Siiraa-Lakk.11.1

Offline dubbisuf

Ka’aba Ijaaru keessatti hirmaachuu
Yommuu Nabii Muhammad (SAW) umriin isaa 35 gahu, Qureeshonni ijaarsa Ka’abaa haaromsuuf walitti qabaman. Dhaabni Ka’abaa ibiddi fi lolaan waan tuqeef dhodhoo’u jalqabe. Ka’abaan akkuma nabii Ibraahim (aleyh salaam) ijaaretti turte. Dheerinnaan nama jiddu-galeessaa yommuu caaltu dhagaa dhoqqeen ykn simintoon wal hin qabsiifamne walirra tuulamuun tan ijaarramtedha. Qureeshonnis Ka’abaa diiganii olkaasu fi xaaraa itti gochuu barbaadan. Garuu diigu ni sodaatan. Waliid ibn Mughiirah ni jedhe: “Diiguu anatu jalqaba.” Akaafaa ol fuudhee Ka’abaa cinaa dhaabbachuun akkana jedhe, “Yaa Rabbii! Karaa irraa hin jallanne, kheeyri malee homaa hin barbaannu.”

Innis (Waliid) roga Ka’abaa tokko qofa ni diige. Namoonni halkan kana wanta isa qunnamu ni eegan. Ni jedhan, “Ni ilaalla, yoo waa isa tuqan homaa Ka’abaa irraa hin diignu. Akkuma duraan turtetti deebisna. Garuu yoo homaa isa hin tuqin, Rabbiin wanta nuti hojjanne jaallate jira jechuudha.” Waliida ganamaan itti ka’e diigu jalqabe. Namoonnis hanga dhagaa magariisa akka dalluu gaalaa fakkattu bira gahaniitti isa waliin diigu itti fufan. Hojii qoqooduun gosa hundaaf rogoota Ka’aba kennaniif. Dhagaa buqqisuu fi ol fuudhu keessatti hoggantoonni fi manguddoonni Qureeshota itti hirmaatanii jiru.

Yommuu ijaarsi Ka’abaa xumuratti dhiyaatu wal-mormiin ho’aan ni uumame. Tarkaanfin dhumaa ijaarsa keessatti hafe Dhagaa Gurraacha (Al-Hajarul Aswad) bakka isaa kaa’udha. Rakkoon jiru, hoggantoonni gosa Qureeshaa hundi isaanitu kabaja dhagaa kana ol fuudhanii roga Ka’abaa irra kaa’u barbaadan. Yeroo ammaa kuni namoota gariitti mormii gatii hin qabne fakkaachu danda’a. Garuu wanti dagachuu hin qabne Araboonni “Kabajaaf” lola bara dheeraa fi jabaa ta’e lolanii jiru. Kanarraa kan ka’e, dhimma Dhagaa Gurraacha bakka isaa kaa’u ilaalchise gosoonni Qureesha waraana walitti banutti dhiyaatan. 

Garuu Abu Umayyah ibn Mughiirah akkana jechuun lolli akka isaan jidduutti hin dhoone ittise: Yaa tuuta Qureesha! Nama jalqaba balbala Masjiidaatin seenu wanta isin keessatti wal dhabdan irratti akka murteessu abbaa murtii godhaa.” Erga kanarratti wali galanii booda Nabii Muhammad (SAW) balbala Masjiidaatiin ni seene. Yomuu isa argan ni jedhan: Kuni Al-Amiin (Amanamaadha). Itti gammannee jirra. Yommuu oduu itti himan, Nabiyyiin (SAW) akkana jedhe, “Huccuu fidaa.” Isaanis ni fidan. Innis walakkaa huccuu irra harka ofiitiin Dhagaa Gurraacha ni kaa’e. Ergasi ni jedhe, “Gosti hundi caafi huccuu haa qaban. Ergasii tokko ta’aatii ol fuudhaa.” Isaanis hanga bakka isaa gahanitti ol fuudhanii ni deemaniin. Bakka sirrii erga geessanii booda Nabiyyiin (SAW) harka ofiitiin bakka san kaa’un ijaarsi ijaarramuun xumurame.

Ol dheerinni Ka’abaa ciqilee 18 ta’e. Hanga kortoon itti ol koranitti balballis lafarraa ol ka’e. Namni isaan fedhan malee namni biraa akka itti hin seenne fi bishaan garaa Ka’abaa keessatti akka hin lolaanef balbala lafarraa olkaasan. Xaaraa ishii gara utubaa jahaatu baadhate.

Qureeshonni Ka’abaa ijaaranii haa fixanii malee sababa galiin halaala ta’e isaan hanqateef Ka’aba bu’uura Ismaa’il irratti xumuru hin dandeenye. Kutaa Kaaba Ka’abaa “Al-Hijr” jedhamu Ka’abaan ala baasan. Kutaa Ka’abaa irraa ta’uu namoonni akka beekaniif marsaa Al-Hijr kanarratti dhaaba gabaaba ni ijaaran. Kan akkana godhaniif filannoo biraa waan dhabaniif. Sababni isaa, Ka’abaa ijaaruf maallaqa halaala malee wanta haraamaa akka hin fayyadamne ofirratti murteessan. Kan akka mahrii gumni argattee, dhala (ribaa), fi namoota miidhun maallaqa argame hunda ijaarsa Ka’abaatiif itti fayyadamu ni dhiisan. Maallaqa halaala waan dhabaniif akka duraanitti deebisanii ijaaru hin dandeenye.

Barnoota fi Faayda asirraa fuudhataman
1-Amanamummaan Rasuulaa (SAW) amala gaarii Qureeshota lola badaa Harama keessatti banuu irraa isaan eegedha. Namni hundu Nabiyyitti ni gammade. Inni amanamaa nama hin miine fi tokko kan biraa irra hin caalchifne waan ta’eef wanta inni hojjatetti hundi isaanitu ni gammadan. Kanaafu, nama amanama ta’uun badii baay’ee hanbisa, faayda baay’ee fida.

2-Ka’abaa deebisanii ijaarun sadarkaa Nabiyyiin SAW) naamusa Qureeshota keessatti qabu ifa kan baasedha. Taate kana keessatti Nabiyyiif kajabni lama argamee jira. Kabajni 1ffaan-mormiif furmaata fiduu fi lola gosa Qureeshaa jidduutti dhooyuf ka’e dhaabsiisudha. Kabajni 2ffaaan- kabaja namoonni irratti wal dorgomaniidha. Innis, Dhagaa Gurraacha (Al-Hajarul Aswad) bakka isaa kaa’udha. Nabiyyiin (SAW) harka isaatiin huccuu jidduu dhagicha fuudhun bakka isaa kaa’e.

3-Furmaanni Nabiyyiin (SAW) rakkoo Qureeshotaaf fide amala jireenyaa isaa guututi. Jireenyaa isaa guutuu keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rakkoo nabiyyii qunnamu hundaaf furmaata hundarra gaarii fi salphaa ta’e akka filatu isa qajeelche jira. Wanti namni asirra baratu, rakkoo nama qunnamuuf haala salphaa ta’ee fi karaa gabaaban furuuf carraaqudha.

Nabiyummaa Muhammad (SAW) fudhachuf Qophii Namootaa
Ogummaa (hikmaa) Rabbii irraa namoonni karaa adda addaatin nabiyummaa Muhammadiif (SAW) qophaa’a turan. Karaalee san keessaa muraasa isaanii haala armaan gadi kanaan eerun ni danda’ama:

1-Nabiyoonni dhufaatii Nabii Muhammadin (SAW) ummata gammachiisu
Nabii Ibraahim (aleyh salaam) Rabbiin Araboota keessaa nabiyyi akka ergu ni kadhate. Rabbiinis kadhaa isaatiif awwaachun Nabii Muhammadin (SAW) ni erge. Nabii Ibraahimi fi Ismaa’il bu’uura mana jalqabaa kana (Ka’abaa) erga olkaasanii booda akkana jechuun du’aayi godhan:

“Gooftaa keenya! Ergamaa isaan irraa ta’e, kan keeyyattoota (aayaata) Kee isaan irratti qara’u, kan kitaaba fi ogummaa isaan barsiisee isaanis qulqulleessu isaan keessatti ergi. Dhugumatti, Ati akkaan Injifataa, Ogeessa.” Suuratu Al-Baqarah 2:129
Du’aayin tunis fudhatama argachuun (qeebalamuun) nabiyyiin xumuraa Makkaan keessaa ni ergame.

Qur’aana keessatti bakka biraatti Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) nabiyyoota darban irratti gammachiisa dhufaati Nabii Muhammad (SAW) buusee jira. Ni jedha:

“[Isaan] warra ergamaa nabiyyii hin barreessinee fi hin dubbifne, kan isaan biratti Tawraatii fi Injiiliin keessatti barreefamee argan, kan toltutti isaan ajaju fi hamtuu irraa isaan dhoorgu, kan gaggaarii halaala isaaniif taasisu, fokkataa immoo haraama isaan irratti taasisu, kan ba’aa isaaniitii fi hidhaa isaan irra ture isaan irraa lafa kaayu hordofaniidha. Isaannan isatti amananii isa kabajan, kan isa gargaaranii fi ifa isa waliin bu’e (Qur’aana) hordofan, isaan isaanumatu milkaa’odha.” Suuratu Al-A’araaf 7:157

Himni jalqabaa Yahuudotaa fi Kiristaanota keessaa namoota Islaama keessa seenun nabii Muhammadin (SAW) hordofan agarsiisa. Amaloonni nabiyyii kanaa asitti tarreefaman keessaa: 1ffaa-Nabiyyiin kuni barreessu fi dubbisuu hin danda’u. Osoo kan barreessu fi dubbisuu ta’ee silaa namoonni “Muhammad Qur’aana kitaabban darban irraa garagalchee (kooppi godhee) nutti fide” jechuu turan. Nabii Muhammad (SAW) kan hin dubbisnee fi hin barreessine ta’uun Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa ta’uu agarsiisa. 2ffaa-Maqaa fi amaloonni nabii Muhammad (SAW) Tawraati fi injiil keessatti barraa’e argama.

Yahuudonni fi Kiristaanonni kitaaba samii buufamee isaani jijjiruu fi waa’ee Nabii Muhammad (SAW) kitaaba keessaa guutumatti haaquf carraaqqi guddaa godhanii jiru. Maqaa fi amaloota nabiyyii haaqu fi micciruuf haa carraaqanii malee, maqaan Nabiyyii Tawraata As-Saamirah fi Injiila Barnabas keessa ni jira. Injiilli (Wangeelli) Barnabas nabiyyiin ergamuun dura ni jiraa ture. Garuu Beetakiristaanni dhuma jaarraa 5ffaa keessa akka namoota keessa hin facaane ni dhoowwite. Barreefamni yeroo ammaa Galaanaa Du’aa (Dead Sea) jedhamu irraa argamee waa’ee Nabii Muhammad (SAW) ilaalchise ni dubbata. Injiil Barnabas keessatti maqaan nabiyyii ifaan ifatti Muhammad jechuun dhufee jira. Linkii armaan gadi tuquun maqaa “Mohammed” ykn “Muhammad” jedhu ifaan ifatti Wangeela Barnabas irraa argachuun ni danda’ama: https://www.sacred-texts.com/isl/gbar/gbar220.htm

“Mohammed” Ingiliffaan yommuu barreefamu bakka “u” “O” godhan. Namni kana shakkuu yoo jiraate, “Gospel of Barnabas PDF” jechuun Google irra haa barbaadu. Ergasii, kitaabicha downlod erga godhee booda maqaa “Mohammed” ykn “Muhammad” jedhu isa keessa haa barbaadu. Isaaf laffisuuf maqaa “Mohammed” ykn “Muhammad” jedhu lakkoofsa wangeela Barnabas kanniin irratti argachuu danda’a: 39,41,44,54,55,97,112,136, 163,220

Nabii Iisaan (aleyh salaam) dhufaati Nabii Muhammadin (SAW) akka bani Israa’il gammachisee Qur’aanni nuuf hima:

 “Yeroo Iisaan ilmi Mariyam, “Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatin keessatti na dura bu’e dhugoomsuu fi Ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta’een [isin] gammachisu ta’ee gara keessanitti ergame.” jedhee [yaadadhaa]. Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufe, “Kuni falfala (sihrii) ifa galaadha.” Jedhan.”  (Suuratu As-Saff 61:6) Ahmad jechuun namoota hundarra Rabbiin kan faarsudha. Muhammad jechuun kan baay’innaan faarfameedha. Dhugumatti, inni hanga Ahmad ta’utti Muhammad hin ta’u. Kana jechuun hanga namoota hunda caalaa Rabbiin kan faarsu (Ahmad) ta’uutti faarfamaa (Muhammad) hin ta’u. Kanaafi, maqaan Ahmad Muhammad dura dubbatame.Nabii Iisaanis maqaan isaa “Ahmad” jechuun dubbate. Namoota hundaa caalaa Rabbiin kan faarsu Nabii Muhammadi (SAW). Kanaafu, maqaan Ahmad isaaf sirritti ta’aa jechuudha. Maqaaleen Nabii Muhammad (SAW) shanii, “Muhammad, Ahmad, Al-Maahi, Al-Haashir fi Al-Aaqib” Sahiih Muslim 2354, Sahiih Al-Bukhaari 3532[1]
In sha Allah itti fufna…


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qurxubii 20/441
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 64-67, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/110-118

Siiraa-Lakk.11.2
Siiraa-Lakk.10
Offline dubbisuf

Leave a Reply