Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.3

Offline dubbisuf

D-Bu’aa namni Maqaa “Al-Hayy fi Al-Qayyuum” beeku fi itti amanuun argatuu
1-Rabbii Tokkicha qofa gabbaruu akkuma barreefamoota darban keessatti ilaalle, “At-Ta’abbud (gabbaruu) jechuun jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi of gadi xiqqeessu daangaa ol’aana irra gaheedha[1]. Jecha biraatin gabbaruu jechuun jaalala guutuu fi of gadi xiqqeessuun Gooftaaf ajajamuudha.

Namni wanta tokko garmalee kan jaallatuu fi of gadi xiqqeessuuf waa irraa barbaadeti mitii? Mee kadhataa karaa irratti maallaqa kadhatu ilaali. Namootaaf garmalee of gadi xiqqeessuun maallaqa kadhata. Nama isaaf waa kenne ni jaallata. Namni hanga fedhe dureessa haa ta’uu, namni kamiyyuu Rabbii guddaa irraa of danda’ee jiraachu hin danda’u. Tarii yeroo qabeenya qabu of danda’a wayittu hin hajamne isatti fakkaachu danda’a. Garuu yommuu qabeenyi suni harkaa bittinnaa’u fi rakkoon itti buutu, gara Abbaa humnaa guddaatti fiiga. Abbaan humnaa guddaan Rabbii olta’eedha. Kanaafu, namni waan gaarii fedhe fiduu fi waan badaa hundaa ofirraa deebisuu waan hin dandeenyef yeroo hundaa Kan kana isaaf godhu jiraachu qaba. Akkasumas, humna, jabeenya, dandeetti fi beekumsa guutuu qabaachu qaba. Wanti jireenya, humna, jabeenya, dandeetti fi beekumsa guutuu hin qabne, waan badaa isarraa deebisuu fi waan gaarii isaaf fiduu danda’aa?

Wanta amaloota armaan olii qabu mee amma haa qorannu. Uumamtoonni akka namootaa, Jinni, malaykaa, muka, dhagaa fi kkf yeroo hundaa jiraachu danda’uu? Humna, jabeenya, dandeetti fi beekumsa guutuu qabuu? Waa hunda dhagahuu fi arguu danda’uu? Kan nuti gargaarsa fi haajaa keenya hunda irraa kadhannu amaloota armaan olii qabaachu qaba. Uumamtoonni amaloota armaan olii haala guutuu ta’een waan hin qabneef kan waan hundi irraa kadhatamu, of gadi xiqqeessanii fi garmalee jaallatan ta’uu hin danda’an. Kanaafu, amaloota armaan olii haala guutuu ta’een kan qabu Rabbii Tokkicha qofa. Rabbiin yeroo hundaa jiraataa gonkumaa hin duunedha. Humna, jabeenya, dandeetti fi beekumsa guutuu qaba. Kanaafu, kan gadi jedhaniif, garmalee jaallatan, of xiqqeesaniif, irratti hirkatanii fi garmalee sodaatan Rabbii Tokkicha. Kanaafi ni jedha:

Inni Jiraataa Isa malee haqaan gabbaramaan hin jirreedha. Kanaafu, amantii Isaaf qulqulleessuun Isa kadhaa. Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalama hundaa ta’eeti.” Suuratu Ghaafir 40:65

Yeroo hundaa jiraataan Isa qofa erga ta’e kan haqaan gabbaramu Isa malee hin jiru jechuudha. Wanti Isaan ala jiran hundi ni du’u. Wanti du’u gooftaa waan hundaa irraa kadhatanii fi gadi jedhaniif ta’uu danda’aa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Kanneen isaan Rabbii gaditti kadhatan wanta tokkoyyuu hin uuman, isaanu kan uumamaniidha. Isaan du’aa lubbuu hin qabneedha, yoom akka kaafaman hin beekan.” Suuratu An-Nahl 16:20-21

Kana jechuun wantoonni namoonni Rabbii gaditti kadhatanii fi gabbaran (waaqefatan) homaa uumuu hin danda’an. Inuma isaanu uumamoodha. Kanarratti dabalatee, du’aa lubbuu hin qabneedha. Akkamitti wanti homaa hin uumne, mataa isaatinu uumamaa kan ta’e, du’aan lubbuu hin qabne gabbaramaa? Du’aan lubbuu hin qabne, rakkoo namaa hin beeku, hin dhagahu, hin argu, rakkoo namarraa deebisuu fi waan gaarii namaaf fiduu hin danda’u. Kanaafu, akkamitti kadhatamaa? Namoonni qabrii bira deemun namticha qabrii keessa jiru kadhatan, namni du’e kuni akkamitti isaan jalaa dhagahaa? Namni taabota kadhatu, taabonni gogaan lubbuu hin qabne akkamitti isa dhagayee wanta barbaadu isaaf kennu danda’aa?

Kanaafu, Jiraataan gonkumaa hin duune, waan hundaa kan beeku, argu, dhagahuu fi dandeetti guutuu qabu Rabbii tokkicha waan ta’eef, ibaadaan Isa qofaaf ta’a. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Kanaafu, amantii Isaaf qulqulleessuun Isa kadhaa.” Kana jechuun ibaada, kadhaa fi hojii hundaa Fuulaa Rabbii Olta’aa barbaaduun hojjadhaa. Ikhlaasni (hojii Isaaf qulqulleessuun) waan itti ajajameef.[2]

Akkasumas, maqaan Al-Qayyuum jedhu Rabbii Tokkicha gabbaruu akka qaban namatti akeeka. Al-Qayyuum jechuun of danda’aa homattu hin hajamne, uumamtoota hunda kan dhaabu, jiraachisuu fi eegudha. Wantoonni Isaan ala jiran hundi Isatti hajamu. Isarraa of danda’anii ofiin dhaabbachu, jiraachu hin danda’an. Kanaafu, wanta ofuu hin dandeenye akkamitti gabbaranii ykn waa irraa kadhatanii? Of Danda’aan homattu hin hajamne, uumamtoota hunda kan dhaabu, jiraachisuu fi eegu Rabbiin qofa erga ta’e, haqaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. Sababni isaas, wantoonni Isaan ala jiran hundi uumamtoota hunda dhaabu, jiraachisuu fi eegu hin danda’an. Kanaafu, Rabbii gaditti wanta biraa gabbaruun ykn waaqefachuun soba (baaxila) guddaadha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Rabbii gaditti waan si hin fayyannee fi hin miine hin gabbarin. Yoo akkas goote dhugumatti ati yeroo san miidhaa hojjattootaa (zaalimtoota) irraa taata.” Suura Yuunus 10:106

Kadhaanis ta’e gosa ibaadaa kaminiyyuu Rabbii gaditti wanta si hin fayyannee fi hin miine hin gabbarin. Rabbii gaditti wanta tokko gabbaruun faayda hin argattu. Sababni isaas, wanti kuni faayda siif fidu hin danda’u. Ammas, osoo wanta kana gabbaruu dhiistes si hin miidhu. [3] Sababni isaas, si miidhuu hin danda’u. Kanaafu, wanta si hin fayyannee fi hin miine hin kadhatin, hin gabbarin (hin waaqefatin). Kan nama fayyadu fi miidhu danda’u Rabbii tokkicha. Rabbii Tokkicha gabbaruu dhiistee wanta si hin fayyannee fi hin miine yoo kadhattee, ati dhugumatti zaalimota keessaa taata. Namni hundarra zaalimni nama Rabbii gaditti waan biraa gabbaruudha.

Gabaabumatti, maqaalee lamaan kanniin sirritti beeku fi itti amanuun Rabbii Tokkicha qofaaf ibaadaa (gabbarri) akka godhan nama taasisa. Ibaada irraa kanneen akka du’aayi (kadhaa), salaata, zakaa, qalma, sooma, Hajjii, waan gaaritti ajaju fi waan badaa irraa dhoowwu, sodaachu, irratti hirkachuu (tawakkula), kajeellaa (ar-rajaa), of gadi qabuu fi kkf gosa ibaadaa Rabbii tokkichaaf ta’uu qabaniidha.

2-Rabbii Olta’aa qofa irratti hirkachuu  Rabbiin jalla wa’alaa ni jedha:

25:58

“[Yeroo hundaa] Jiraataa gonkumaa hin duune irratti hirkadhu. Faaruu Isaatiniis Isa [faarsii] qulqulleessi. Badii gabroota Isaa keessa beekuu keessatti Isumatu gahaadha.” suuratu Al-Furqaan 25:58

“Namni Gooftaan isaa Jiraataa jireenya guutuu qabu, Jiraataa gonkumaa hin duune, hirribni, mugaati fi gaflaan Isa hin qabne ta’uu amanu, dhimmoota isaa hunda keessatti Isa qofa irratti hirkata. Yeroo hundaa Gooftaan isaa kan itti dheessu isaaf ta’a. Uumamtoota dadhaboo du’an, rafan, mugan, gaflaan isaan qabuu fi dagatan irraa abdii ni kuta.”[4] Qalbiin isaa Rabbii yeroo hunda Jiraataa gonkumaa hin duune irratti rarraati. Wantoonni Rabbii Guddaan ala jiran hundi ni du’u. Kanaafu, wantoota du’anii fi badan irratti qalbii ofii rarraasu fi kajeeluun abdii namatti dukkaneessa. Sababni isaas, yommuu wanti suni du’uu ykn badu abdii kutuu fi gaddi cimaan nama tuqa. Garuu Rabbiin yeroo hundaa jiraataa waan ta’eef, namni Isa abdatu fi kajeelu dukkana abdii kutuu fi gaddaa keessatti hin lixu.

3-Rabbiin eeggachuu fi sodaachu– Namni Rabbiin subhaanahu waan hundaa kan beeku, too’atu, argu fi eegu ta’uu beeke fi amane, dhoksaa fi ifatti wanta badaa hojjachuu irraa of eega. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

 “Wanta ishiin hojjatteen nafsee hunda irratti kan dhaabbatu [akka sanama isaan gabbaraniiti]?” Suuratu Ar-Ra’d 13:33

Asitti “Kan dhaabbatu” yommuu jedhu faallaa “taa’uu” osoo hin ta’in, dhimma uumamtootaa kan eegu, qindeessuu fi sirreessudha. Akkana ni jedhama: “Qaama fulaanu bishugli kazaa.(Ebalu hojii akkanaatiin dhaabbate-kana jechuun hojii kana hojjachuuf itti gaafatamummaa fudhate.) Rabbiin wanta ishiin hojjatteen nafsee hunda irratti kan dhaabbatudha. Kana jechuun nama hundaa akka hojjatu ni dandeesisa, ni uuma, ni soora, ni eega, hojii hojjateef jazaa isaaf kafala. Gabaabumatti hiikni aayah armaan olii: Inni ni Tiiksa gonkumaa gaflaa keessa hin ta’u[5]. aayah armaan oli ilaalchise ibn Kasiir ni jedha: Rabbiin isaan ni eega, nafsee jirtu hunda ni ilaala, kheeyri fi sharrii irraa wanta namoonni hojjatan hunda beeka. Homtu Isarraa hin dhokatu.”[6]

Namni Rabbiin akka isa ilaalu, wanta hojjatu hunda akka beeku fi galmeessu yoo amane, wanta badaa hojjachu irraa of eega. Sababni isaas, yoo hin tawbatin dhumarratti Rabbiin olta’e isa qabu danda’a waan ta’eef. Qur’aana keessatti, namoota badii hojjatanii dachii irraa duguggaman erga tarreesse booda ni jedha: “Hundumaa badii isaatiif isa qabne. Isaan irraa namoota bubbee cirrachaa itti erginetu jira. Isaan irraas namoota iyyansi isaan qabetu jira. Isaan irraas namoota dachii ittiin kunnetu jira. Isaan irraas namoota bishaanin nyaachifnetu jira. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane. Garuu isaanumatu lubbuu ofii miidhaa ture.” Suuratu Al-Ankabuut 29:40

Rakkoolee fi adabbiin adda addaa yeroo ammaa fi durii addunyaa keessa babal’ate sababa badii namoonni hojjataniitini. Kanaafu, Rabbiin waan hundaa akka ilaalu, eegu, too’atu fi badii yoo hojjatan nama qabuu akka danda’u beekun badii hojjachuu irraa of eegun barbaachisaadha. Kana hubachuuf, wanta namoota hunda qunnamu haa ilaallu. Namni yommuu badii hojjatu, keessa isaatti dhiphinni, gaddii fi jeeqamuun itti dhagahama. Faallaa kanaa, yoo badii hojjachuu dhiisee fi hojii gaggaarii hojjate, keessa isaatti tasgabbii fi gammachuun itti dhagahama. Sababni isaas, Rabbiin hojii namoonni hundi hojjatan waan ilaaluuf, nama gaarii hojjate tasgabbii irratti buusa. Nama badii hojjate immoo dhiphinnaa fi gaddaan isa qaba.

Akkasumas, namni Rabbiin guddaan olta’e wanta namoonni hundi hojjatan akka beeku fi galmeessu yoo amane, hojii gaggaarii hojjachuu ni baay’isa. Kanaafi, Qur’aana keessatti ni jedha:

“Namni mu’mina (kana amane) ta’ee hojii gaggaarii irraa [waa] hojjate, carraaqqi isaatiif mormiin hin jiru. Dhugumatti Nuti isaaf ni galmeessina.” Suuratu Al-Anbiyah 21:94

Kana jechuun qalbiin Rabbitti, Malaaykotatti, Kitaabbanittii, Ergamtootatti, Guyyaa Qiyaamatti fi murtii Isaatti amanee fi hojii gaggaarii yoo hojjate, hojii gaarii isaa jalaa hin balleessinu. Hojiin isaa hundi ni galmeefama, homtu jalaa hin badu.[7]

4-Maqaalee lamaan kanniin du’aayi gochuuAl-Hayyu, Al-Qayyuum maqaalee gurguddaa Rabbii keessaa tokko. Kanaafu, maqaalee kanaan Isa kadhachuun du’aayin qeebalamuuf wantoota sababa ta’an keessaa tokko. Anas bin Maalik akkana jechuun gabaase jira: dhimmi tokko Nabiyyii (SAW) yoo dhiphise akkana jechuun du’aayi godhu:
‏ يَا حَىُّ يَا قَيُّومُ بِرَحْمَتِكَ أَسْتَغِيثُ ‏”‏ 
Yaa Hayyu yaa Qayyuum birahmatika astaghiisu
“Yaa Jiraataa, Of Danda’aa waan hundaa dhaabu fi jiraachisu! Rahmata Keetin birmannaa barbaada.” Jaami’a At-Tirmizii 3524

Guduunfaa
-Jiraataan du’u ykn du’aan lubbuu hin qabne yookiin wanti gogogaan hundema jireenya hin qabne hundi ibaada irraa homtu isaaniif hin ta’u. Kanaafu, ibaadan Rabbii Jiraataa hin duune qofaaf ta’a.[8]
-Wantoonni Rabbiin ala jiran waan hundaa uumu, jiraachisuu, eeguu fi too’achuu waan hin dandeenyef gooftaa gabbaramu (waaqefatamu) ta’uu hin danda’an. Gooftaan yeroo hunda jiraataa waan hundaa uumuu, jiraachisuu, too’atu fi eegudha. Kanaafu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru.


Kitaabban wabii
[1] Kaayyoo uumama ilma namaa-fuula 53
[2] Tafsiir Sa’dii-fuula 873
[3] Zaadul Masiir- 640, Tafsiiru Qurxubii-11/60
[4] Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk. 7, AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[5] Tafsiiru Qurxubii 12/76
[6] Tafsiiru ibn Kasiir 4/583
[7] Tafsiiru Ibn Kasiir 5/361
[8] Fiqhu Al-Asmaa’il Husnaa– fuula 87, Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin Badri

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 5.1
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply