Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 3.3

Offline dubbisuf

D-Faayda namni Maqaa “Ar-Rahmaan, Ar-Rahiim” beeku fi itti amanuun argatu
Kutaa darbe keessatti hiika fi aasaara (bu’aa) maqaa kanniin lamaani ilaalle turre. Yaadannoof, Ar-Rahmaan rahmataan kan ibsamu yommuu ta’u, Ar-Rahiim immoo umamtootaf rahmata kan godhuudha. Aasaarri (bu’aan) rahmata Rabbii uumamtootaaf waan gaarii kennuu fi waan badaa isaan irraa deebisuun guyyaa guyyaan ni mul’ata. Qananiin namni argatu hundi bu’aa rahmata Rabbii irraayyi. Wanti badaan isarraa deebi’e hundi bu’aa rahmata Isaa irraayyi. Kanaafu, namni kana yoo beeke fi itti amanee, faayda baay’ee argata. Isaan keessaa:

1-Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) jaallachuu-Rabbiin jaallachuun hundee ibaadatii fi mi’aa jireenyaati. Qalbiin jaalala Rabbii of keessaa hin qabne, jireenya keessatti mi’aa gammachuu hin dhandhamtu. Akkasumas, ibaadan jaalalaa fi of gadi qabuu irratti kan hundaa’edha. Bakka kunniin lamaan hin jirreetti hojii ibaada (gabbarrii) irraa faaydaa guddaa fi mi’aa argachuun ni ulfaata.

Namni yommuu qananii keessaa fi alaa isa marse ilaaluun rahmata Rabbii irraa ta’u beekee fi amane, jaalalli inni Rabbii olta’aaf qabu dabalaa adeema. Sababni isaas, nafseen namaa tuni kan tola itti oole jaallachu irratti uumamte. Nama tola sitti oolee fi tola sitti hin oolle wal-qixa jaallattaa? Rabbiin guddaan fakkaata hin qabne, tolli fi qananiin Isaa halkanii guyyaa namarratti dhangala’a. Garuu namni sababa qanani kanaatin Rabbiin kan jaallatu waa lama yoo hojjateedha.
1ffaa– Qananiiwwan kanniinitti xinxalluun rahmata Rabbii irraa akka ta’e beeku fi amanuu
2ffaa- Haala duraan keessa turee fi namoota naannawa isaa jiran ilaalu

Qananiin isatti roobuu fi badiin isarraa ittifamu, Rabbii olta’aa irraa akka ta’e yoo beeke fi amane, qalbiin isaa gara jaalala Isaatti maqxi. Qur’aana keessatti: “Qananii (ni’imaa) irraa wanti isin bira jiru Rabbuma irraayi. Ergasii yeroo miidhaan isin tuqe garuma Isaatti warwaattu.”Suuratu Nahl 16:53
Kana jechuun qananiin keessaa fi alaa kanneen akka fayyaa, beekumsaa, iimaanaa, qabeenyaa, ijoollee fi kkf isin qabdan hundi kan Rabbiin isiniif kenneedha. Dhibeen, hiyyummaa fi rakkooleen biroo yoo isin tuqan garmalee Isa kadhattu.

Haala duraan keessa turee fi namoota naannawa isaa ilaalun dhugumatti jaalala Rabbiif qabu dabalaaf. Haalli inni duraan keessa turee badaa ta’uu danda’a. Haala badaa kana keessaa Rabbiin rahmata Isaatiin isa baase. Kanaafi, Qur’aana keessatti Bani Israa’il rakkoo keessa turanii fi rakkoo kana keessaa kan isaan baase Rabbii Olta’e ta’uu isaan yaadachisa. Kaayyoon kanaa, akka Isa jaallatani fi Isa qofa gabbaraniifi. Ammas, haala badaa sahaaboonni nabiyyii (SAW) keessa turanii fi qananii Rabbiin isaan irratti oole isaan yaadachisa. Ni jedha:

Haada Rabbii hunda ta’aa qabadhaa, adda addas hin bahinaa (hin faca’inaa). Yommuu isin diinota walii turtanii qalbii keessan wal simsiisuun qananii Isaatiin obboleeyyan taatan; qarqara boolloo ibidda irra turtanii ishii irraa isin baraare, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Akka qajeeltaniif Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif addeessa.” Suuratu Aali-Imraan 3:103

Haadni Rabbii Qur’aana ykn Islaama. Nabiyyiin ergamuun dura Araboonni diina walii turan. Gareen tokko garee biraa ajjeessa. Awsi fi Kazraj osoo wal lolanuu barri dheeraan isaan irra darbe. Yommuu Rabbiin subhaanahu nabiyyii (SAW) ergu, nabiyyitti amanuun gareewwan wal lolaa turan hundi tokko ta’an. Jibbii fi diinummaan isaan jidduu haaqamun obboleeyyan walii ta’an. Kuni hundi qananii Rabbiin isaan irratti ooledha. Ammas, qarqara boollo ibidda Jahannam irra turan. Osoo kufrii irratti du’anii silaa boollo tanatti ni kufuu turan. Garuu Rabbiin rahmata Isaatiin nabiyyii isaaniif erguun boolloo ibiddaa irraa isaan baraare (nagaha baase). Kuni hundi qananii Rabbiin isin irratti oole, kanaafu qananii Isaa yaadadhaa. Qananii Isaa yaadachuun akka Isa galateefattanii fi Jaallatan isin taasisa. Kanaafi, Qur’aana keessatti bakka biratti akkana jedha:

﴾فَٱذۡكُرُوٓاْ ءَالَآءَ ٱللَّهِ لَعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُون﴿

Akka milkooftaniif jecha qananii Rabbii yaadadhaa” Suuratu Al-A’araaf 7:69

Namni qananii Rabbiin isarratti oole yaadachuun yoo Isa galateefatee (shakkare) warra milkaa’an keessaa ta’a. Galatefachuun arrabaan faarsu, qalbii fi qaaman wanta itti ajajaman hojjachu fi wantoota irraa dhoowwaman dhiisu waan of keessatti qabatuuf. Ammas, qananii Rabbii yaadachun wanta badaa duraan keessa turanitti akka hin deebine nama gargaara. Qananii guddaan namni yaadachu qabu: dukkana badii, kufrii fi wallaalummaa keessaa gara ifa iimaana fi beekumsaatti bahuu fi Islaamatti qajeeluudha. Namoota meeqatu dukkana wallaalummaa keessa raata’aa jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmata Isaatiin ifa Islaamaa nuuf ibse.

Amma of haa gaafannu, namni qananii kanniin erga yaadate, Rabbiin jaallate haa jennu. Rabbiin jaallachuun isaa maaliin safaramaa? Deebii kanaa Qur’aana keessatti haala kanaan arganna:

3:31

Jedhi, “[Dhuguma] Rabbiin kan jaallattan yoo taatan, ana hordofaa. Rabbiin isin jaallataa, badii keessanis isiniif araaramaati. Rabbiinis Araaramaa, Rahmata godhaadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:31

Arrabaan Rabbin nan jaalladha jedhanii odeessun qofti, warra Rabbiin jaallatan keessa nama hin taasisu. Dubbiin isaa kuni lafarratti gadi bu’uun hojiin mul’achuu qaba. Safartuun namni tokko Rabbiin jaallachuu itti beekamu: Rabbiif ajajamuu fi nabiyyii Isaa (SAW) hordofuudha. Hasan Al-Basri fi hayyoonni biroo akkana jedhan: Namoonni “Nuti Rabbiin ni jaallanna” jechuun odeessan. Rabbiinis aayata tanaan isaan qore: “Jedhi, “[Dhuguma] Rabbiin kan jaallattan yoo taatan, ana hordofaa.”[1]

Namni dhugaan Rabbiin yoo jaallate, faaydan gurguddaan inni argatu keessaa: Rabbiin subhaanahu isa jaallachu fi badii isaa isaaf araaramuudha. Namni kanniin lamaan yoo argate, addunyaa fi Aakhiratti wanti garmalee dhiphatuuf hin jiru.

2-Rahmata Rabbii kajeelu fi itti rarra’uu– sababoota namarraa barbaadamu erga hojjatanii booda rahmata Isaatti qalbiin rarra’uun dhugumatti mi’aa jireenya akka dhandhaman nama taasisa. Jireenya keessatti wanti guddaan namni dhiphatuuf, “Gara fuunduraatti maaltu natti uumamaa? Rakkoo fi hiyyumman na qunnamuu danda’u” kan jedhuudha. Namoonni baay’een yommuu maallaqa dhaban ykn rakkoo cimaa keessa seenan, rahmata Rabbii yoo hin abdatin, dhiphinni fi sodaan isaan keessa seenan hangana hin jedhamu. Kanaafu, namni Rabbiin rahmanni Isaa bal’aa akka ta’e yoo beekee fi amane, yeroo hundaa qalbiin isaa rahmata Isaatti rarraati. Garuu kana waliinu, wanta rahmata Isaatti isa geessu ni hojjata. Osoo wanta rahmata Rabbiitti isa geessu hin hojjatin, “Rahmanni Rabbii bal’aadha” jechuun yoo taa’e, akka nama osoo lafa hin qotinii fi midhaan hin facaasin oomisha eegu ta’a. Sababni rahmata Rabbiitti isa geessu jiraachu qabu. Akkuma sababoota kanniin hojjatuun rahmata Isaa kajeeluun jabaata.

Nama badii hojjate yoo ta’e, tawbachuun, araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun rahmata Isaa kajeela. Nama rakkate yoo ta’e, hanga humni isaa danda’u hojjachuu fi du’aayi gochuun rahmata Isaa kajeela. Gara fuunduraatti rakkoon na qunnama jedhee yoo sodaate, Rabbiif ajajamu irratti ni jabaata, wanta Inni dhoowwe irraa ni fagaata. Sababni guddaan rakkoon nama qunnamuuf Rabbiif ajajamu diduu fi wanti Inni dhoowwe hojjachu waan ta’eef. Qur’aana keessatti ni jedha:

36:45

Yeroo “Akka rahmanni isiniif godhamuuf waan isin dura jiruu fi waan duuba keessan jiru irraa of eeggadhaa” jedhaman, [irraa garagalu].” Suuratu Yaasin 36:45

 “waan isin duraa fi duuba keessan jiru irraa of eeggadhaa” jedhuuf, wanti namoota dura jiruu fi duuba isaanii jiru maaliidha jennee yoo gaafanne, deebii isaa ibsa mufassiroota irratti hundaa’un haala kanaan kaa’u dandeenya: wanti namoota dura jira: adabbii addunyaa, badii hojjatanii dabarsanii fi adabbii ummata duraanitti bu’eedha. “wanti duuba namootaa jiru” immoo: badii gara fuunduraatti dhufu, adabbii Aakhiratti isaan qunnamu fi kanneen biroo.[2]

Namoonni jireenya tana keessatti akka nama doonii yaabbatee dugda isaa gara kallatti doooniin itti deemtu garagalchee fi fuulaa fi ija isaa immoo gara karaa dooniin irra darbiteetti qajeelcheti. Jireenyi akka dooniti. Namoonni jireenya tana keessa jiraatan immoo akka nama dooni yaabbateeti. Namni wanta duuba isaatti adeemsifamu hin argu hanga wanti suni gara fuula duraatin itti dhufutti malee. Wanti duuba namootaa jiru gheeybi irraa wanta isaan hin argineedha[3]. Adabbiin Aakhiratti isaan qunnamu wanta duuba isaanitiin isaanitti dhufuudha. Wanti hojjatanii dabarsan immoo wanta dura isaanii jiruudha.

Amma gaafin ni ka’a: “Namni akkamitti wanta isa dura jiruu fi wanta duuba isaa jiru irraa of eeggachuu danda’aa?”
Wanti dura isaa jiru badii hojjatee dabarse waan ta’eef badii hojjateef adabbiin isatti bu’uu waan danda’uuf karaan adabbii kanarraa of eegu: badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’u (tawbachuu), araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuudha. Tawbachuun, araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun badii ykn dilii darbe waan haaquf adabbiin gara fuunduraatti akka namatti hin buune taasisa.

Wanti duuba isaa jiru immoo adabbii gara fuunduraatti addunyaa tanaa fi Aakhiratti isa qunnamu waan ta’eef, karaan adabbii kana irraa of eegan: iimaana fi hojii gaggaarii irraa wanta Rabbiin dirqama namarratti godhee hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe hunda irraa fagaachuni[4].

Namni wanta duraa fi duuba isaa jiru irraa dhugaan amanuun (iimaanan), tawbachuun, araarama kadhachuun, hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachuun yoo of eege, rahmata Rabbii argata. Rahmata Rabbii yoo argate immoo wantoonni gaariin isaaf dhufu, wantoonni badaa fi adabbiin adda addaa isarraa deebi’u.

Guduunfaa

☛Dhugumatti namni qananii inni qabu hundi rahmata Rabbii irraa akka ta’e yoo beekee fi amane, Rabbii kanaan isa qananiise ni jaallata. Namni Rabbii olta’aa yoo jaallate immoo Isa qofa gabbara, hojii isaaf qulqulleessa, wanta badaa irraa ni fagaata. Dhugaadhaan kana yoo hojjate immoo wanta jibbamu irraa nagaha bahuu fi wanta jaallatamu argachuun milkaa’a.
☛Namni rahmanni Rabbii bal’aa wanta hundaa haguugu ta’uu yoo beeke fi amane, rahmata Isaa ni kajeela, abdii irraa hin kutu. Garuu kana waliinu sababoota rahmata Isaatti nama geessan ni hojjata.

☛Qabeenyaa fi wanti biroo namni qabu waan badaniif, qabeenyaa fi namootatti osoo hin ta’in rahmata Rabbitti rarra’uun ykn kajeelun bilisummaa argachuudha. Qabeenyi abdatan guyyaa tokko osoo hin beekin barbadaa’a. Namoonnis wanta Rabbiin fedhe malee homaa namaaf gochuu hin danda’an. Kuni hundi abdi namatti dukkaneessa. Rahmanni Rabbii yeroo hundaa turaa fi bal’aa waan ta’eef rahmata Isaa kajeelun dhugumatti abdii ifaa qabaachudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

﴾وَرَحۡمَتُ رَبِّكَ خَيۡرٞ مِّمَّا يَجۡمَعُونَ ﴿

Rahmata Gooftaa keetitu waan isaan walitti qaban irra caala.” Suuratu Az-Zukhruuf 43:32
Kana jechuun qabeenyaa fi faayda addunyaa harka isaanii jiru irra rahmanni Rabbiin uumamtoota Isaatiif godhutu isaaniif caala.[5]
☛ Rahmata Isaatiin waan gaarii argatan, rahmata Isaatiin wanti badaan namarraa deebi’a. Qabeenyi yeroo hundaa wanta namni barbaadu hunda namaaf kennuu fi wanta badaa namarraa deebisuu danda’aa? Kanaafu, namni yoo maal hojjate rahmata bal’aa kana argata ree? Kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla.


Kitaabban wabii
Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– AbdulAziz bin Naasir Jali
[1] Tafsiiru ibn Kasiir 2/336
[2] Zaadul Masiir-fuula 1174, Ibn al-Jawzi,
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-6/131, Abdurahmaan Habanka
[4] Madda olii-fuula 132
[5] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/572, Daaru Ibn Al-Jawzi

Karaalee Rahmata Rabbii itti argatan
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 3.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply