Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.2

Offline dubbisuf

C.Ibsa Aayaata (keeyyattoota) Qur’aanaa muraasa maqaalee kanniin of keessaa qabanii
Kutaa darbe irraa itti fufuun aayaata Qur’aanaa maqaalee Al-Hayy fi Al-Qayyuum of keessaa qaban ni ibsina. Maddi guddaan maqaalee fi sifaata Rabbal aalamiina itti beekan Qur’aana waan ta’eefi. Maqaan Al-Hayy jedhu Qur’aana keessatti si’a shan kan dhufe yommuu ta’u, Al-Qayyuum immoo si’a sadii dhufe. Al-Hayy fi Al-Qayyuum walitti hidhamuun 2:255, 3:2, 20:111 keessatti dhufanii jiru. Addatti Al-Hayy 40:65 fi 25:58 keessatti dhufee jira. Yeroo darbe 2:255 (Aayata Al-Kursiyy) waan ibsineef aaya tana lamu irraa hin deebinu. Amma kan hafan ilaalla.

Aliif Laam Miim. Allaah, Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, [Inni] Al-Hayy Al-Qayyuum. Waan isa dura jiru kan dhugoomsu ta’e kitaaba dhugaan sirratti buuse. Tawraati fi Injiliis ni buuse.” Suuratu Aali-Imraan 3:1-3

Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa Tokkichummaan gabbaramuu Isaa beeksisuun jalqabe. Dhugumatti, Isa malee haqaan kan gabbaramu hin jiru. Isaan ala wanti gabbaramu (waaqefatamu) hundi soba (baaxila)[1].

Al-Hayy -Jiraataa jireenya guutuu qabuudha. Jireenyi Rabbii subhaanahu jireenya guutuu taatedha. Inni Jiraataa jalqabaa fi dhuma hin qabneedha. Jireenyi Isaa dhabamuun hin durfamne, badiinsis hin qunnamu. Akkasumas, gara kaminiyyuu hanqinni itti hin seenu. Muguu fi hirribni guutummaa jireenyaa waan hir’isuuf Rabbiin gonkumaa hin rafu, hin mugu. Jireenyi Isaa guutuu hanqinna wayitu hin qabne waan taatef.

Rabbiin subhaanahu Jiraataa gonkumaa hin duunedha. Kanaafi, Inni ilma qabaachu irraa qulqulluudha. Ilmi kan barbaachisuuf nama duutii fi badiinsi qunnamuufi. Namni waan du’uuf sanyiin isaa akka itti fuftuuf ilma barbaada. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo hundaa jiraataa gonkumaa hin duune waan ta’eef ilmatti hin hajamu. Inni kanarraa qulqulluudha.

Al-Qayyuum jechuun immoo Of Danda’aa homattu hin hajamnee fi wantoota Isaan ala jiran hunda kan dhaabudha. Wantoonni Isaan ala jiran hundi argamuuf, dhaabbachuu fi jiraachuuf Isatti hajamu.[2] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota Isaa too’achuuf, qindeessuu fi sirreessuuf itti gaafatamummaa kan fudhateedha. Qaama, qalbii fi ruuhi isaanii sirreessuf itti gaafatamummaa fudhate. Rooba samii irra buusun biqiltoota lafa keessaa ol biqilcheef. Uumamtoonnis bishaan samii irraa bu’e dhuguu fi soorata lafaa biqilee nyaachuun qaamni isaanii ni sirraa’a. Kanaafu, qaama isaanii kan jiraachisu, sirreessu fi too’atu Rabbii olta’aadha. Osoo roobni samii irraa bu’uu baate silaa du’anii qaamni isaanii tortoree bada.

Ammas, Rabbiin rahmanni Isaa bal’aa ta’ee kitaaba Of biraa buusun ruuhi fi qalbii uumamtootaa sirreesse. Qalbiin dukkana wallaalummaa fi kufrii keessaa gara ifa iimaanaa fi beekumsaatti bahuun ni sirroofti. Bishaan samii bu’uu qaamaaf jireenya ta’a. Kitaabni Isa biraa bu’u immoo ruuhi fi qalbiif jireenya ta’a. Kanaafi, itti aanse ni jedha: “Waan isa dura jiru kan dhugoomsu ta’e kitaaba dhugaan sirratti buuse.

Kana jechuun Yaa Muhammad! Qur’aana kitaabban isa dura bu’an kan dhugoomsu haqaan sirratti buusee jira. Haqaan sirratti buuse yommuu jedhu: Qur’aanni kuni Rabbiin irraa ta’uu shakkii wayitu hin qabu. Beekumsa Isaatiin buuse.[3] Ammas, wanti Qur’aanni of keessaa qabu hundi haqa ykn dhugaadha.[4] Sobni homaatu keessa hin jiru. Ajajni of keessaa qabu fi odeefannoon beeksisu hundi haqa. Qur’aanni waa’ee ummata darbanii fi waa’ee Jannataa fi Jahannam ni beeksisa. Kunniin hundi dhibbaan dhibbatti dhugaadha. Sababni isaas, Rabbii waan hundaa beeku fi hunda caalaa dhugaa dubbatu irraa bu’e.

Rabbiin Olta’aan ni jedha:“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” (Suuratu al-Fussilat 41:42) Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu hin dhufu. Kana jechuun beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi murtiiwwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seeronni fi murtiwwan isa keessa jiran haqa hin jijjiramneedha. Seenaa durii irraa wanta beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti hin dhufu. Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan bu’eefi. “Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2

Qur’aanni kitaabban isa dura bu’an ni dhugoomsa. Dhugoomsun kunis karaa lamaan ta’a[5]:
1ffaa-wanta kitaabban darban gammachiisanii fi beeksiisan ni dhugoomsa ykn ni mirkaneessa. Kitaabban darban kanneen akka Tawraati fi Injiil Nabii Muhammad (SAW) akka ergamuu fi Qur’aanni bu’u beeksisanii turan. Kanaafu, Qur’aanni odeefannoo kana ni mirkaneessa. [6]  Akkuma kitaabban darban jedhan Nabii Muhammadis ni ergame, Qur’aannis ni bu’e. Wanta tokko beeksiifte yeroon booda akkuma ati beeksifte yoo ta’e, wanti suni si dhugoomse ykn dhugummaa kee ifatti baase jechuudha. Qur’aannis akkuma kitaabban darban jedhan waan bu’eef dhugaa isaanii ifatti baasa ykn ni dhugoomsa.

2ffaa– Kitaabban darban dhugaa ta’uu irratti murteessa. Kana jechuun Kitaabban isa dura Rabbiin buuse dhugaa ta’uu ragaa baha. Osoo harki namoota itti hin seenin dura kitaabban akka Tawraat, Zabuur, Injiil Rabbiin irraa kan bu’an ta’uu fi wanti of keessaa qaban haqa ta’uu ni mirkaneessa. Kitaabban kanninitti harki namootaa erga seene boodas dhugaa fi soba addaan baasa. Wanti Qur’aanni dhugaadha jedhe dhugaadha. Wanti inni soba jedhe soba. Sababni isaas, Qur’aanni Rabbiin irraa kan bu’ee fi hanga Guyyaa Qiyaamaatti jijjiramuu irraa kan tiikfameedha. Rabbiin ni jedha:

15:9

Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9

Ibsa Aayaata 2ffaa:

Akkuma yeroo darbe jenne Al-Qayyuum dandeettin Rabbii guutuu ta’uu agarsiisa. Wantoota dandeettin Isaa guutuu ta’uu agarsiisan keessaa tokko Guyyaa Qiyaamaa namoota erga du’anii booda kaasun murtiif walitti isaan qabuudha. Aayaata armaan gadii keessatti wantoota Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamanii fi Daandeettin Isaa guutuu ta’uu agarsiisan ni dubbata. Mee wanta Guyyaa san nama rifachiisanii fi naasisan akkasumas nama gammachiisan haa ilaallu:

(105)Waa’ee gaarreenii si gaafatu. “Gooftaan kiyya faffacaasu isaan faffacaasa.” jedhiin. (106)-Lafa wal qixxaataa biqilaa hin qabne taasisee dachii dhiisa. (107)-Ishii keessattis bu’aa bahii homaa hin agartu. (108)-Guyyaa san Lallabaa hordofu; asi achii isarraa dabuun hin jiru. Sagaleen hunduu Rahmaaniif gadi jetti. Shokoksaa malee homaa hin dhageessu. (109)-Guyyaa san shafa’aan hin fayyaddu, nama Rahmaan isaaf hayyamee fi dubbii isaaf jaallate malee. (110)-Inni (Rabbiin) wanta isaan dura jiruu fi wanta isaan duuba jiru ni beeka. Isaan beekumsaan Isa hin marsan. (111)-[Guyyaa san] fuulli [hundi] Rabbii Al-Hayy Al-Qayyuum ta’eef gadi jedha. Dhugumatti namni zulmii baadhate hoonga’e (kasaare). (112)-Namni mu’mina (kan amane) ta’ee hojii gaggaarii hojjate, zulmii fi hadm hin sodaatu.” Suuraatu Xaahaa 20:105-112

Aayaanni kunniin wanta guyyaa san raawwatamu sammuu keessatti fakkii kaasun namatti himu. “Waa’ee gaarreenii si gaafatu” kana jechuun Rabbiin guyyaa Qiyaamaa gaarreen kana maal godhaa? Haala amma irra jiran kanaan turan moo hin turan? Jedhiin “Gooftaan kiyya faffacaasu isaan faffacaasa.” Kana jechuun bakka isaanitii isaan deemsiisuu fi bubbuqisuun akka jibrii iddamtee ykn akka ashawaa taasisa. Ergasii waliin dhawuun akka awwaara ykn dhukkee bunnisuu godha. San booda gaarreen kunniin badanii dachiin wal qixxeessa. “Dachiis wal-qixxaata biqilaa hin qabnee taasisa.” Yaa nama guyyaa san ilaalu hoo! Bu’aa bayii homaatu dachii keessatti hin argitu. Lafa gadi bu’aa akka sululaa fi boolloo ykn lafa olka’aa akka tuulluu fi gooddaa keessatti hin argitu. Dachiin dirree wal-qixxooftee fi adii taate mul’atti. Uumamtootaaf ni diriirti. Rabbiin olta’aan akka itillee (gogaatti) ishii diriirsa. Namoonnis dhaabbata tokko irra ta’u. Lallabaan sagalee isaan dhageesisa. Kanaafi ni jedha:

Guyyaa san Lallabaa hordofu” kuni yeroo qabrii isaanii keessaa kaafamanii ka’aniidha. Lallabaan iddoo walitti qabamanitti akka argamanii fi walitti sassaabamaniif isaan waama. Isaanis osoo bitaa fi mirga irraa hin goriin ariitiin isa hordofu. Kallatti hundaan gara sagalee isaatii fi naannawa isaatti qajeelu. “asi achii isarraa dabuun hin jiru

Erga iddoo wal-gahii gahanii booda, “Sagaleen hunduu Rahmaaniif gadi jetti.” Kana jechuun Guyyaa san sagaleen hundii Rabbiif ni cal’isti. Shokoksaa lukaa ykn hidhii sochoosun hasaasa dhoksaa malee hundi isaanitu ni cal’isan. Murtii Rahmaan isaan irratti dabarsuu eeguuf sodaa fi cal’isuun isaan too’ata. Fuulli isaanii gadi gonbifamee murtii Rabbii guddaa eeggatu. Iddoo wal-gahii guddaa kanatti dureeyyi fi hiyeeyyi, dhiiraa fi dubartii, nama bilisaati fi gabroota, moottotaa fi namoota isaan jalatti bulan kan cal’isanii fi ijji isaanii sodaan guuttamtee fi mormii isaani gadi jedhee argita. Isaan keessaa eenyullee maal akka irratti murteefamu fi isatti hojjatamu hin beeku. Namni hunduu abbaa, obboleessa, hirriyyaa fi jaallatamaa isaa dagatee nafsee fi dhimma ofiitiin ko’ooma. Yeroo sanitti Abbaan Murtii Haqa ta’e isaan irratti murteessa. Nama toltu hojjate tola isaatiin mindaa isaaf kenna. Namni hamtuu (badii) hojjate immoo mindaa guddaa dhabuun jazaa isaaf kafala.[7]

“Guyyaa san shafa’aan hin fayyaddu, nama Rahmaan isaaf hayyamee fi dubbii isaaf jaallate malee.” Shafa’aa jechuun wanta faayda qabuu fiduu fi wanta miidhaa qabu deebisuuf nama tokkoof jiddu-galaa (jaarsummaa) ta’uudha[8]. Jecha biraatin, “Yaa ebalu nama kanaaf kana godhi, yookiin hin adabin” jechuun abbaa aangoo fi sadarkaa qabu kadhachuudha. Nabiyyoonni fi namoonni gaggaariin namoota dhugaan amananii garuu sababa badiin isaanii baay’ateen ibidda seenan, akka ibidda keessaa bahanii fi Jannata seenan Rabbiin biratti shafa’aa ni ta’u. Garuu shafa’aan kuni ulaagaalee lama qaba: 1ffaa- Nama shafa’aa ta’uu fi shafa’aan godhamuuf Rabbiin hayyamu. 2ffaa-dubbii nama shafa’aa ta’uu jaallachuudha. Wanti namni asirraa hubatu, namni hojii gaggaarii abbaan ykn firri isaa hojjateen kan boonu osoo hin ta’in mataa ofiitiin hojii gaggaarii hojjachuu qaba. Abbaan ykn firri isaa hanga fedhan namoota gaggaarii haa ta’an, yoo Rabbiin hin hayyamiin shafa’aa isaaf ta’uu hin danda’an.

“Inni (Rabbiin) wanta isaan dura jiruu fi wanta isaan duuba jiru ni beeka.” Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta namoonni addunyaa tana keessatti hojjatanii dabarsanii fi gara fuunduraatti wanta isaanitti dhufu hunda ni beeka. Dhimma guddaa gara fuunduraatti isaanitti dhufu keessaa wanta Guyyaa Qiyaamaa raawwatamuudha.[9]

“[Guyyaa san] fuulli [hundi] Rabbii Al-Hayy Al-Qayyuum ta’eef gadi jedha.” Guyyaa san fuulli nama hundaa Rabbii yeroo hundaa Jiraataa gonkumaa hin duune, Of-Danda’aa homattu hin hajamne, Kan uumamtoota hundaa dhaabu, jiraachisuu fi eeguuf gadi jedha. Namoonni hundi fuula isaanii gadi qabanii dhaabbatu.

Guyyaa Qiyaamaa san iddoo walitti qabamaatti namoonni bakka lamatti qoodamu:Qoonni 1ffaan- kufrii fi sharrii isaaniitiin zaalimoota (miidhaa raawwattoota) warra ta’an. Kasaaraa fi dhabiinsa, jahannama keessatti adabbii cimaa fi dallansuu Rabbii malee homtu isaan hin gahu. “Dhugumatti namni zulmii baadhate hoonga’e (kasaare).” Zulmiin (miidhaan) guddaan kufrii fi shirkiidha. Kufrii jechuun haqaa fudhachuu diduu ykn Rabbitti amanuu diduudha. Shirkii jechuun Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu ykn uumamtoota Rabbii Tokkichaan wal fakkeessuu fi wal-qixxeessudha. Sababa kufrii fi shirkiitiin hojiin isaan gaariidha jechuun hojjatan hundi jalaa badaa. Homaa isaan hin fayyadu. Kasaaran kana caalu ni jiraa ree?

Qoonni lamaffaan immoo namoota haala itti ajajamaniin amananii fi hojii gaggaarii hojjataniidha. “Namni mu’mina (kan amane) ta’ee hojii gaggaarii hojjate, zulmii fi hadm hin sodaatu.” Asitti zulmii jechuun badii inni hin hojjanne isatti dabalamu ykn badii inni hin hojjanneef isa adabuudha. Hadm jechuun immoo hojii gaggaarii ykn haqa isaa jalaa hir’isuudha. Kanaafu, hiikni “zulmii fi hadm hin sodaatu.” Jedhu, badiin inni hin hojjanne isatti dabalamu hin sodaatu, hojiin gaariin inni hojjate isa jalaa hir’ifamus hin sodaatu.[10]

Namni Rabbitti amanee fi jaalala Isaa barbaadun hojii gaggaarii hojjate, badii inni hin hojjanneef hin adabamu. Ammas, hojii gaggaarii isaa irraa mindaan hin hir’ifamu. Kana irra, badii hojjateef araaramni isaaf godhama, hojiin gaggaariin inni hojjate isaaf baay’ifamuun Jannata qananii seena. Qur’aana keessatti, “Namni Rabbitti amanee fi hojii gaggaarii hojjate, [Rabbiin] hamtuwwan isaa isarraa harcaasee Jannata jala ishii laggeen yaa’an isa seensisa; isaan abadii achi keessa jiraatu. Suni Milkaa’inna Guddaadha.” (Suuratu At-Taghaabun 64:9)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmataa fi tola Isaatiin Guyyaa Qiyaamaa warra mindaa fi milkii guddaa kanaan milkaa’u nu haa taasisu.


Kitaabban wabii
[1] Tafsiiru Sa’dii-125
[2] Aali-Imraan, Abdurahman Habanka Hasan, fuula 14
[3] Tafsiiru Ibn Kasiir-2/309
[4] Tafsiiru Sa’dii-fuula 125, Tafsiiru Qur’aanil kariim- Tafsiiru suuratu Aali-Imraan, Ibn Useymiin -fuula 9-10
[5] Madda olii-fuula 9-10
[6] Tafsiir ibn Kasiir 2/309
[7] Tafsiiru Sa’dii-fuula 597-598
[8] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Tafsiiru Suuratu Al-Baqarah:255, Ibn Useymiin 252
[9] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi– 8/327-328 , Abdurahmaan Habanka
[10] Tafsiiru Sa’dii-599, Tafsiiru ibn Kasiir 5/311, Madda olii 8/329

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.3
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply