Siiraa-Lakk.4

Offline dubbisuf

Gosoota Arabaa yeroo durii Makkaa fi naannawa ishii turan
Gosoota Arabaa yeroo sanii beekun Nabiyyin (SAW) gosa kamirraa akka ta’e salphatti hubanna. Hundeen Arabaa bakka sadiitti qoodamu:

1-Araboota badan (Al-Arabul Baa’idatu)-Araboota yeroo durii seenaan isaanii xiqqoo beekkamuu fi mallatoleen isaanii badaniidha. Araboonni kunniin gosoota akka Aad, Samuud, Jadis, Amaaliqah fi kan birooti.
2-Araba Qulqulluu (Al-Arabul-Aaribatu)– Kunniin Araboota Ya’rub bin Yashjub bin Qahxaani irraa dhufaniidha. Araboota Qahxaaniyyah jedhamunis ni waamamu. Bakki isaanii jalqabaa Yamani.
3-Araboota Araba taasifaman– Araboonni kunniin sanyii Ismaa’il irraa kan dhufaniidha. Araboota Adnaaniyyah jedhamunis ni beekkamu. Adnaan sanyii Ismaa’el irraa kan dhufeedha. Nabii Ibraahim (AS) Makkaatti Haajaraa fi mucaa isaa Ismaa’ilin dhiisee erga deeme, Ismaa’il guddachuun Araboota naannoo san jiran gosa Jurhum jedhamtu irraa niiti fuudhe. Sababa kanaan, dhiigni Ismaa’ili fi kan gosa Araba kuni walitti makamuun Araba taasifaman. Ismaa’il (aleyh salaam) ijoolle baay’ee hore. Boodarra ijoollen kunniin gosa of danda’e ta’uun naannoo Arabaa adda addaatti faca’an. Gariin gara Sooriyaa, gariin gara Hijaaz, gariin gara Yamani fi bakka adda addaa deeman.

Sanyiin Ismaa’il Makkaan keessas yeroo dheeraaf turanii jiru. Kanniin keessaa Adnaan beekkamaadha. Adnaan akaakanyuu 21ffaa Nabiyyiiti.[1]

Gosa Qureesh[2]
Nabiyyiin (SAW) gosa Qureesh jedhamtu irraa kan bahaniidha. Qureesh eenyudhaa? Eessarraa dhufan? Jennee yoo gaafanne galmee seenaa keessatti haala kanaan arganna:
Nabii Ismaa’il (aleyh salaam) Makkaan keessa erga qubatee Arabiffas baratee, gosa Jurhum irraa niiti fuudhe. Ijoollen isaas ni baay’atan. Kabajamoo fi barakaa kan qaban ta’an. Sanyii Ismaa’iil keessaa Adnaan hundee Qureeshotaati. Adnaan ijoolle baay’ee qabaa ture. Isaan keessaa beekkamaan Ma’ad bin Adnaan. Ma’ad booda ilmi isaa Nizaar ni dhufe. Nizaar booda ijoolleen isaa lamaan gosoota Arabaa gurguddaa uuman ni dhufan. Ijoollen tunniinis: Rabi’a fi Mudar. Jarri lamaan kunniin ijoolle horuun, ijoollen isaanii gosa uumanii bakka adda addaatti faca’an.

Qureeshonni ijoollee Fihr bin Maalik bin Nadr bin Kinaana ti. Kinaanan sanyii Mudar irraayyi. Ijoolleen Fihr bin Maalik “Qureesh” jedhamuun wamaman. Maqaan kuni Araboota keessatti beekkamaa ta’e. Ammas, Qureeshonni (ilmaan Fihr bin Maalik) gosoota baay’eetti qoqqoodaman. Isaan keessaa bebbeekamoon: Jumah, Sahm, Adiyy, Makhzuum, Taym, Zahrah fi ijoollee sadan Qusayy bin Kilaab. Isaanis: Abdu Daar bin Qusayy, Asad bin Abdul Uzza bin Qusayy, Abdul Manaaf bin Qusayy.

