Siiraa-Lakk.3

Nabii Muhammad (SAW) Maaliif Araboota irraa ergaman?
Siiraa kutaa darbe keessatti haala ummataa fi amantii addunyaa jaarraa 6ffaa ilaalle turre. Jaarraan kuni jaarra dukkanni wallaalummaa fi zulmii addunyaa haguugeedha. Karaan tokkichi dukkana kana itti deemsiisan aduun nabiyyummaa bahuudha. Garuu Nabiyyiin kuni eessaa yoo bahe, dukkana kana salphatti deemsiisuun danda’amaa? Haala ummataa fi teessuma lafaa bakka Nabiyyiin kuni keessaa bahuu qorachuun baay’ee barbaachisaadha. Ummata filoosofin guuttame keessaa osoo nabiyyiin bahee sila filoosofii sani fi yaada badaa qalbii isaanii irraa haaqun hangam akka ulfaatu mee itti yaadi! Ammas, ummata dabeessaa fi gootummaa hin qabne keessaa Nabiyyiin osoo bahee silaa akkamitti ummanni kuni itti gaafatamumma ergaa Rabbii baadhachuun ummata birootti geessu danda’aa? Ammas, teessumni lafaa handhuura addunyaa irraa kan fagaate fi addunyaa biroo dhaqqabuuf kan ulfaatu yoo ta’e, nabiyyin bakka akkanaati yoo bahee akkamitti ergaa kana addunyaatti geessun danda’amaa? Kanaafu, ifa nabiyummaa addunyaa ibsu kanaaf bakka sirrii filachuun barbaachisaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Rabbiin ergaa Isaa eessa akka kaa’u hunda caalaa beeka.” Suuratu Al-An’aam 6:124

Mata-duree kana ilaalchisee dubbii Abul Hasan Nadawi itti haa fufnu:
Rabbiin hikmaa (ogummaa) Isaatiin aduun nabiyummaa dukkana bittineesituu fi addunyaa ifaa fi qajeelinnaan guuttuu odolaa Arabaa irraa akka baatu barbaade. Odolli Arabaa kuni dukkanni isaa dukkana hundarra caalu ifa garmalee barbaadu ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waamicha kana jalqaba akka fudhatan, ergasii addunyaa fagoo hundatti akka geessan Araboota filate jira. sababni isaas,saleedaan qalbii isaanii qulqulluu ture. Barreefamni dhokataa fi gadi fagoon irraa haaqu fi balleessun ulfaatu saleeda kanarratti (qalbii isaanii) irratti hin barreefamne. Dhimmi isaanii akka Roomaanotaa, Pershiyootaa, Hindoota fi Girikootaa miti. Roomaanonni, Pershiyoonni fi Girikoonni yeroo sanitti beekumsa isaanii,hogbarruu dagagee, qaroominna guddaa fi filoosofii bal’aan kan raata’an turan. Guduunfaa nafsee fi yaadaa hiikun salphaa kan hin taanetu isaan bira ture.(Warroonni kunniin garmalee filoosofii fi yaada sobaa adda addaatti waan taraniif qalbii isaanii irraa amantii fi yaada sobaa deemsiisun baay’ee ulfaatadha.)

Garuu Araboonni saleedaa qalbii isaanii irra barreefama salphaa harki wallaalummaa fi baadiya barreesse malee homaa hin jiru. Kanaafu, barreefama salphaa kana haaqu fi dhiquun bakka kanaa barreefama haarawa irratti katabuun salphaadha. Beekumsa yeroo ammaattin yommuu ibsamu: Araboonni warra “Al-Jahlul Basiix (Wallaalummaa Salphaa” ti. (Wallaalummaa salphaa jechuun beekumsa wanta tokkoo dhabuudha. Fkn, Lolli Badr yommuu gaggeefame jedhamee namni yoo gaafatame, “Ani hin beeku” yoo jedhe, kuni walaallummaa salphaadha.Namni wallaalummaa salphaa qabuu aalima (hayyuu) ta’uu danda’a.) Araboonni yeroo sanatti walaalummaa salphaa kana waan qabaniif haala salphaan fayyisuun ni danda’ama. Ummanni biroo qaroominnaa fi falaasfaan dagaagan immoo “Al-Jahlul Murakkab (Walaallummaa Walitti naqameen)” kan tuqamaniidha. Walaallummaa Walitti naqame (makame) jechuun wanta tokko faallaa inni irra jiruu hubachuudha. Fkn, Lolli Badr yommuu gaggeefame jedhamee namni tokko yoo gaafatame, “Akka Hijraatti bara 3ffaa” yoo jedhe, kuni walaallummaa walitti naqameedha. Lolli Badri akka hijraatti bara 2ffaatti gaggeefame. Namni kuni faallaa dhugaa lola Badrii waan hubateef wallaalummaan isaa wallaalummaa walitti naqameedha.) Walaallummaa walitti naqamee sammuu keessaa haaqun garmalee ulfaata. Sababni isaas, namni kuni soba akka dhugaatti ilaalun waan amaneef, amantiin qalbii isaa keessatti lixee jira. Kanaafu, amantii sobaa kana haaqun garmalee ulfaata. Garuu namni wallaalummaa salphaa qabu, waa’ee wanta sanii waan hin beeknef, amantiin sobaas ta’ee amantiin dhugaa qalbii isaa keessatti hin lixne. Kanaafu, amantii fi yaada dhugaa yoo itti fidan haala salphaan fudhata.

Araboonni Makkaa fi naannawa sanii wallaalummaa salphaa haaqamu fi dhiqamu danda’u kana qabuu turan. Fixraa (uumama) irra kan turanii fi warra fedhii fi ijjannoo cimaa qabaniidha. Haqa hubachuun yoo isaan irratti miccirame itti duulu. Ija isaanii irraa yoo haguuggin saaqame, haqa ni jaallatu, ni hammatu; karaa isaa keessatti du’uu barbaadu.[1] Araboota yeroo sanii amaloota gaggaarii Ergaa Rabbiin irraa dhufe akka baadhatanii fi filataman isaan taasisaan mee haa ilaallu.

1-Collummaa fi Qarummaa (Az-Zakaa’u wal Fixnatu)
Akkuma duratti jennee qalbiin isaanii filoosofii gogaa haaqu ulfaatun hin xuroofne. Qalbiin isaanii akka waan ergaa (risaalaa) fudhachuuf qophoofte fakkaatti. Saboota Arabaa keessaa Araboonni Makkaa fi naannawa ishii jiran sammuun isaanii waa baay’ee kan qabatuudha (haffazuu)dha. Bal’inni lugaa isaanii jabeenya waa sammuutti qabachuu (haffazuu) fi yaadachuu ni agarsiisa. Dammaaf maqaan saddeettamni yoo jiraate, jeedalaaf maqaan dhibba lama, leencaaf maqaan dhibba shan, gaalaaf kuma tokkotu jira. Akkasumas, seyfiif maqaa baay’etu jira. Dhugumatti, kuni shakkii hin qabu, maqaalee kanniin hunda qabachuun sammuu jabaa fi cimaa barbaachisa. (Yeroo Nabiyyiin ergamu barreefamne hin babal’anne. Kanaafu, karaan beekumsa itti eeganii fi dhalootaf dabarsan guddaan sammuutti qabachuudha. Ummanni kuni waan baay’ee sammuutti qabachuu waan danda’aniif beekumsa Islaamaa badiinsa irraa ni eegu. Wanta dhagahan yoosu sammuutti qabatu.)

2-Warra Arjummaa ta’uu
Araboota durii biratti arjummaan hidda kan qabateedha. Yommuu keessummaan itti dhufu, gaala malee wanti biraa yoo hin jiraatin gaaluma san qaluuf fiigu.

3-Warra gootummaa, Dhiirummaa fi waa Deeggaru ta’uu
Waraana keessatti ajjeefamu irratti wal faarsu, firaasha irratti yoo du’an immoo wal qeequ. Isaan keessaa tokko yommuu ajjeechan obboleessaa isaa isa gahuu akkana jedhe: Yoo ajjeefame, dhugumatti abbaan isaa, obboleessi fi abbeeraan isaatu ajjeefamii jiru. Rabbiin kakadhe, dhugumatti nuti firaasha irratti hin duunu. Garuu fiixe xiyyaatin muramuun ykn gaaddisa seyfi jalatti du’uun[lubbuun teenya baati].Araboonni durii jabeenyaa fi kabaja eegu irra homaa hin dursan. (Tarii yeroo Nabiyyiin Ergamuu gootummaa fi dhiirummaan isaanii kuni diinotatti akka duulanii fi biyyoota baay’ee akka banan sababa ta’e. Ergaa Islaama baadhachuun gootumma fi dhiirummaa cimaa barbaachisa. kanaafu, bakka gootummaan, dhiirummaan, qalbiin qulqulluu taatee fi sammuu hatamtamaan waa qabattu jiran ergaa Islaamaa guddaa kana kaa’un, bakka sirrii kaa’udha. Dhugumatti, Rabbiin Beekaa, Ogeessa ta’eera. Ogeessa jechuun wanta hundaa bakka isaaf malu kan kaa’udha.) 

4-Waadaa guutuu, ifaan ifatti fi dhugaa dubbachuu jaallachuu
Kijiba ni jibbuu turan, akka badaattis ilaalu. Warra waadaa guutan turan. Kanaafi, Islaama keessa seenuuf arrabaan ragaa bahuun gahaadha. Kijiba jibbuu isaanii wanta agarsiisu keessaa deebiin Abu Sufyaan Hirqaliif kennee ni agarsiisa. Hirqal waa’ee Nabiyyii (SAW) Abu Sufyaanin gaafate. Yeroo san Abu sufyaan nabiyyiif diina haa ta’uyyu malee dhugaa jiru hunda Hirqalitti hime. Abu sufyaan dhumarratti akkana jedhe, “Kijiba narratti ni argan jedhee osoo saalfachuu baadhe silaa waa’ee Nabiyyi kijiba dubbadhaa ture.” 

Waadaa guutuun isaan biratti kan beekkameedha. Madiinaa irraa dhufanii Makkaan keessatti Aqabaa 2ffaa Nabiyyiif yommuu waadaa galan dhugaa kana ifa baasu. Galmeessaan seenaa Ibn Isihaaq ni jedha:
“Yommuu gosti Awsi fi Kazraj Nabiyyiif waadaa seenuf Aqabatti walitti qabaman, gosa Khazraj irraa Abbaas bin Ubbaadah akkana jedhe, “Yaa tuuta Khazrajaa! Maalirratti nama kana akka waadaa galtaniif beektanii jirtuu?
Isaanis ni jedhan: eeyyeen.
Innis ni jedhe: Namoota irraa diimaaa fi gurraachatti duulu irratti waadaa galaafi jirtu. Qabeenyi keessan yommuu hir’atuu fi namoonni kabajamoon keessan yommuu ajjeefaman argitan, isa kan kennitan (dhiistanii biraa deemtan) yoo ta’e, ammarraa jalqabe wallahi suni salphinna addunyaa fi Aakhiraati. Qabeenyi hir’achuu fi namoonni kabajamoon ajeefamuu waliin waadaa isaa kan guuttaniif ta’uu yoo argitan, isa (nabiyyi ofitti) fudhaa. Dhugummatti kuni wallaahi kheeyri addunyaa fi Aakhiraati.
Isaanis ni jedhan: Dhugumatti qabeenyatti balaan bu’uu fi namoonni kabajamoon ajjeefamuu waliin isa ni fudhanna. Yaa Ergamaa Rabbii yoo kana goone maaltu nuuf jiraa?
Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: Jannata.
Isaanis ni jedhan: Harka kee diriirsi. Innis harka ni diriirse, isaanis waadaa ni galaniif.” (Siiratu Ibn Hishaam fuula 446)

Dhugumatti wanta Rabbiif ahdi seenanii fi nabiyyiif waadaa galan guutanii jiru. Bakka isaanii bu’uun guyyaa Badrii Sa’d bin Ubbaada akkana jedhe: “Yaa Ergamaa Rabbii! Rabbii nafseen tiyya harka Isaa jirtuun kakadhe! Osoo galaanatti faradoo teenya akka dabarsinu nu ajajje ni dabarsinaa turre. Ammas, faradoo teenya osoo bakka fagoo akka Bark Al-Ghimad akka oofnu ajajje ni oofnaa turre.”  Sahiih Muslmi 1779
Dhugaan kuni hojii keessatti ijjannoo fi ciminnaan ifa bahee jira.

5-Bilisummaa jaalala guddaan jaallachuu fi gabrummaa fi salphinna diduu
Jireenya bilisummaa jiraachu garmalee barbaadu. Eenyullee akka isaan gabroonfatu hin fedhan. Namni gabrummaa jalatti yoo kufe, ol fageesse yaadu fi kaayyoo guddaa gahuuf dharra’uun isa keessatti ni laafa. Kanaafi, ilmaan Israa’il yeroo Fira’awna jalaa Rabbiin isaan baasee, “Gara lafa qulqulluu Rabbiin isiniif katabe seenaa” yommuu jedhaman, didda guddaa agarsiisan.Akkana jedhan, “Yaa Muusaa! Achi keessa namoota abbaa irree ta’antu jira. Hanga isaan achi keessaa bahanitti nuti hin seennu. Yoo isaan bahan, nuti ni seenna.” “Magaalatti seenaa injifattoota ni taatu” yommuu jedhaman, deebiin isaan kennan, “Yaa Muusaa! Hanga isaan achi keessa turanitti nuti gonkumaa hin seennu. Ati fi Gooftaan kee deemati lolaa (duulaa); nuti as teenyati.”  (Ilaali Suuratu Al-Maa’ida 21-24)

Baroota dheeraaf gabrummaa Fira’awnaa fi ummata isaa jalatti waan kufaniif injifannoo hin hawwan. Faallaa kanaa, yommuu Nabii Muhammad (SAW) gara duula Badri deemu, sahaabota keessaa Miqdaad akkana jedhe: “Yaa Rasulallah (Ergamaa Rabbii)! Akka ilmaan Israa’il Muusaan, “Ati fi Gooftaan kee deemati lolaa (duulaa); nuti as teenyati” jedhan siin hin jennu. Garuu gara fuunduraatti deemi, nutis si waliin jirra.” [jenna].” Sahiih Al-Bukhaari 4609

Yeroo Nabiyyiin (SAW) ergaman san ummanni Roomaa fi Pershiyaa gabrummaa moototaa jalatti kufanii jiru. Ummanni kuni yaada ofii ibsachuu hin danda’an. Garuu Araboonni gabrummaa mootii jalatti hin kufne. Bilisummaa guutuu qabu. Yaada ofi akka fedhanitti ibsatu. Bilisummaa fi gootummaan isaan qaban ergaa Islaama guddaa kana akka baadhatanii fi addunyaatti geessan sababa guddaa ture. Namni mataa ofiitii bilisummaa yoo hin qabaatin, akkamitti nama ykn biyya biraa bilisoomsu danda’aa?

Kuni haala fi amaloota ummataa yeroo sanii biiftuun Islaamaa itti baatedha. Sababni biraa Nabiyyiin Makka keessaa itti filatameef du’aayin nabii Ibraahimii fi Ismaa’il qeebalamuudha. Manni jalqabaa ibaadaf dachii irratti namootaaf ijaarrame Ka’abaadha. Qur’aana keessatti:

3:96

Dhugumatti, Manni jalqabaa tolli isaa kan baay’atee fi aalamaaf qajeelcha ta’uun ilma namaatiif kaa’ame (hundeefame) kan Bakkah (Makkaan) jiruudha.” Suuratu Aali-Imraan 3:96

 Nabii Ibraahimi fi Ismaa’il bu’uura mana jalqabaa kana (Ka’abaa) erga olkaasanii booda akkana jechuun du’aayi godhan:

2:129

“Gooftaa keenya! Ergamaa isaan irraa ta’e, kan keeyyattoota (aayaata) Kee isaan irratti qara’u, kan kitaaba fi ogummaa isaan barsiisee isaanis qulqulleessu isaan keessatti ergi. Dhugumatti, Ati akkaan Injifataa, Ogeessa.” Suuratu Al-Baqarah 2:129
Du’aayin tunis fudhatama argachuun (qeebalamuun) nabiyyiin xumuraa Makkaan keessaa ni ergame.

Sababni biraa, teessumni lafaa odola (jaziiraa) Arabaa handhuraa waamicha Islaamaa addunyaa guutuu itti dhaqabuuf iddoo mijaawadha. Odola jechuun lafa bishaanin marfameedha. Odolli Arabaa biyyoota akka Saa’udi Arabiyaa, Yaman, Kuweet, Omaan, Bahreeni, United Arab Emirates fi Qaxaarin of keessatti qabata. Odolli Arabaa kuni ardii Eeshiyaa keessatti haa argamuyyuu malee ardii Afrikaa fi ardii Awroppaatti dhiyoodha. Naannawa kanatti qaroominni kan dagageedha, amantiin kan cimee fi karaaleen daldalaa as keessa qaxxaamuru. Odolli Arabaa humnoota gurguddoo yeroo san wal dorgoman lama jidduutti argama. Humna Kiristaanaa fi humna majuusaa, humna dhiyaa fi humna bahaa. Humni Kiristaanaa impaayara Roomaa bahatti argamuudha. Humni majuusa immoo impaayara Pershiyaa dhiyaatti argamuudha. Kana hunda waliinu mootummoota lamaan kanniinif hin bitamne. Daarin ishiitin gosoota xiqqoo yoo ta’e malee. Odolli Arabaa teesummaa lafaa gaarii irra waan tureef wiirtuu namoota addunyaa guutuu itti waaman ta’e.

Dr.Hasan Kamaal-din Yuniversiti Riyaada irraa qo’annoo fi qorannoo gaggeessen bu’aa kanarra akka gahee ni labsa: Giloobi Ardii irratti Makkaan handhuura dachiiti. Qorannoo isaa sarara kaartaa fageenya bakki hundi Makkaa irraa qaban safaruun jalqabe. Kanas kan godheef, kaartaa fayyadamee meeshaa qiblaa agarsiisuu sirreessuf carraaqaa ture. Osoo carraaqu tasa Makkaan walakkaa (handhura) addunyaa irratti akka argamtu kaartaa irratti argate.[2]  

Kana hundaaf Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Makkaan iddoo ergamaan itti bahuu fi ergaan Isarraa itti bu’u ergasii tuqaa ka’uumsaa Islaamni addunyaa guututti itti faca’u akka taatuf filate.

“Rabbiin ergaa Isaa eessa akka kaa’u hunda caalaa beeka.” Suuratu Al-An’aam 6:124


Maddoota
[1] Siiratu Nabawi– fuula 87-88, Abul Hasan Nadawi
[2] Madda olii -fuula 100
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 33-34, Alii Muhammad Sallaabi

Print Friendly, PDF & Email
Siiraa-Lakk.4
Siiraa-Lakk.2

Leave a Reply