Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 2.2

D-Bu’aa namni Maqaa “Ar-Rabb” beeku fi itti amanuun argatuu
Namni akkuma hiika maqaalee Rabbii (Subhaanahu) sirritti beeku fi itti amanuun jireenya isaa keessatti jijjiramni dhufaa adeema. Kutaa darbe keessatti hiikni Ar-Rabb (Gooftaa) jedhu maal akka ta’e ilaale turre. Namni san hubatee hojii irra yoo oolche, bu’aa inni argatu muraasa isaa mee asitti haa eerru:

1-Kaayyoo uumamaniif beekuu– maqaan Ar-Rabb jedhu fi sifaanni inni of keessatti qabate namoonni kaayyoo maaliif akka uumaman isaanitti beeksiisa. Akkasumas, wanta isaan fayyaduu fi wanta isaan miidhu isaan barsiisa. [Rabbiin] Gooftaa uumamtoota hundaa waan ta’eef, gabroota Isaa akkanumatti isaan dhiisun, isaanitti Of beeksiisu dhiisun, wanta isaan fayyadu fi miidhu isaan osoo hin barsiisin dhiisun gonkumaa Isaaf hin malu.

23:115

Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin deebifamne ta’uu ni yaaddu?” (Suuraa Al-Mu’minuun 23:115)

(Namni piroojekti guddaa tokko yommuu hojjatu kaayyoo itti hojjatuuf beekaa miti ree? Fkn, Piroojekti manaa yommuu hojjatu, manni dheerinni fi bal’inni isaa, kutaa hangam akka qabu, eessatti ijaarramu akka qabu, maaliif akka ijaarramu ni murteessa. Akkanumatti lafaa olka’e mana kaayyoo tokko malee ni ijaaraa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Tokkicha fakkaata hin qabne fi ogeessota hundarra ogeessa ta’e, samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran kaayyoo malee ni uumaa? Inni Gooftaa ilma namaati. Kana jechuun kan isaan uume, jiraachisu, qananiisu, eegu fi too’atu Isa. Kanaafu, ilma namaa kan uume, jiraachisu, qananiisu fi bulchu Isa erga ta’e, Isa qofa akka gabbaran ni ajaja, wanta isaan miidhuu irraa ni dhoowwa, wanta isaan fayyadutti ni ajaja. Ergasii, hojii isaanii irratti hundaa’e Guyyaa Murtii jazaa (mindaa) isaaniif kafala.)

2-Rabbiin Gooftaa akka ta’e beeku fi amanuun Isa qofa akka gabbaran nama taasisa– Samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran kan uume, jiraachisu, ajjeesu, sooru,too’atu Isa erga ta’e, gabbarriin (ibaadan) Isa qofaaf ta’a. Akkamitti makhluuqni (uumamni) dadhabaan gabbaramaa? Homaa kan hin uumne ta’e osoo jiru akkamitti jaalala, ol-guddisuu, gabbarrii keessatti Rabbii olta’aa waliin dorgomaa taasifamaa? Kuni wanta Rabbiin subhaanahu mushrikoota Gooftummaa Isaa mirkaneessanii garuu Isa qofa hin gabbarre ittiin falmeedha. Falmiin kuni Qur’aana keessatti bakka adda addaatti dhufee jira:

7:191

Sila wantoota ofiifu uumamoo ta’anii waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessu?” Suuratu Al-A’araaf 7:191
Kana jechuun sila wanta homaa uumuu hin dandeenye, inuma mataa isaatu uumamaa kan ta’e Rabbiin waliin gabbaruu (waaqefatuu)? Sanamni, taabonni fi uumamtoonni biroo namoonni gabbaran (waaqefatan) homaa uumuu, samii irraa bishaan buusu, lafa keessaa biqiltoota magarsuu hin danda’an. Kanaafu, wanta kana hunda hin hojjanne akkamitti waa irraa kadhatu, isaaniif of gadi qabuu?

“‘Samiwwanii fi dachii eenyutu uumee?” [jettee] osoo isaan gaafatte, dhugumatti Rabbii dha jedhu. Jedhiin, “Wanta Rabbii gadiitti kadhattan argitanii? Osoo Rabbiin miidhaa naaf fedhee, isaan miidhaa Isaa ni kaasu? Yookiin osoo rahmata naaf fedhee, isaan rahmata Isaa qabuu danda’uu? Jedhi, Rabbiin naaf gahaadha. Warri hirkatan Isarratti hirkatu.” Suuratu Az-Zumar 39:

Yaa warroota Rabbiin alatti wanta biraa gabbartan ykn waaqefattan! Mee itti xinxallaa wanta gabbartan (waaqefattan) san- osoo Rabbiin miidhaa fi rakkoo ani jibbu natti buuse, wanti isin gabbartan (waaqefattan) kuni miidhaa fi rakkoo natti bu’e narraa kaasu danda’uu? Ammas rahmata Isaatiin osoo na qananiise, wanti isin gabbartan qananii Isaa kana qabuu fi akka na hin geenye gochuu danda’uu? Itti yaadatii naaf deebisaa.

Wanti isin gabbartan miidhaa deebisuu fi rahmata qabuu kan hin dandeenye erga ta’ani, Kan nama fayyaduu fi miidhu danda’u Rabbii Tokkicha. Kanaafu, miidhuu fi fayyaduun Harka Isaa erga jiraate, Inni naaf gahaadha.  “Rabbiin naaf gahaadha.” Kana jechuun wanta Isaan ala jiru hundarraa Inni naaf gahaadha. Rabbiin ala wanta nama gargaaru hin dandeenyetti hin hajamu.[1] Waan gaarii kan naaf fiduu fi waan badaa kan narraa deebisu Isa waan ta’eef wanta barbaadu hunda Isa kadha.

3-Maqaa “Ar-Rabb (Gooftaa)” fi sifaata isaan wal-qabatuutti amanuun, Gooftummaa Isaatti, Isa gabbaruutti, wanta Inni murteessetti fi seera Inni baasetti (shari’aa Isaatti) akka gammadan nama taasisa. Gooftummaa Isaatti gammaduu jechuun gabrichi wanta Gooftaan isaa itti ajajuu fi wanta Inni dhoowwuutti gammaduu, akkasumas, wanta Inni isarratti murteessu, isaaf kennu fi Isa dhoowwatutti gammaduudha. Wanta Gooftaan isaa itti ajajuu gaarii akka ta’ee itti gammaduu fi wanta san hojjachuuf mirqaanu. Wanti Inni dhoowwe badaa akka ta’ee beeku fi irraa fagaachudha Akkasumas, wanti Rabbiin isarratti murteessu gaarii akka ta’e beekun itti gammaduu. Hadiisa keessatti: “Rabbiin mu’minaaf (nama dhugaan amaneef) murtii homaatu hin murteessu, isaaf kheeyri (gaarii) yoo ta’e malee.

Namni hanga Gooftummaa Rabbitti gammaduuttii fi wanta Gooftaan isaa itti ajaju hojjatuutti malee mi’aa iimaana hin dhandhamu. Kuni hiika hadiisa kanaati:
“‏ ذَاقَ طَعْمَ الإِيمَانِ مَنْ رَضِيَ بِاللَّهِ رَبًّا وَبِالإِسْلاَمِ دِينًا وَبِمُحَمَّدٍ رَسُولاً ‏”
Namni Rabbiin akka Gooftaatti, Islaama akka amantii isaatti, Muhammadin akka Ergamaattii itti gammade mi’aa iimaanaa dhandhame.Sahiih Muslim 34

Mee hadiisa kana jecha imaamu Ibn Al-Qayyimiin gabaabinnaan haa ibsinu: Hadiisni dhaabbannaa (maqaama) amantiin guutuun irraa naanna’uudha. Hadiisichi Gooftummaa Isaatti (subhaanahu), Gabbaramaa ta’uu Isaatti, Ergamaa Isaatti fi amanti Isaatti gammadu of keessatti qabata.

Gabbaramaa ta’uu Isaatti gammaduun, ‘Rabbiin qofa jaallachuutti gammaduu, Isa sodaachutti, Isarraa kajeelutti, gara Isaatti deebi’utti gammaduu’ of keessatti qabata. Kuni akka Isa gabbaruu fi hojii Isaaf qulqulleessu isa taasisa.
Gooftummaa Isaatti gammaduun, ‘Isarratti hirkachuutti gammaduu, Isa gargaarsifachuutti gammaduu, wanta Gooftaan isaa isarratti murteessu fi isatti hojjatu hundatti gammaduu” of keessatti hammata.

Rabbiin Gabbaramaa ta’uutti gammaduun, “ajaja Isaatti” gammadu of keessaa qaba, Inni Gooftaa ta’uutti gammaduun immoo “wanta Inni isarratti murteessutti” gammadu of keessaa qaba.
Ergamaa Isaatti gammaduun immoo nabiyyiif masakamu (ajajamuu) fi isaaf harka kennuudha. Dubbii nabiyyii irraa qajeelcha barbaada, murtiis yoo barbaade gara qajeelcha isaatti deebi’a.
Amanti Isaatti gammaduu jechuun immoo yoo waa jedhe, ykn murteesse ykn waa ajajee ykn dhoowwe, gammachuu guutuun itti gammada. Murtii isaatirraa qalbii isaa keessatti dhiphinni homaatu hin hafu.[2]

4-Mahabbah (Jaalala)– hiika Ar-Rabb (Gooftaa) keessaa tokko gabroota Isaa kan guddisuu fi kunuunsu, marsaa tokkorraa gara marsaa biraatti kan dabarsu fi isaan qananiisudha. Gooftaan Kan uumama isaanii miidhagsee fi waan hundaa boca isaaf maluu kennee ergasii qajeelchedha. Hiikni kuni hundi jaalala guddaa gabrichi Gooftaa isaatiif qabu, jaalala wantaa fi nama Inni jaallatuu qalbii isaa keessatti darba. Akkasumas, wanta Inni jibbuu akka jibbu, Isa gammachiisuuf, Isa ol-guddisuu fi garmalee kabajuuf, Isa galateefachuu fi faarsuf akka ariifatu isa taasisa.

5-Tawakkul (Isarratti hirkachuu)-Hiika Gooftaa keessaa tokko: Gooftaan uumamtoota Isaa sooruf (razzaquuf) itti gaafatamummaa kan fudhateedha; Isa bira kuusaan samii fi dachii kan jiru, mootummaa fi faarun hundi kan Isaati, ni jiraachisa, ni ajjeesa, Inni waan hundaa irratti danda’aadha. Namni kana yoo beeke qalbii isaa keessatti tawakkulli (Rabbiin irratti hirkachuun) ni cima. Wanta isa fayyadu argachuu fi wanta isa miidhu ofirraa deebisuuf Isarratti hirkata. Qalbiin isaa Rabbiin malee eenyumattu hin rarraatu, Isarraa malee eenyurrallee hin kajeelu, Isa malee eenyullee hin sodaatu. Akkamitti uumama (makhluuqa) akka isaa dadhabaa ofuyyuu fayyadu fi miidhu hin dandeenyetti rarra’aa? Ammas, Imaamu Ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) akkana jechuun hasaasa:

“Rabbiin tokkichi Gooftaa, Mootii fi Gabbaramaa keenya erga ta’e, yeroo rakkoo garri itti dheessan Isa malee hin jiru, Isa malee gabbaraman nuuf hin jiru. Kan kadhatamu, kan sodaatamu, kan abdatamu, kan jaallatamu Isa malee hin ta’u. Isaaf malee eenyufillee gadi ofi hin xiqqeessan, Isaaf malee eenyufillee gadi of hin qaban, Isarratti malee hin hirkatamu. Sababni isaas, kan ati abdattu, sodaattu, kadhattuu fi irratti hirkattu, takkaa kan si guddisuu, kunuunsu, dhimmoota keetin kan dhaabbatee fi eegudha, Inni Gooftaa keeti, Isa malee Gooftaan biraa siif hin jiru, takkaa immoo ati gabricha Isaa kan haqaa taata. Inni Mootii Haqaa namootaati. Hundi isaanitu gabroota Isaati.”[3]

6-Du’aayi gochuu-Hiika Gooftaa keessaa tokko Gooftaan faayda Kan namaaf fidu fi miidhaa namarraa ittisuu, rakkinna kan namarraa oofu fi haajaa namaaf guutuudha.Namni kana yoo beeke, haajaa isaa Gooftaa isaatirraa kadhata, waan hundaaf Isa abdata. Qur’aana Kabajama keessatti:

2:186

Yeroo gabroonni Kiyya waa’ee Anaa si gaafatan, “Dhugumatti Ani isaanitti dhiyoodha.” [Jedhiin]. Kadhaa kadhataatiif yeroo inni Na kadhate Nan awwaadha. Akka qajeelaniif jecha Naaf haa awwaatani; Nattis haa amanani.”  (Suuratu Al-Baqaraa 2:186)

Osoo namni tokko, “Aayan (keeyyanni) tuni nama Isa kadhateef deebii akka isaaf deebisu agarsiisti. Namoota Isa kadhatan (du’aayi godhan) baay’ee argita, garuu deebii hin argatan. Kuni maaliifi?” jedhee gaafate, deebiin kanaa haala kanaan dhiyeessun ni danda’ama:
1ffaa– Hadiisa Abu Sa’id gabaase keessatti Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: Muslimni kamiyyu du’aayi firummaa muruu fi badiin (diliin) keessa hin jirre yoo godhe, Rabbiin wantoota sadii keessaa tokko kennaaf: Takkaa du’aayi (kadhaa) isaatiif deebii kenna, takkaa [ajrii du’aayi isaa] Aakhiraatti kuusaaf, takkaa immoo wanta badaa isarraa deebisa.” Ahmad Musnad isaa keessatti gabaase

2ffaa-Du’aayin deebii argachuuf sharxiwwan (ulaagaalee) barbaaddi. Kanniin keessaa hundeen, Rabbiitti amanuu fi Isaaf ajajamuudha. Aayah armaan olii keessatti, “Naaf haa awwaatani; Nattis haa amanani.” Jedha. Isaaf awwaachun Isaaf ajajamudha. Ulaagaan biraa halaala nyaachu fi dhuguu. Haraama nyaachu fi dhuguun du’aayin deebii akka hin arganne godha. Akkasumas, sharxiin biraa qalbiin jiraachu (kana jechuun yommuu du’aayi godhan qalbeefachuu fi xiyyeeffannoo guutuu du’aayi irra gochuu). Hadiisa keessatti wanti akkana jedhu dhufee jira: “Du’aayin teessan akka qeebalamtu dhugaa (irgixanyaa) ta’uun Rabbiin kadhaa. Beekaa! Rabbiin qalbii gaafilaa taate irraa du’aayi hin qeebalu.” At-Tirmizi 3479

3ffaa-Tarii namni du’aayi godhu deebii ammatti argachuu gaarii akka ta’etti ilaala. Garuu yeroo inni barbaade kanatti isaaf gaarii miti. Kanaafu, deebii du’aayi tanaa tursiisuun boodarra yeroo sirrii ta’etti isaaf deebiisuun isaaf irra gaariidha.[4] (Kanaafu namni du’aayi gochuu irraa dadhabuu hin qabu.)


Maddoota:
[1]  Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-12/232-233, Abdurahmaan Habanka
[2] Madaarija saalikiin 499-500, Ar-Risaalaa Publisher
[3] Sharih Ibn Al-Qayyim li Asmaa’il Husna-fuula 29-30, Umar Ashqaar
[4] Zaadul Masiir-Ibn Al-Jawzi, fuula 107-108
Walillahi asmaa’ul Husnaa fud’uuhu bihaa– AbdulAziz bin Naasir Jaliil, 

Print Friendly, PDF & Email
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 3.1
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 2.1

Leave a Reply