Abdul Manaaf bin Qusayy gosoota afuritti qoodame: Abdu Shams, Nawfal, Muxxalibi fi Haashim. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aala maatii Haashim keessaa Nabii Muhammad bin Abdullah bin Abdul-Muxxalib bin Haashim filate. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Rabbiin sanyii Ismaa’il keessaa Kinaana filate, Kinaana keessaa immoo Qureeshota filate, Qureeshota keessaa immoo ilmaan Haashim filate, ilmaan Haashim keessaa ana filate.” Sahiih Muslim 2276
Keessumayyuu gosoota Qureeshotaa beekkamoo armaan olii beekun, sababoota gurguddaa nabiyyiif diina akka ta’an isaan taasise keessaa tokko ni barra.

Sanyii fi gosoota Nabiyyiin (SAW) keessaa bahan kanneen armaan olitti tarreessinee haala kanaan guduunfun ni danda’ama:
Ibraahim—Ismaa’il……Adnaan—Ma’ad—Nizaar—Mudar……Kinaana…..Fihr bin Maalik…..Abdul Manaaf bin Qusayy (gosa Qureeshota keessaa tokko)—Haashim —Abdul Muxxalib —Abdullah—Muhammad (SAW)
( “…..” sanyiin baay’een isaan jidduu jiraachu agarsiisa)

Makkaan Keessatti Sanama (Taabota) gabbaruun akkamitti jalqabamee?
Sanama jechuun suuraa wanta lubbuu qabus ta’i kan hin qabne namoonni kaasun ykn bocuun kan gabbaraniidha. Wanti namoonni muka ykn dhagaa irraa bocun gabbaran sanama. Ingiliffaan “Idol”, Amaariffaan, “Xaawot” jedhama. Taabonni Afaan Oromootinis Amariffanis waan itti fayyadamaniif sanama haala guutu ta’een bakka bu’a jedhee hin yaadu. Garuu itti dhiyaata. Taabonni sanama keessaa gosa tokko jechuu dandeenya. Taabonni Kiristaanonni baadhatani fi waaqefatan, muka waan ta’eef sanamni mukas dhagaas wanta biraas of keessatti qabata. Kanaafu, Afaan Oromootin sanama jenne yoo fayyadamne yaad-rimee bal’aa dabarsa.

Araboonni Makka fi naannawa ishii jiran amanti Ibraahimi fi Ismaa’il irra turan. Amantin kuni Rabbiin tokkichoomsu fi wanta biraa Isa waliin gabbaruu dhiisudha. Kuni Islaama. Nabii Ibraahim ijoollen isaa amanti kana akka qabatanii fi irratti du’an garmalee jabeesse dhaamef. Sanama gabbaruu irraa, Rabbiin isaa fi ijoollee isaa akka eegu ni kadhate.

“Yeroo Ibraahim [akkana] jedhe [yaadadhu], “Gooftaa kiyya! Biyya tana (Makkaan) tasgabbooftu taasisi. Anaa fi ilmaan kiyyas sanama gabbaruu irraa fageessi. Gooftaa kiyya! Dhugumatti isaan namoota irraa baay’ee isaanii jallisanii jiru. Namni na hordofe, dhugumatti inni anarraayi. Namni na dide immoo dhugumatti Ati Araaramaa, Rahmata Godhaadha.” Suuratu Ibraahim 14:35-36

Dhugumatti isaan namoota irraa baay’ee isaanii jallisanii jiru.” Kana jechuun sababa sanamaatin namoonni baay’een jallatani jiru. Wanta isaan hin fayyanne gabbaruun karaa haqaa irraa jallatan. “Namni na hordofe, dhugumatti inni anarraayi.”  Namni tawhiida fi hojii Rabbiif qulqulleessu ani ittiin dhufeen hordofe, inni ana irraayyi. Namni namoota jaallatee fi hordofe, isaan waliin ta’a. “Namni na dide immoo dhugumatti Ati Araaramaa, Rahmata Godhaadha.” Kuni warroota karaa isaa hordofuu didanii fi jallataniif yommuu Nabii Ibraahim (aleyh salaam) Rabbiin irraa araaramaa fi rahmata kadhatu mararfannaa isaa agarsiisa.[3]

Kanaafu, Makka iddoo sanamni itti gabbaramu (waaqefatamu) osoo hin ta’in iddoo Rabbiin tokkichi itti gabbaramu turte. Garuu adeemsa keessa amantiin Nabii Ibraahimi fi Ismaa’il jijjiramu eegale. Namni jalqabaa sanama Makkaan keessa seensisee, “Amr bin Aamir bin Luhayy” jedhamudha. Namni kuni hogganaa isaanii ture. Inni nama jalqabaa amantii Ismaa’il irraa jallatee fi sanama dhaabun namoota akka gabbaran itti kakaasedha. Yeroo tokko Makkaan irraa gara Sooriyaa daldalaaf deeme. Achitti namoota sanama gabbaran ni arge. Inni gocha kana garmalee dinqisifachuun sanama garii fidee Makkaan keessatti dhaabe. Ergasii namoonni garmalee akka ol-guddisanii fi gabbaran itti ajaje.[4]

Namni kuni ammas wanta Rabbiin haraama hin goone haraama godhe, horii keessatti wanta duraan hin jirre ni uume. Akkuma bakka garii Oromoo keessatti kuni horii wadaajati hin tuqamu jedhani adda baasan innis kuni horii sanamaaf gadi dhiifame hin tuqamu jechuun labse. Kuni hundi wanta Rabbiin hin hayyamneedha. Wanta tokko haraama ykn halaala kan godhu Rabbiin qofa. Ilmi namaa olka’e ragaa tokko malee kuni haraama, kuni halaala jechuu hin danda’u. Namni armaan olii kuni badii guddaa waan hojjateef Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan:
“Amr bin Aamir bin Luhayy Kuzaa’iyy mar’imaa isaa ibidda keessa kan harkisuu ta’ee isa arge. Inni nama jalqabaa sawaa’iba godheedha.” (Sawaa’iba jechuun sanamaaf jedhanii horii gadi lakkisuudha. Horiin kuni homtu itti hin fe’amu. Bilisa ta’a)” Sahiih Al-Bukhaari 3521

Ammas akkana jedhamee jira: Qureeshota keessatti sanama gabbaruun kan jalqabame suuta suutani. Namooni gariin yommuu Makkaan irraa gara biraa deeman dhagaa Harama (Ka’abaa fi naannawa ishii) irraa fuudhanii of waliin deeman. Kanas kan godhan iddoo qulqulluu kana (Harama) kabajuu fi yaadachuufi jedhaniiti. Hanga dhagaa isaanitti bareede gabbaran gahanitti gocha kana itti fufan. Dhaloonni boodarra dhufees sababa dhagaan itti gabbaramuu fi kabajamuu jalqabamee wallaalan. Qureeshonni akkuma biyyoota naannawa isaanii dhagaa gabbaruutti gammadan.[5]

(Seenaa keessatti sheyxaanni suutuma suutaan namoota karaa haqaa irraa jallise jira. Jalqaba wanta xiqqoo irraa akka eegalan isaanitti hasaasa. Ergasii hanga amanti keessaa bahanitti wanta guddaa bira gahu.Seenaa keessatti kanaaf ummanni Nuuh fakkeenyaa guddaa ta’uu. Yommuu Nabii Nuuh (aleyh salaam) Rabbiin qofa gabbaruutti isaan waamu, ummanni suni akkana akka jedhan Qur’aanni nuuf hima:

71:23

“Gabbaramtoota keessan hin dhiisinaa; akkasumas, Wadda, Suwaa’a, Yaghuus, Ya’uuqa fi Nasra hin dhiisinaa [waliin] jedhan.” Suuratu Nuuh 71:23

Kunniin maqaalee sanamaa ummanni suni gabbaraa turaniidha. Akkamitti sanama kanniin suuta suutaan akka gabbaran mufasiroonni ni himu:Tafsiira aayah tanaa ilaalchise ibn Kasiir akka gabaasetti Muhammad bin Qays ni jedha: “Yaghuus, Ya’uuqa fi Nasra” kunniin Aadamii fi Nuh jidduu namoota gaggaarii (saalihota) turan. Hordoftoota isaan hordofan qabu turan. Yommuu namoonni gaggaariin kunniin du’an, namoonni isaan hordofan ni jedhan, “Osoo fakkii isaanii kaasne, yommuu isaan yaadannu caalatti ibaada keessatti nashaaxaa (fedhii guddaa) akka argannu nuuf ta’a.” Fakkii namoota kanaas ni kaasan. Ergasii hordoftoonni kunniin yommuu du’anii dhaloonni itti aanu dhufu, ibliisni isaanitti dhiyaachun akkana jedheen, “Isaan (abbootin keessan) fakkiwwan kanaa gabbaraa turan. Isaan gabbaruun rooba argatu.” [Namoonni kunis waswasaa isaa kana dhugaa se’anii] fakkiiwwan kanniin gabbaran.” Tafsiiru Ibn Kasiir 8/235-Daaru Xayba)

Kanaafi, suuraa wanta lubbuu qabuu bocuu fi kaasun shirkitti waan nama geessuf dhoowwame. Islaamni tarkaanfi jalqabaa gara shirkiitti nama geessan hundaa fi namoota kabajuu keessatti daangaa darbu dhoowwee jira. Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
‏ لاَ تُطْرُونِي كَمَا أَطْرَتِ النَّصَارَى ابْنَ مَرْيَمَ، فَإِنَّمَا أَنَا عَبْدُهُ، فَقُولُوا عَبْدُ اللَّهِ وَرَسُولُهُ ‏”‏‏.‏
Akkuma Kiristaanonni ilma Mariyam faarsu keessatti daanga darban isinis ana faarsu keessatti daangaa hin darbinaa. Ani gabricha Rabbii qofa. Kanaafu, gabricha Rabbii fi Ergamaa Isaa jedhaa.” Sahiih Al-Bukhaari 3445

Kiristaanonni Iisaa (Iyyasuus) (nageenyi isarratti haa jiraatu) garmalee faarsu fi ol-guddisuun hanga akka gooftaatti ilaalan gahan. Fakkii isaa kaasun “kuni gooftaa keenya” jedhu. Wantuma ummanni Nuuh hojjatan, Kiristaanonnis hojjatan. Gooftaan isaanii Iyyasuusin osoo hin ta’in Rabbii tokkicha. Rabbiin Gooftaa Tokkicha fakkaata hin qabneedha.

Gara Qureeshotaati fi addunyaa yeroo sanaatti yommuu deebinu, sanama ykn taabota gabbaruun addunyaa hunda kan guutee fi dukkaneessedha. Dukkana kana keessaa karaan itti bahan ergaan ifaa Rabbiin irraa dhufuudha. Aduun Islaama lamuu ifuuf walakkaa jaarraa 6ffaa booda mallatooleen mul’achuu jalqaban. Mallatoolee kanniin keessaa warri arbaa Ka’abaa weeraruuf dhufan haala addaatin duubatti deebifamu fi Nabiiyyin bara kana keessa dhalachuudha. Kutaa itti aanu keessatti In sha Allaah waa’ee warra arbaa ni ilaalla.


Maddoota
[1] Rahiiqal Makhtuum (The Sealed Nectar)- fuula 16-21, (English),Safi’u Rahmaan Mubaarakpuri,  As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 19-20, Alii Muhammad Sallaabi
[2] Maddoota olii
[3] Tafsiiru sa’dii-fuula 494
[4] Mohammad The Last Prophet- A Model for All Time-fuula 17
[5] Siiratu Nabawi– fuula 125, Abul Hasan Nadawi

Siiraa-Lakk.5
Siiraa-Lakk.3
Offline dubbisuf

Leave a Reply