Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 3.1

Offline dubbisuf

Ar-Rahmaan Ar-Rahiim
Bismillah! Qalbiin namaa tuni wanta yeroo hundaa itti tasgabbooftu fi boohartuu barbaaddi. Addummeen (kophummaan) ishiif diina. Wanti guddaan qalbiin itti tasgabbooftu “jaalala”. Garuu jaalala akkamiitu qalbiif tasgabbii fi booharti addaan hin cinne kennuufi danda’aa? Gaafii kanaaf deebii sirrii argachuun tasgabbii fi boohartii dhugaa namni hunduu dharra’u argachuudha. Akkasi miti ree?

Jaalala bakka lama gurguddaatti qoodu dandeenya: 1ffaa-Jaalala Uumaa (Rabbii), 2ffaa-Jaalala uumamtootaa. Jaalala uumamtootaa namni hundu ni dhandhama. Jaalalaa Uumaa garuu namoota xiqqootu dhandhama. Kanaafi, warroonni Rabbiin beekan (aarifonni) akkana jedhan: “Jiraattonni addunyaa tanaa wanta garmalee mi’aayaa (gaarii) ta’ee osoo hin dhandhamin addunyaa tana gadi dhiisanii deeman.” Wanti garmalee gaariin (mi’aawan) suni maali? jedhamanii yommuu gaafataman, isaaniis akkana jechuun deebisan, “Rabbiin beekuu fi jaallachuudha.” Kanaafu, jaalalli tasgabbii fi booharti addaan hin cinne namaaf kennu, jaalala Rabbiiti. Sababni isaas, Rabbiin yeroo hundaa sitti dhiyoodha, yaada muraada kee ni beeka, wanta feete itti himatta. Yommuu rakkoo fi kadhaa keetiif deebii siif deebisu garmalee gammadda. Garuu jaalalli uumamtoota akkanaa miti. Takkaa sirraa fagoo waan ta’aniif wanta feete itti himachuu fi itti haasawu hin dandeessu. Takkaa waan du’aniif qunnamtiin guutumatti addaan cita. Akkasumas, wanta ati feetu hunda siif gochuu hin danda’an.

Rabbiin jaallachuun hayaatul quluubi (jireenya qalbiiti). Uumamaan qalbiin tasgabbii guutuu tan argattu yoo Khaaliqa (Uumaa) ishii jaallatteedha. Khaaliqa jaallachuuf maqaalee fi sifaata Isaa beekun barbaachisaadha. Waa’ee wanta tokko osoo hin beekin wanta san jaallachuun ni danda’amaa? Kutaa darbee irraa itti fufuun maqaalee fi sifaata Rabbii (subhaanahu) qo’achuu fi qorachuu itti fufna.

A-Hiika Ar-Rahmaan, Ar-Rahiim
Imaamu ibn Al-Qayyiim hiika maqaalee lamaan kanniin ilaalchise ni jedha: Ar-Rahmaan rahmanni sifata (amala) Isaa kan ta’eedha. Ar-Rahiim immoo gabrootaaf kan rahmata godhuu (mararfatuudha). Kanaafi Rabbiin Olta’aan akkana jedha: “Inni mu’mintootaaf rahmata godhaa (Rahiim) ta’eera.” (Al-Ahzaab 33:43) Qur’aana keessatti, Rahmaanu bil-ibaadaahi ykn Rahmaanu bil-mu’miniina jechuun gonkumaa hin dhufne. Kanaafu, Rahmaan rahmataan kan ibsamu yommuu ta’u, Rahiim immoo rahmata Isaatin rahmata kan godhuudha.[1]

Hiika kanarraa ka’uun Rabbiin Rahmaan yommuu jennu, sifanni (amalli) Isaa rahmata, ykn Inni Rahmataan kan ibsamuudha jechuu keenya. Rabbiin Rahiim yommuu jennu uumamtootaaf rahmata Kan godhuudha ykn mararfatuudha.

B-Sifaata maqaaleen kunniin of keessatti qabatan
Sifaanni maqaaleen kunniin of keessatti qaban: rahmata. Afaan Oromootin jechi Rahmatatti dhiyaatu “Mararfannaa” dha. Ingiliffaan rahmata jechuun mercy, Amaariffaan immoo “Iznat” ta’a. Mararfannaa jechuun namaaf garaa laafun wanta gaarii inni barbaadu kennuufi ykn waan badaa isarraa deebisudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmata Isaaf malu qaba. Rahmanni sifaata (amaloota) Isaa keessaa tokko kan ta’ee fi haala Isaaf maluun kan ittiin ibsamuudha. Osoo hin dhabamsiisin, wayitti hin fakkeessin, akkana akkana osoo hin jedhin Rabbiin rahmata Isaaf malu akka qabuu mirkaneessuun barbaachisaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: “Gooftaan kee Dureessa Abbaa Rahmataati.”  (Suuratu Al-An’aam 133)

Rahmanni Rabbii wantoota hundaa kan haguugedha. Qur’aana keessatti ni jedha:
﴾عَذَابِيٓ أُصِيبُ بِهِۦ مَنۡ أَشَآءُۖ وَرَحۡمَتِي وَسِعَتۡ كُلَّ شَيۡءٖۚ﴿

Azaaba (Adabbii) Kiyya nama fedhe ittiin tuqa. Rahmanni Kiyya waan hundaaf bal’ate.” Suuratu Al-A’araaf 7:156

Wanti aayah tana irra barannu azaabni (adabbiin) Isaa nama hundaa hin tuqu. Nama Rabbiin fedhe irratti bu’a. Garuu rahmanni Isaa waan hundaa haguuga. Eenyullee rahmata Isaatirraa bilisa ta’ee jiraachu hin danda’u.

Rahmanni Rabbiin olta’aan gabrootaaf godhu gosa lama:
1ffaa-Rahmata walii-galaa- Kuni rahmata walii galaa nama amanee fi hin amanne, nama waan gaarii hojjatu fi waan badaa hojjatu fi uumamtoota hunda hammatuudha. Rahmanni kunis rahmata qaamaa fi addunyaan wal qabatuudha. Kanneen akka nyaata, dhugaati, uffata, mana keessa jiraatan, geejjibaa fi kkf. Osoo rahmanni Rabbii jiraatu baate silaa nyaata hin nyaatan, dhugaati hin dhugan, hin uffatan, geejjiba yaabbatan hin argatan. Rahmata Isaatiin samii irraa bishaan buusun isaan nyaachisee obaasa. Rahmata Isaatiin halkan akka rafanii boqonnaa fudhatanii fi guyyaa akka hojjatan taasise. Rahmata Isaatiin, geejjiba horiitii fi sibiilaa isaaniif laaffise. Akka ragaatti aayah armaan olii dhiyeessun ni danda’ama.

2ffaa- Rahmataa addaa– Kuni rahmata addaa warroota Isatti amananiif qofa godhuudha. Rahmanni kunis warroota amanan (mu’mintoota) addunyaa tana keessatti gara waan gaariitti isaan qajeelchu, dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasu, isaan gargaaru, iimaana irratti isaan gadi dhaabu fi kkf dha. Aakhiratti immoo ibidda irraa isaan baraarun Jannata seensisuudha. Kaafironni sababa kafaraniif rahmata gosa kanaa hin argatan. Akka ragaatti aayah jalqaba irratti eerre dhiyeessun ni danda’ama: “Inni mu’mintootaaf rahmata godhaa (Rahiim) ta’eera.” (Al-Ahzaab 33:43)

C.Asaara (bu’aa) rahmata gochuu irraa mul’atuu
Namni tokko namaaf rahmata yoo godhe, bu’aan rahmata isaa ni mul’ataa miti ree? Nama garmalee rakkateef rahmata yoo godhe, bu’aan rahmata isaa namni suni rakkoo keessa bahuu ykn rakkoon isaa hir’achuudha. Ati nama maallaqa dhabeef rahmata yoo goote, maallaqa isaaf kennuun bu’aa rahmataati.

Bu’aan (effect) rahmata Rabbii irraa mul’atuu gonkumaa lakkaawamee hin dhumu. Akkuma beekumsi Isaa waan hundaa marsee rahmanni Isaas waan hundaa haguuge jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa du’aayi Malaykoonni namoota amananiif godhan akkana jechuun hima:
“Isaan (Malaykoonni) Arshii baadhatanii fi kanneen naannawa isaa (Arshii) jiran, faaruu Gooftaa isaanitiin [Rabbiin] qulqulleessu, Isattis ni amanu. Warroota amananiif [akkana jechuun] araarama kadhatu:“Yaa Gooftaa keenya! Wanta hundaa rahmataa fi beekumsaan wal geesse jirta. Warroota tawbatanii fi karaa Kee hordofaniif araarami, adabbii Jahannam irraas isaan eegi.” Suuratu Ghaafir 40:7

Wanta hundaa rahmataa fi beekumsaan wal geesse jirta.” Kana jechuun rahmanni Kee wanta hundaa kan haguugu fi dhaqqabuudha. Uumamni rahmata Keetirraa bilisa ta’e hin jiru. Beekumsaanis wanta hundaa Kan marsiteedha. Wanti Sirraa dhokatu tokkollee hin jiru. Dachii fi samii keessatti waan hundaa ni beekta.
Mee asi gaditti bu’aa rahmata Rabbii irraa mul’atu muraasa isaa haa eerru.

1-Qananii
Qananiin namni keessaa fi alaan, dhoksaa fi ifaan argatu hundi bu’aa rahmata Rabbiiti. Osoo Inni rahmata gochuu baate silaa qananii kana hin argatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

14:34

“Wanta isin Isa kadhattan hundarraa isiniif kenne. Qananii Rabbii osoo lakkooftanii, lakkoftanii hin fixxan. Dhugumatti, namni baay’ee miidhaa raawwataa, baay’ee waakkataadha.” Suuratu Ibraahim 14:34

Waakkataa jechuun nama wanta tokko yommuu itti kennan, “natti hin kennine” jechuun amanuu diduudha ykn “wanti kuni kiyya” jechuun kan mormudha. Namoonni baay’een qananii Rabbiin isaaniif kenne ni waakkatu. Kana jechuun qananiin Rabbiin irraa akka ta’e hin amanan, Isaaf galata hin galchan. “Beekumsaa fi ifaaje kiyyaan argadhe” jedhu. Yommuu akkana jedhuu, qabeenya isaatin badii adda addaa ittiin raawwachuun nafsee ofii miidha. Ergasii adabbii Rabbii cimaa saniif of saaxila.

Akkuma aayah keessatti jedhame qananii Isaa lakkawuu waan hin dandeenyef, qananiin kuni rahmata Isaa irraa ta’uu mee muraasa isaani haa ilaallu.

1.1. Rooba-Qur’aana keessatti ni jedha:

“Rabbiin Kan bubbee erguudha, ishiinis duumessa ni sochoofti. Akka fedhettis samii keessa ni bittineessa, addaan kukkutamaas isa taasisa. Roobas kan jidduu isaatii bahu argita. Yeroma Inni [roobaan] gabroota Isaa irraa namoota fedhe tuqe, yeroma san isaan ni gammadu. Isaan duraan osoo roobni isaan irratti hin bu’in dura abdi murattoota turan. Gara bu’aa rahmata Rabbii ilaali-akkamitti dachii du’a ishii booda jiraachise. Dhugumatti Kan [kana hojjate], warroota du’an ni jiraachisa. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu Ar-Ruum 30:48-50

Rabbiin Kan bubbee erguudha” bubbee haala adda addaatin kan ergu Rabbii tokkicha. Isaan ala bubbee dachii fi samii jidduu kan oofu hin jiru. Jabeenya ishii, hamma hoo’insaa (tempireecharaa) ishiin qabdu, olka’iinsa lafarraa qabduu, ariiti ittiin bubbistuun hunda kan murteessu Isa tokkicha. Bubbeen kana hunda mataa ofiitiin murteessu dandeessii? Bubbee erga ergee booda duumessa ni sochoofti. Rabbiin (Azza wa Jalla) duumessa kana akka fedhetti samii keessa bittineessa. Duumessa kanas addaan kukkutamaa walirra tuttulame godha. Duumeessi samii keessa akkaataa adda addaatin bittinaa’e arginu kuni hojii Rabbii wanta hundaa sirreesseti. 

Roobas kan jidduu isaatii bahu argita” kana jechuun yaa nama ilaalu! Murtii Rabbiitiin, beekumsaa fi ogummaa Isaatiin duumessa jidduu rooba gadi jigu argita. Rooba duumessa keessa dhangala’u kana hamma isaa, akkaata itti bu’u, eessatti akka bu’u Rabbii olta’aa malee kan biraa murteessu danda’aa?

“Yeroma Inni [roobaan] gabroota Isaa irraa namoota fedhe tuqe, yeroma san isaan ni gammadu.” Rabbiin subhaanahu gabroota Isaa irraa namoota fedhe bakka haajaa isaanii irratti rooba yoo buuse, yeroma san isaan ni gammadu. Roobni waan isaaniif roobef ni mirqaanu.

Isaan duraan osoo roobni isaan irratti hin bu’in dura abdi murattoota turan.” Namoonni kunniin roobni isaaniif roobun dura, rooba irraa abdii kan muratanii fi dhama’an turan. Dandeetti rooba itti roobsanii mataa ofii, lafa, horii isaanii itti obaasanii fi haajaa biroo itti bahan gonkumaa hin qaban turan. Rooba samii irraa buusu waan hin dandeenyef abdii murattoota ta’an. Namoota abdii muratan kanaaf rooba kan buuse Rabbiidha. Rahmata isaatiin rooba roobsee isaanii fi horii isaanii obaasa. Kanaafu, mee ilaali gara bu’uu rahmata Isaa! Roobni bu’aa rahmata Isaa keessaa tokko. Gabrootaaf rooba samii irraa buusun Inni Rahmaan, Rahiim (rahmata godhaa) ta’uu agarsiisa. (Mee yommuu bishaan dhugdu itti xinxalli. Bishaan dhugdu kuni hadhaawas garmalee mi’aawas miti. Jiddu galeessa sitti toluudha. Kanaafu, samii irraa bishaan qulqulluu kana buusun eenyutu si obaasee ree? Kuni rahmata Gooftaa keetii hin agarsiisuu?)

“Gara bu’aa rahmata Rabbii ilaali-akkamitti dachii du’a ishii booda jiraachise.” Yaa nama xinxalluu fi hubatu, mee gara bu’aa rahmata Rabbii ilaali! Akkamitti bishaan samii irraa buusun dachii biqiltoota, midhaani fi mukkeen ishii magarsee jiraachisu ilaali. Bishaan roobaa biyyeen walitti makama. Ergasii sanyii fi hiddaan walitti makamuun hanga fuula dachii irratti biqiltoota lubbu-qabeenyi ta’an gahanitti ni guddatu. Haala kanaan, Rabbiin subhaanahu rahmata Isaatiin lafa keessaa biqiltoota fi midhaan baasun gabroota fi uumamtoota birootif soorata taasisa. Kuni bu’aa rahmata Isaati.

Dhugumatti Kan [kana hojjate], warroota du’an ni jiraachisa.” Kana jechuun dachiin erga duute booda kan jiraachise, warroota du’anis yeroo fedhetti ni jiraachisa. Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi jazaaf namoota du’an hunda ni jiraachisa. “Inni waan hundaa irratti Danda’aadha” wanta fedhe argamsiisu yoo fedhe wanta san argamsiisuu irratti danda’aadha. Wanta fedhes dhabamsiisu yoo fedhe, isa dhabamsiisu irratti danda’aadha.[2] Wanti Isa dadhabsiisu fi itti ulfaatu tokkollee hin jiru. Wanta fedhe hunda hojjachuu irratti danda’aa erga ta’ee, du’aan booda namoota ni kaasaa jechuudha.

1.2 Halkanii fi guyyaa gochuu– Qur’aana keessatti ni jedha:

28:73

Akka isa keessatti boqattanii fi tola Isaa irraa akka barbaaddattaniif, akkasumas akka Isa galatoomfattaniif rahmata Isaa irraa halkanii fi guyyaa isiniif godhe.” Suuratu Al-Qasas 28:73

Rahmata isiniif gochuu irraa kan ka’e, halkan keessatti boqattanii fi tasgabbooftan, guyyaa keessatti tola Isaa irraa itti barbaadattanii fi dalagattan isiniif godhe. Rabbiin ala eenyutu halkanii fi guyyaa isiniif fiduu danda’aa?

1.2. Aduu fi ji’a laaffisuu

“Aduu fi ji’as walitti fufuun kan deeman ta’anii isiniif laaffise. Halkanii guyyaas isiniif laaffise.” Suuratu Ibraahim 14:33
Aduu guyyaa ifa ishii ibsuun isiniif faayda guddaa buustu isiniif laaffise. Ji’as halkan baasun faayda guddaa kennu isiniif laaffise. Aduu fi jiiyni sirna dhaabbataa fi aadaa hin jijjiramne hordofu. Lamaan isaanitu orbiiti (karaa irra naanna’an) irraa hin daban. Kuni rahmata Isaa irraayyi.


Maddoota
Walillahi asmaa’ul Husnaa fud’uuhu bihaa– AbdulAziz bin Naasir Jaliil, 
[1] Sharih Ibn Al-Qayyim li Asmaa’il Husna-fuula 36-37, Umar Ashqaar
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/177-180, Abdurahmaan Habanka

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 3.2
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 2.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply