Friendly, PDF & Email
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 2.1
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 1.1

Leave a Reply