Siiraa-Lakk.9

Offline dubbisuf

Eeggumsa Rabbiin Nabiyyiif godhee
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Nabiyyii Isaa shirkii jaahiliyyah fi sanama gabbaruu irraa eege jira. Imaamu Ahmad Musnada isaa lakk.(17947) keessatti akka gabaasetti Hishaam bin Urwah abbaan isaa akkana jedha: Ollaan Khadijaa tokko Nabiyyiin Khadiijaan osoo akkana jedhuu dhagahee jira nan jedhe: “Yaa Khadiijaa! Rabbiin kakadhee! Laata gonkumaa hin gabbaru, Uzaas hin gabbaru.” (Laata fi Uzaa maqaalee sanama yeroo san waaqefatamaniiti). Nabiyyiin (SAW) foon horii sanamaaf qalamee hin nyaatu ture.

Akkasumas, Rabbiin Nabiyyi yeroo dargaggummatti badii dargagoonni itti taran irraa eege jira. Nabiyyiin kabajaa fi dhiirummaan namoota hunda caala, dhugaa dubbachuu fi amaana eegunis namni isaan qixxaa’u hin jiru. Hojii fi dubbii fokkuu eenyu caalaa irraa kan fagaatedha. Hanga ummata isaa keessatti, “Al-Amiin (nama amanama)” jechuun moggaafamu gahe. Ammas, Nabiyyiin (SAW) firummaa kan sufu, namoota kan gargaaru, keessummota kan keessumeessu turan.[1] Amaloota gaggaarii kanniin miidhaguu fi amaloota badaa irraa fagaachun alaabaa nabiyummaa akka baadhatu isa taasise.

Halful Fuduul (Gamtoominna Fuduul)
Nabiyyiin (SAW) halful fuduul irratti argamanii jiru. Araboota keessatti gamtoominna hundarra kabajama ta’eedha. Sababni kanaa, namtichi tokko gosa Zubayd irraa gara Makkaa meeshaa gurguramu fide. Qureeshota keessaa namtichi maqaan isaa Aas bin Waa’il jedhamu nama armaan olii kanarra meeshaa inni fide bite. Garuu meeshaa isarraa fudhatee gatii kafaluufi dide. Namtichis Qureeshotatti iyyate. Haa ta’uu malee Aas bin Waa’il Qureeshota keessatti sadarkaa fi kabaja waan qabuuf, Qureshoonni isa gargaaru ni didan. Namni gosa Zubayd kuni birmannaaf warroota Makkaatti iyyate. Nama sammuu qabu hunda gargaarsa gaafate.

Zubeeyr bin Abdul Muxxalib dhaabbatee akkana jedhee: “Kuni kan dhiifamu miti.” Ilmaan Haashim, ilmaan Zuhrah fi ilmaan Taym mana Abdullah bin Jud’aanitti wal gahan. Innis isaaniif nyaata ni qopheesse. Ji’a qulqulluu Zul Qaydah keessa, zaalima (nama miidhe) irratti nama miidhame gargaaruf harka tokko akka ta’an Rabbiidhaan kakatanii walii galan. Ergasii gara Aas ibn Waa’il deemun meeshicha irraa fuudhun namtichaaf deebisan. Qureeshonni gamtoominna ykn wali-galtee kana Halful fuduul jechuun moggaaste. Akkana jedhu, “dhugumatti namoonni kunniin dhimma sadarkaa qabu keessa seenanii jiru.” Sababni isaas fuduul jecha fadl jedhu irraa kan dhufeedha. Fadl jechuun wanta gaarii sadarka qabuu fi ol’aanaa ta’eedha.

Nabiyyiiin (SAW) wali-galtee kana irratti kan argaman yommuu ta’u, erga nabiyyii ta’uun ergamanii booda akkana jechuu turan:“Dhugumatti, wali-galtee mana Abdullah ibn Jud’aanitti adeemsifame irratti argamee jira. Bakka wali galtee sanii gaalota diddiimtu qabaachu hin fedhu. Islaama keessatti osoo isaan affeerame, silaa nan awwaadhaa ture.

Barnoota asirraa fudhatamuu

1-Dhugumatti haqummaan gatii daangaa hin qabneedha, wanta muraasa irratti kan daangeefamu miti. Rasuulli (SAW) ergamuun dura hundee haqummaa keessatti hirmaachu isaa akka kabaja guddaatti ilaale.  Namni fedhe haqummaa bakkaan haa gahu, gochi kuni mataan isaa faarfamu kan qabuudha.

2-Gamtoominni Fuduul dukkana jaahiliyyah keessatti akka bakka gammoojji bishaani fi biqiltoota of keessaa qabuuti. Kuni kan agarsiisu badiin hawaasa ykn sirna kam keessattu yoo babal’ate, hawaasni kuni amala gaarii wanta jedhamu guutumaan guututti of keessaa hin qabu jechuu miti. Makkaan keessa hawaasa wallaala badiin baay’een kan akka sanama gabbaru, sagaagalummaa, dhala nyaachu, zulmii fi kkf babal’atanii kan turaniidha. Garuu kana waliinu namoonni sammuu fi amala gaarii qaban ni jiru turan. Hojii badaa armaan olii ni jibbuu. Haqaaf ni dhaabbatu. Kana keessa bakka namoonni Islaamatti hin bulletti barnoota guddaatu warroota Islaamatti waaman (daa’iwwaniif) jira. Badiin hawaasa haguugee jira jechuun cal’isuu hin qaban.

3- Haala kaminiyyuu haa ta’uu zulmiin (miidhaan) wanta fudhatama hin qabneedha, osoo namoota muraasa irratti raawwatameyyu. Islaamni zulmii itti duula. Bifa, amantii, biyya fi saala isaa osoo hin ilaalin nama miidhame cinaa ni dhaabbata. Namni miidhame Muslima ta’ee hin taane, nama gaarii ta’e hin taane, dureessa ta’e hiyyeessa ta’e kan miidhame yoo ta’e, Islaamni nama miidhame kana cinaa dhaabbachuun haqummaaf falma. Qur’aana keessatti Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

“Yaa warra amantan! Osoo lubbuma keessan yookiin abbaa haadha keessanii fi firoottan keessan irratti ta’eeyyu Rabbiif ragaa baatota ta’uun haqummaan kan gadi dhaabbatu ta’aa. Yoo dureessa yookiin hiyyeessa ta’anis Rabbitu irra isaanitti aana. Haqa irraa dabuuf fedhii lubbuu keessanii hin hordofinaa. Yoo [ragaa keessan] dabsitan yookiin [ragaa bahuu irraa] garagaltan, dhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan keessaa beekaa ta’eera.” Suuratu Al-Nisaa’a 4:135

Aayah tana akka nuuf fassaru (ibsu) ibn Kasiiriif mee haa dhiisnu:
Rabbiin olta’e gabroota Isaa haqummaan akka dhaabbatan ajaja. Haqa irraa bitaa fi mirga goruu hin qaban. Nama isaan komatu sodaachu hin qaban. Akkasumas, wanta tokko Rabbiif jedhanii hojjachuu irraa homtu akka isaan hin garagalchine. Rabbiif jedhanii wal-gargaaru fi wal deeggaruu qabu. Jechi Isaa, “Rabbiif ragaa baatota ta’uun” jedhu, jecha suurah biraa keessatti akkana jedhuun wal fakkaata, “Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaa” (Suuratu Xalaaq 65:2) Kana jechuun ragaa bahuun Fuula Rabbii barbaaduf ta’uu qaba. (Na argaaf ykn dhaadannaaf osoo hin ta’in Rabbiif jedhanii ragaa bahuun garmalee barbaachisaadha.) Sababni isaas, Rabbiif jedhanii yoo ragaa bahan, ragaan kuni sirrii fi kan haqaa ta’a; micciiruu, jijjirraa fi dhoksuu irraa ni bilisooma. Kanaafi akkana jedhe, “Osoo lubbuma keessan…irratti ta’eyyuu” kana jechuun yommuu dhimma wayii gaafatamte ragaa dhugaa bahi, haqa dubbadhu osoo miidhan sirritti kan deebi’u ta’eyyuu. Dhugumatti, Rabbiin nama Isaaf ajajame, dhimma isarratti dhiphatu hunda keessaa karaa itti bahu godhaaf.

“yookiin abbaa haadha keessanii fi firoottan keessan irratti ta’eeyyu” kana jechuun ragaa bahuun haadha abbaa keeti fi firoota kee irratti osoo ta’eyyuu, ragaa bahuu keessatti isaan akka addaatti hin ilaalin. Kana irra, osoo miidhaan isaan irratti deebi’eyyu haqaan ragaa bahi. Sababni isaas, haqni namoota hunda irratti abbaa murtiiti. Nama hunda caalaa durfama.

Yoo dureessa yookiin hiyyeessa ta’anis Rabbitu irra isaanitti aana.” Kana jechuun nama dureessa ta’eef durummaa isaatiif isa caalchisuun [ragaa sobaa hin bahinaa], ammas nama hiyyeessa ta’ees hiyyummaa isaatiif garaa laafun [isaaf ragaa sobaa hin bahinaa]. Sababni isaas, Rabbiin hiyyeessaa fi dureessa kan eegudha. Si caalaa Rabbitu isaanitti irra aana. Wanta gaarii isaaniif ta’uu Inni hunda caalaa ni beeka.

Haqa irraa dabuuf fedhii lubbuu keessanii hin hordofinaa.” Kana jechuun dhimma keessan keessatti fedhiin lubbuu, sabboonummaani fi jibbii namootaaf qabdan haqummaa irraa akka dabdanii fi haqa dhiistan akka isin hin taasisne. Kana irra, haala kam keessattu haqummaa qabadhaa. Akkuma Rabbiin jedhe: “Jibbi namootaa haqummaan dalaguu irraa isin hin dhoowwin. Haqa hojjadhaa, isatu sodaa Rabbiitti irra dhiyoodha. Rabbiinis sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hunda beekaadha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:8) (Jibbi namootaaf qabdan haqaan dalaguu irraa akka isin hin dhoowwine. Akkuma nama jaallattaniif haqummaan dhaabbattan, nama jibbitaniifis haqummaan dhaabbadhaa. Diina keessanu osoo ta’e haqa malee isa hin miidhinaa.)

Akka fakkeenyaatti, Ergamaan Rabbii (SAW) Abdullah ibn Rawah gara yahuudota Kheybar jiranitti erguun gibira akka sassaabu ajajan. Yahuudonnis akka Abdullaan isaaniif laafu mattaa (maallaqa haqa itti dabsan) isaaf kennuu barbaadan. Garuu inni ni jedhe, “Dhugumatti namoota hunda caalaa na biratti jaallatamaa kan ta’e biraa dhufe. Isin immoo jaldeessaa fi booyye caalaa na biratti jibbamoodha. Jaalalli ani isaaf (nabiyyiif) qabu, akkasumas, jibbi ani isiniif qabu, isin keessatti haqaan dalaguu irraa na hin dhoowwu. Isaanis ni jedhan: Samiwwanii fi dachiin [haqummaa] kanaan dhaabbatan.[2]

 “Yoo [ragaa keessan] dabsitan” jechuun ragaa micciiruu fi jijjirruudha. Kuni arrabaan ragaa haqa irraa dabsuu,  gara hundaan wanta sirrii barbaadamee irraa dubbii micciiru fi osoo beekanuu kijibuu of keessatti qabata.  
Yookiin [ragaa bahuu irraa] garagaltan” jechuun dhoksuu fi ragaa bahuu dhiisu.

Nama ragaa micciree fi jijjiree yookiin ragaa bahuu dhiise fi dhokse, Rabbiin akeekachisa cimaa akeekachiisa. “dhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan keessaa beekaa ta’eera.” Kana jechuun wanta hojjattan hunda takka takkaan kan beekudha. Wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Kana keessa nama ragaa dabsu ykn dhiisuf akeekachiisa cimaatu jira. Nama sobaan murteessu ykn kijibaan ragaa bahuuf immoo kana caalaa akeekachisa guddaatu jira. Sababni isaas, sobaan murteessun ykn ragaa bahuun yakka irra guddaa ta’eedha. Kan jalqabaa haqa dhiise, kuni immoo haqa dhiisee sobaan hojjate.[3]

4-Gara seenaa gamtoominna fuduulitti yommuu deebinu, barnoonni biraa asirraa baratamu, kheeyri hojjachuu, haqummaa gadi dhaabu fi zulmii buqqisuuf waligaltee uumuun wanta hayyamameedha. Garuu yommuu Muslimoonni kana hojjatan Islaamaa fi Muslimootaaf wanta hundarra irra gaarii ta’e ilaalu qabu. Zulmii buqqisna jedhanii wanta zulmi san caaluu yoo fidan, hojiin akkana hin ta’u. Hanga danda’ameen karaa salphaan zulmii san buqqisuuf yaalu qabu. Ta’uu baannan hanga haalli mijaawu eegu qabu.

5-Barnoonni biraa asirraa baratamuu, Muslimni ummata isaa keessatti lakkoofsa qofa osoo hin ta’in dhiibba gaarii (positive influence) uumuuf carraaqu qaba. Nabiyyiin ergamuun dura hawaasa keessatti amala gaarii isaatiin kan beekkamu ture. Kanarraa kan ka’e, “Al-Amiin (Amanamaa)” jechuun moggaasan.


Kitaabban wabii
[1] As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 56-61, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/99-105, Siiratu Nabawi– fuula 170, Abul Hasan Nadaw
[2] Tafsiiru ibn Kasiir 3/237-338, Daaru Ibn Al-Jawzi, Also English Translation Tafsir Ibn Kathir, Tafsiru of Suuratu An-Nisa, https://quran.com/5/8
[3] Tafsiiru Sa’di-227, Daaru salaam

Siiraa-Lakk.10
Siiraa-Lakk.8
Offline dubbisuf

Leave a Reply