Siiraa-Lakk.12

Offline dubbisuf

Mallattoolee Nabiyummaa Nabiyyiin (SAW) argan
Nabiyyiin (SAW) ergamuu yommuu hedanitti mallattooleen baay’een isaaniif mul’atanii jiru. Isaan keessaa: Malaykaan Jibriil goda Hiraa keessatti itti dhufuun dura, Nabiyyiin (SAW) abjuu dhugaa arguu turan. Wanti inni abjuu keessatti arge hundi jireenya dhugaa (real life) keessatti akkuma argetti ni uumama. Akkasumas, keessa isaatti jijjiramni dhufuu jalqabe. Kophaa ta’uu fi ibaadan isa biratti garmalee jaallatamaa ta’e. Goda Hiraa keessatti kophaa bahuun ibaada gochaa ture. Godni Hiraa Kaaba dhiya Makkaatti kan argamuudha. Achi keessatti halkan baay’eef ibaada godha. Yeroo garii halkan 10 yeroo garii immoo hanga ji’a gahuutti. Ergasii gara mana ofiitti ni deebi’a. Mana keessa yeroo muraasaaf turee galaa qopheefachuun gara godaatti deebi’a.

Bu’iinsa Wahyii fi Daaw’aa (waamicha) Dhoksaa

Yeroo Jalqabaatiif Nabiyyi (SAW) irratti Wahyiin bu’uu
Jalqaba “wahyii” jechuun beeksisa, odeefannoo fi ergaa Rabbiin Ergamtoota Isaa keessaa qalbii Ergamaa tokkootti darbuu ykn buusudha. Nabiyyiin (SAW) umrii isaa irraa waggaa 40 gahee jira. Adda isaa goda Hiraa keessa kophaa ta’uun Rabbiin gabbaruu fi dachii, samii fi wantoota isaan keessa jiranitti xinxallaa ture.

Imaamu Al-Bukhaari fi Imaamu Muslim Aa’ishaa (Radiyallahu anhaa) irraa akkana jechuun gabaasan:
“Wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti bu’uu kan jalqabe abjuu gaarii hirriba keessatti arguuni. Abjuu homaatu hin argu akka guyyaa adii dhugaa yoo taate malee. Ergasii kophatti bahuun isaaf jaallatamaa ta’e. Goda Hiraatti kophaa bahuun gara maatii isaa deebi’uun dura halkan baay’eef achitti Rabbiin gabbaraa ture. Kanaaf galaa (siinqi) fudhataa ture. Ergasii gara Khadiijaa deebi’uun akkuma duraa siinqi fudhata. Hanga guyyaa tokko osoo inni goda Hiraa keessa jiru Haqni tasa isatti dhufuu [haala kanaan itti fufe]. Malaaykan dhufee akkana jedheen, “Iqra’a (dubbisi)” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergamaan Rabbii itti fufuun ni jedhe, “Ergasii Malaaykan sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure.” Ammas Malaaykan ni jedhe, “Dubbisi!” Anis, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” jedheen. Ergasii Malaaykan yeroo lammataaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure, “Dubbisi!” naan jedhe. Anis nan jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ammas yeroo sadaffaaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na furee akkana jedhe, “Maqaa Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu] barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise.” (Suuratu Al-Alaq 96:1-5)

San booda Ergamaan Rabbii Aayata armaan olii kana fudhachuun osoo qalbiin dhikkistuu fi hollatanuu gara haadha manaa isaanii Khadiijaa deebi’an. Ergasii ni jedhan, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa deemu ni haguugan. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe, “Yaa Khadiijaa! Lubbuu tiyya irratti sodaadhe.” Wanta malaayka waliin ta’e ishitti hime. Khadijaanis ni jette, “Dhoorgami! Rabbiin kakadhe! Rabbiin gonkumaa si hin salphisu. Ati dhugumatti, hariiro firummaa sufta (eegda), hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta, keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu’e gargaarta.” Ergasi Khadijaan ilma abbeeraa ishii kan ta’e Waraqaa bin Nawfal bira Ergamaa Rabbii fidde. Waraqaa bin Nawfal Ergamaan Rabbii (SAW) ergamuun dura Kiristaana ture. Kitaaba Arabiffaa fi wanta Rabbiin fedhe Injiila Arabiffaan barreessaa ture. Jaarsa dulloomee fi ijji isaa tan badde ture. Khadijaan “Yaa ilma abbeeraa kiyyaa! wanta ilmi obboleessa keeti jedhu dhagahi mee.” jetteen. Waraqaan ni jedhe, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Maal argite?” Ergamaan Rabbii (SAW) wanta arge isatti hime. Waraqaan ni jedhe, “Kuni [Malaayka Jibriil] kan iccitii eegu Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis bu’e. Maal qaba ani osoo dargageessa ta’ee jiraadhe! Osoo hanga ummanni kee biyyaa si baasanii lubbuun jiraadhe maal qabaa!” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “Isaan biyyaa na baasu?” Innis ni jedhe, “Eeyyen! Namni fakkaataa wanta ati fidde fide namoonni diina isatti ta’u. Osoo hanga guyyaa sani lubbuun jiraadhe silaa deeggarsa cimaan si deeggaraa ture. ” Garuu Waraqaan yeroo muraasan booda ni du’e. Wahyiniis yeroo muraasaf Nabiyyii irratti bu’uu dhiise.” Sahih al-Bukhari 3, Sahiih Muslim 160

Hadiisa kanarratti xinxalluu barnoota baay’ee jireenya Nabiyyiitiin (SAW) wal-qabatan keessaa cuunfachuu dandeenya. Isaan keessa barnoota baay’ee barbaachisoo ta’aan eerun ni danda’ama:

Abjuu Gaarii
Jibriil Nabiyyiitti dhufuun dura wahyiin karaa abjuutiin Nabiyyitti bu’uun isa qopheessu fi tasgabbeessuufi. Osoo duraan homaa hin argin takkamaan Malaykaan Jibriil kan itti dhufu ta’ee, silaa garmalee sodaachuu fi nayuun wanta Jibriil jedhu qabachuu hin danda’uu ture. Kanaafi, isa leenjisuu fi barsiisuuf jalqaba irratti wahyiin abjuun itti dhufe. Akkuma hadiisa sahiih ta’e keessatti dhufe: “Abjuun gaariin kutaa nabiyummaa afurtami jaha irraa kutaa tokko.” Sahiih Al-Bukhaari 6989

Akkuma hayyoonni jedhan, “yeroon abjuu gaarii arguu ji’a jahaaf ture.” Wanti hubatamu qabu Qur’aana irraa homtu abjuun nabiyyiitti hin buune. Qur’aanni hundi osoo dammaqee jiruu irratti bu’e. Wahyin abjuun irratti bu’aa ture wanta Qur’aanan ala ta’eedha.

Abjuun gaariin jireenya addunyaa tana keessatti gammachiisa namni arguudha. Abjuu gaarii arguun wanta jireenya keessatti nama gammachiisudha. Kanaafi, Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: “Yaa namoota! Gammachiisa nabiyummaa irraa homtu hin hafne, abjuu gaarii Muslimni arguu yookiin isaaf namni biraa arguu yoo ta’e malee.” Sunan Ibn Maajah 3899

Yommuu Haqni Goda Hiraa keessatti itti dhufu
Yommuu Malaaykan Jibriil goda hiraa keessaatti itti dhufuun dubbisi jedhuun Nabiiyyiin (SAW) ni jedhan: “Ani akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Yeroo sadiif erga ofitti qabee booda gadi furuun, wanta Rabbii olta’aa irra fide akkana jechuun dubbise:

Maqaa Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu] barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise.” (Suuratu Al-Alaq 96:1-5)

Aayaanni kabajamoon tunniin Qur’aana irraa aayaata jalqabaa buufamaniidha. Kana keessa, uumama namaa dhiiga itita irraa jalqabuu beeksisa. Dhugumatti, arjaa Rabbii keessaa tokko wanta namni hin beekne isa barsiisudha. Beekumsaan isa kabajee olkaase. Beekumsi wanta nabii Aadam (aleyh salaam) Malaykoota irraa ittiin adda baafameedha. Beekumsi yeroo garii sammuu keessatti ta’a, yeroo garii arraba irratti ta’a, yeroo garii immoo qubbiinin barreessun ta’a. Kanaafu, qalamaan barsiisuun sadarkaalee sadii barbaachisa: sammuun jiraachu, jechi jiraachu, ergasii barreessun jiraachudha. Aayata kanaan Nabiyummaan Muhammad (SAW) ni jalqabame. Dhugumatti kuni taatee guddaadha.

Wantoota baay’ee aayata armaan olii irraa ni baranna. Isaan keessaa muraasni:
1-Namni beekumsaan kabajama, sadarkaan isaa ol fuudhama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Isin keessaa warra amananii fi warra beekumsi kennameef Rabbiin sadarkaa baay’ee isaan olkaasa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa Beekaadha.” Suuratu Al-Mujaadala 58:11

2-Maddi beekumsa dhugaa nama fayyadu Rabbiin irraa ta’uu– namni qajeelcha Rabbiin irraa dhufee kanarraa yoo dabee fi irraa fottoqee, wanti beekumsa jedhe barbaadu isarratti balaa guddaa itti ta’a. Badiinsa isaatiif sababa ta’a. Namni Qur’aana of duubatti dhiisun madda beekumsaa biraa barbaadu, jireenya keessatti qajeelcha fi ifa barbaadu hin argatu.

3Aayah tana keessa beekumsi Islaamaa barreefamaan akka eeggamu akeeka– osoo barreefamni jiraachu baate silaa beekumsi Islaamaa nu hin gahu ture. Kanaafu, barreefamni beekumsa Islaamaa galmeessuun dhaloota irraa dhalootatti dabarsa. Qur’aanni qalamaan katabamuu fi sammuu namootaa keessatti qabatamuun waan eeggameef bakka nabiyyii ta’uun namoota hundaaf gammachiisa fi akeekachiisaa ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Haa Miim. [Qur’aanni kuni] [Rabbii] Rahmaan, Rahiim ta’e irraa kan buufameedha. Kitaaba keeyyattoonni isaa ibsaman, Qur’aana Arabiffaa namoota beekaniif [ibsameedha]. Gammachiisaa fi akeekachiisaa kan ta’eedha. Garuu baay’een isaanii irraa garagalanii jiru. Kanaafu isaan hin dhagahan.” Suuratu Fussilat 41:1-4

Qur’aanni Rabbii Rahmaan ta’e rahmanni Isaa waan hundaa haguuge irraa kan buufameedha. Rahmata Isaa irraa inni guddaan kitaaba kana buusudha. Kitaaba kanaan beekumsi, qajeelchi, ifti, fayyaan, rahmanni fi kheeyrin baay’een ni argama.[1] Qananiin hunda caaluu karaa gammachuu addunyaa fi Aakhiratti nama geessu beekudha. Ergasii kitaaba kana ni faarse. “Kitaaba keeyyattoonni isaa ibsaman” Asitti kitaaba yommuu jedhu Lawhal Mahfuuz keessatti barreefamuu isaatii fi waraqaa ykn meeshaa barreefamaa irrattis katabamu isaa agarsiisa. Akka lugaatti kitaaba jechuun wanta barreefame (maktuub) jechuudha[2]. Kanaafu, Qur’aanni kuni barreefamaan jijjiramu, hir’inna ykn itti dabaluu irraa kan eeggamuudha. “keeyyattoonni isaa ibsaman” haraamaa fi halaala, hojii gaarii fi badaa, mindaa fi adabbii addaan baasun kan ibsamaniidha[3].

“Qur’aana Arabiffaa” Jechoonni isaa lugaa Arabiffaa ifa ta’eeni. Hiikni isaa kan ibsameedha, jechoonni isaas rakkoo kan hin qabne ifa kan ta’aniidha. “namoota beekaniif [ibsameedha]” kana jechuun namoota beekumsa irratti fedhii qabanii fi hubataniif kitaabni kuni ibsamee jira. “Gammachiisaa fi akeekachiisaa kan ta’eedha.” Gammachiisaa jechuun wanta nama gammachiisu kan namatti beeksiisu. Akeekachiisaan immoo dhuma nama hin gammachiisne kan akka sharrii dhufaa jiru ykn badii hojjataniif adabbii kan beeksiisudha. Qur’aanni keeyyattoota namoota amananii fi Rabbiin sodaataniif mindaan guddaan akka jiru ibsan waan of keessaa qabuuf, Rabbiin “Gammachiisa” jechuun isa ibse. Ammas, keeyyattoota kaafiroota fi badii isaanii keessatti warra daangaa darban adabbii cimaan akeekachiisan waan of keessaa qabuuf Rabbii subhaanahu “akeekachiisaa” jechuun isa ibse. Akkasumas, Qur’aanni Rabbiin irraa kan bu’ee fi dubbii Isa waan ta’eef dhugumaan gammachiisaa fi akeekachiisa dha[4].

4-Argannoowwan saayinsawaa yeroo ammaa argaman beekumsa Rabbiin namoota barsiise akka ta’e hubachuu- wantoonni haqaa yeroo dur hin beekkamne yeroo amma argamuu fi beekkamuun wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota barsiisedha. Namni yeroo durii xiyyaara, konkolaataa, satalaayiti fi kkf akkamitti akka hojjatan hin beeku ture. Garuu yeroo amma wantoota kanniin akkamitti akka hojjatan Rabbiin isaan barsiise jira. Kanaafi, ni jedha: “Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha.” Arjummaa fi tola Isaatiin nama qalamaan barsiise, waan inni hin beeknes barsiise. Kanaafu, namni wanta duraan wallaale yoo beeke of tuuluu hin qabu. Kan kana isa barsiise Rabbiin akka ta’e beekun galata Isaaf galchuu qaba.

Wantoota baay’ee hadiisa kanarraa baranna. Garuu yeroo fi bakki waan nutti gabaabbatuuf waa sadii kaasun kutaa kana haa xumurru:
1ffaa- Bu’aa niitin jabduu fi qaruuten jireenya dhiiraa keessatti qabdu- Yommuu nabiyyiin (SAW) sodaan guuttamee na huguuga na haguuga jedhu, Khadiijaan garmalee jajjabeessite. “Rabbiin kakadhe! Rabbiin gonkumaa si hin salphisu. Ati dhugumatti, hariiro firummaa sufta (eegda), hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta, keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu’e gargaarta.” Jetteen. Dhugumatti, dubartii akkanatti nama jajjabeessituu fi sodaaf gadda namaaf hir’istu argachuun qananii guddaadha.
2ffaa– Jecha Khaadijaa armaan olii keessatti, Rabbiin nama firummaa sufu, hiyyeessaa fi rakkataa gargaaru, keessummaa arjaa fi kabajaan keessummeessu fi amaloota gaggaarii biroo qabu hin salphisu. Kuni seera Isaati. Khadijaan seera kana yommuu hubattu, jechoota kanaan nabiyyii (SAW) jajjabeessite.
3ffaa-Nabiyummaan shaakalaa fi carraaqqin wanta argamuu osoo hin ta’in, murtii Rabbiitiin wanta ta’uudha. Rabbiitu nama fedhe filate nabiyyii godha malee namni fedhii ofiitiin nabiyyii ta’uu hin danda’u. Hadiisa armaan olii keessatti yommuu nabiyyiin wanta ta’e Waraqatti himu, Waraqaan ni jedhe, ” Kuni [Malaayka Jibriil] kan iccitii eegu, Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis bu’e.”  


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 876
[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim, suuratu Fussilata-Ibn Useymiin, fuula 18-19
[3] Tafsiiru al-Qurxubii 18/388
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi– 12/462-463, Abdurahmaan Habanka
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 70-80, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/124-…

Siiraa-Lakk.13.1
Siiraa-Lakk.11.2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply