Siiraa-Lakk.7

Du’a Haadha Nabiyyii (SAW), fi Nabiyyiin Akaakayyuu isaa jalatti guddachuu ergasii abbeeraa isaa jalatti
Akkuma yeroo darbe jenne abbaan Nabiyyii (SAW), Abdullah ibn Abdul Muxxalib osoo nabiyyiin garaa keessa jiran addunyaa tana irraa godaane (amri ta’e). Daldalaaf gara Sooriyaa deemee osoo deebi’aa jiruu karaa irratti dhibame. Magaalaa Madiinaa iddoo eessummaan isaa jiran yommuu gahu ni du’e.

Nabiyyiin (SAW) yommuu umriin isaa waggaa jaha gahu haati isaa fira ziyaaruf (daaw’achuuf) gara Madiina deemteen. Osoo gara manaa deebi’aa jirtuu, Makkaa fi Madiina jidduutti bakka  “Al-Abwaa’u” jedhamtutti duuti ishitti dhufte. Haadha mararfattuu dhabuun nabiyyii irratti gaddi kophummaa ni tuulame. Haati erga duute booda akaakayyuun isaa Abdul muxxalib itti gaafatamummaa guddisuu ni fudhate. Abdul-Muxxalib baay’ee isaaf kan mararfatuu fi jaallatu ture. Gaaddisa Ka’aba jalatti firaasha isaatirra teechisaa ture.

Yommuu Nabiyyiin (SAW) umriin isaa waggaa saddeet gahuu akaakkayun isaas ni du’e. Hadhaa yatimummaa kan duraa caalaa cimaa ta’e si’a lammataaf ni dhandhame. Abdul Muxxalib yommuu du’uu, abbeera Nabiyyi kan ta’e Abu Xaalibitti, akka Nabiyyi guddisuu fi kunuunsu dhaamsa itti dabarse.

Abu Xaalib ilma Abdul Muxxalibi. Kana jechuun obboleessa abbaa Nabiyyiti. Abu Xaalibi fi Abdullah garaa tokko. Abdul-Muxxalib erga du’e booda Nabiyyiin (SAW) mana Abu Xaalibitti guddifamuu fi kunuunfamu jalqabe. Abu Xaalibis isaaf kan mararfatuu fi jaallatu ture.

Barnoota Asirraa fudhatamu

Namoota balaa guddaaf saaxilaman keessaa tokko ijjoollee yatiima ta’aniidha. Nabiyyiin (SAW) yatimootaaf fakkeenya gaarii fi guddaa ta’u. Abbaan isaa osoo inni garaa keessa jiruu irraa du’e. Haatis waggaa 6 booda duute. Jaalala haadha fi abbaa osoo hin dhandhamn ykn dheebu hin bahin, haadha fi abbaa dhabe. Kana keessa iccitii baay’etu jira.

1-Eeggumsa Rabbiin isaaf godhe– Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) nabiyyi xumuraa addunyaaf ifa ta’u qopheessuf daa’imummaa irraa eegalee eeggumsa guutuu godheef. Qalbii akaakayyuu fi abbeeraa isaa keessatti jaalalaa fi mararfannaa darbe. Hanga ilmaan ofii caalaa isa jaallatan gahanitti garmalee kunuunsan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

93:6

Sila yatiima ta’uu si argee [si] hin hirkifnee?” Suuratu Ad-Duha 96:6

Kana jechuun Gooftaan kee yatiima abbaa fi haadha hin qabne taatee si arge. Ergasii eeggumsaa fi kunuunsa Isaatiin si marse. Nama tokko ofitti hirkisee yommuu jettu, ofitti qabee, eeggumsaa fi kunuunsa kiyya jala godhee jechuu keeti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Abdul Muxxalib Nabiyyii akka guddisuu fi kunuunsu taasise. Qalbii isaa irratti jaalala nabiyyiif qabu darbe. Erga Abdul Muxxalib du’ee booda Abu Xaalib akka isa guddisuu fi eegu taasise. Abu Xaalibis ijoollee ofii caalaa nabiyyii jaallataa ture. Kuni hundi eeggumsaa fi kunuunsa Rabbiin isaaf godheedha.

Barnoonni guddaan namni asirraa fudhatu, namni hanga fedhe abbaa fi haadha haa dhabu, eeggumsi fi kunuunsi Rabbii isa waliin yoo jiraate, nama abbaa fi haadha qabu caala. Seenaa keessatti namoonni gurguddoon yatiima turan. Nabiyyiin (SAW) fakkeenya guddaa yommuu ta’u, itti aanse kan akka Imaamu Ahmad bin Hanbal, Imaamu Bukhaari fi kan biroo yatimoota turan. Eeggumsi Rabbii yoo jiraate, yatimummaan salphinna osoo hin ta’in kabaja ta’a.

Ammas barnoonni biraa asirraa fudhatamu, dubartiin ijoollee qabdu yommuu abbaan manaa ishii irraa du’uu abdii kutuu hin qabdu. Dubartoonni gariin yommuu abbaan manaa irraa du’u, “Eenyutti na gattee deemtaa? Si booda ijoollen tee yatiima salphatan taati.” jechuun iyyu, abdi kutu. Kuni dhugumatti, iimaanni hanquu ta’uu agarsiisa. Rabbitti yoo amante, ishii fi ijoollee ishiitiif Rabbiin gahaadha. Yoo mu’mina (dhugaan tan amantu) taate, Rabbiin eeggumsaa fi kunuunsa guddaa ishi fi ijoollee ishiitiif godha.

Suuratu Al-Kahf keessatti dhugaa kana ni arganna. Suurah tana keessatti waa’ee adeemsaa fi waliin haasawa Nabii Muusaa fi Khidr osoo dubbatu ijoollee abbaan irraa du’e ni hima. Khidr gabricha gaarii Rabbiin beekumsa addaa isaaf kenneedha. Nabii Muusaa fi inni osoo waliin deemanu dhaaba manaa diigamu hedutti dhufan. Khidr mana kana sirnaan deebisee ijaare. Namoonni ganda kana keessa jiran Nabii Muusaa fi Khidr yommuu nyaataf isaan gaafatan keessumeessu ni didan. Nabii Muusaan kana yommuu argu, Khidrin akkana jedhe, “Osoo feete, mindaa mana ittiin ijaarte irraa fudhattaa turte?”

Khidris dhumarratti dhaaba manaa diigamu hedu kana mindaa tokko malee maaliif deebisee akka ijaare Nabii Muusaatti akkana jechuun hime: “Dhaabni manichaa kan ijoollee yatimootaa lama magaalatti keessa jiraatani ture. [Dhaaba manaa kana] jala qabeenya awwaalame kan isaaniitu jira. Abbaan isaanii nama gaarii ture. Gooftaan keetis ijoolleen yatiimaa lamaan kunniin umrii ciminnaa gahanii rahmata Gooftaa keeti irraa qabeenya awwaalame akka baafatan fedhe.” (Ilaali suuratu Al-Kahf 18:82)

Aayah (keeyyata) tana keessatti waa lama hubanna: 1ffaa- abbaan ijoollee tanaa nama gaarii (saaliha) ta’uu. 2ffaa- yommuu inni du’u sababa inni nama gaarii ta’eef, Rabbiin ijoollee isaatiif eeggumsaa fi kunuunsa godhe. Hanga umrii gaheessummaa fi ciminnaa gahanii qabeenya mana jalatti akka awwaalamu taasise. Ergasii umrii gaheessummaa yommuu gahan baasanii itti fayyadamu. Haaluma kanaan, abbaa fi haati gaarii ta’anii isaan keessaa tokko ykn lamaanu yoo du’an, ijoolleen kunuunsaa fi eeggumsa Rabbii hin dhaban. Kanaafu, dubartoonni teenya dhiira saaliha (gaarii) ta’etti heerumuuf haa carraaqan. Ammas, dhiironni keenya nama gaarii ta’uuf haa carraaqan. Dubartoonnis daran gaarii ta’uuf haa tattaafatan. Rabbal aalamiina irraa isaanii fi ijoolleen isaanii eegumsaa fi kunuunsa argatuuti.

2-Qabeenyaa fi qananiin gowwoomu dhabuu- yeroo baay’ee namoonni abbaa fi haadha qaban yoo qabeenya qabaatan, qabeenyi kuni isaan gowwoomsa. Of tuuluu fi amalli badaan baay’een isaanirraa mul’ata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyi (SAW) kaayyoo guddaaf waan qopheessaa jiruuf qabeenyaa fi qananiin akka hin gowwoomne yatiima ta’ee akka guddatu fedhe. Kanarraa kan ka’e, Nabiyyiin addunyaa tana garmalee ol hin guddisan. Kana irraa Aakhirah qananiin guuttamteef hawwuu. Addunyaan badduudha, Aakhiraan turtuudha. Kanaafi, Rabbiin akkana jedheen:

93:4

“Dhugumatti, Aakhiratu addunyaa irra siif caala.” Suuratu Ad-Duha 93:4

Wanti namni asirraa baratu, hanga fedhe yatima ta’uun qabeenyaa fi qananii abbaa haadha haa dhabu, yoo mucaan kuni Rabbiif ajajamuuf carraaqe, Rabbiin subhaanahu rahmata Isaatin isa qananiisa. Kanaafi, Rabbiin suuratu Ad-Duha kana keessatti akkana jedheen:

“Daalla taate si argee si qajeelche. Hiyyeessas ta’uu si argee si duroomse.” Suuratu Ad-Duha 93:7-8

Akka lugaatti jechi “daalla” hiika kana qaba: “Baduu, hafuu fi dhokachuudha.” Jechi kuni mataa ofiitin dhaabbachuun itti fayyadaman. Yommuu karaa barbaaddee karaaleen hundi wal fakkaatanii fi dhamaate dalaltu xariiqa jetta. Sababni isaas, takkaa karaa kana hin beektu turte, takkaa immoo ni dagatte. Akkasumas, wal-qabsiistu “An” walitti maxxanuun itti fayyadaman. Ni jetta, dalaltu ani xariiqi (karaa irraa bade).

Aayah tana keessatti hiikni sirriin haala nabiyyiitiin wal simatu, karaa qajeela sirrittii fi bal’innan beeku dhabuudha. Kana jechuun waa’ee iimaana fi kitaaba wallaaludha.[1] Rabbiin subhaanahu kitaaba isatti buusun waa’ee iimaana fi kitaaba akka beeku taasise. Haala kanaan karaa qajeelatti qajeelche. Namni yeroo ijoollumaa waa’ee iimaanaa fi kitaaba takkaan baratee hin fixu. Suutuma suuta barachuun sadarka guutuu irra gaha.

Ammas, nabiyyin yeroo ijoollummaatti abbaa fi haadha waan hin qabneef hiyyeessa turan. Rabbiin subhaanahu isa duroomse. Yommuu umriin isaa waggaa 25 gahuu dubartii dureetti Khadijaa jedhamtu fuudhun nabiyyin (SAW) ni duroome.

Kanaafu Rabbiin keessaa alaan isa duroomse. Keessa isaa iimaanaa fi beekumsaan yommuu duroomsu, ala immoo qabeenyaan duroomse. Kuni kunuunsaa fi eeggumsa guddaa Rabbiin isaaf godheedha. Haaluma kanaan, namni ijoollummaa isaatti yatima yoo ta’ee fi karaa Rabbii yoo qabatee, Rabbiin iimaanaan, beekumsaa fi qabeenyan isa duroomsa.

3-Gara-laafinnaa fi of gadi qabuu-namni koolu haadha abbaa isaa jalatti guddatee yoo qananii adda addaatin qanani’ee, qalbii isaa keessatti garaa jabaachu fi of tuulun itti dhagahama. Rakkoon namatti baay’achuun immoo qalbiin akka laaftu fi amala badaa of tuulu akka gatan taasisa. Nabiyyiin (SAW) wal duraa duuban hadhaa yatimummaa ni dhandhaman. Rakkoon akkanitti isaanitti baay’achuun rakkoo namoota biroo salphatti akka hubatanii fi garaa laafan isaan taasisee jira. Namoota keessaa hunda caalaa kan garaa laafu fi mararfatu nabiyyiidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti,Ergamaan isin irraa ta’e, rakkinni keessan isa irratti kan jabaatu, kan isiniif bololu, mu’mintootaaf mararfataa, rahmata godhaa ta’e isinitti dhufee jira.” (Suuratu At-Tawbaa 9:128)
“rakkinni keessan isa irratti kan jabaatu” 
Yommuu rakkattan kan dhiphatu fi cinqamu. “Kan isiniif bololu” jechuun keeyri (wanta gaarii) isiniif kan jaallatu, isin akka gahuuf kan carraaqu, iimaanatti akka qajeeltaniif garmalee kan fedhuu fi sharrii kan isiniif jibbuudha. Akka irraa fagaattanis ni carraaqa. Mu’mintootaaf (warroota amananiif) mararfataa (garaa laafaa) fi rahmata godhaa kan ta’eedha. Kuni hundi amala gaggaarii Nabiyyiiti.

Wanti namni asirraa baratu, rakkoon namatti baay’achuun garaa akka laafanii fi of gadi qaban taasisa. Yeroo hundaa qananii keessa jiraachun immoo qalbiin akka gogduu fi of-tuulan taasisa. Qalbiin yoo gogde immoo namaaf garaa laafun hin jiru. Kuni gara daangaa darbuutti ergasii gara adabbiitti nama geessa. Akka fakkeenyatti moottota abbaa irree fi warroota qananii ilaali. Kanaafi, aalimoonni gariin ,”rakkoon nama tuquun rahmata Rabbiin irraa ta’eedha” jedhu.

4- Abdii fi ijjannoo- nabiyyiin (SAW) yatiima haa ta’uyyuu malee abdiin isaa ifa, ijjannoon isaa cimaa ture. Abbaa fi haadha hin qabu jechuun dukkana abdii kutuu keessatti hin tarre. Yatiimni wanti asirraa baratu, karaa sirriin yoo carraaqe gargaarsa Rabbitiin bakka guddaa akka gahuu abdachuu fi ijjannoo qabaachudha. Rakkoo isa muudatuuf harka kennuu fi abdii kutuu hin qabu. Dukkanni deemee ifni akka dhufu haa abdatu.


Maddoota
Siiratu Nabawi– fuula 163, Abul Hasan Nadawi, 
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 53-54, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/90-92
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-1/567, Abdurahmaan Habanka

Print Friendly, PDF & Email
Siiraa-Lakk.8
Siiraa-Lakk.6

One comment

  • Masha Allah rabbii isiin irraa haa jalattu barumsaa guddaa nuuf dabarsittan garruu namni irraa fayyadamu xiqqa natti fakkata silaa video gottanni heddu dansadha galatoma

Leave a Reply