Siiraa-Lakk.5

Seenaa Warra Arbaa (As’haabul Fiil)
Seenaan kuni Qur’aana fi hadiisan kan mirkanaa’edha. Qur’aana keessatti suuratu fiil gara seenaa kanaa akeekti. Boodarratti suurah tana guutuu ishii ni dhiyeessina. Hadiisa keessatti immoo: Rasuulli (SAW) yeroo Hudeybiyah hanga bakka As-Saniyyah jedhamtu gahanitti adeemsa itti fufan. Bakka kanatti gaalli inni yaabbatu jilbifattee gara fuunduraatti deemu didde. Namoonni ni jedhan, “Hal,Hal! (Jecha kana yommuu gaalli deemu didde itti fayyadaman) Dhaabbachuu didde akkasumatti jilbifattee turtee. Ammas namoonni ni jedhan, “Al-Qaswaa [lafatti] gogde.(Al-Qaswaa gaala nabiyyiiti (SAW)). Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: Al-Qaswaan hin gogne, suni amala ishiiti miti. Garuu arba Kan qabetu ishiis qabee. (Akkuma Rabbiin arba Abraha gara fuunduraatti akka hin deemne dhoorge, gaala tanas akka hin deemne dhoowwe.) (Sahiih Al-Bukhaari 2731)

Seenaa warra arbaa ilaalchisee siiraa Nabiyyii Abu Haatim gabaase keessatti haala kanaan dhufee jira: Mootiin Yaman keessatti arba qabuun ni madaqse. Mootiin kuni hundeen isaa Abisiniyaa (Habashaa) irraayyi. Maqaan isaa Abraha jedhama. Sana’aa keessatti Betakiristaana ijaarun “Al-Qulleys” jedhee moggaase. Hajjii Arabootaa gara beetakiristaanaa kanaatti akka garagalchuu ni odeesse. Kana galmaan gahuuf gara Makkaa deemee Ka’aba akka diigu kakate. Mootota Himyar keessaa mootiin Zuu Nafar jedhamu lolaaf gara Abrahaatti bahe. Garuu Abrahaan isa moo’atee ni booji’e (ni hidhe). Zuu Nafar Abrahaan akkana jedhe, “Yaa Mootii! Na hin ajjeesin. Na ajjeessu irra na tursiisuun kee faaydaa siif qaba.” Innis ni tursiise garuu ni hidhe.

Ergasii Abrahan hanga biyya Khas’am jedhamtutti dhiyaatu gara Ka’abaa deemutti qajeele.  Yeroo biyya Khas’am tanatti dhiyaatu, Nufeyl bin Habiib Al-Khas’amiyyi fi gosoota Yaman irraa warri isa waliin jiran lolaaf gara Abrahatti bahan. Garuu Abrahaan isaan ni moo’ate, Nufeylinis ni booji’e. Nufeyl ni jedhe, “Yaa Mootii! Ani lafa Arabootaa garmalee beeka, kanaafu na hin ajjeesin. Harki lamaan kiyya kuni ummata kiyya irratti dhagahuu fi ajajamu qabu (kana jechuun ummanni kiyya akka siif ajajaman waadaa siif gala).” Innis isa ni tursiise. Nufeylis hanga Xaa’if gahuutti karaa Abrahatti agarsiisu itti fufe.

Xaa’ifitti namni Mas’uud bin Mu’attab jedhamuu fi namoonni gosa Saqiif irraa Abrahaan wal-qunnamuf bahan. Mas’uud ni jedhe, “Yaa Mootii! Nuti gabroota keeti. Si fi nu jidduu lolli hin jiru. Wanti ati barbaaddus nu bira hin jiru. Kan ati barbaaddu Mana Makkaan keessa jiruudha. Nuti nama gara sanitti si qajeelchu si waliin ergina.” Isaanis gabricha isaanii bilisa bahe maqaan isaa, “Abu Rughaal” jedhamu isa waliin ergan. Hanga bakka Mugammas jedhamu gahuutti Abu Rughaal isaan waliin deemun ergasii achitti du’e. Isa jibbuu irraa kan ka’e namoonni qabrii isaatti dhagaa darbu. Abrahaan Mugammas irraa nama maqaan isaa Aswad bin Maqsuud jedhamu loltu fuundura erge. Aswadi fi namoonni isa waliin jiran jiraattota Makkaatin wal-qunnamanii gaalota Abdul Muxxalib 200 ta’an qaban (fudhatan).

Ergasii Abrahaan nama Hunaaxah Himyariyyi jedhamu gara jiraattota Makkaatti ajaja kana waliin erge: Isaan keessaa nama hundarra kabajamaa ta’ee gaafadhu. Ergasii ani isaanitti waraana banuuf osoo hin ta’in Mana kana (Ka’abaa) diiguf qofa akka dhufe itti himi.” Hunaaxanis hanga Makkaan seenu deemu itti fufe. Ergasi Abdul Muxxalib bin Haashimin wal qunname. Hunaaxan ni jedheen: Isin yoo isatti waraana hin baniin, isinitti waraana banuuf akka hin dhufne sitti beeksiisuuf mootiin gara keetti na ergee jira. Mana kana diiguf qofa dhufe. Ergasii isin irraa garagala.” Abdul Muxxalibis ni jedhe, “Nu isaan wal hin lollu; Isaa fi manaa walitti gadi dhiifna (kana jechuun, nuti isa fuundura hin dhaabbannu. Yeroo muraasaf makkan gadi dhiisne baana.) Yoo Rabbiin Mana diigu irraa isa hin dhoowwin, Rabbiin kakadhe, isa waraanuf nuti humna hin qabnu.”

Hunaaxan, “Beena na waliin deemi” jedhe. Abdul Muxxalibis hanga bakka waraanni Abraha qubate gahuutti isa waliin deeme. Zuu Nafar hiriyyaa Abdul Muxxalib ture. Abdul Muxxalib, Zuu Nafarin ni jedhe, “Yaa Zuu Nafar! Wanta nutti bu’e kana nurraa deebisuu dandeessuu?” Innis ni jedhe, “Nama hidhamaa ganama ykn galgala ajjeefamu irraa nagaha hin taane bira gargaarsa maaltu jiraa? Garuu namticha arba eegu “Aniis” jedhamu itti siif erga. Kheeyri irraa wanta danda’e mootii biratti akka siif hojjatu fi sadarkaa ati qabduu akka ol guddisuu nan ajaja. Aniisitti ni erge, innis ni dhufe. Zuu Nafar ni jedheen, “Namni kuni hogganaa Qureeshati. Abbaa daldaltoota gareen deeman Makkaati. Lafa diriiraa keessatti namootaa fi gaara keessatti bineensota kan nyaachisudha. Mootin gaala 200 jalaa fudhate jira. Isa fayyadu yoo dandeesse isa fayyadi. Dhugumatti inni hiriyyaa dhiyoo kiyya.”

Aniis Abrahatti seenun ni jedhe, “Kuni Hogganaa Qureeshati. Abbaa daldaltoota gareen deemanii Makkaati. Lafa diriiraa keessatti namootaa fi gaara keessatti bineensota kan nyaachisudha. Sitti seenuuf hayyama si gaafata. Osoo isaaf hayyamte ni jaallatama. Diina sitti ta’uuf ykn si faallessuuf hin dhufne.” Abrahanis ni hayyameef. Abdul Muxxalib nama furdaa, guddaa fi bareeda ture. Abrahan yommuu isa argu, isa ulfeesse kabaje. Isa waliin siree irra akka taa’uu fi isa jalas akka taa’u ni jibbe. Lafa diriira irratti gadi bu’uun isa waliin ni taa’e. Abdul Muxxalib isaan ni jedhe, “Yaa Mootii! Qabeenya baay’ee narraa qabdee jirta. Kanaafu, naaf deebisi.” Abrahanis ni jedhe, “Yommuu si argu, na ajaa’ibsiifte turte. Garuu amma si dhiise.” Innis ni jedhe, “Maaliif?” Abrahanis ni jedhe, “Mana amantii keeti fi abboota keeti ta’e akkasumas eeggumsa isiniif ta’e diiguf dhufe. Waa’ee isaa ilaalchise natti hin dubbanne. Garuu waa’ee gaalaa 200 keeti natti haasofta.” Abdul Muxxalib ni jedhe, “Ani abbaa gaalota kanniiniti. Manni kuni Gooftaa isa eegu qaba.” Abrahan ni jedhe, “Anarraa mana kana hin eegu.” Abdul Muxxalib ni jedhe, “Suni dhimmi keeti.” Abrahanis gaalonni isaa isaaf akka deebifaman ni ajaje. Ergasi Abdul Muxxalib bahee oduu kana Qureeshota beeksise. Karaa gaaraa keessas akka faca’an ajaje. Abrahaan Mughammasatti gara Makkaa seenuf qophaa’e. meeshaa isaanii akka fe’an loltoota isaa ajaje. Arba isaa ni dhiyeesse. Dhaabbi irra osoo jiruu wanta irratt fe’u barbaade irratti ni fe’e.

Gara Makkaa deemuf yommuu qophaa’an, arbi gara fuunduraa deemu didee dhaabbate. Arbichi gara lafaatti maramee jilbifachuutti dhiyaate. Akaafan mataa isaa ni rukutan, garuu deemu ni dide. Itti deddeebi’anii gara fuunduraatti oofuf yaalan, garuu kan hin sochoone ta’e achitti hafe. Gara Yaman ni qajeelchan, innis gara kallatti kanaatti ni sussukee (ni deeme). Gara Makkaatti yommuu garagalchan immoo ni dhaabbate. Ergasi Arbi gaarota naannoo san jiran keessaa tokkotti dheesse.  

Loltoota irratti immoo Rabbiin (subhanaahu wa ta’aala) galaana irraa sinbira Balasaan fakkaattu isaanitti erge. (Balasaan muka magariisa habaabo qabuudha). Sinbirroo hunda waliin dhagaa sadii godhe. Dhagaa lamaa harkatti, dhagaa tokko immoo biiki afaanitti baadhatan. Dhagaan sinbirowwan baadhattan akka shunburaa fi misiraati. Yommuu loltoota irra balali’an dhagaa kana isaan irratti gadi furu. Hoomaa waraanaa keessaa namni tokko dhagaa kanaan yoo rukutame, yoosu du’a. Garuu namoonni hundi dhagaa kanaan hin rukutamne. Kana ilaalchise Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

Sila Gooftaan kee abbooti arbaa irratti akkam akka dalagee hin arginee? Sila shira isaanii dhabama hin goonee? Sinbira garee gareedhaan isaanitti erge. Dhagaalee xuubii (suphee gubate) irraa ta’an isaanitti darbiti. Akka alala (okaa) nyaatamee isaan taasise.”  Suuratu Al-Fiil 105:1-5

(Tooftaan isaan baasan Ka’abaa diigudha. “dhabama hin goonee?” Tooftaan isaan galmaan ni geenya jedhanii yaadan jalaa bade. Muraada isaanii (wanta yaadan) hin geenye.[1]Akka alala (okaa) nyaatamee isaan taasise.” Asf-wanta horiin nyaatu ykn irraa nyaatudha. Okaan horiin nyaatu bakka sadiitti qoodama: 1ffaa-Okaa nyaatamee gara faltiitti jijjirame. 2ffaa-okaa horiin irra deemee balfa (koshaashaa) ta’e. 3ffaa-baalli isaa nyaatamee kan jirmii isaa hafee fi gatame. Haaluma kanaan warri arbaas qooda sadii ta’an: Isaan keessaa qoonni 1ffaan– tortoranii fooliin isaanii ajaa’e. Hanga akka faltii horii ta’uutti qaamni isaanii ni jijjirame. Qoonni 2ffaan-walitti marqaman, gariin garii irra bahuun wal caccabsan. Akka margaa fi midhaanii horiin wanta isaanitti tolee nyaatanii kan hafee immoo irra deemanii caccabsan, warri kunis walirra babbahuun wal caccabsan. Margii fi midhaan horiin irra deeman kuni balfa gatamu ta’a. Qoonni 3ffaan-warri arbaa gariin isaanii asii fi achitti faffaca’an. Akkuma jirmaa fi sharxummee horiin baala irraa nyaatanii ergasii asii fi achitti bittinaa’an, warri kunis bakka adda addaatti faffaca’an.[2])

Rabbiin Abraha irratti dhibee qaama isaa miidhu itti erge. Loltoonnis biyya keessa darban hunda keessatti kukkufaa gara kallatti Yamanitti dheessan. Fiixen qubbin abrahas kukkuufu jalqaban. Dhawaatuma fiixen qubaa kukuftuun malaa fi dhiigni keessaa jiga. Yaman yommuu gahuu hiriyyoota isaa hafan keessatti akka caaccuti allaatti ta’e. Ergasii ni du’e.” (As-Siiratu An-Nabawiyyah, By Abu Haatim As-Subtii (fuula 34-39)

Ibn Isihaaqi fi Ibn Hishaam akka gabaasanitti, Abrahan gara Makkaa osoo deemaa jiru, Abdul Muxxalib qubee (wanta akka geengoo) balbala Ka’abaa irra jiru qabate. Qureshota irraas namoonni hagaa isa waliin dhaabbachuun Abraha irratti injifannoo akka argatan Rabbiin gargaarsa kadhatan. Ergasii Abdul Muxxalib qubee balbala Ka’abaa gadi fure. Isaa fi namoonni isa waliin jiran gara gaaraatti dheessan. Gaara kana irra dhaabbachuun Makkaan yoo seene wanta Abrahaan hojjatu ilaaluf qophaa’an. Kana booda gabaasan seenaa akkaata Abraha fi loltoonni isaa itti badan hime.”

Barnootaa fi faaydaalee seenaa warra Arbaa kanarraa fudhatamu
1-Kabajni Ka’abaa ifa bahuu. Ka’abaan mana jalqabaa ibaadaf dachii irratti hundeefame ta’uu waliin kabajni fi gatiin inni qabuu guddaadha.

2-Namoonni ummata ganan dhumarratti salphinna ofirratti fidu. Arabni gariin Abrahaf basaastu ta’an, gariin immoo gara Ka’abatti qajeelchuuf walii-galan. Namoonni kunniin jiruu tanaa fi Aakhiratti abaarramanii jiru. Mee ilaali akka fakkeenyatti Abu Rughaal. Qabriin isaa mallattoo ganuu taate. Seenaa keessatti namoonni garmalee isa jibbu. Namni kamu yommuu qabrii isaa biraan darbu dhagaan rukuta.

3-Dhugaan waraanaa Rabbii fi diinota Isaa jidduutti adeemsifame ifa bahuu- Abdul Muxxalib akkana jechuun ergamaa Abrahaatti hime, “Nu isaan wal hin lollu; Isaa fi manaa walitti gadi dhiifna (kana jechuun, nuti isa fuundura hin dhaabbannu. Yeroo muraasaf makkan gadi dhiisne baana.) Yoo Rabbiin Mana diigu irraa isa hin dhoowwin, Rabbiin kakadhe, isa waraanuf nuti humna hin qabnu.” Kuni waraana Rabbii fi diinota Isaa jidduutti adeemsifamu agarsiisuf jechoota gadi fageenyaan kan ibsameedha. Hanga fedhe humni diinota guddaa haa ta’u, sakandii takkaaf humnaa, qabaa fi dandeetti Rabbii fuundura dhaabbachuu hin danda’an. Inni (subhaanahu) jireenya kan kenneedha. Yeroo fedhettis kan fudhatuudha.
4- Kabajni Araboonni Mana Rabbii qulqulluuf qaban ni dabale. Mana kana, tapha mufsidoota (balleessitoota) fi warra mala baasan irraa ni eege. Akkasumas, Kabajni Araboonni Qureeshotaaf qaban ni dabale. Ni jedhan, “Isaan namoota Rabbiiti. Inni isaaniif gahe, diina isaan irraa deebise.”

5-Seenaan Arbaa ragaa Nabiyummaa agarsiisan keessaa tokko-Hayyoonni akka Al-Maawardii fi Ibn Taymiyyah seenan arbaa mallattoolee nabiyummaa Muhammad (SAW) agarsiisan keessaa tokko akka ta’etti ilaalu. Taateen arbaa kuni erga adeemsifamee booda Nabiyyiin guyyaa 50 booda dhalatan.

Yommuu dhaloonni Nabiyyi dhiyaatu, mallattoolee Nabiyumma agarsiisan ni baay’atan. Mallattolee gurguddoo kanniin keessaa wanta Abraha fi loltoota isaatti uumameedha. Akkamitti? 1ffaa-Osoo Qureeshonni Abraha waliin wal lolanii fi ergasii injifatamanii, silaa isaan booji’amuun gabra taasifamu. Garuu Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) Abraha balleessun Nabiyyii akka gabraatti dhalachuu irraa ni eege. 2ffaa-Amantii fi gocha isaanii irratti hundaa’e Qureeshonni loltoota Arbaa irraa eeggamuun isaaniif hin malu. Isaan warra kitaaba irraa hin turre. Kana irra, warra sanama gabbaranii fi dhugaa irraa garmalee fagaataniidha. Gara Makkaan eegutti yommuu dhufne, wanti baay’ee barbaachisaan Ka’abaa kabajuu fi Nabiyyiif karaa laaffisuudha. Yommuu Araboonni wanta Rabbiin warra arbaatti hojjate beekan, Makkaa fi Qureeshota kabaja guddaan kabajan.

Ibn Taymiyaan ni jedha, “Taateen Arbaa kuni, bara Nabiyyiin (SAW) itti dhalate keessa adeemsifame. Namoonni naannawa Ka’abaa jiraata turan mushrikoota sanama gabbaran turan. Amantiin Kiristaanaa (Kana jechuun amantin Abraha) amanti mushrikoota sanama gabbaranii (idol worshipers) caala. Kanaafu, mallattoon kuni (haala ajaa’ibsisaan loltoota Abraha balleesun) warroota achi jiraataniif kan adeemsifame osoo hin ta’in, Ka’abaa [eeguuf] yookiin Nabiyyi bara kana dhalateef ykn isaan lamaanifu ta’a. Kanniin keessaa kamillee yoo ta’e, taateen arbaa kuni mallattoo nabiyummaa isaa agarsiisudha.”

Waa’ee taatee arbaa kana osoo dubbatu Ibn Kasiiris ni jedha, “Kuni ergama Nabiyyitiif (SAW) mallattoo fi haal-dureedha. Sababni isaas, nabiyyiin bara kana dhalate. Akka waan Qureeshotaan akkana jedhameeti: Yaa tuuta Qureeshotaa! Isin Habashaa caalaa gaarii waan taataniif Rabbiin isin isaan irratti hin gargaarre. Garuu Mana durii (Ka’abaa) kan gara fuunduraatti Nabiyyii xumuraa (SAW) erguun isa kabajuu fi tasgabbeessuu eeguuf [waraana Abrahaa balleesse].”[3]


Maddoota
[1] Zaadul Masiir-1590
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-2/18-19, Abdurahmaan Habanka
[3] As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 39-44, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/67-75

Print Friendly, PDF & Email
Siiraa-Lakk.6
Siiraa-Lakk.4

Leave a Reply