Siiraa-Lakk.13.1

Offline dubbisuf

Da’waa (Waamicha) Dhoksaa (Ad-Da’watu Sirriyatu)
Nabiyyiin (SAW) amma Rabbii rahmata godhaa fi Arjaa ta’eef nabiyyii ta’uu isaa mirkaneefatanii jiru. Suuratu Al-Alaqaan nabiyyi ta’an. Yommuu Malaykaan Jibriil (aleyh salaam) si’a lammataatif dhufu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayaata tannin irratti buuse:

“Yaa Kan [uffataan] of haguuge! Ka’ii akeekachiisi. Gooftaa keetis ol-guddisi. Uffata keetis qulqulleessi. Sanama irraas fagaadhu Suuratu Al-Muddassir 74:1-5

Aayaanni tunniin hirribnii fi boqonnaan yeroo darbee akka dhumatee fi fuundura isaatti hojiin guddaan dammaqiinsa, qophii, obsaa fi ciminna gaafatu akka isa eeggatu nabiyyitti beeksiifti. Kanaafu, ergaa haa baadhatu, gara namootaa ittiin haa qajeelu. Wahyiin haa booharu.

Aayaanni tunnin aayata jalqaba Nabiyyiin waamicha Islaamaa namootatti akka geessu fi itti gaafatamumma baadhatu tan ajajjuudha. Akkasumas, gufuwwan isa qunnamaniif danta osoo hin kenniin itti gaafatamummaa itti kenname bahuun gara fuunduraatti akka deemuuf ijjannoo Nabiyyii (SAW) kan jabeessituudha. Dhugumatti, keeyyanni (aayan) jalqabaa xiyyefannoo isaa tan kakaastudha: Yaa Kan [uffataan] of haguuge !” Kuni yeroo guyyoota boqonnaa fi toltuutiif nagaha itti dhaamaniidha.

“Wanta bu’insa aayaa tana duuba jiru qo’achuun nabiyyiidhaan “Yaa ayyuha-rRasuulu (Yaa Ergamticha) ykn Yaa ayyuhan-Nabiyyu (Yaa nabiyyicha)” jechuu irra maaliif ” Yaa Kan [uffataan] of haguuge ” akka jedhamee dubbifamee sirnaan akka hubatan nama taasisa. Yommuu Nabiyyiin (SAW) Malaykaa Jibriil samii fi dachii jidduutti argu rifatee gara manaa deebi’uun “Uffata natti maraa, uffata nati haguuga.” namootaan jedhe. Kanaafu, Rabbiinis yaa ayyuhal-muddassir (Yaa Kan [uffataan] of haguuge) jechuun isa waame. Dubbii kanarraa hiikni hatamtamaan dhufu kana ta’a: Yaa gabricha kabajamaa kiyya, akkanatti of martee maaliif ciistaa? Ba’aan ergama guddaa sirra kaa’amee jira. Ergama kana bakkaan gahuuf ijjannoo fi murannoon olka’u qabda.”*

Kanaafu, namoota naannawa kee gaflaaa fi of daguu keessa jiran “Ka’ii akeekachiisi” jechuun ijjannoo isaa jabeesse. Nabiyyiin (SAW) aayah Qur’aana biraa keessatti gammachiisaa fi akeekachiisa akka ta’e Rabbiin (subhaanahu) isa ibsa. Garuu asitti akka akeekachiisu ajajame. Kuni kan agarsiisu, ergaa isaa mormiin cimaan akka qunnamu kanaafu, obsi fi qabsoon isarraa akka barbaadamu Nabiyyitti beeksisa.

Ammas, ijjannoo fi humna nabiyyii (SAW) jabeessuf itti aanse ni jedhe, “Gooftaa keetis ol-guddisi.” Kana jechuun dhimma uumamtootaa irraa homaayyu ol hin guddisin, isaan irraa homtu sirratti guddaa hin ta’in. Hojii isaanii irraa homaa hin sodaatin. Isaan keessaa eenyullee hin sodaatin. Gooftaa kee malee eenyullee ol hin guddisin. Gooftaan kee osoo ati dugda abbeetii fi garaa haadha keeti keessa jirtu kan si eege fi fadlii Isaatiin kan si guddiseedha. Amaanaa hundarra guddaa kan ta’e ergaa Isaa akka baadhattuuf uumamaa fi amala kee tolchee hanga namootaaf nabiyyii fi ergamaa godhee si baasutti tolaa fi arjummaa Isaatiin kan si tiiksedha. Kanaafu, Gooftaa kee ol-guddisi. Guddinni fi kabajni hundi haqa Rabbii olta’aati. Eenyullee haqa kana keessatti Isa waliin hin hirmaatu. Garmalee ol-guddifamuu fi garmalee kabajamuu kan qabu Rabbii tokkicha. Sababni isaas, Rabbiin Gooftaa guddaa waan hundaa caaludha, sifaataa (amaloota) gugguutun kan ibsamuudha.

“Qabxiin ijoon asirraa hubatamu qabu biraa ni jira. Akkuma duuba (background) bu’iinsa aayah tanaa ilaalle, Nabiyyiin (SAW) yeroo jalqabaatiif olka’uun akka akeekachiisu ajajame. Akkuma beekkamu magaalaan ergama kana akka galmaan gahuu itti ajajamee handhuura sanamni itti gabbaramuudha. Namoonni achi keessa jiraatan akkuma Araboota biroo sanama kan gabbaran qofa osoo hin ta’in magaalli Makkaa akka iddoo qulqulluutti waan ilaallamtuuf Araboonni sanamaa gabbaran gara hundaan itti deemu. Namni tokkichi bakka akkanaati ka’uun fuula sanama gabbartoota fuundura dhaabbachuun Tokkichummaa Rabbii lallabuun balaa (riski) guddaa kan qabuudha. Kanaafi, olka’uu fi akeekachiisu booda guddinna Gooftaa keeti labsuun hiika kanas qaba: Humnoota rifachiisaa fi sodaachiisaa isaanii hojii kee kan gufachiisan gootee hin ilaalin. Ergaa kee dabarsuu irraa warroota si ittisanii fi duubatti si harkisan hundarra Gooftaan kee guddaa akka ta’e ifaan ifatti labsi. Humni, dandeetti fi jabeenyi Isaa humna, dandeetti fi jabeenya isaanii caala. Dhugumatti, kuni nama ergaa Rabbiin irraa dhufe galmaan gahuuf carraaquuf jabeenya guddaadha. Namni Guddinnaa fi Jabeenya Rabbii olta’aa qalbii isaa keessaa qabu Rabbiif jedhee addunyaa guutuun wal-qunnamuu fi loluu hin sodaatu.”*

“Uffata keetis qulqulleessi.” Akka waan nabiyyiin (SAW) akkana jedhameeti: ati qulqullinna keetirra jirta. Guutummaan namummaa keeti keessatti amaloota gaarii Rabbiin irratti si uumee fi nabiyummaa Inni si kenneen uumama keetiin kan qulqullofteedha. Garuu ammaan booda daran caalatti nafsee tee qulqulleessu fi amala kee tolchuu dabali. Ati har’a irraa eegalee namootaa fi jinniif ergamaa Rabbii ta’uun ergamte. Ergaa Islaamaa haala guutuu ta’een geessuuf amaloonni guutuu ta’an kanneen akka obsa, dhiifama gochuu, tola ooluu fi ciminnaan hojjachuu jiraachu qabu. Rakkinni sirra gahuu kaayyoo keetirraa duubatti si hin butin.

Sanama irraas fagaadhu.” Akka waan Nabiyyiin (SAW) akkana jedhameeti: duraan uumamaa fi qulqullinna Rabbiin irratti si uumeen sanama gabbaruu irraa fagaattee jirta. Ammas akkasuma irraa fagaachu itti fufi, garuu yommuu akkas gootu niyyaa kee Rabbiif godhi.

 Jalqabamuu Da’waa iccitii

Suuratu Muddassir erga buute booda nabiyyiin (SAW) gara Rabbii fi Islaamatti namoota dhoksaan waamuuf ni ka’e. Maatii isaa, hiriyyoota fi namoota isatti dhiyoo ta’an irraa jalqabe.

1-Khadiijaan (radiyallahu anhaa) Islaamawu
Dubartoota irraa namni jalqaba amane, inumaa namoota hundaa dursee jalqaba nabiyyitti kan amane Khadiijaadha. Afaan Nabiyyii kabajamaati wahyii dhagahuun nama jalqabaa turte. Akkasumas, Qur’aana qara’uu fi salaata Rasuula (SAW) irraa barachuun namni jalqabaa ishiidha.

Tawhiida erga mirkaneessanii booda wanti jalqabaa Rabbiin olta’aan dirqama godhee salaata sirnaan salaatudha. Yommuu salaanni dirqama godhamuu Nabiyyiin (SAW) Khadiija waa’ee wudu’a fi salaataa barsiisu ilaalchise gabaasni dhufanii jiru. Osoo Nabiyyiin (SAW) Makkaan keessa jiranu Jibriil (aleyh salaam) akkaataa wudu’aa fi salaataa barsiisuuf itti dhufee. Osoo Nabiyyiin(SAW) ilaalanu Jibriil ni wudu’ate. Ergasii akkuma Jibriil wudu’atetti Nabiyyiinis ni wudu’atan. San booda Jibriil dhaabbate salaate, Nabiyyinis isa waliin salaatan. Ergasii Jibril ni deeme. Nabiyyiinis (SAW) akkaata salaataaf itti of qulqulleessan argisiisuuf gara Khadiija dhufuun akkuma Jibril wudu’atetti ni wudu’atan. Ishiinis akkuma Nabiyyiin(SAW)  wudu’atanitti wudu’atte. Ergasii Nabiyyiin (SAW) ishiif imaamu ta’uun ni salaate.  

2-Aliyy ibn Abi Xaalib Islaamawu
Aliyy ilma abbeeraa Nabiyyiiti. Khadiijaan erga amantee booda Aliyy Islaama keessa ni seene. Ijoollee keessaa nama jalqaba amaneedha. Yeroo sanitti umriin isaa waggaa kudhan ture. Rakkoo maallaqa Abu Xaalib qunnameen Nabiyyiin (SAW) ilmaan isaa keessaa tokko fudhachuun guddisuu barbaadan. Ijoollee Abu Xaalib kanniin keessaa Aliyyin fudhachuun mana ofii keessatti guddisan. Aliyyis yommuu nabiyyiin ergaman amanuun nama lammata ta’e. Nabiyyii fi Khadiija booda namni sadaffaan salaata salaate isa ture.

Akka warri beekumsaa gariin jedhaniitti: Yommuu waqtiin salaataa gahuu Nabiyyiin (SAW) gara sulula Makkaatti baha. Aliyyis abbaa, abbeerotaa fi namoota biroo irraa dhokachuun nabiyyii waliin bahuun salaata achitti salaataa turan. Yommuu galgalaa’u ni deebi’u.

3-Zayd ibn Haarisa Islaamawu
Zayd ibn Haarisa hibbun Nabiyyi (jaallatamaa Nabiyyii) jedhamuun yommuu beekkamu gabroota bilisa bahan keessaa nama jalqaba amaneedha. Zayd (radiyallahu anhu) jalqaba irratti nama bilisaa maatii bilisaa irraa tureedha. Garuu yeroo lolaa ijoollummaan booji’amuun akka gabraatti Makkaan keessatti gurgurame. Dhumarratti mana Nabiyyi (SAW) keessa gabra ta’uun qubate. Warri isaa Nabiyyii (SAW) irraa isa bituuf yommuu Makkaan dhufan, inni abbaa isaa dhiisee Nabiyyi filate. Nabiyyinis dhimmicha Zaydiif ni dhiisan. Zaaydis Nabiyyiin ni jedhe: Ani gonkumaa si dhiisee nama biraa hin filadhu. Ati anaaf akka abbaa fi abbeeraati.” Abbaa fi abbeeraan isaas isaan ni jedhan: Ee badii kee! Bilisummaa caalaa gabrummaa filattaa? Abbaa, abbeeraa fi maatii kee caalaa nama biraa filattaa?” Innis ni jedhe, “Eeyyen. Nama kanarraa waa argee jira. Isa caalaa gonkumaa eenyullee hin filadhu.”  Ergasii Nabiiyyin (SAW) Zaaydin bilisa baasun akka guddifachaa godhatan. Eeti, kuni Islaaman dura wanta ta’eedha. Nabiyummaan dura Zayd ibn Muhammad jechuun waamama ture. Garuu Islaamni dhufuun maqaa abbaa mucaa jijjiruun nama isa guddiseetin waamu ni dhoowwe. Kanaafu, Zayd ibn Muhammad hafuun akkuma duraanii Zayd ibn Haarisa jedhame.

4-Ijoolleen dubaraa Nabiyyii (SAW) Islaamawuu
Haaluma kanaan, ijoolleen dubaraa Nabiyyii hundi isaanitu-Zaynab, Umm Kulsuum, Faaxima fi Ruqiyyah – gara Islaamatti fiiganii jiru. Nabiyyiin ergamuun dura amala kabajamaa abbaa isaanii irraa fayyadamanii jiru. Akkuma abbaa isaanii namoota qajeeloo fi gaarii hojii fokkuu hawaasni Qureesha hojjatan irraa kanneen fagaataniidha. Haala kanaan, manni Nabiyyii (SAW) maatii jalqabaa Rabbitti amane fi barsiisa Islaamatiif masakamu ta’e jira. Manni kuni seenaa waamicha Islaama keessatti bakka guddaa kan qabuudha. Kanaafi, Khadiijaan sahaabota Nabiyyii keessatti sadarkaa ol’aanaa qabdi. Mana barakaa sanitti:
-Goda Hiraa booda Qur’aanni yeroo jalqabatiif ni qara’amee
-Mu’mintota (Warroota amanan) gara Islaamatti dursan kan of keessatti hammateedha.
– Mana jalqabaa salaanni keessatti salaatameedha.
-Mana jalqabaa Nabiyyii gargaaruuf waadaa itt galanii fi isaan keessaa eenyullee waadaa kan hin diignedha.

Manni kuni mana Muslimootaatiif, dubartoota isaaniitii fi dhiirota hundaaf fakkeenya gaarii kan ta’uudha. Haati manaa achi keessa jirtu qulqulluu, mu’mina, amanamtuu fi dhugaa tan dubbattuudha. Ilmi abbeeraa guddifamuus ajajaaf kan awwaatu fi deeggaruudha. Mucaan guddifachaas nama amane fi gargaaraadha. Ijoolleen dubaras dhugaa dubbattoota, mu’mintootaa fi ajajaaf kan bulaniidha.

Akka kanatti manni Nabiyyii (SAW) bakka jalqabaa qabate. Fakkeenya akka nuuf ta’uu fi qajeelfama isaatirra akka deemnu dirqamni itti nu waama. Islaamni hawaasaa fi dhuunfaa irratti xiyyeeffannoo guddaa itti kenna. Namoonni dhuunfaa karaa maatiitiin gara hawaasaa seenu. Akkaataa maatii irratti hundaa’e namni dhuunfaa amalaa fi naamusa isa gabbifata. Kanaafu, maatiin hawaasaa fi dhuunfaa jidduu akka jiddu-galaatti gargaara. Yoo jiddu-galaan gaarii fi sirrii ta’ee, hawaasni fi dhuunfaanis ni jabaata. Maatiin hundi hundeefama hawaasa Islaamummaa keessatti hariiroo cimaa qabaachu qaba. Marsaa jalqabaa ergama Nabiyyii irratti gatii maatiif kennamee arguu dandeenya. Hunda dursee namni jalqaba Islaama keessa seene haadha manaa isaa Khadiijaadha. Kunis shoora dubartoonni Islaama keessatti qaban agarsiisa. Ergasii Aliyy umrii ijoollummaatti Islaama fudhate, kunis gatii da’waa ijoolleef gochuu agarsiisudha.

Yeroo jalqabaatiif gosoota namootaa nabiyyiin (SAW) gara Islaamatti waame irratti xinxalluun baay’ee barbaachiisadha. Khadiijaan dubartii dha, Zayd ibn Haaris gabra bilisoome, Aliyy-ijoollee ture. Kuni ergaan Islaamaa namoota hundaatti kan fuullefatu ta’uu ifaan ifatti agarsiisa. Ijoollee fi jaarsaaf, dhiiraa fi dubartootaaf, bulchaa fi gabrichaaf kan ta’uudha. Hawaasa Muslimaa fi biyya ijaaru keessaatti namoonni dhuunfaa miseensa hawaasaa ta’an hundi gahee taphatu qabu.

5-Islaamawu Abu Bakr Siddiiq
In sha Allaah kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla…

Kitaabban wabii
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 84-88, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/153-158
*https://quran.com/74-ABUL ALA MAUDUDI(WITH TAFSIR)

Siiraa-Lakk.13.2
Siiraa-Lakk.12
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply