Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.1

Offline dubbisuf

Al-Hayy, Al-Qayyuum
Imaamu Ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) akkana jedha: “Jaalalli muka qalbii keessa jiruudha. Hiddi isaa jaallatamaaf of gadi qabuudha, jirmii isaa immoo Isa beekudha. Dameen isaa Isa sodaachudha. Baalli isaa immoo Isa saalfachuudha. Firiin isaa Isaaf ajajamuudha. Albuunni dhugaatii fi [soorata] isaaf ta’u immoo Isa yaadachuu fi faarsudha (zikriidha). Yeroma jaalalli wantoonni kanniin keessaa tokko dhabe, hir’uu ta’a.[1]

Jaallatamaan hundarra jaallatamu qabu Rabbii olta’eedha. Isa caalaa fi Isa waliin wanti jaallatamu hin jiru. Wanti tokko Isa caalaa ykn Isa waliin yoo jaallatame shirkii guddaa ta’a. Isaa gaditti wanti jaallatamu faarfamaa kan ta’u, Isaaf jedhanii yoo jaallataniidha. Akkuma jecha Ibn Al-Qayyim keessatti argine mukni jaalalaa qalbii keessatti guddatu hidda, jirma, damee, baalaa fi firii qaba. Jaalalli nuti Rabbii Olta’aaf qabnu kana hunda akka baafatuuf carraaqqi nurraa barbaadaa miti ree? Karaan hundarra gaariin kana galmaan itti gahan waa’ee maqaalee fi sifaataa Isaa ilaalchise beekumsa qabaachudha. Kutaa darbe irraa itti fufuun maqaalee Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa haa ilaallu:

A.Hiika Al-Hayy fi Al-Qayyuum
Akka lugaatti “Al-Hayy” jechuun “Jiraataa” jechuudha. Jireenyi faallaa du’aati. Jiraataan faallaa wanta du’eeti. Rabbiin Jiraataa yeroo hundaa turaa ta’e, du’aa fi badiinsi gonkumaa Isa hin qunnamneedha. Inni kana hundarraa qulqullaa’e olta’e. 

Xabariin tafsiir isaa keessatti ni jedha: “Al-Hayy (Jiraataan) Kan hin duunee fi hin banneedha. Isaa gaditti wantoonni akka gooftaatti ilaallamuun gabbaraman hundi ni du’u, ni badu. Namoota irratti akkana jechuun falma: Kan hin bannee fi hin duune gaditti wanti baduu fi du’uu gabbaramaa gabbaramuu ta’uu hin danda’u. Sababni isaas, Gabbaramaan [ykn Gooftaan] Kan yeroo hundaa turu gonkumaa hin duunee fi hin banneedha. Kunis Rabbii Isa malee haqaan gabbaramaan hin jirreedha.” (Jaami’u Al-Bayaan 3/109) (Wantoonni Rabbii gadi jiran hundi waan du’aniif ykn badaniif gooftaa gabbaramu ta’uu hin danda’an. Rabbiin immoo yeroo hundaa jiraataa hin duunee fi hin bannee waan ta’eef Gooftaa haqaan gabbaramuudha.)

Hiika Al-Qayyuum
Maqaa al-Qayyuum jedhuuf hiika hayyoonni baay’een kennan bakka lama jalatti guduunfuun ni danda’ama[2]:
1ffaa– Al-Qayyuum jechuun Ofiin dhaabbataa fi Of-Danda’aa homattu hin hajamne.
2ffaa– Al-Qayyuum jechuun uumamtoota hundaa Kan dhaabe. Kana jechuun uumamtoota hundaa kan argamsisee, dhaabu, jiraachisu fi eegu Rabbiidha. Uumamtoonni hundi Isatti hajamu. Isa malee gonkumaa of danda’ani dhaabbachuu fi jiraachu hin danda’an.

Ibn Al-Qayyim ni jedha: “Al-Qayyuum jechuun Ofiin Kan dhaabbate fi Isaan ala wantoota jiran hunda Kan dhaabudha.” (Sawaa’iqu Al-Mursalati 4/1327,1329)

B.Sifaata Maqaaleen kunniin of keessatti qabatan
Maqaa Al-Hayy (Jiraataa) jedhu keessa sifata (amala) jireenyaatu jira. wanta tokkoon jiraataadha yoo jette, jireenya ni qabaa jechuudha. Akkuma qajeelfama bu’uura Asmaa’a wa sifaata keessatti ilaalle, sifaanni Rabbii fi sifaanni uumamtootaa wal hin fakkaatan. Kanaafu, jireenyi Rabbii fi jireenya uumamtoota wal hin fakkaatan. Jireenyi Rabbii jireenya guutuu badiinsaan hin durfamnee fi yoomiyyuu duuti hin qunnamneedha. Hanqinni fi hir’inni wayitu gonkumaa Isa hin tuqu. Gooftaan keenya kana hundarraa qulqullaa’e olta’e. Qur’aana keessatti ni jedha:
﴾ وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡحَيِّ ٱلَّذِي لَا يَمُوتُ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِهِۦۚ﴿

“[Yeroo hundaa] Jiraataa gonkumaa hin duune irratti hirkadhu. Faaruu Isaatiniis Isa [faarsii] qulqulleessi.” suuratu Al-Furqaan 25:58

Ibn Al-Qayyim ni jedha: “Jireenyi Rabbii jireenya hundarra guutuu taatedha. Jireenya sifaataa (amaloota) gugguutuuf barbaachistudha. Gama kaminiyyuu faallaa ishii ni dhabamsiifti. Wanta jireenyan wal-qabatan keessaa tokko hojii filannoon hojjachuudha. Jiraataan hundi hojjataadha. Jiraataa irraa hojiin argamu guutummaa fi hir’inna jireenya isaa irratti hundaa’a. Kan jireenyi isaa hunda caalaa guutuu taate, akkasuma hojiin isaas hunda caalaa jabaa fi guutuu ta’a. Dandeettin isaas akkanuma. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu waan hundaa irratti Danda’aa ta’e, wanta fedhe hunda hojjata. (Rabbiin jireenyi Isaa gara hundaan guutuu waan taatef Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.)” Shafaa’u Al-Aliili-1/187)

Al-Qayyuum dhimmoota lama agarsiisa:
1ffaa– Durummaan Rabbii guutuu ta’uu. Inni Of Danda’aa uumamtoota Isaa irraa Dureessa ta’eedha. Akkuma Kitaaba Isaa keessatti jedhe:

“Yaa namoota! Isinumatu gara Rabbiitti hajamoodha. Rabbiin Isumatu Dureessa Faarfamaa dha.” Suuratu Faaxir 35:15 (Namoonni gara hundaan Rabbii olta’aatti hajamu. Gonkumaa Isarraa of danda’anii jiraachu hin danda’an. Uumama isaaniitiif Isatti hajamu. Osoo Inni isaan argamsiisu baate silaa hin argaman (hin uumaman). Humna fi kutaalee qaamaatiif Isatti hajamu. Osoo Inni kutaalee qaama fi humna isaaniif kennu baatee silaa eessaa argatu? Soorataa fi qananii keessaa fi alaatiif Isatti hajamu. Osoo tola Isaatiin isaaniif laaffisuu baatee silaa soorataa fi qananii wayitu hin argatan. Rakkoo fi wanti jibban akka isaan irraa deebi’uuf Isatti hajamu. Osoo Inni isaan irraa deebisuu fi rakkoo isaan irraa saaqu baate silaa rakkinni fi ulfaatinni isaan keessa jiran itti fufa.[3] Kanaafu, namoonni gara hundaan Isatti hajamu. Garuu Inni Dureessa Faarfamaadha.)

2ffaa-Dandeetti fi Too’annaan Isaa guutuu ta’uu- Inni Dandeetti Isaatin uumamtootaa hunda kan dhaabu fi jiraachisuudha. Uumamtoonni hundi gara Isaatti hajamu. Libsu ijaatiif Isarraa of danda’anii jiraachu hin danda’an. Arshiin, Kursiyyiin, samiwwan, dachiin, gaarreen, mukkeen, namoonni, beelladonni, bineensonni hundi isaanitu gara Rabbii olta’atti hajamu.[4] Qur’aana keessatti ni jedha: “Dhugumatti, Rabbiin samii fi dachiin [bakka isaaniitii] akka hin deemne qaba. Osoo bakkaa deemanii Isa malee wanti tokkoyyuu isaan lamaan hin qabu. Dhugumatti, Inni Obsaa, Araaramaa ta’eera.” Suuratu Faaxir 35:41, “Mallattoolee Isaa irraa samii fi dachiin ajaja Isaatiin dhaabbachuudha.” Suuratu Ar-Ruum 30:25

Dhimmoota lamaan armaan olitti kaasne Ibn Al-Qayyim akkana jechuun guduunfa: Al-Qayyuum guutummaa durummaa Isaatii fi guutummaa Dandeetti Isaa of keessatti hammata. Sababni isaas, Inni Ofiin Kan dhaabbateedha, gama kaminiyyuu kan Isa dhaabutti gonkumaa hin hajamu. Kuni wantoota Isaan ala jiran hundarraa Dureessa fi Of danda’aa ta’uu Isaa irraayyi. (Kana jechuun gara hundaan Dureessaa fi Of Danda’aa waan ta’eef homattu hin hajamu.) Ammas, Inni wantoota Isaan ala jiran Kan dhaabudha. Wantoonni Isaan ala jiran yoo Inni isaan hin dhaabin dhaabbachuun isaaniif hin jiru. Kuni immoo guutummaa dandeetti fi Jabeenya Isaa irraayyi. (Kana jechuun Dandeetti fi jabeenya guutuu waan qabuuf uumamtoota hunda Kan dhaabu, jiraachisuu fi eegu Isa.)” (Bidaa’u Al-Fawaa’id 2/410)

Maqaaleen Rabbii gaggaariin Al-Hayy Al-Qayyuum irra naanna’u
Wanta darbe irraa maqaaleen lamaan kunniin “Al-Hayy Al-Qayyuum” hiika maqaalee gaggaarii hunda walitti kan qabaniidha. Isaan lamaan irra maqaaleen gaggaariin naannawu. Hiikni isaanii hundi gara isaan lamaanitti deebi’a. Sifaanni Rabbii subhaanahu maqaalee kanniin lamaanitti deebi’an waan ta’eef.

Maqaan “Al-Hayy (Jiraataa)” jedhu- sifaata Zaataa walitti qaba. Sifaanni Zaata kanneen akka dhagahuu, arguu, harka, beekumsa fi kan kana fakkaatan. (Jiraataan beekumsa kan qabu, dhagahu, arguudha). Al-Qayyuum immoo sifaata hojiiwwanii (Al-Af’aala) walitti qaba. Kanneen akka uumuu, razzaquu (sooru), qananiisu, jiraachisuu, ajjeesu fi kkf. (Hiika Al-Qayyuum keessaa tokko uumamtoota kan dhaabu waan ta’eef, Inni ni uuma, ni soora, ni qananiisa, ni jiraachisa, ni ajjeesa yeroo fedhetti lamuu ni kaasa.) Kanaafi, hayyoonni gariin maqaaleen lamaan kunniin maqaalee gurguddaa yoo Rabbiin ittiin kadhatame deebii itti deebisuudha jedhan.[5]

Hirribaa fi Mugaatiin hiika maqaalee armaan olii kanniin waan faallessaniif Rabbiif hin malan
Qur’aana keessatti “Allaah, Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, [Inni] Al-Hayy Al-Qayyuum. Mugaatis ta’e hirribni Isa hin qabu.” (Suuratu Al-Baqarah 2:255)
Hiika sadaffaa Al-Qayyuum jalqabatti hin kaasne kaasun mee kutaa kana haa xumurru. “Hiika Al-Qayyuum keessaa tokko yeroo hundaa turaa hin banneedha. Hiika kanatti sheykhul Islaama ibn Taymiyaan (rahimahullahu) akkana jechuun akeeke jira: Maqaan Al-Qayyuum jedhu hiika “Inni kan hin banne ta’uu” of keessatti qabata. Guutummaa Isaa booda gonkumaa hir’uu hin ta’u. Inni duraanis turaadha, ammaa fi gara fuunduraattis turuu itti fufa, abadii azalii sifaata guutuudhaan kan ibsamuudha. (Azalii jechuun jalqabaa fi dhuma kan hin qabnee yeroo hundaa jiraataa kan ta’e.)  Osoo hir’inni itti hin argamin ykn osoo hin jijjiramin Inni yeroo hundaa turaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Al-Qayyuum. Kanaafi, haala guutuu ta’een Al-Qayyuum ta’uu irraa kan ka’e hin badu, hirribni fi mugaatin isa hin qaban. Hirribaa fi mugaati keessa badiinsa hiika Al-Qayyuum faallessutu jira. Jireenyi, beekumsi fi dandeettin guutuun hirribaa fi muguu keessatti waan hir’ataniif. Nama hin rafne waliin wal bira yommuu qabamu namni rafe hanqinni beekumsaa, dandeetti, dhagahuu, arguu, dubbachuu fi kan biroo isa qunnama. Kanaafi, hirribni obboleessa du’aati jedhama.[6]” Namni rafee akka nama du’eeti. Hanga hirribaa dammaqutti wanta naannawa isaatti raawwatamu hin beeku, hin argu, hin dhagahu, hojii biroo hojjachuu hin danda’u. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa halkanii guyyaa kan dhaabu, jiraachisu, too’atu, eegu, qindeessu waan ta’eef gonkumaa hin rafu, hin mugu.

Guduunfaa
Al-Hayy jechuun Jiraataa jechuudha. Rabbiin subhaanahu Al-Hayy (Jiraataa) gonkumaa hin duunee fi hin banneedha.
Al-Qayyuum jechuun Of Danda’aa homattu hin hajamne, wantoota hundaa kan dhaabu, jiraachisu fi eegudha. Akkasumas, Al-Qayyuum jechuun yeroo hundaa turaa gonkuma hin banneedha.
☛Maqaan Al-Hayy (Jiraataa) jedhu Rabbiin jireenyaa guutuu hanqinna wayitu hin qabne akka qabu agarsiisa.
☛Maqaan Al-Qayyuum jedhu immoo waa lama agarsiisa: 1ffaa-Rabbiin gara hundaan dureessaa fi of danda’aa ta’uu. 2ffaa-Dandeettin, jabeenyi fi too’annaan Rabbii guutuu ta’uu.
☛Hirribni fi mugaatin amaloota armaan olii waan faalleessaniif Rabbii olta’aaf hin malan. Subhaanahu wa ta’aalaa=Inni Qulqullaa’e olta’e


Kitaabban wabii
[1] Rawdatul Muhibbiin 554
[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Faatiha wa Baqarah-3/251 ibn Usyemiin, Fatawa Ibn Baaz
[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 806-807
[4] Fiqhu Al-Asmaa’il Husnaa– fuula 88, Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin Badri
[5] Madda olii
[6] Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk. 7 fi 8, AbdulAziz bin Naasir Jaliil

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.2
Karaalee Rahmata Rabbii itti argatan
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply