Siiraa-Lakk.8

Offline dubbisuf

Hojii Tiikaa irratti Bobba’uu
Nabiyyiin (salallahu aleyh wassalam) erga akaakayyuun isaa du’ee booda abbeeraa isaa, Abu Xaalib jalatti guddifamu fi kunuunfamu jalqabe. Abu Xaalib nama galiin isaa xiqqaa ta’eedha. Nabiyyiin abbeeraa isaa kana gargaaruf tiiksee ta’uun hoolota eege. Nabiyyiin (SAW) isaa fi nabiyyoonni isaan dura darban hoolota akka tiiksan ni beeksiisa. Inni warra Makkaatiif yeroo ijooollummaa hoolota tiiksaa ture. Haqa isaas (mindaa) abbaa hoolotaa irraa ni fudhata. Hadiisa sahiih ta’ee keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Rabbiin nabiyyi hin ergine, hoolota kan tiikse yoo ta’ee malee.” Sahaabonni (namoonni nabiyyi waliin turanii fi amanan) ni jedhan, “Atillee moo?” Nabiiyyinis ni jedhe, “Eeti! Warra Makkaatiif Qaraarixa irratti tiiksafii ture.” Sahiih Al-Bukhaari 2262

Hayyoonni Qaraarixni hiika lama akka qabu dubbatani jiru. 1ffaa-Qaraarixni maqaa bakkaa Makkaan keessatti argamuudha, 2ffaa-Saantima yeroo sanii Diinaara ykn Dirhaama irraa hanga ta’eedha. Akka hiika kanaatti hiikni hadiisaa akkana ta’a: Nabiyyiin (SAW) mindaadhaan hoolota tiiksaa ture.)

Dhugumatti hoolota tiiksun Nabiyyiif tasgabbii nafseen kabajamtuun barbaaddu kennaaf. Akkasumas, miidhaginna gammoojjitti akka gammaduu fi uumamtoota Rabbii irratti xinxalluun Guddinna Rabbii akka beeku isa taasisa. Tiiksen tiika isaa keessatti amaloota miidhagoo baay’ee argata. Nabiyyiif hoolota tiiksun ummata hoogganuu keessatti shaakallii fi leenjii guddaa ta’eefi jira.

Hoolota tiiksun abbichaaf (tiikseef) amaloota gaggaarii baay’ee kennaaf. Isaan keessaa:
1-Obsa (Sabrii)– Ganama irraa kaasee hanga galgalaatti dirqamni tiikse irra jiru, garaa hoolota quubsu fi badii irraa eegudha. Haala kana keessatti tiikseen obsa isa barbaachisa. Haaluma kanaan dhala namaa guddisuu fi barsiisu keessatti obsa guddaa barbaachisa.

Dhugumatti tiikseen gamoo keessa ykn mana qananii keessa hin jiraatu. Kan inni jiraatu qilleensa baay’ee hoo’aa ykn baay’ee qorraa ta’e keessa. Keessumayyu naannoo Arabiyyaatti hoo’i baay’ee guddaa waan ta’eef, dheebuu bahuuf bishaan qorraa fi baay’ee ta’e isa barbaachisa. Nyaatas yoo ta’e wanta akka xoroshoo fi qixxaa malee nyaata gaarii hin argatu. (Tarii warri magaalaa qofa keessa jiraatan xoroshoon maal akka taate wallaalu danda’u. Xoroshoo fi qixxaan garagara. Xoroshoon haphii fi gogduu yommuu taatu eelee sibilaa irratti tolfamti. Qixxaan immoo furdaa yommuu ta’uu eelee faaraa (suphee) irratti tolfama. Namni tiikse ta’e kana sirriitti beeka.) Gabaabummatti jireenyi tiikse baay’ee ulfaataa waan ta’eef, haala jabaataa kan hunda danda’uun isarra jira. Barachuun obsuu qaba.

2-Of gadi qabuu (At-Tawaadu’u)- amalli hojii tikaa hoolota fi re’oota tajaajiluu, yommuu dhalan isaan too’achuu, bineensa irraa isaan eegu fi isaanitti dhiyaatani rafuudha. Kunniin itti gaafatamumma guyyaa guyyaa tiikseti. Tiiksen hoolotaa fi re’ootatti dhiyoo ta’uu irraa kan ka’e yeroo garii fincaanii fi shishiin isaanii isa tuqa. Innis kana hundarraa hin hifatu, hin aarus. Akkuma hojiin isaa kuni itti fufuuni nafsee isaa irraa of tuuluu fi of guddisuun fagaata. Nafsee isaa keessatti amalli of gadi qabuu hidda qabata. Hadiisa sahiih ta’e keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhanii jiru: “Namni hanga firii raafu qalbii isaa keessaa of-tuuluu (boona) qabu, Jannata hin seenu.” Namtichi tokko ni jedhe, “Dhugumatti namni tokko uffanni isaa gaarii akka ta’u, kopheen isaas gaarii akka taatu ni jaallata. [Kuni of-tuuludhaa?]” Nabiyyinis ni jedhan: “Rabbiin Bareedhaa, bareedinna ni jaallata. Al-Kibr (Of-Tuuluu) jechuun haqa fudhachuu diduu fi namoota tufachuudha.” Sahiih Muslim 91

3-Gootummaa- Tiiksen hoolonni isaa akka hin nyaatamneef bineensota waliin wal’aanso baha. Hoolota isaa waraabeessa, qeerransaa fi kkf irraa baraaruf goota ta’uun isarra jira. Namni horii fi hoolota tiiksu yeroo jalqabaaf goota ta’uu yoo baateyyu, akkuma tiika isaa itti fufuun amala gootummaa gabbifataa adeema.

4- Rahmataa fi mararfannaa– akkuma namni dhibamu fi rakkatu, hoolonnis dhibee fi rakkinnaaf ni saaxilamu. Yommuu hoolaan dhibamtu ykn cabdu wanti tiikse irra jiru, ishiif mararfachuu, ishii wal’aanu fi rakkinna ishiif hir’isuudha. Namni horiif rahmata godhuu namoota birootif daran rahmata godha. Keessumaayyu, ummata barsiisuuf, qajeelchuuf, dukkana keessaa akka baasuu fi ibidda irraa akka baraaruf nabiyyii Rabbiin erge yoo ta’e, namoota hunda caalaa rahmata namaaf godha ykn mararfata.

5-Dafqa ofiitiin galii argachuuf jaallachuu-  Dhugumatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aala hoolota tiiksu irraa nabiyyi (SAW) duroomsu irratti danda’aadha. Garuu isaa fi ummata isaa harkaan hojjatanii fi dafqa xuruuranii nyaachu barsiisuf kana godhe. Hoolota tiiksun gosa harkaan hojjatanii nyaachuti. Namni jireenya kabajamtu jiraatu nama karaa halaalatiin harka ofiitiin hojjatee fi dafqa itti xuruurate galii isaa argatuudha. Nama kadhachuu fi karaa haraamatin galii argachuun salphinna. Waa’ee nama qabeenya isa gahu osoo qabu nama kadhatu ilaalchisee Nabiyiin (SAW) akkana jedhan:
Namni tokko [qabeenya] namoota kadhachuu itti fufa, hanga Guyyaa Qiyaamaa fuula isaatirra muraa foonii homaatu kan jiree ta’ee dhufuutti.Sahiih Muslim 1040 , Hadiisa biraa keessatti, “Namni [qabeenya ofii] baay’ifachuuf namoota qabeenya isaanii kadhate, xiqqaates guddates wanti inni kadhatu barbadaa qofa.Sahiih Muslim 1041

Kuni qabeenyaa fi humna osoo qabanuu namoota kadhachuun garmalee jibbamaa akka ta’e agarsiisa. Kabajaa harka ofiitiin hojjatanii nyaachun qabuu Nabiyyiin (SAW) akkana jechuun ibsu:
“‏ مَا أَكَلَ أَحَدٌ طَعَامًا قَطُّ خَيْرًا مِنْ أَنْ يَأْكُلَ مِنْ عَمَلِ يَدِهِ، وَإِنَّ نَبِيَّ اللَّهِ دَاوُدَ ـ عَلَيْهِ السَّلاَمُ ـ كَانَ يَأْكُلُ مِنْ عَمَلِ يَدِهِ ‏”‏‏.
“Eenyullee wanta harka isaatiin hojjatee nyaate caalaa gonkumaa nyaata gaarii hin nyaanne. Dhugumatti Nabiyyiin Rabbii Daawud (nageenyi isarratti haa jiraatu) wanta harki isaa hojjate irraa nyaataa ture.
Sahiih Al-Bukhaari 2072

Kana jechuun nyaanni hundarra gaariin namni nyaatu wanta harka isaatiin hojjateedha. Asitti wanta harka isaatiin hojjate jechuun harka isaatiin hojjatee galii ykn qabeenya argatuudha. Namni harka ofiitiin hojjatee galii yoo argatee fi galii kanaan ofii fi namoota isatti hirkatan yoo nyaachise, dhugumatti nyaata gaarii nyaataa jira.

Shakkii hin qabu, namni harka ofiitiin hojjatee yoo of danda’ee fi Rabbiin malee eenyuma irrattillee yoo hin hirkatin, bilisummaa guutuu argata. Akkasumas, jecha haqaa dubbachuu irratti dandeetti horata. Namoota meeqatu namoota daangaa darbaniif mataa ofii gadi qaba, badii isaan hojjatan irratti ni cal’isuu. Mindaa argannuu ni dhabna jechuun fedhii isaanii hordofu.

Barnoota Nabiyyiin (SAW) Hoolota Tiiksu irraa fudhatamu

Barnoota tiika hoolota irraa fudhatamu kan armaan oliiti. Nabiyyiin hoolota tiiksuun amaloota gaggaarii armaan olii gabbifatanii jiru. Garuu yeroo ammaa namoonni baay’een magaalatti godaanaa waan jiraniif carraa hoolota tiiksu hin argatan. Kanaafu, barnoota akkamii isaaniif maluu tiika Nabiyyii (SAW) irraa fudhatuu danda’uu?

A)-Haalli namoota nama guddisanii namatti dhagahamuu– Abu Xaalib Nabiyyiif (SAW) gargaarsa fi kunuunsa guddaa godhaafi ture. Garuu nabiyyiin jaalalaa fi kunuunsa kanatti gammaduun hin teenye. Haala abbeeraa isaa hubachuun yoosu gara hojiitti seenuun galii ofii fi abbeeraa ofii itti gargaaru barbaadeti. Namoonni gariin namoota biroo irratti hirkatan, nyaachu fi dhuguu malee homtu isaanitti hin dhagahamu. Taa’anii dafqa namaa nyaachu malee mataa ofiitii carraaqu hin barbaadan. Seenaa Nabiyyi irraa wanti barannu taa’anii nyaachu osoo hin ta’in hanga humni ofii danda’en hojii namaaf maluu hojjachuudha.

B) Hojii Tuffachu dhiisu– Nabiyyiin “Ani ganaa tiiksee ta’aa?” jechuun hojii hin tuffanne. Namoota qabeenya kadhachuun salphinna akka ta’e, hojiin haa xiqqaatus harka ofiitiin hojjatanii nyaachun kabaja akka ta’e waan beekaniif hojii argatan gonkumaa hin tuffanne. Namni kana yoo beeke, hojii argate ni hojjata. Yoo hojii kana itti gammadee hojjate, suutuma suuta galiin isaa dabalamaafi adeema. Naannoo keenya irraa kana ni hubanna. Hojii xiqqaa hojjachuun sadarkaa namaa gadi hin buusu. Tiiksee hoolotaa ta’uun sadarkaa nabiyyii gadii buusee jiraa? Gonkumaa hin buusne. Ammas hayyoonni (aalimman) Islaamaa nabiyyitti hidhatan xiqqaatus harka ofiitiin hojjatanii nyaachu jaallatu. Namoota kadhachuu garmalee jibbuu. Imaamu Ahmad akkana jechuun du’aayi gochaa ture: “Yaa Rabbii! Akkuma fuula kiyya wanta biraatiif sujuuda bu’uu irraa eegde, Siin ala wanta biraa kadhachuu irraayis na eegi.”Gabaabumatti, hojii halaala ta’e osoo hin tuffatin hojjachuun salphinna irraa nama eega.

C) Qabeenyi hundarra gaariin qabeenya hojjatanii argataniidha- addunyaa tana keessatti Rabbiin jireenya akkamii gabroota Isaatiif akka jaallatu hojii Nabiyyii (SAW) irraa ni baranna. Rabbiin Nabiyyii Isaatiif garmalee osoo hin carraaqinii fi hoolota hin tiiksin, jireenya isaa keessatti haala lafaa ta’een qananiisu ni danda’aa ture. Garuu Ogummaan Rabbii nabiyyii fi Muslimoonni hundii barnoota baay’ee barbaachisa ta’ee akka baratan agarsiisa. Barnoonni kunis: Qabeenyi hundarra gaariin namni argatu qabeenya harka isaatiin itti ifaaje hojjatuu fi tajaajila hawaasa isaatii fi ilma namaatif dhiyeessun wanta argatuudha. Qabeenyi hundarra badaan namni argatu immoo osoo humnaa fi fayyaa qabuu dugda isaatiin ciisee qabeenya isaaf kennamuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti hojjannee fi ifaajne akka nyaannu nu ajaja:

67:15

“Inni dachii laaffifamtu Kan isiniif taasiseedha- kanaafu manaakiba ishii keessa deemaatii soorata Isaa irraas nyaadhaa. An-Nushuur garuma Isaati.” Suuratu Al-Mulk 67:15

Inni dachii laaffifamtu kan isiniif taasiseedha”  kana jechuun wanta haajaa keessaniin wal qabate hunda akka argattaniif dachii tana Kan isiniif laaffise Rabbiidha. Mana akka irratti ijaarrattan, biqiltuu keessatti akka dhaabdan, midhaan ishii keessatti akka facaafattan, biyya tokkorraa biyya biraa gahuuf karaalee keessa deemtanii fi haajaa baay’ee akka guuttatan dachii isiniif laaffise. “manaakiba” jecha kanaaf hayyoonni hiika sadiin ibsanii jiru: 1ffaa-Manaakiba jechuun karaalee, 2ffaa-Gaarreen, 3ffaa-naannawa lafaa.[1]

Hiikni sadanu haala teessumma lafaa waan ibsuuf walitti dhiyaata. “Manaakiba ishii keessa deemaa” yommuu jedhu rizqii (soorata) barbaadachuu fi galii argachuuf karaalee, gaarreenii fi naannawa dachii keessa deemaa. Daldalaniis ta’ee karaa halaala biraa galiin itti argamu hojjachuuf dachii keessa deemaa. Garuu kana beekaa! Ifaajee fi carraaqin keessan homaa buusu hin danda’u yoo Rabbiin isiniif laaffise malee. Kanaafi itti aanse ni jedha: “soorata Isaa irraas nyaadhaa.” Rizqii (soorata) argachuuf carraaqun tawakkula (Rabbiin irratti hirkachuu) hin faallessu. Sinbirreen ganama garaa qullaa baati. Yommuu ishiin guyyaa guutuu olii gadi battistu Rabbiin ishii quubsa. Namni harkaan yoo carraaqe fi qalbiin isaatiin immoo rizqiin Rabbiin irraa akka ta’e yoo amane, Rabbiin isa quubsa.[2]

An-Nushuur” jechuun du’aan booda kaafamuudha.[3]“An-Nushuur garuma Isaati.” Jechuun addunyaa qormaata tana erga ceetanii fi duutanii booda qorannoo fi jazaaf Guyyaa Qiyaamaa qabrii keessaa gara Rabbiitti kaafamtu. Du’aan booda isin kaasun wanta hojjataa turtaniif isin qorata. Ergasii nama gaarii hojjate mindaa gaarii kennaaf, nama badii hojjate immoo adabbii isaaf malu adaba. Kuni kan agarsiisu: rizqii yommuu barbaaddatan karaa halaala ta’een barbaadadhaa. Karaa halaalaatin erga argattanii boodas hojii gaarii boru Guyyaa Qiyaamaa isin fayyadu ittiin dalagadhaa. Qabeenya karaa haraamaatin walitti qabuu irraa of eeggadhaa, boru Guyyaa Qiyaamaa qorannoo cimaa waan qoratamtaniif. Ammas, qabeenyi keessan zikrii Rabbii fi salaata irraa isin hin ko’oomsin (biizi isin hin godhin). Namni qabeenyi isaa salaata fi zikrii irraa isa garagalche nama kasaaru waan ta’uuf.

Gabaabumatti, namni soorata (rizqii) argachuuf karaa halaalatin carraaqu qaba. Ammas, yommuu carraaqu, salaata fi zikrii Rabbii dagachuu hin qabu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala namoota Isa faarsanii fi qulqulleessan daldalli fi gurgurtaan salaataa fi zikrii irraa kan isaan hin ko’oomsinee ta’uu akkana jechuun faarse:

24:37

Dhiirota daldallis ta’e gurgurtaan yaadannoo (zikrii) Rabbii irraa, salaata sirnaan salaatu fi zakaa kennuu irraa isaan hin dagneetu (hin garagalchinetu) [masjiidota keessatti Rabbiin faarsa, qulqulleessa]. Isaan Guyyaa isa keessa onnee fi ijji itti gara gaggaltuu sodaatu.” Suuratu An-Nuur 24:37


Kitaabban wabii
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 54-56, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/92-96
[1] Tafsiiru Ibn Kasiir 7/334, Zaadul Masiir fuula 1457
[2] Tafsiir ibn Kasiir 7/333-334, Tafsiiru Sa’dii 1034
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi– 14/624 , Abdurahmaan Habanka

Siiraa-Lakk.9
Siiraa-Lakk.7
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply