Karaalee Rahmata Rabbii itti argatan

Offline dubbisuf

Rahmani Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) bal’aa wantoota hundaa haguugudha. Garuu akkuma yeroo darbe jenne rahmanni Isaa gosa lama. 1ffaa-rahmata waligalaa uumamtoota hundaa haguuguudha. Kuni qananii qaamaa kanneen akka nyaataa dhugaati, uffata, geejjibaa fi kkf. 2ffaan immoo rahmata addaa kan ta’eedha. Kuni namoota Rabbii Guddaa Olta’etti amananiif qofa kan ta’uudha. Kanneen akka iimaana, beekumsa, dukkana keessaa gara ifaatti baasu, tasgabbii qalbii, rizqii halaalaa, adabbii addunyaa fi Aakhirah jalaa isaan baraarun ganda qananii tan taate Jannata isaan qubsiisu fi kanneen biroo. Rahmanni guddaan namni barbaadu rahmata lammataa kana. Wanti asi gaditti hasoofnus akkaata rahmata lammataa kana itti argataniidha.

Kutaa kana abuurun dura seera hin jijjiramne kana dagachuu hin qabnu: “Al-Jazaa’u min jiinsil amal (Jazaan gosa hojiitiin)” Kana jechuun namni jazaa (mindaa) isaa kan argatu hojii inni hojjate irratti hundaa’eti. Waan gaarii yoo hojjate jazaan isaa waan gaarii ta’a. Waan badaa yoo hojjate, yoo dafee badii san hin haaqin, jazaan isaa waan badaa ta’a. Rahmata Rabbii jalla wa’alaa argachuun mindaa guddaa milkaa’innatti nama baasudha. Kanaafu, mindaa kana akkanumatti taa’ani kan argatan osoo hin ta’in hojii hojjatantu jira. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota hojii isaan irraa eeggamu hojjachuun rahmata Isaa kajeelan akkana jechuun faarse:

“Dhugumatti warri amananii fi warri godaananii karaa Rabbii keessattis qabsaa’an, isaan sun rahmata Rabbii kajeelu. Rabbiin akkaan araaramaa, rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:218

Akkuma aayah armaan olii tana irraa barannu, namoonni kunniin hojii hojjachuun rahmata Rabbii addaa kajeelu. “Nuti godaanu fi karaa Rabbii keessatti qabsaa’u hin dandeenyu. Kanaafu, rahmata Isaa akkamitti kajeellaa?” jechuun of gaafachu dandeenya. Abshir, Rabbiin karaalee rahmata Isaa itti argatan baay’ee Kitaaba Isaa keessatti fi arraba Ergamaa Isaa (SAW) irratti akeeke jira. Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu.

1-Al-IhsaanHaala waligalaatiin yoo ilaalle, Ihsaana-jechuun toltuu hojjachuu fi haala namarraa barbaadamun toltuu san bareechisuu fi sirnaan hojjachuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Dhugumatti rahmanni Rabbii warra toltu hojjatanitti dhiyoodha.” (Suuratu Al-A’araaf 7:56)

Ihsaanni gosa lama: 1ffaa-Ibaada keessatti ihsaana. Osoo Isa arguu baataniyyu akka waan Isa arganitti Rabbiin gabbaruudha. Kuni ibaada akka bareechisanii fi sirnaan hojjatan nama taasisa. 2ffaan immoo gabroota Rabbiitti tola ooludha. Kan akka rakkataa gargaaru, wallaala barsiisu fi qajeelchu.  “[Warri toltu hojjatan] Ibaada Rabbii bareechisanii sirnaan hojjatu, gabroota Rabbiitiifis tola oolu. Akkuma namni baay’isee namoota hunda caalaa toltuu sirnaan hojjatuun, akkasuma hunda caalaa rahmata Gooftaa isaatti dhiyoodha. Gooftaan isaas rahmata Isaatiin isatti dhiyoodha.”[1] 

“Rabbiin warroota toltuu hojjatan namoota hundarraa adda baasun rahmanni Isaa isaanitti dhiyoo akka ta’e ni beeksisa. Sababni isaas, rahmanni tola Rabbii irraayyi. Tolli Isaa warroota toltuu hojjataniif ta’a. Sababni kanaa, al-jazaa’u min jiinsil amali (mindaan gosa hojiitiin). Akkuma isaan hojii isaaniitin tola oolan, Rabbiinis rahmata Isaatiin isaanitti tola oole. 

Namni toltu hojjachuu irraa fagaate immoo rahmanni akkasuma isarraa fagaata. Toltuun hundarra caalu iimaana, tawhiida, gara Rabbii deebi’uu, Isarratti hirkachuu, akka waan Isa arguutti kabajaa fi sodaa guddaan Isa gabbaruudha. Akkuma Rasuulli (SAW) jedhan kuni sadarkaa guddaa ihsaanati: “Akka waan Isa argituutti Rabbiin gabbaruudha. Osoo ati Isa arguu baatteyyuu dhugumatti Inni si arga.” (Sahiih Muslim 8) Kuni ihsaana erga ta’e, rahmanni Rabbii nama toltuu bareechise hojjatuutti dhiyoodha. Rabbiin ni jedha:

“Sila mindaan toltuu toltu malee ni jiraa?” Suuratu Ar-Rahmaan 55:60)[2]

Kana jechuun mindaan nama ibaada Gooftaa isaa tolchee fi bareechise, gabrootaa Isaa fayyade, Gooftaan isaa mindaa bareedaan, milkaa’inna guddaan, qananii yeroo hundaa turaani fi jireenya nagahaatiin isatti tola oolu malee wanta biraa ni ta’aa?[3] Warroota toltu hojjatan Rabbiin addunyaa tana keessatti isaaniif rahmata gochuun, Aakhirattis rahmata Isaatiin Jannataan isaan badhaasun tola isaanitti oola. 

2-Beekumsaa fi hojiin Qur’aana hordofuu– Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

Kuni Kitaaba Nuti buufne barakaa kan qabuudha, kanaafu akka rahmanni isiniif godhamuuf isa hordofaa, Rabbiinis sodaadhaa.” (Suuratu Al-An’aam 6:155)

Qur’aanni guddaan rahmata guddaa Rahmaan gabrootaaf rahmata ittiin godheedha. Namni rahmata kana fudhate dhugumatti kennaa hunda caalu fudhatee fi wanta barbaadamu fi kajeellamu guddaan milkaa’e jira. 
Qur’aanni guddaan kuni, kheeyri fi beekumsa baay’etu keessa jira. Beekumsi biroo isarraa kan waraabamuu fi barakaan isa keessaa kan baafamuudha. Kheeyrin (wanti gaariin) homaatu hin jiru kan itti waame fi kakaase yoo ta’e malee. Ogummaa (hikmaa) fi faayda kheeyri san hojjachuutti nama kakaasu ni dubbata. Sharriin wayitu hin jiru kan irraa dhoowwe fi akeekachisee yoo ta’e malee. Sababoota sharrii san irraa akka dheessan nama taasisanii fi adabbii cimaa sharri san irraa dhalatu ni hima.

Wanta Qur’aanni ajajuu fi dhoowwu hordofaa. Kana jechuun wanta Qur’aanni ajaju hojjadhaa, wanta inni dhoowwe irraa immoo fagaadhaa. Hundee fi damee amanti keessanii Qur’aana irratti ijaaraa. Ajajoota isa keessa jiran faalleessu irraa Rabbiin sodaadhaa. Yoo kan isa hordoftan taatan, rahmanni isiniif godhamuun ni kajeellama. 

Karaan hundarra caalaan rahmata Rabbii itti argatan Kitaaba kana (Qur’aana) beekumsaa fi hojiin hordofuudha.[4] Beekumsaan yommuu jennu Qur’aana barachuu fi qo’achuun wanta isa keessa jiru hubachu fi odeefanno inni beeksisutti amanuudha. Hojiin yommuu jennu immoo wanta inni itti ajaju hojjachuu fi wanta inni dhoowwe irraa fagaachudha. Namni yoo akkana godhe, rahmata Rabbii (subhaanahu wa ta’aala) argata. Namni rahmata Rabbii khaassah (addaa ta’e) yoo argate, addunyaa tana keessa dhiphinna, gaddaa fi adabbii adda addaa irraa baraaramun tasgabbii argata. Aakhirattis adabbii cimaa irraa baraaramun Jannata seena. 
Malaaykonni akkana jechuun warroota amananii gara Rabbii deebi’anii fi karaa Isaa hordofan du’aayi akka godhaniif Rabbiin nuuf hima: “Hamtuu irraas isaan eegi. Namni Ati hamtuu (adabbii) irraa eegde, dhugumatti Guyyaa san rahmata isaaf gootee jirta. Suni isumatu Milkaa’inna guddaadha.” (Suuratu Ghaafir 40:9)
Karaa Isaa (Rabbii) hordofuun Qur’aana fi Nabiyyii (SAW) hordofuudha.

3-Qur’aana dhageefachuu-Rabbiin olta’aan ni jedha:

Yeroo Qur’aanni qara’amu, akka rahmanni isiniif godhamuuf gara isaa dhageefadhaa, cal’isaas.” Suuratu Al-A’araaf 7:204

Garaagarummaan dhageefachuu fi cal’isuu jidduu jiru: Cal’isuun dubbachuu dhiisun ykn dhageefachuu irraa wanta nama ko’oomsu dhiisun gubbaa (zaahira) irraa wanta ta’uudha. Qur’aana dhageefachuun immoo gurra itti kennu, qalbii dhiyeessu (xiyyeeffannoo itti kennu) fi wanta dhagahan itti xinxalluudha. Yeroo Kitaabni Rabbii qara’amuu namni dhimmoota lamaan kanniin qabate, dhugumatti kheeyri baay’ee, beekumsa guddaa, iimaana itti fufaa fi haaronfamaa, qajeelcha dabalamu fi amanti sirritti arguu argata. Kanaafi, Rabbiin rahmanni Qur’aana dhageefachu fi cal’isuun akka argamu taasise. Kuni kan agarsiisu namni Qur’aana hin dhageefannee fi hin cal’isne rahmata irraa qooda ni dhaba. Kheeyrin baay’een isa darba.

4-Salaata sirnaan salaatu, Zakaa kennuu fi Rasuulaf (SAW) ajajamu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Akka rahmanni isiniif godhamuuf salaata sirnaan salaataa, zakaas kenna, Ergamaafis ajajamaa.” Suuratu An-Nuur 24:56

5-Istighfaara (Araarama Kadhachuu)– Rabbiin baay’isanii araarama kadhachuun karaa rahmata Isaa itti argataniidha. Rabbiin Olta’aan ni jedha:

[Nabii Saalih ummata isaatiin akkana] jedhe: Yaa ummata kiyya! Maaliif toltuu dura hamtuu (adabbii) jarjarfattuu? Akka rahmanni isiniif godhamuuf maaliif Rabbiin araarama hin kadhannee?” Suuratu An-Naml 27:46

6-Du’aayi- kuni sababa guddaa rahmata Rabbii bal’aa namaaf fiduudha. Sababni isaas, “hunda caalaa rahmata kan godhuu irraa rahmanni ni kajeelama.” Rabbiin Tabaaraka wa ta’aalaa du’aayi warroota sammuu qabanii akkana jechuun kaasa:

Gooftaa keenya! Erga nu qajeelchitee booda qalbii teenya hin jallisin, Si biraayis rahmata nuuf kenni. Dhugumatti Ati akkaan Kennaadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:8

Kana jechuun rahmata guddaa kheeyri itti nu qunnamsiistu fi wantoota babbadoo irraa ittiin nu tiiksitu [nuuf kenni]. Dhugumatti, Ati kenni Kee bal’aa, tolli Kee baay’ee, arjummaan Kee uumamtoota hunda waliin gaheedha.”

Gabaabumatti, du’aayi baay’isanii gochuun Rabbii guddaaf of gadi qabuu fi dadhabbinna ofii agarsiisu of keessaa waan qabuuf, rahmata Isaa akka argatan nama taasisa. Mee ilaali nama tokko yoo baay’istee kadhatte, namni suni yoo qalbiin isaa hin gogin dhumarratti wanta isarra barbaaddu argachuun kee hin oolu. Rabbii Tokkicha fakkaata hin qabne baay’isanii kadhachuun karaa rahmanni Isaa itti namaaf banamuudha.

7-Taqwaa (Rabbiin sodaachu) Ni jedha:

“Mu’mintoonni (warri amanan) obboleeyyani, kanaafu gidduu obboleeyyan keessanii tolchaa. Akka rahmanni isiniif godhamuuf Rabbiin sodaadhaa.” Suuratu Al-Hujuraat 49:10

Rabbiin sodaachu (taqwaa) jechuun wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Namni wanta Gooftaan isaa itti ajaju hojjatu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu, carraan rahmata (mararfannaa) Gooftaa isaa itti argatu baay’ee guddaadha. Namni wanta Gooftaan isaa itti ajaju hin hojjannee fi wanta Inni dhoowwu hin dhiisne, carraan rahmata waan gaarii ittiin argatuu fi waan badaa ofirraa ittiin ittisu argachuu baay’ee xiqqaadha. Kanaafi, namoonni Rabbiif hin ajajamne hanga yeroo murtaa’e badii isaanii erga itti fufanii booda qabaa hamaa qabamu.

8-Uumamtootaaf rahmata gochuu- sababoota gurguddoo rahmatatti nama geessan keessaa tokko uumamtootaaf rahmata gochuudha. Namni xiqqaa fi guddaaf, mixii boolla ishii keessatti mararfatuuf, sinbirre mana ishii keessatti rahmata godhuuf namoota hunda caalaa qalbiin isaa Rabbitti tan dhiyaattedha. Abdullah ibn Amr akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Warra rahmata godhan, Rahmaan rahmata isaaniif godha. Dachii keessa kan jiruuf rahmata godhaa, samii ol Kan jiru rahmata isiniif godhaati.Tirmizii 1924

Usaamah bin Zayd akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Gabroota Isaa keessaa warroota rahmata godhaniif qofa Rabbiin rahmata godha.”  Sahiih Al-Bukhaari 1284, Sahiih Muslim 923

Abu Hureyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbi (SAW) akkana jedhan: “Namni rahmata hin goone, isaaf rahmanni hin godhamu.” Sahiih Al-Bukhaari 5997, Sahiih Muslim 2318

Namni uumamtoota irratti jabaatu, hawaasa birattis jibbamaadha. Namoonni akkaata isaan keessumeessaniin nama keessumeessu. Namni garaa jabaataa yoo ta’e isaaniis isarratti jabaato ta’u.Garaa kan laafu fi rahmata godhuu yoo ta’e, isaanis isaaf rahmata ni godhu. Dhugumatti, uumamtootaaf rahmata gochuun rahmata Rabbii guddaa akka argatanii fi qalbiin namaa akka tasgabbooftu taasisa. Namni uumamtootaaf rahmata hin goone, rahmata Isaa irraa ni fagaata, adabbi cimaafis of saaxila. Namni namootaaf rahmata hin goone kana beeku qaba: namoota irratti garaa jabaachu fi isaaniif mararfachuu dhiisun wanti isaaf dabalamu hin jiru. Inuma yoo isaaniif mararfachu dide, wanta gaarii baay’ee dhaba. Ammas, isaaniif garaa laafu fi mararfachuun wanti isarraa hir’atu hin jiru. Inuma yoo isaaniif mararfate wanta gaarii baay’ee argata.

Guduunfaa
Namni rahmata Rabbii addaa yoo argate, addunyaa tana keessatti dukkana keessaa gara ifaatti baha, tasgabbii qalbii argata. Aakhiratti immoo adabbii garmalee hadhaawaa fi cimaa jalaa bahuun Jannata qananii seena. Karaaleen rahmata kana itti argatan muraasa haala kanaan tarreessun ni danda’ama:

  1. Tola oolu fi hojii bareechisanii hojjachuu (Al-Ihsaan)
  2. Qur’aana hordofuu
  3. Qur’aana xiyyefannoon dhageefachu
  4. Rabbiin sodaachuu
  5. Salaata sirnaan salaatu, zakaa kennu, nabiyyii (SAW) hordofuu
  6. Istighfaara (araarama kadhachuu) baay’isuu
  7. Du’aayi baay’isuu
  8. Umamtootaaf rahmata gochuu (mararfachuu)

Kitaabban Wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii 328
[2] Asmaa’ul Husnaa wa sifaatu ulaa -fuula 31-32 AbdulHaadi bin Hasan
[3] Tafsiiru Sa’dii 980
[4] Madda gadii
Asmaa’ul Husnaa wa sifaatu ulaa– 33-39, AbdulHaadi bin Hasan

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.1
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 3.3
Offline dubbisuf

Leave a Reply