Siiraa-Lakk.10

Offline dubbisuf

Nabiyyiin (SAW) Khadijaaf daldaluu fi Ishii Fuudhuu
Khadiijaa bint Khuwaylid dubartii abbaan manaa ishii irraa du’ee fi kabajaaf qabeenya tan qabdu turte. Qabeenya ishiitiin akka daldalan dhiirota ni qaxarti turte. Yommuu waa’een dhugummaa dubbii, amaanaa eeguu fi bareedinni akhlaaqa Nabii Muhammad (SAW) ishii gahuu, qabeenya ishiitiin daldalaa ta’uun gara Sooriya akka deemu isatti dhiyeessite. Daldaltoota biroo caalaa qabeenya akka isaaf kennitu waadaa ni seente. Innis kana fudhachuun tajaajilaa ishii Maysiira jedhamuu waliin gara Sooriyaa imale. Nabiyyiinis Sooriya erga gahee meeshaa manaa baheen ni gurgure. Meeshaa barbaadus ni bite. Gara Makkaa erga deebi’ee booda Khadiijaan qabeenya ishiif fide ni gurgurte. Qabeenyi ishiis dachaa ta’e.

Nabii Muhammad (SAW) imala kana keessatti mindaa daldalaa dabalatee faayda guddaa argatee jira. Sababni isaas, magaalaa Madiinaa boodarra itti godaanee handhuura waamicha fi mootummaa Islaamaa itti godhee keessaan darbe. Akkasumas,Maysiraan gaarummaa amala isaa, dhugummaa fi amanamummaa isaa Khadiijaatti erga himee booda imalli isaa kuni ishii fuudhuf sababa ta’ee jira. Ammas, Khadiijaan barakaa duraan hin argine qabeenya ishii keessatti argite. Sababoota kanniin irratti hundaa’e Khadijaanis miira gaarii Nabiyyiif qabdu hiriyyaa dhiyoo ishii tan taate Nafiisah bint Munabbah mari’achiiste. Nafiisaanis deemun oduu kana Nabiyyitti beeksiste. Akka Khadijaa fuudhu itti himte. Nabiyyiinis kanatti ni gammade, garuu dubbii kana abbeerota isaatti ni dhiyeesse. Isaanis ishii fuudhu akka danda’u irratti wali galan. Abbeeraan isaa Hamza bin Abdul Muxxalib isa waliin deemun Khadiijaa kaadhimeef. Nabiyyiinis (SAW) ishii ni fuudhe. Khadijaan dubartii jalqabaa Nabiyyiin fuudhedha. Hanga duututti dubartii biraa hin fuune. Nabiyyiif (SAW) ijoollee dhiiraa lamaa fi dubartoota afur deessefi jirti. Ijoolleen dhiiraa lamaan: Qaasim fi Abdullah. Mucaan lammata kuni Xaahir fi Xayyib jedhamunis ni beekkama.

Qaasim umrii beellada itti yaabbachu danda’u erga gahee booda ni du’e. Abdullanis daa’imummaa isaatti du’e. Kunis kan ta’e Nabii Muhammad (SAW) nabiyyii ta’ee ergamuun dura. Ijoolleen dubaraa immoo: Zaynab, Ruqiyyah, Umm Kulsuum fi Faaxima dha. Dubartoonni tunniin hundi isaanitu Islaama fudhatanii, gara Madiinaa godaananii fi heerumanis jiru. Yommuu Nabiyyiin (SAW) Khadiijaa fuudhu umriin isaa digdami shan (25), kan ishii immoo afurtama (40) ture.

Barnoota fi Faaydalee asirraa fudhatamu

1-Dhugumatti amaanaa fi dhugaa dubbachuun amaloota baay’ee barbaachisoo daldalaa milkaa’aa ta’eti. Daldalaan daldala keessatti milkaa’u nama amaanaa eegu fi dhugaa dubbatuudha. Amaloota lamaan kanatu Khadijaan qabeenya ishiitiin akka daldalu nabiyyi akka gaafattu ishii taasise. Rabbiinis daldala ishii keessatti barakaa kaa’ee. Balbala kheeyri baay’ee baneef.

2-Daldalli karaalee rizqii itti argatan keessaa tokko yommuu ta’u, ergamuun dura Rabbiin subhaanahu Ergamaa Isaatiif daldala ni laaffise. Dhugumatti gosoota daldalaa adda addaa irratti Nabiyyiiin (SAW) leenji’anii jiru. Nabiyyiin akkana jechuunis waa’ee nama daldaalu ibsanii jiru: “Adduunyaa tana keessatti daldalaan dhugaa dubbatuu fi amanamaa ta’e, Guyyaa Qiyaamaa nabiyyoota, dhugoomsitoota fi shahiidota waliin kaafama.“[1] Hojiin kuni Muslimootaaf hojii baay’ee barbaachisaa ta’eedha. Namni daldaalu, namoota birootiif gabra hin ta’u, fedhii fi hawwii nama qaxaruuf (employer) jalatti hin kufu.

3-Nabiiyyiin (SAW) Khadiijaa fuudhun murtii Rabbiitiin ture. Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haadha manaa isaan walitti galtu, isa gargaartu, rakkoo isa tuqu tan salphistuu fi gadda isaa waliin qooddattu nabiyyiif filate. Namni gara Islaamatti namoota waamu, dubartii Rabbiin sodaattu fi gaarii taate garmalee isa barbaachisti. Manaan alatti yommuu ala bahuu guyyaan isaa qabsoon kan guuttamee fi diinota Islamaa irraa faallaan guddaan isa qunnama. Kanaafu, mana keessatti nama isa booharsuu, jajjabeessuu fi kakaasu garmalee isa barbaachisa. Khadiijaan amaloota guutuu kanniin keessatti tan duraati. Jireenya nabiyyii (SAW) keessatti haftee (ashaaraa) guddaa dhiiftee jirti.

4-Akkuma arginuu Nabiyyiin (SAW) hadhaa ijoollee dhiiraa lamaan dhabuu dhandhamee jira, akkuma duraan hadhaa abbaa fi haadha dhabuu dhandhame. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ijoolleen dhiiraa akka isaaf hin guddanne fedhe. Ijoolleen Nabiyyii du’uun, namoota gariin jaalala isaanitiin qoramuun nabiyummaa isaaniif gochuu hin danda’an. Osoo ijoolleen dhiiraa jiraatani silaa fitnaan (qormaanni) adda addaa ni uumamaa ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haajaa nafsee namaa guutuuf, dhiirummaa nabiyyi keessatti homtu akka hin hir’anneef ykn namni kijibaan kijiba akka isarratti hin dubbanneef ijoollee dhiiraa jalqaba irratti kenneefii ergasii fudhate. Akkasumas, ijoolleen dhiiraa Nabiyyii daa’imummaan du’uun namoota ijoollee dhiiraa dhabaniif ykn erga argatanii booda isaan jalaa du’aniif boohartii fi jajjabeenya ta’a. Ammas, gosa qormaata keessaa tokko. Namoota hunda caalaa namoonni qoraman nabiyyoota.

Kanaafu, namni yoo ijoollee dhiiraa dhabe ykn jalaa du’an Nabiyyii (SAW) fakkeenya haa godhatu. Qur’aana keessatti:

33:21

Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakkeenya) gaariitu isiniif jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:21

Namni ijoollee dhiiraa ykn dubartii yoo dhabe waa lama haa qoratu:
1ffaa– Ijoollee dhiiraa dhabuun isaaf qormaata akka ta’etti ilaalu- Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karaa adda addaatin addunyaa tana keessatti nama qora. Qormaata kanniin keessaa ijoollee dhiira ykn dubartii dhabuudha. Wanti qormaata kanarraa barbaadamu, “namni kuni obsee mindaa obsaa argata moo dallanee mindaa obsaa dhabaa?” kan jedhuudha.

2ffaa-Ijoollee dhiiraa osoo argatee, tarii miidhaa guddaa isarraan gahuu danda’u. Kana ilaalchisee suuratu Al-Kahf keessatti seenaa bareedaa tokko ni arganna. Suurah tana keessatti waa’ee adeemsa Nabii Muusaa fi Khidr dubbata. Khidr gabricha Rabbiin beekumsa addaa isaaf kenneedha. Nabii Muusaa fi Khidr osoo waliin deemanu, Khidr mucaa dhiiraa xiqqaa ol fuudhee ajjeese. Nabii Muusaan kana yommuu argu garmalee rifate akkana jedheen, “Sila nama qulqulluu nama biraa hin ajjeesne ajjeeftaa? Dhugumatti ati waan fokkataa hojjattee jirta.” ( Suuratu Al-Kahf 18:74)

Khidris hojii kana fedhii ofiitiin osoo hin ta’in ajaja Rabbiitiin akka hojjate Muusaatti hime. Garuu iccitii kana keessa jiru akkana jechuun itti beeksisee: “Mucaan [kuni], haadhaa fi abbaan isaa mu’mintoota (warra dhugaan amananiidha). [Yoo guddate], daangaa darbuu fi kufriidhaan isaan haguugaa sodaanne. Kanaafu, Gooftaan isaanii ilma qulqullinnaan isa caaluu fi rahmatatti irra dhiyoo ta’e bakka akka buusuf feene.”  Suuratu Al-Kahf 18:80-81

Mucaan kuni osoo guddatee daangaa darbuu fi kafaruun haadhaa abbaa isaa kufriitti seensisa. Ergasii ni baduu. Kanaafi, jalqaba irratti “haadhaa fi abbaan isaa mu’mintoota” jedhe. Kanaafu, mucaan kuni du’uun mucaan isa caalu isaaniif Rabbiin kennuun wanta gaarii ta’eedha. “ilma qulqullinnaan isa caaluu” jechuun kufrii, badii fi daangaa darbuu irraa qulqulluu kan ta’e; nama amantii fi hojiin isaa tolee. “rahmatatti irra dhiyoo ta’e” jechuun haadha abbaaf rahmata kan godhuu fi tola oolu. Mucaan ajjeefame osoo guddatee, kafaruun gara kufriittii isaan oofa; isaan irratti daangaa darbuun rahmata irraa fagaata. Mucaan haarofti Rabbiin isaaniif kennu immoo mucaa gaarii, amanti qabatee fi isaaniif tola ooludha.

Kanaafu, namni yommuu ijoolleen jalaa duutu, kanniin yaadachuun obsuu fi murtii Rabbitti gammaduu qaba. Hayyuun Qataadah jedhamu waa’ee mucaa ajjeefame kanaa ilaalchisee akkana jedha: Abbaa fi haati yommuu mucaan kuni dhalatu ni gammadan. Yommuu ajjeefamu immoo ni gaddan. Osoo jiraatee silaa isaan lamaanu sababa isaatiin ni badu turan. Namni murtii Rabbiitti haa gammadu. Sababni isaas, mu’minaaf murtiin Rabbiin wanta inni jaallatu keessatti isaaf murteesse irra wanta inni jibbuu keessatti isaaf murteessetu caala.” Hadiisa keessatti: Rabbiin mu’minaaf (nama dhugaan amaneef) murtii homaatu hin murteessu, isaaf kheeyri (gaarii) yoo ta’e malee.[2]   

5-Seenaan Nabiyyiin Khadiijaa fuudhu, Nabiyyiin (SAW) fedhii foonii sadarkaa guddaa irra gahee guuttachuuf kan itti hin xiyyeeffannee ta’uu Muslimaaf ifa godha. Akkuma dargaggoota biroo fedhii foonitti garmalee kan xiyyeefatu osoo ta’ee silaa dubartii umriin Khadiijaa gadi taate ykn isa hin caalle fuudhuf hawwaa ture. Garuu Nabiyyiin (SAW) Khadiijaa akka niititti kan filateef kabajaaf amala gaarii ishiin qabduu fi yeroo jaahiliyyah “Dubartii qulqullinnaa fi kabaja ofii eeggachuun” beekkamtu waan taatefi.

6-Ammas, Nabiiyyiin Khadiijaa fuudhu keessa wanta arrabaa fi qalama diinota Islaamaa lugaamutu jira. Namoonni kunniin mata dureen fuudha nabiyyii isaaniif karaa Islaama ittiin haleelan godhanii yaadu. Nabiyyii (SAW) akka nama fedhii keessatti lixee godhanii kaasu. Garuu jireenya nabiyyii yoo qorannee faallaa isaan yaadanii fi odeessan ta’ee arganna. Nabiyyiin (SAW) hanga waggaa 25 kabaja ofii kan eeggatu fi badii naannoo isaa marseetti kan hin lixne ture. Akkasumas, dubartii umriin ishii dachaa umrii isaatti dhiyaatu fuudhe. Osoo fedhee dubartoota naannoo san jiran ni fuudhaa ture. Wanti isa dhoowwu tokkollee hin jiru. Umriin dhiirti dubartiif fedhii guddaa itti qabu 20 fi 50 jidduudha. Garuu Nabiyyiin (SAW) dubartii biraa osoo hin fuudhin hanga Khadiijaan umrii 65 tti duututti waliin jiraataa ture. Boodarra Nabiyyiin (SAW) Aa’ishaa fuudhu fi akkasumas, dubartoota biroo fuudhun sababa, seenaa fi ogummaa of danda’e qaba.[3]


Kitaabban Wabii
[1] https://sunnah.com/tirmidhi/14/7
[2] Tafsiiru Ibn Kasiir-5/183
[3] As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 62-64, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/106-110

Siiraa-Lakk.11.1
Siiraa-Lakk.9
Offline dubbisuf

Leave a Reply