Siiraa-Lakk.6

Sanyii Nabiyyii (Salallahu aleyh wassallam (SAW))
Kutaa darbe keessatti waa’ee gosa Qureesha yommuu ilaallu sanyii Nabiyyi tuttuqne turre. Sanyiin Nabiyyi sanyii hawaasa keessatti kabajamtu fi beekkamtu taatedha.Mee amma gaabbinnaan sanyii Nabiyyi haa ilaallu:
Imaamu Al-Bukhaarin sanyi Nabiyyi haala kanaan tarreessa (hubadhu: “Ibn” jechuun “ilma”)
Muhammad ibn Abdullah ibn Abdul-Muxxalib ibn Haashim ibn Abd-Manaaf ibn Qusayy ibn Kilaab ibn Murrah ibn Ka’ab ibn Lu’ayy ibn Ghaalib ibn Fihr ibn Maalik ibn Nadr ibn Kinaanah ibn Khuzaymah ibn Mudrikah ibn Ilyaas ibn Mudar ibn Nizaar ibn Ma’ad ibn Adnaan” Sahiih Al-Bukhaari 3851

Adnaan sanyii Ismaa’il (aleyh salaam) irraayyi. Namoota Adnaani fi Ismaa’il jidduu jiran maqaan isaanii sirnaan hin qabatamne ykn hin galmoofne. Galmeessitoonni seenaa fi warri sanyii lakkaa’u Adnaan sanyii Ismaa’il ibn Ibraahim ta’uu irratti wali galanii jiru.

Seenaa keessatti namoonni sanyii kabajamtu irraa ta’an kabajaa fi sadarka guddaa hawaasa keessatti qabu. Haala waligalaatin yommuu dubbannu, namni sanyii kabajama irraa ta’e mirga hoogganuu fi aangoo qabaachu hin dhoowwamu. Garuu namoonni nama sanyiin isaa gadi aanaa ta’e mirga hogganaa ta’uu, mootii, Pireezadanti fi kan biroo ta’uu ni gaafatu. Nabiyyiin (SAW) Nabiyummaaf waan qopheefameef, Rabbiin subhaanahu sanyii kabajamtuun isa badhaase. Kanaafu, namoonni akka ergaa isaa fudhatanii fi hordofan haala mijeessef.

Dhugumatti, Nabiyyiin (SAW) sanyii hundarra caaltu fi kabajamtu qaba. Inni sanyii Ismaa’il fi Ibraahim irraayyi. Akkasumas, deebii du’aayi Nabii Ibraahim (aleyh salaam) godheeti. Nabiyyiin (SAW) akkana jedhu: “Ani kadhaa abbaa kiyyaa Ibraahimii fi gammachiisa Iisaati.” (al-Haakim 2/600) Nabii Ibraahim yommuu Ka’aba ijaaru,”Yaa Rabbii isaan keessaa nabiyyii baasi” jechuun kadhate. Nabii Iisaaniis, ilmaan Israa’ilin, “Ana booda Nabiyyiin ni dhufa” jedhee gammachiise. (Ilaali Suuratu As-Saff 61:6)

Sanyiin kabajamtuu fi gaarii ta’uun nama dhimmoota gadi aanoo fi faayda hin qabne irraa oli isa kaasa. Dhimma ol’aanaa fi sadarkaa guddaatti akka xiyyeefatu isa taasisa. Ergamtoonni fi warroonni Islaamatti waaman sanyii isaanii qulqulleessuf garmalee carraaqu. Namoonnis qulqullinna kanaan isaan beeku, isaani ni faarsu, akkasuma dhugummaa isaanii ni amanu.

Abdullah ibn Abdul-Muxxalib Aamina bint Wahab fuudhu
Abdul-Muxxalib ijoollee kudhan qabaa ture. Isaan keessaa Abdullah nama kabaja ofii eeggatuu fi jaallatamaa ture. Abbaan Abdul Muxxalib dubartii Qureesha keessatti kabajamtu taate, maqaan ishii Aamina jedhamtu isatti heerumsiise. Aaminaan intala Wahabiti. Wahab sayyidi (hogganaa ykn bulchaa) gosa Bani Zuhrah ti.

Aaminaan erga Nabiyyi ulfoofte booda Abdullah osoo homaa hin turin du’e. Abdullan eessumoota isaa Madiinaa jiran Bani Adiyy ibn Najjaar jedhaman biratti awwaalame. Inni gara Sooriyaa daldalaaf deeme. Osoo deebi’aa jiruu duuti isaa Madinaatti isa dhaqqabde. Sanyii barakaa qabdu of duubatti dhiisee du’e. Akka waan akkanaa isaan jedhameeti, “Jireenya keessatti ergamni (mission) kee xumuramee jira. Garuu Daa’ima qulqulluu kana Rabbiin ogummaa fi rahmata Isaatiin ni kunuunsa, ilmaan namaa dukkana keessaa ifatti akka baasu ni qopheessa.

Dhaloota Nabiyyii (SAW)
Nabiyyiin (SAW) guyyaa Wiyxataa ji’a Rabbi’al Awwal irraa guyyaa 9ffaa keessa dhalate. Barri kuni bara arbaa (Aammul Fiil) jedhamuun beekkama. Asitti ji’a Rabbi’al Awwal keessa guyyaa meeqaffaa akka dhalate hayyoota jidduu garaagarummaatu jira. Gariin guyyaa 9ffaa jedhu, gariin immoo guyyaa 12ffaa jedhu.

Bakki itti dhalate immoo Makkaan keessa mana Abi Xaalib. Aaminaan erga deesse, gara Abdul-Muxxalibitti erguun, “Daa’imni siif dhalate” jetteen. Innis dhufee ni ilaale. Baadhatee gara Ka’abatti ni seenen. Dhaabbate Rabbiin kadhachuu fi Isa faarsu jalqabe. Ergasii, “Muhammad” jechuun moggaase. Maqaan kuni maqaa addaa ture. Araboonni maqaa kana ni ajaa’ibsifatan. (Muhammad jechuun Faarfamaa (kan namoonni faarsan) jechuudha.)

Dubartoota Nabiyyii(SAW) Harma Hoosisan
Erga Nabiyyiin (SAW) dhalate booda dubartiin isa kunuunsaa fi baadhataa turte Umm Ayman jedhamti. Umm Ayman Habashaa irraa yommuu taatu, gabritti Abbaa Rasuulaa (SAW) turte. Haadha isaa booda dubartiin jalqabaa Nabiyyi (SAW) harma hoosistee Suwaybah jedhamti. Ishiin gabritti Abu Lahab turte. Abu Lahab abbeeraa Nabiyyiiti. Suwaybiyyan Nabiyyi dura Hamza bin Abdul Muxxalib hoosiste, Nabiyyi boodas Abu Salamat bin Abdul Asad Al-Makhzuumi hoosiste jirti. Ishiin yeroo muraasaaf Nabiyyi erga hoosiftee booda Abdul Muxxalib baadiyaa irraa dubartii harma hoosistu barbaade. Akka aadaa Araba duriitti daa’imman isaanii baadiyyatti akka guddatan filatu. Sababni isaas Baadiiyaa keessa qilleensa qulqulluu mijaawa ta’ee fi amala gaarii baadiya horatu. Akkasumas, afaan Arabaa qulqulluu makaa hin qabne baadiya irraa baratu. Ammas, badii magaalaa keessatti raawwatamu fi dhibee irraa ni fagaatu.

Haliimaa As-Sa’diyyah

Haliima As-Sa’diyyah dubartii baadiyaa nabiyyi guddisuuf gara baadiyaatti fudhatteedha. Erga Nabiyyiin (SAW) dhalatee booda dubartoonni harma hoosisan gosa bani Sa’d irraa gara Makkaa dhufan. Haliimaan dubartoota tanniin keessa takka turte. Dubartoonni harma hoosisan mindaa waan fedhaniif daa’ima abbaa qabu barbaadu. Nabiyyiin abbaa waan hin qabneef dubartoonni isa fudhachuu didan. Haliimaan daa’ima abbaa qabu barbaadde erga dhabde booda daa’imuma abbaa hin qabne kana (Nabiyyii (SAW)) fudhachutti dirqamte. Garuu sababa daa’ima kanaatiin barakaan guddaan jireenya ishii keessatti dhangala’e. Seenaa mi’aawaa barakaa nabiyyi (SAW) itti dhandhamte nuuf himti. Seenaa ishiin odeessitu mee xiyyeefannoon haa dubbisnuu:

“Garee dubartoota jalqabaa waliin harree tiyya bifti ishii magariisaatti ykn adiitti dhiyaattu yaabbadhee bahee. Ana waliin abbaa manaa kiyyaa Al-Haaris bin Abdul Uzza ture. Inni ijoollee Sa’ad bin Bakr keessaa tokko, ergasii gosa Bani Naadirah keessaa tokko ta’e. Harreen teenya waan madoofteef dhiigni irraa gadi jiga. Ana waliin gaalaa dullatti taatetu jira. Wallaahi (Rabbiin kakadhe)! Copha aananii homaatu hin buustu. Barri bara hoongeti. Namoonni hanga dadhaboo fi qaqal’atanitti garmalee beela’an. Anis ilma qabaa ture. [Beela irraa kan ka’ee] halkan hin rafu. Anis wanta garaa isaa itti gab godhuun homaa harkaa hin qabu. Garuu rooba ni abdanna. Hoolota qabnaa turre, kanaafu rooba ni kajeella.

Yommuu Makkaan dhufnu, nu keessa eenyullee hin jiru Ergamaan Rabbii (SAW) kan itti dhiyeefame yoo ta’e malee. Hundi keenyaa isa fudhachuu ni jibbine. Ni jennes: Inni yatiima (abbaa hin qabu). Abbaatu dubartii guddistutti arjoomaa fi tola oolaa ta’aa. [Mucaan abbaa yoo hin qabaatin], haati, abbeeraan ykn akaakayyun isaa maal nuuf godhuu?” Hiriyyoonni dubartootaa na waliin dhufan hundi daa’ima hoosisan fudhatanii jiru. Ani mucaa abbaa hin qabne kana malee kan biraa yommuu dhabu, gara isaatti deebi’e isuma fudhe. Wallaahi, sababni ani fudheef isaan ala kan biraa waan dhabeefi. Abbaa manaa kiyyaan n jedhe, “Rabbiin kakadhee! Ijoollee Abdul-Muxxalib keessaa yatiima kana nan fudha. Tarii Rabbiin isaan nu fayyada. Osoo homaa hin fudhatin hiriyyoota dubartootaa kiyya waliin hin deebi’u.” Innis ni jedhe, “Sirrii hojjatte.”

Anis isa fudhee gara bakka qubannaatti deebi’e. Galgaluma iddoo qubannaatti fide irraa jalqabee harmi kiyya aannaniin guuttame. Aannan kanaan isaa fi ilma kiyya obaasee dheebuu baase. Abbaan manaa kiyya gaala dullatti of duukaa finne tana bira dhaabbachuun qaqqaba. İshiinis gur’uun ishii aannaniin kan guuttameedha. Inni ishii ni elme. Aannan kanaan dheebu na baase, innis dheebu bahe. Ni jedhe, “Yaa Haliimaa! Wallaahi lubbuu barakaa qabdu akka argannee beektee jirta! Rabbiin wanta nuti hin abdanne sababa nafsee tanaatin nuuf kennee jira.” Halkan kheeyri (gaarii) ta’ee quufnee ni bulle. Duraan daa’ima keenya waliin halkan hin rafnu turre.

Ergasii ani fi hiriyoonni dubartootaa koo gara biyya keenyaatti deebi’uuf ganamaan adeemsa (imala) jalqabne. Harree tiyya yaabbadhee isa (nabiyyii(SAW)) of waliin qabadhe. Rabbii Harka Isaa lubbuun Haliimaa jirtuun kakadhee! Harreen tiyya warra imalaa ni dursite, hanga dubartoonni akkana jedhaniitti: “Nuuf qabi. Sila tuni harree ati yeroo jalqabaa manaa ittiin baatenii?” Anis ni jedhe, “Eeti”. Isaanis ni jedhan, “Yommuu dhufnu madooftee dhiigni irraa jigaa ture. Amma maal argatteetiin [akkanatti saggaartii (deemtii)]?” Anis ni jedhe, “Wallaahi! Mucaa barakaa qabu ishii irratti baadhadhe.”

Adeemsa keenya itti fufne. Rabbiin guyyaa hundaa waan gaarii nuuf dabalu itti fufe. Yommuu mana keenya geenyu, biyyattiin hoongen tan rukutamteedha. Tiiksen teenya hoolota bobbaasani ni dachaasu. Hoolonni Bani Sa’ad yommuu beela’an, hoolonni teenya immoo quufanii fi aannan gur’uu isaanii guutee dacha’u. Elminees ni dhugna. Namoonni ni jedhu, “Hoolonni Haaris abdul-uzzaa fi hoolonni Haliimaa maal argatanii? Quufanii fi aannan gur’uu isaanii guutee dacha’u.  Garuu hoolonni teessan beela’anii dacha’u. Ee badii keessan! Bakka tiiksen isaanii itti bobbaasanitti isinillee bobbaasaa.”  İsaanis ni bobbaasu. Garuu akkuma duraanii beelofte dachaati. Hoolonni tiyya immoo akkuma duraanii quuftee dachaati.

Nabiyyiin guddinna ijoollee biroo hin guddanne guddata. Guyyatti guddinna waggaa guddata. Waggaa lama yommuu guutuu Anaa fi abbaan manaa kiyya gara Makkaa deemnen. Ni jennes, “Wallaahi! Nuti isa guddisuu osoo dandeenyu, gonkumaa isarraa addaan hin baanu. “ Yommuu haadha isaatti dhufnu, ni jenne, “Wallaahi! Daa’ima isa caalaa barakaa qabu gonkumaa arginee hin beeknu. Dhugumatti nuti, dhukkuba daddarbaa Makkaan keessatti babal’ate isaaf sodaanna. Dhibee keetirraa hanga fayyitu, isa dhiisii [gara mana keenyaatti] deebinaani. Hanga nuuf hayyamtu ishii kadhachuu itti fufne. Ergasii ni deebineen. Ji’a sadii ykn afur nu waliin ture. Isaa fi obboleessi isaa (ilmi kiyya) dawoo manneenitti ilmoolee hoolotaa fi re’oota keessatti osoo taphatanuu, obbolleessi isaa fiigaa dhufee akkana nun jedhe, “Obboleessi kiyya Qureesha irraa ta’e, namoonni lama uffatta adii ofirraa qaban itti dhufuun qabanii ciibsan. Ergasii garaa isaa ni tarsaasan.” Anaa fi abbaan isaas (abbaan manaa kiyya), fiigaa gara isaatti baane. Kan dhaabbatu ta’ee isa argine. Biifti isaa jijjiramee jira. Yommuu nu argu, nutti fiigee booye. Nutis qabne ofitti hammanne: “Abbaa fi haati tiyya siif haa wareegaman, maal taatee?”jenneen. Innis ni jedhe, “Namoonni lama natti dhufanii gadi na ciibsan. Ergasii garaa kiyya ni baqaqsan.  Waan tokko keessa godhan, ergasii akkuma duraan turetti deebisan.” (Hubachiisa: Asitti “Obboleessa” yommuu jedhu harma dubartii takkaa kan hodhaniidha. Abbaan osoo gargar ta’eyyu harma dubartii takkaa yoo hodhan, ijoollen kunniin obboleeyyan waliif ta’u.)

Haliimaan itti fufuun ni jetti: Abbaan manaa kiyya ni jedhe, “Ilmi kuni wayiin akka tuqametti arga. Maatii isaatin wal qunnamsiisi. Wanti isaaf sodaannu isarratti argamuun dura gara isaanii deebisi.” Nutis baadhanne gara haadha isaatti finne. Yommuu argitu dhimma keenya ni jibbite. Akkana jette, “Isin gaafachuun dura maaltu akka deebistan isin taasisee? Isa fudhachuuf garmalee fedhii guddaa qabduu turtan.” Nutis ni jenne, “Homaayyu miti. Rabbiin hoosisni isaa akka xumuramu murteesse jira. Wanti arginus nu gammachiise. (Kana jechuun fayyaan isaa nu gammachiise jira.) Ishiinis ni jette, “Dhimma wayi qabdu. İnni suni maal akka ta’e natti himaa.” Hanga ishitti himnu nu hin dhiifne. Ishiinis ni jette, “Lakki! Rabbiin kakadhee, Rabbiin kana isatti hin hojjatu. Ilmi kiyya dhimma guddaa qaba. Oduu isaa isinitti himuu sila? Garaa kiyya keessatti isa baadhadhee jira. Wallaahi, ba’aa isa caalaa narratti salphaa ta’e gonkumaa baadhadhee hin beeku. Yeroo isa ulfaa’e na irraa ifni morma gaalaa Busraa (ykn gamoo Busraa) ibse natti agarsiifame. San booda yeroo da’uumsaatti isa ni dahe. Wallaahi akka daa’imman biroo bahanitti inni hin baane. Harkaa isaatiin lafatti hirkatee, mataan isaa gara samii olka’ee bahee.” Ishiinis ni fudhatte, nutis ni deemne.(Musnad Abi Ya’alaa 13/93, Lakk. 7163, Xabarani fil Kabiir-24/212, Lakk.545) [1]

Barnoota Asirraa Baratamuu

1-Baraka Nabiyyii (SAW) jireenya Haliima keessatti qabu-Barakaa jechuun guddachuu fi baay’achuudha.  Haliimaan erga Nabiyyi(SAW) ofitti fudhatte jalqabee, jireenya ishee keessatti barakaan kuni ifa ta’ee jira. Harmi ishii duraan aannan hin qabuu ture. Erga Nabiyyi(SAW) ofitti fudhattee booda, harmii ishii aannaniin guuttame. Ilmi ishii halkan isaan hin raffisuu ture. Erga Nabiyyi ofitti fudhattee nagahaan rafuu jalqaban. Hoolonni ishiitii fi abbaa manaa ishii quufanii fi gur’uun isaanii aannaniin guuttame galgala galu. Kuni barakaa guddaa Rabbiin sababa Nabiyyitiin isaan keessa kaa’edha.

2-Rabbiin gabrichaaf wanta hundarra caalu fi barakaa qabu filachuufi- Rabbiin subhaanahu Haliimaaf mucaa yatiima kana filateef. Ishiinis fedhii malee ni fudhatte, sababni isaas, kan biraa hin arganne. Kheeyriin kheeyri hunda caalu wanta Rabbiin filateedha. Bu’aa filannoo kanaa akkuma fudhatteen mul’achuu eegale. Namni wanta Rabbiin murteesse fi filatetti tasgabbaa’u fi gammaduu akka qabu kuni Musliima hundaaf barnoota guddaa ta’a. Wanta darbee fi Rabbiin hin murteessineef gaabbu hin qabu. Seenaa kana irraa jecha gamnummaa akkanaa guduunfu dandeenya:

Wanta ati filattee fi feetu caala wanta Rabbiin siif murteessetu caala. Kanaafu, gammachuun wanta Inni siif murteesse fudhadhu xumura irratti wanta gaarii argitaati.

3-Fayyumma qaamaa, qulqullummaa nafsee fi qarummaa sammuu keessatti bu’aa Baadiyyaan qabu– Sheykhu Muhammad Ghazaali ni jedha: Koola uumamaa keessatti akka gammadanii fi qilleensa bilisaatti akka fayyadamaniif Ijoollee baadiyyatti guddisuun, uumamni isaanii akka qulqullaa’u, kutaaleen qaamaa fi miironni akka dagaaganii fi yaanni akka hiikkamu taasisa.” Garuu yeroo ammaa wanta nama gaddisiisuun ijoolleen teenya mana walitti maxxanan keessatti kan itti oggorameedha. Qilleensa qulqulluu fi gadi fagoo hin harganan.  Shakkii hin qabu, rakkinni sirna narvii (dhiphinni sammuu) yeroo ammaa namoota muudataa jiru sababa uumama irraa fagaatanii fi meeshaalee teeknolojii keessatti taraniifi. Ammas baadiyatti guddachuun afaan ofii sirnaan akka baran nama taasisa. Nabiyyiin (SAW) yeroo ijoollummaa baadiyyatti guddachuun Arabiffa qulqulluu akka dubbatanii fi dubbiin isaanii akka qajeelu gargaare jira.

4-Laphee baqaqsu irraa faayda hubatamu
Yommuu nabiyyiin (SAW) Haliima bira ture sanitti laphee isaa baqaqsuun mallattoo nabiyyummaa isaa kan agarsiisudha. Waa’ee laphee baqaqsu ilaalchise Imaamu Muslim Anas bin Maalik irraa hadiisa kana gabaase jira. Anas ni jedha: “Ergamaan Rabbii (SAW) osoo ijoollee waliin taphatu Malaykaan Jibriil itti dhufuun isa qabee lafarra ciibse. Qalbii isaatirraa qoma tarsaase ol baase. Ergasii qalbii keessaa alaqa (dhiiga ititaa) baasee akkana jedhe, “Kuni sirraa qooda sheyxaanati.” Ergasii qabee warqii keessatti qalbii bishaan Zamzamaatin dhiqee bakka isaatti deebise. Ijoolleen gara dubartii harma isa hoosistuu fiigaa dhufanii “Muhammad ajjeefame jira.” Jedhan. Biifni isaa kan jijjirame ta’ee gara isaatti fiigan.” Anas ni jedha, “Ani mallattoo hodhaa laphee isaa irratti nan argaa ture.” Sahiih Muslim 162

(Qalbii baasee ergasii dhiqee itti deebisuun akka waan hin danda’amneetti hin yaadin. Yeroo ammaa hospitaala keessatti garaa tarsaasun (opreeshinii goochun) meeshaalee qaamaa ni jijjiru ykn ni qulqulleessu. Inumaa qalbii (onnee) nama biraa itti galchuu. Afaan saayinsitiin kuni “Transplantation” jedhama.)

Dhugumatti, qalbii qooda sheyxaanaa irraa qulqulleessun ganamaan nabiyummaaf haala mijeessu, sharrii fi Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu irraa eegudha. Qalbii isaa keessa tawhiida qulqulluu malee hin seenu. Taaten armaan olii kaayyoo isaatiif oolee jira. Nabiyyiin (SAW) badii gurguddaa gonkumaa hin hojjanne. Yeroo san Qureesha keessatti sanamni (bocni dhagaa waaqefatamu) garmalee haa baay’atu malee nabiyyiin gonkumaa sanamaaf hin sujuunne.[2]


Maddoota
Siiratu Nabawi– fuula 157-160, Abul Hasan Nadawi,
Rahiiqal Makhtuum (The Sealed Nectar)- fuula 56, (English),Safi’u Rahmaan Mubaarakpuri
[1] As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 44-51, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/77-87
[2] Maddoota olii

Print Friendly, PDF & Email
Siiraa-Lakk.7
Siiraa-Lakk.5

Leave a Reply