Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 2.1

Offline dubbisuf

Ar-Rabb
Namni jireenya keessatti gammachuu fi milkaa’inna argachuuf wantoota sadii beeku qaba: 1ffaa-wanta gammachuu fi milkaa’inna isaaf argamsiisu beeku. 2ffaa-Karaa wanta sanitti nama geessu beeku, 3ffaa-Karaa kana keessa deemudha.[1] Wanti hundarra guddaan gammachuu fi milkaa’inna argamsiisu Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) beekuu fi itti amanuudha. Karaan Isatti nama geessu immoo Ibaadadha. Waa’ee ibaada beekanii fi karaa kanarra deemun dhugumatti gammachuu fi milkaa’inna addaan hin cinnetti nama geessa. Kanaafi, Qur’aana keesssatti, Rabbiin ni jedha “Ana gabbaraa, kanatu karaa qajeeladha.” (36:61). Isa qofa gabbaruun karaa qajeela Rabbitti nama geessudha. Ergasii gahuumsa isaanii yoo gahan, gammachuu fi milkaa’inna argatan ni hima: “Namni Rabbitti amanee fi hojii gaggaarii hojjate, [Rabbiin] hamtuwwan isaa isarraa harcaasee Jannata jala ishii laggeen yaa’an isa seensisa; isaan abadii achi keessa jiraatu. Suni Milkaa’inna Guddaadha.” (64:9)

Rabbitti amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuuf tarkaanfin jalqaba namni fudhatu qabuu, Rabbii ofii beekudha. Karaan Rabbii ofii itti beekan maqaalee fi sifaata Isaa qo’achuudha. Maqaalee fi sifaata Rabbii (subhaanahu) yeroo darbe jalqabne turre. Har’as itti fufuun maqaa 2ffaa ni ilaalla. Innis Ar-Rabb.

A.Hiika “Ar-Rabb (Gooftaa)”
Jechi Rabb jedhu galmee afaanii keessatti hiika baay’ee qaba. Garuu yeroo sirritti qoratame hiikni ArRabb (Gooftaa) jedhu hundee sadiitti deebi’a. Hiikonni biroo hiikota sadan kanniin jalatti ramadamu danda’u.

1ffaa- Jechi Rabb jedhu hiika Maalik jedhu qaba. Maalik jechuun wanta tokko qabaachu, abbaa itti ta’uu fi too’achudha. “Fulaanu Rabbud-daari” yommuu jedhamu, “ebalu abbaa manaati” jechuu isaati. Haaluma kanaan Rabbu daabbati- jechuun abbaa beelladaa. Namni waa qabu hundi wanta saniif rabb ta’a. Kana jechuun mirga abbummaa irratti qabaata. Wanti suni kan isaa ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa waan uumef Rabb (Gooftaa) wantoota hundaati. Wantoonni uumaman hundi kan Isaati.
2ffaa- Jechi Rabb jedhu hiika Bulchaa ajaja isaatiif bulan (As-Sayyidul Muxaa’a) qaba- 
Hayyuu lugaa Arabiffaa ibn Munzir ni jedha: Rabbeytul qawma (ummata bulche)- kana jechuun ani isaanii ol ta’e. Ni jedhama: Rabba fulaanu qawmahu- ebalu ummata isaa bulche, isaaf kan masakaman (ajajaman) taasise.
3ffaa- Jechi Rabb jedhu hiika “waa kan fooyyessu, qindeessu, guddinnaa fi kunuunsa isaatiif kan dhaabbatu” qaba. Inumaa, haayyoonni gariin jechi rabb jedhu jecha tarbiyah jedhu irraa kan dhufeedha jedhu. Sababni isaas Rabbiin subhaanahu haala uumamtootaa kan sirreessu, qindeessu, isaan guddisuu fi kunuunsudha.  Tarbiyah jechuun guddisuu, kunuunsu, barsiisuu fi wanta guddinnaf barbaachisu biroo dhiyeessudha.[2] 

Wanta armaan oliitti kaasne Ibn Jariir Xabari (rahimahullahu) akkana jechuun guduunfa: “Haasawa Arabaa keessatti Ar-Rabb hiika baay’ee qaba. Sayyid (bulchaan) isaan keessatti ajaja isaatiif bulan “Rabb” jedhama. Namni wanta tokko fooyyessuu fi tolchu, “Rabb” jedhama. Namni wanta tokko qabu, “Rabbahu” jedhama. Kanaan alatti hiika biraatiifis itti fayyadaman. Garuu hiika sadan kanniin jalatti deebi’u. Rabbiin keenya faarun Isaa olta’e, Sayyidi (Bulchaa) fakkaataa homaatu hin qabnee fi bulchiinsa Isaa keessattis fakkaataan homaatu kan Isaaf hin jirreedha. Qananii isaan irratti dhangalaasun dhimma uumamtoota Isaa Kan fooyyessuudha. Inni Maalika uumuu fi ajajuun kan Isaa ta’eedha.”[3]

Ammas, Ibn Al-Qayyim ni jedha: “Ar-Rabb bulchaa, Maalika, uumamtoota Kan qananiisu, Kan guddisuu fi Kunuunsu, Kan fooyyessudha. Haala hunda kana keessatti Allaah “Ar-Rabb”(Gooftaa) dha.

Hiika Ar-Rabb ilaalchisee Abdurahmaan Sa’dii ni jedha: Ar-Rabb (Gooftaan) uumamtoota hundaa qananii Isaatiin kan guddisuu fi kunuunsu, kan argamsiisee fi wanta guutummaa isaaniitif maluuf kan qopheesse, wanta isaan barbaadan kan isaaniif dhiyeesse, wanta hundaa uumama (boca) isaaf maluu kan kenneef, ergasii uumama hundaa gara wanta uumameefitti kan qajeelchudha. Gabroota Isaa irratti qananii dhangalaasa. Isaan ni guddisa, ni soora, guddinnaa fi kunuunsa guutuun isaan guddisa, kunuunsa.

Tarbiyyaa fi Gooftummaan Isaa gosa lama:
1ffaa-Gooftummaa waligalaa uumama gaariis ta’i badaa, mu’minas ta’i kaafira hundaaf ta’eedha- Kuni uumuu, rizqii (soorata) isaaniif kennu, haala isaanii qindeessuu, sirreessu fi too’achuu, qananii hundaan isaan qananiisudha. Kana keessatti Isa waliin qooda kan fudhatu (shariikni) hin jiru. (Kan wanta hundaa uumuu, razzaqu, too’atu fi waa hundaa qananiisu Rabbiin malee hin jiru.)

Kan samiiwwanii fi dachii keessa jiru hundi Isa kadhata. Guyyaa hundaa Inni hojiitti jira. Tola Gooftaa keessanii keessaa kamiin kijibsiiftuu?” Suuratu Ar-Rahmaan 55:29-30

(“Guyyaa hundaa Inni hojiitti jira.” garii ni duroomsa garii immoo ni hiyyoomsa, garii ni jiraachisa garii immoo ni ajjeesa, garii sadarkaa isaanii olkaasa garii immoo gadi buusa, dhibama ni fayyisa, rakkataa rakkoodhaa baasa, fi hojiiwwan biroo ni hojjata. Inni wanta barbaadu hunda Kan hojjatuudha. Hojiwwan hanga fedhan haa baay’atan gonkumaa Isa hin ko’oomsan (biizi hin godhan).)

2ffaa-Tarbiyyatu Khaassatu (Guddinnaa fi kunuunsa addaa ta’ee)- kuni guddinnaa fi kunuunsa warroota Isatti amananii fi Isa sodaataniif godhuudha. Inni warroota amananii fi Isa sodaatan ni guddisa, ni barsiisa, ni kunuunsa, Isatti akka amananii fi hojii gaggaarii akka hojjatan isaan waffaqa (milkeessa). Dukkana wallaalummaa, badii fi kan biroo keessaa gara ifa beekumsaa fi iimaanatti isaan baasa, rakkinna keessaa gara laaffinnaatti isaan ceesisa, kheeyri hunda isaaniif laaffisa, sharrii hundarraa isaan eega. Kanaafi, du’aayin nabiyyoota, warroota sammuu qabanii fi qulqulluu ta’anii Qur’aana keessatti dhufan maqaa “Rabb” jedhuun jalqabu. (Wanta barbaadamu armaan olii sammuu keessatti galchuun, “Yaa Rabb, Rabbi, Rabbanaa” jechuun kadhatu. Guddinnaa fi kunuunsa addaa kana barbaadun maqaa kanaan Isa kadhatu.)[4]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Inni Gooftaa namootaa akka ta’ee nutti beeksiise jira:

114:1

Jedhi, “Gooftaa namootaattiin maganfadha.” Suuratu An-Naas 114:1

Gooftaa namootaa ta’uun wantoota kanniin of keessatti qabata: Isaan uumuu, isaan too’achuu, isaan guddisuu fi kunuunsu, isaan fooyyessuu, wanta isaan fayyaduu fi isaan itti hajaman isaaniif fidu, sharri isaan irraa ittisuu, wanta isaan balleessu irraa isaan eegu. Kuni hiika Gooftaa namootaa ta’uuti. Kuni Dandeetti Isaa guutuu, rahmata Isaa bal’aa, tola Isaa, haala isaanii tokkoon tokkoon beeku, kadhaa isaaniitiif deebii kennu fi rakkinna isaan irraa oofu of keessatti hammata.”[5]

Kanaafu, Rabbiin Gooftaa namootaati yommuu jennu “Kan isaan uumee, too’atu, guddisuu fi kunuunsu, isaan fooyyesuu, qananiisu, wanta isaan barbaadan hunda isaaniif fidu fi wanta isaan miidhu hunda isaan irraa deebisuu Rabbiidha.” jechuu keenya.

B.Sifaata Maqaan kuni of keessatti qabate
Sifaanni (amaloonni) maqaan Ar-Rabb (Gooftaan) of keessatti qabate: uumuu, argamsiisuu, too’achuu fi hojiwwan [biroo hojjachuu]dha.[6] Gooftaan waan hundaa uumuu, dhabama irraa kan argamsiisu, too’atu, qananiisu, ajjeesu fi yeroo fedhetti kaasu Allaah dha.

C.Ibsa Aayatoota (keeyyattoota) Qur’aanaa muraasa maqaa kana of keessaa qabanii

“Yaa namoota! Akka mutaqqoota (warroota Rabbiin sodaatan) taataniif Gooftaa keessan Kan isinii fi warroota isiniin duraa uume gabbaraa. [Rabbiin] Kan dachii afaa, samii immoo ijaarsa gubbaa (xaaraa) isiniif taasisee fi samii irraa bishaan buusee ergasii isaan (bishaan kanaan) soorata akka isiniif ta’u samaraata (fuduraaf kuduraa, midhaan) baasedha. Kanaafu, osoo beektanuu Rabbiif shariikota hin godhinaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:21-22

Kuni ragaa cimaa Gooftummaa fi Uluhiyyah Rabbii itti mirkaneessuuf dhiyaatedha. Aayaanni (keeyyattoonni) kunniin haala hundarra bareedaa ta’een hundeewwan amantii mirkanneessanii jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, “Yaa Namoota!” jechuun jalqabe. Kuni ilmaan Aadam hunda kan dubbisuudha. Ergasii ni jedhe, “Gooftaa keessan gabbaraa” Gooftaa isaanii akka gabbaran ni ajaje. Qabiyyee jecha kanaa keessa ragaa ifaa “Isa gabbaruun dirqama” akka ta’e agarsiisutu jira. Sababni isaas, qananii fi tola Isaatin Kan nu guddisuu fi kunuunsu Isa erga ta’ee fi qaamni keenya guutuun, nafseen teenya fi wanti nuti qabnu hundi qabeenya Isaa erga ta’anii, Isa gabbaruu fi galata Isaaf galchuun dirqama. Kanaafi, “Gooftaa keessan gabbaraa” jedhe. “Gabbaramaa (ilaah) keessan” hin jenne. Ar-Rabb (Gooftaan)– Bulchaa, Maalik, Kan qananiisu, kan guddisuu fi kunuunsu, Kan fooyyessuudha. Allaah haala kana hunda keessatti Ar-Rabb (Gooftaa) dha. Dhimmi Isaa kan akkana ta’e gabbaruu caalaa sammuu fi uumama keessatti wanti hundarra dirqama ta’e hin jiru. (Kana jechuun dirqamni dirqamoota hunda caalu Rabbii Tokkicha gabbaruudha.)

Ergasii ni jedhe, “Kan isin uume” kanaanis Isa qofa gabbaruun dirqama akka ta’e ni beeksiise. Sababni isaas, dhabama irraa jireenyatti Kan isin baase, shariika tokko malee Kan isin argamsiise Isa. Akkuma isinu mirkaneessitan Kan isin uumee fi argamsiise Isa. Qur’aana keessatti, “Eenyu akka isaan uumee osoo gaafatte, dhugumatti “Allaah” dha jedhu. Kanaafu akkamitti garagalfamuu?” (43:87). Inni Tokkichi Uumaa erga ta’e, akkamitti Inni Tokkichi Gabbaramaa hin taanee? Uumuu keessatti Inni shariika akka hin qabne mirkaneessitanii osoo jirtanu akkamitti gabbarri (ibaada) keessatti Isa waliin shariika gootuu? Kuni karaa Qur’aanni tawhiida uluuhiyyah mirkaneessuf akka ragaatti tawhiidu rubuubiyyah itti dhiyeessudha.

Ergasii ni jedhe, “warroota isinin duraas [kan uumee]” Isinii fi abboota keessan darban hunda kan uumee Isa tokkicha akka ta’e ni beeksiise. Warra darbee uumuu fi isin uumuu keessatti eenyullee Isa waliin qooda hin fudhanne (hin hirmaanne).  Rabbiin Olta’aan isaan uumuun dandeettin, fedhiin, beekumsi, ogummaa fi jireenyi Isaa guutuu ta’uu agarsiisa. Kunis sifaata, hojiwwanii fi sifaata Isaa keessatti Tokkicha ta’uu of keessatti qabata. Sifaata Isaa keessatti fakkaataa hin qabu, hojiwwan Isaa keessattis shariika (Isa waliin kan hirmaatu) hin qabu.[7]

la’allakum tattaquun (Akka muttaqqoota taataniif)” jedhu hiika lama qaba:  1ffaa– yoo Rabbiin qofa gabbartan, dallansuu fi azaaba (adabbii) Isaa irraa of eegdu. Sababni isaas, dallansuu fi azaabni Isaa akka namarraa deebi’uuf wanta sababa ta’uu waan hojjattaniif. Dallansuu fi azaabni Isaa akka namarraa deebi’uuf wanti sababa ta’u “Rabbiin qofa gabbaruudha”. 2ffaa- Yoo isin Rabbiin qofa gabbartan, warroota Rabbiin sodaatan (muttaqoota) kanneen amaloota taqwaatiin ibsaman keessaa taatu. Hiikni kunniin lamaan sirrii fi kannen wal qabataniidha. Namni ibaada haala guutuu ta’een hojjate warroota Rabbiin sodaatan (muttaqoota) irraa ta’a. Namni warroota Rabbiin sodaatan irraa ta’e immoo azaaba fi dallansuu Rabbii jalaa nagaha baha.[8]

Itti aanse ni jedhe, “[Rabbiin] Kan dachii afaa, samii immoo ijaarsa gubbaa (xaaraa) isiniif taasisee fi samii irraa bishaan buusee ergasii isaan (bishaan kanaan) soorata akka isiniif ta’u samaraata (fuduraaf kuduraa, midhaan) baasedha.” Ragaa biraa ogummaa Isaa uumamtoota keessa jiru agarsiisuuf ni dhiyeesse. Ragaan jalqabaa hundee uumuu fi argamsiisu of keessaa qaba. Kunis ragaa argamsiisuu (Daliilul Ikhtiraa’i wal Inshaa’i)” jedhamuun waamama. Ragaan 2ffaa immoo bulchiisaa fi too’annaa uumamtoota Isaa keessatti mul’atu of keessatti qabata. Kunis Ragaa xiyyeeffannoo itti kennuu (kunuunsu) fi ogummaa (Daliilul Inaayati wal hikmati)” jedhama. (Jalqaba, Kan namoota ammaa fi durii uumee Isa akka ta’e ni beeksiisa. Kuni Ragaa Argamsiisuti. Ilma namaa Rabbiin malee eenyullee uumuu hin danda’u. Dachii afaa, samii immoo xaaraa gochuun bishaan samii irraa buusee lafa keessaa firaafiree fi midhaan baasun isaan nyaachisa. Kuni ragaa xiyyeeffannoo itti kennu, isaan kunuunsu fi eeguti. Rabbiin malee bishaan kan samii buusu ni jiraa?)

Rabbiin subhaanahu ragaalee lamaan kanniin Qur’aana keessatti irra deddeebi’uun dhiyeessa. Suurah Baqarah keessatti tasgabbii uumamtootaa tan taate dachii ni dubbata. Xaaraan immoo samiidha. Bu’uura faayda uumamtoota kan ta’e bishaan samii irraa buusus ni dubbata. Iddoo jireenyaa fi jiraattoota, wantoota faayda qaban irraa wanta itti hajaman ni kaasa. Ogummaa guutuu Isaatiin dachii afaa akka godhe ni beeksiisa. Xaaraa ishii (samii) immoo ijaarsa wal-qabatee fi wal-qixxaate kan baqaqiinsi fi wal darbuun homaatu keessa hin jirre godhe.

Itti aanse ni jedhe, “Kanaafu, osoo beektanuu Rabbiif shariikota hin godhinaa.” Kana jechuun hojiwwan kana hunda kan hojjate Rabbii Tokkicha erga ta’e, hojii Isaa keessatti sharika Isa waliin hirmaatu akka hin jirre beektanii osoo jirtanuu, akkamitti Isaaf shariikota gootuu? Tawhiida keessatti ragaa ifaa nama quubsu fi fayyisu irraa wanta jechoota kana jala jiru sirritti itti xinxalli.[9] (Shariika jechuun kan nama waliin hirmaatu)

Guduunfa
⇨ Ar-Rabb (Gooftaa) jechuun Kan wantoota hundaa uumu, qananii Isaatiin guddisuu fi kunuunsu, bulchuu fi too’atudha. Uumamtoota hundaa kan uume, isaan qananiisu, nyaachisu, obaasu, too’atu, wanta isaan fayyadu isaaniif fidu fi wanta isaan miidhu isaan irraa ittisu Rabbii Tokkicha erga ta’e, dirqamni uumamtoota irra jiru Isa qofa gabbaru fi galata Isaaf galchuudha.
⇨ Kan si uumee fi si kunuunsuf galata yoo hin galchin, kuni amala badaa hin ta’uu? Samii irraa bishaan roobsun midhaan nyaatamu lafaa kan biqilchuuf galata yoo hin galchinii fi hin ajajamin, kuni ganuu (kaadu) hin ta’uu?


Maddoota
[1] Risaalatu Ibni Al-Qayyim ilaa ahadi ikhwaanihi-fuula 28
[2] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 56, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[3] Fiqhu Asmaa’il Husnaa-79, Tafsiira Xabarii-1/142-143
[4] Fathu Rahiimil Maliikil Allaam-fuula 64, Fiqhu Asmaa’ul Husnaa fuula 80-81
[5] Sharih Ibn Al-Qayyim li Asmaa’il Husna-fuula 43-44, Umar Ashqaar
[6] Madda olii
[7] Bidaa’u Tafsiir-1/106, Ibn Al-Qayyim
[8] Tafsiir Sa’diyy fuula 34 
[9] Bidaa’u Tafsiir-1/107

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 2.2
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 1.2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply