Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 3.2

Offline dubbisuf

C.Aasaara (bu’aa) rahmata gochuu irraa mul’atuu 
Kutaa darbe keessatti bu’aa rahmata Rabbii (subhaanahu) irraa mul’atu ilaalle turre. Isaan keessaa qananii kaasne jirra. Qananii jalatti roobni, jijjiramni halkanii guyyaa, adeemsi aduu fi ji’aa qananiwwan rahmata Isaa agarsiisanidha. Namni kanniinitti yoo sirritti xinxalli rahmanni Rabbiin ilma namaatiif godhe isaaf ifa ta’a. Ammas, asi gaditti qananiiwwan armaan olii wanta caalu yoo itti xinxalle, daran rahmata Isaa ni hubata.

2.Kitaabban Buusuu fi Ergamtoota Erguu
Bu’aan rahmata Rabbii (Azza wa jalla) hundarra caalu kitaabban buusu fi ergamtoota erguun namoota qajeelchu fi dukkana keessaa gara ifaatti baasudha. Ergamtoonni Rabbiin biraa ilmaan namaatiif rahmata. Rabbiin Guddaan Olta’e ni jedha:

21:107

Aalama hundaaf rahmata taasifne malee si hin erginee.” Suuratu Al-Anbiyah 21:107

Aalama jechuun namoota, jinni fi uumamtoota biroodha. Nabii Muhammad (SAW) jinnootaa fi namoota hundaaf rahmata ta’uun ergaman. Aakhiratti adabbii cimaa irraa baraaramanii Jannataan akka milkaa’an garmalee fedhii cimaa waan qabaniif isaanif rahmata. Hadiisa Abu Hureyraan gabaase keessatti, namoonni gara Nabiyyii (SAW) dhufuun akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii! Mushrikoota irratti abaarsa kadhu (abaari).” Nabiyyinis ni jedhan, “Ani abaaraa ta’ee hin ergamne, garuu rahmata ta’uun ergame.” Sahiih Muslim 2599

Abaaru jechuun rahmata Rabbii irraa akka fagaatu kadhachuudha. Garuu Nabiyyiin namoonni hundi rahmata Rabbii akka argatan waan kajeelaniif namoota abaaru hin jaallatan.

Akkasumas, Qur’aanni namootaaf rahmata:

“Wanta hundaaf addeessaa, Muslimotaaf qajeelfama, rahmataa fi gammachiisaa goonee Kitaaba sirratti buufne.” Suuratu An-Nahl 16:89

Yaa Muhammad (SAW) Kitaaba (Qur’aana) amaloota afuriin ibsamu sirratti buusne jirra:
Amala 1ffaa-Qur’aanni wanta hundaaf addeessaadha. Addeessaa jechuun wanta tokko kan ibsu fi ifa baasudha. Hundee amantii fi damee isaa, murtiwwan addunyaa Aakhirah fi wanta gabroonni itti hajaman hunda ni ibsa. Halaala fi haraamaa, gaarii fi badaa, mindaa fi adabbii fi kan biroo jechoota ifa ta’aniin addeessa.
Amala 2ffaa-Qajeelfama ta’uu- Qur’aanni namoota gara daandii qajeelaatti qajeelcha. Daandiin qajeelaan kuni nama isa keessa deeme gammachuu fi Jannata qananiin guuttamtetti geessa.

Amala 3ffaa– Qur’aanni kuni rahmata-kana jechuun bu’aa rahmata Rabbii keessaa tokko. Isa keessa qajeelfama gara wanta isaan gammachiisuu fi milkeessutti qajeelchu waan godheef. Qur’aanni namootaaf qajeelfama ta’uun gara beekumsa nama fayyaduu fi hojii gaariitti qajeelcha. Rahmata ta’uun isaa immoo addunyaa fi Aakhiratti mindaa beekumsaa fi hojii kanarraa argamu akka argatan nama taasisa. Kanneen akka, qalbiin tasgabbaa’u, sammuun beekumsaan bilchaachu fi guuttamuu, akhlaaqni namaa toluu, rizqiin bal’achuu fi Aakhiratti kabajaa fi mindaa guddaan milkaa’udha.
Amala 4ffaa-Qur’aanni Muslimoota ajaja Gooftaa isaanitiif bulanii fi masakamaniif gammachiisa.[1] Gammachiisa jechuun oduu nama gammachiisu kan namatti himuudha. Qur’aanni warroota amananii fi hojii gaarii hojjataniif Jannani qananiin guuttamte akka jirtu ni hima. Kuni isaaniif gammachiisa ta’uun hojii gaarii irratti akka jabaatan isaan taasisa.

Rahmata Rabbii (Subhaanahu) ilaalchisee imaamu ibn Al-Qayyim akkana jedha: “Rahmata Isaatiin ergamtoota Isaa nuuf erge, kitaabban Isaa nuuf buuse, wallaalummaa irraa nu barsiisee, jallinna irraa gara qajeellinnaatti nu qajeelche, jaamu irraa [haqa] akka arginu nu taasise. Rahmata Isaatiin maqaalee, sifaata fi hojiwwan Isaa baruun Inni Gooftaa fi Tiiksaa keenya akka ta’e ni beekne. Rahmata Isaatiin wanta duraan hin beekne baranne, gara fooyya’iinsa addunyaa fi amanti keenyaati nu qajeelche…” (Mukhtasaru Al-Sawaa’iqil mursalati-2/123)

Ergamtoota erguun, kitaabban buusun, wanta ajajee fi dhoowwe isaan barsiisuun, wanta jibbuu fi jaallatu isaanitti beeksisuun qananiin hundarra guddaa fi ol’aanaa ta’eedha.[2] Sababni isaas, qananii kanaan qalbiin ni jiraatti, tasgabbii fi boqonnaa argatti. Addunyaa Aakhiratti adabbii cimaa irraa baraaraman.

3-Rahmata Isaa irraa gabroota Isaatiif badii araaramuufi, balbala tawbaa isaaniif banuudha
Rahmata Isaatiin gabroota badii adda addaatti taranii yommuu gara Isaatti deebi’an, isaaniif ni araarama. Isaaniif araaramu jechuun badii isaanii ni dhoksa, gara fuunduraatti badii saniif isaan hin adabu. Qur’aana keessatti ni jedha:

“Jedhi,”Yaa gabroottan kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.” Suuratu Az-Zumar 39:53

Kana jechuun rahmata Isaatirraa abdii kutachuun harka keessaniin baditti of hin darbinaa. “Badiin keenya baay’ate, hanqinni keenya walirra tuulame, karaan ittiin ofirraa oofanii fi deebisaniin hin jiru.” Jechuun abdii hin kutinaa. Sababa kanaan badii irra turtu, wanta Rabbii keessan dallansu siinqi godhattu. Garuu Rabbii keessan maqaalee arjoominna Isaatti akeekaniin beekaa[3]. Dhugumatti Rabbiin nama tawbatee fi araarama Isa kadhateef balleessaa hundaa ni araarama. Kanaafu, araarama kadhaa, isiniif araaramaati. Amanuu fi Isaaf ajajamuun gara Isaatti deebi’aa, tawbaa keessan isin irraa qeebalaati.

Gabroota tawbataniif rahmata gochuun Isaa jecha Rasuulaa (SAW) keessatti ifa ni ta’a. Anas bin Maalik akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Rabbiin isin keessaa nama gaala dhabee ergasi argatee gammaduu caalaa tawbaa nama tawbatetti gammada.” Sahiih Muslim

Hadiisni kuni waan itti fufuuf hiika isaa haala kanaan haa dhiyeessinu: Namni tokko gaalaa nyaata fi dhugaati ofii itti fe’ee gammoojji namni keessa hin jiraanne keessa adda deema. Boqonnaa fudhachuuf muka takka jala ni rafa. Yommuu hirribaa dammaquu gaalattin nyaata fi dhugaati isaa fudhatte sokkite (badde). Hanga dheebun isatti jabaatutti ishii ni barbaade. Ergasii akkana jedhe, “Hanga du’utti bakka duraan rafaa turetti deebi’a.” Du’uuf mataa isaa harka irra godhe. Garuu yeroo muraasan booda yommuu dammaqu, gaalli isaa galaa, nyaataa fi dhugaati isaa baadhatte isa bira dhaabbatte. Namtichi kuni garmalee gammade. Nama kana caalaa Rabbiin tawbaa gabricha Isaatti ni gammada.” Sahiih Muslim 2744

Hadiisa kana keessa faayda baay’etu jira. Akkuma namni gammoojji nama gubu keessatti gaala nyaataa fi dhugaati isaa baadhatte yommuu dhabuu, beelaa fi dheebun itti jabaatee du’atti dhiyaate, namni Rabbiin irraa fagaates addunyaa tana keessatti ni raata’a, rakkoon isatti cima. Yoo tawbatee gara Rabbii subhaanahu deebi’e, rakkoon isaa ni hir’ata. Namtichi armaan olii kuni osoo nyaata fi dhugaati dhabee silaa achumaan ni du’aa ture. Namni zikrii Rabbii irraa fagaates qalbiin isaa ni duuti. Yoo gara Isaa deebi’e immoo qalbiin isaa ni jiraatti. Namtichi kuni jireenya irraa erga abdii kutee booda lamuu carraa jiraachu argate. Wanta abdii irraa kutan lamuu argachuu caalaa gammachuun guddaan ni jiraa? Wanta tokko abdii irraa kutte ergasii wanta san yoo argatte garmalee garmalee gammaddaa mitii? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa tawbaa nama gara Isaatti deebi’e haala Isaaf maluun kana caalaa itti gammada. Kanaafu, namni rahmata Isaa irraa abdi kutuun badii keessa turuu hin qabu. Rabbiin ni jedha:

 “Gooftaan keessan of irratti rahmata katabe: Namni isin keessaa wallaalummaan hamtuu hojjatee ergasii san booda tawbatee fi toltuu hojjate, dhugumatti Inni araaramaa rahmata godhaadha.” (suuratu Al-An’aam 6:54)

Gooftaan keessan gabroota Isaa badii hojjataniif rahmata akka godhuuf of irratti dirqama godhee fi Lawhal Mahfuuz keessatti katabee jira. Qabiyyeen rahmata kanaa: “Namni isin keessaa wallaalummaan hamtuu hojjatee ergasii san booda tawbatee fi toltuu hojjate, dhugumatti Inni araaramaa rahmata godhaadha.”   
Kana jechuun namni badii erga hojjatee booda badii san irraa buqqa’ee fi gaabbee gara Rabbii deebi’uun hojii gaggaarii hojjate fi wanta balleesse fooyyesse, Rabbiin isaaf ni araarama, rahmata godhaaf. Badii isaa ni haguugaaf, gara fuunduraatti isa hin adabu.

Kaafira malee eenyullee rahmata Isaa irraa abdii hin kutu. Qur’aana keessatti:

Dhugumatti, namoota kaafira ta’an malee eenyullee rahmata Rabbii irraa abdii hin kutu.” Suuratu Yuusuf 12:87

4-Musiibaa (Rakkoolee fi balaa adda addaa)
Yeroo baay’ee rakkoo ykn musiiba namatti bu’u akka adabbiitti ilaalla. Garuu kuni yoo sirritti itti hin xinxallin dogongora guddaatti nama geessa. Walumaagalatti rakkoon nama tuqu wantoota sadii keessaa hin bahu. 1ffaa- Namoota qoruuf- nama amane yoo ta’e iimaana fi jabinna isaa ifatti baasun nama sobaa irra adda baafama. 2ffaa- Tarbiyah- kana jechuun guddisuuf, kunuunsu fi leenjisuuf rakkoon nama tuqa. 3ffaa- Adabbiif- namni badii yoo itti fufee badii isaa irraa akka buqqa’uuf rakkoon isatti rooba. Kunniin sadan hundi rahmata Rabbii agarsiisu. Iimaana kee jabeessu fi sadarkaa kee olkaasuf yoo si qoree fi qormaata irratti yoo si gargaare, rahmata Isaa hin agarsiisuu? Qormaata tokko malee sadarkaa gadi aanaa irra jiraachu wayya moo rakkoo adda addaatin qoramanii sadarkaan namaa ol ka’uu wayyaa?

Ammas, badii hojjachu itti fufanii dhumarratti adabbii cimaa adabamu wayya moo badii irraa akka buqqa’aniif rakkoon nama tuqu wayyaa? Qur’aana keessatti ni jedha:

32:21

Dhugumatti, akka isaan deebi’aniif adabbii guddaa dura adabbii xiqqaa isaan dhandhamsiifna.” Suuratu As-Sajdah 32:21

Adabbiin xiqqaan rakkoolee, musiibaa, dhibee fi balaa adda addaa addunya tana keessatti nama muudataniidha. Adabbiin guddaan immoo adabbii Aakhiraati. Akka namoonni badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’anii amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif, adabbii Aakhirah guddaa dura adabbii xiqqaa isaanitti buusa. Yoo isaan gara Isaatti deebi’an, tawbaa isaanii irraa qeebalun isaaniif araarama, adabbii guddaa irraa isaan baraara. Dhugumatti kuni rahmata guddaadha.

Warroota amanan (mu’mintoota) irratti duniyaa ykn qabeenya itti dhphisa. Kuni maaliif ta’ee? Deebiin isaa:
Rabbiin rahmata Isaatiin akka isaan duniyatti tasgabbaa’un Aakhirah hin daganneef duniyaa tana karaa addaatin isaanitti dhiphisa ykn hanga murtaa’a kennaaf. Addunyaan tuni iddoo qormaata akka taate fi qananiin Aakhirah isaaniif irra caalaa akka ta’e akka beekaniif, addunyaa baay’isee isaanitti gadi hin dhangalaasu. Mu’mintootaaf Jannata qananiin guuttamtetu jira. Kanaafu, Jannata tana gahuuf rakkoolee fi qormaata adda addaa keessa darbuu qabu. Wanta irra guddaa fi turaa isaaniif kennuuf duniyaa baay’isee isaanitti hin kenninee. Osoo baay’isee isaanitti kenne silaa Aakhirah qananiin guuttamte dagachuun addunyaa keessatti taru. Qur’aana keessatti ni jedha:

42:27

Osoo Rabbiin gabroota Isaatiif rizqii bal’isee, silaa dachii keessatti daangaa darbu turan. Garuu Inni wanta fedhe safaraan buusa. Dhugumatti, Inni gabroota Isaa keessa beekaa, Argaadha.” Suuratu Ash-Shuura 42:27
(Osoo Rabbiin rizqii (soorata, qabeenya) gabroota Isaatiif garmalee bal’isee, silaa of-tuulu, badii adda addaa hojjatu, Isaaf ajajamu irraa ni garagalu, daangaa walirratti darbuu turan. Garuu wanta dhimma isaanii itti fooyyessuu fi daangaa akka hin dabarre isaan taasisu irraa wanta fedhe safaraan (likkiin) buusa. Wanta isaan gahuu isaaniif kenna. “Inni gabroota Isaa keessa beekaa, Argaadha. ” Kamtu durummaa malee kan isaaf hin tolle, kamtu hiyyummaa malee kan isaaf hin tolle sirritti beeka. (Zaadul Masiir-fuula 1269)


Kitaabban wabii
Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– AbdulAziz bin Naasir Jali
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-13/628-629, Abdurahmaan Habanka, Tafsiiru Sa’di-fuula 518-519
[2] Asmaa’ul Husnaa wa sifaatu ulaa– fuula 19
[3] Tafsiir Sa’diyyi fuula 855

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 3.3
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 3.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply