Siiraa-Lakk.13.2

Offline dubbisuf

5-Islaamawu Abu Bakr As-Siddiiq
Abu Bakr Siddiiq dhiiroota gurguddoo fi sadarkaa qaban bilisaa keessaa nama jalqaba Nabiyyitti (SAW) amaneedha. Ergamuun dura nama Nabiyyitti garmalee dhiyoo ta’eedha. Isa ilaalchisee Nabiyyiin (SAW) ni jedhan: Abu Bakr malee namni ani gara Islaamatti waame hundi isa bira gufuu, duubatti jechuu fi sirritti ilaalutu ture. Yommuu ani gara Islaamatti isa (Abu Bakrin) waamu osoo homaa hin shakkinii fi hin turin gara Islaamatti fiige.” (Siiratu An-Nabawiyyatu-Abu Shuhbata (1/284) ilaali)

Abu Bakr hawaasa Qureesha keessatti iddoo guddaa kan qabuu fi sababoota baay’eef kan kabajamuudha:
-Nama ummata isaa tokkoomsu, jaallatamaa fi haala salphaan namaan walii galuu ture.
-Qureeshota keessaa nama sanyii gaarii qabuudha. Waa’ee sanyii fi kheeyrif sharrii isaan keessa turan ilaalchisee isaan hunda caalaa kan beekudha.
-Nama daldalaa haqaan hojjatuu fi amala gaariin beekkamu ture.
-Qureeshota keessatti nama beekkamaa ture. Beekumsa isaatiif, muxannoo daldala keessatti inni qabuuf ykn isa waliin hiriyyoomufis namoonni isatti dhufu.

Garuu maaliif Abu Bakr Qureeshota biratti garmalee jaallatamaa ta’ee? Eeti, gaarummaan amala isaa nama isa waliin hiriyyoomu barbaadef balbala baneef. Ammas, Abu Bakr beekumsa sanyii fi seenaa waan beekuf namoonni gara isaatti fiigu. Akkuma beekkamu Qureeshota keessatti Abu Bakr caalaa waa’ee sanyii fi seenaa isaanii kan beeku hin jiru. Kanaafu, gamnooni hawaasa Qureeshaa akkasumas, dargaggonni beekumsa argachuuf Abu Bakr waliin taa’u jaallatu. Ammas, Abu Bakr nama arjaa fi keessummaa haala gaariin keessumeessu ta’uu irraa kan ka’ee, namoonni taraa fi hiyyeeyyin gara isaatti deemu. Kanaafu, namoonni hawaasa keessatti sadarka kamiyyuu irra jiran isa waliin hiriyoomuu fi isa waliin taa’un bu’aa baay’ee argatanii jiru. Sababa kanaaf, yommuu ergaan Islaamaa babal’achuu eegalu namoonni baay’een harka isaa irratti Islaamawan. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti: Usmaan ibn Affaan, Abdurahmaan ibn Awf, Sa’d ibn Abi Waqqaas, Az-Zubeyr ibn Al-Awwaam fi Xalha ibn Ubeydillah.  

Namoonni gurguddoon shanan kuni Islaamawun firii da’waan Abu Bakr buusedha. Abu Bakr gara Islaamatti isaan waame, isaanis waamicha isaatiif ni awwaatan. Ergasii gara Nabiyyiittii (SAW) isaan fuudhee deemen. Hundi isaanitu Nabiyyii biratti Islaama ofi labsan. Akkuma goottonni shanan kunniin Islaama keessa seenanii namoonni biroos isaan duuka bu’uu jalqaban.

6-Garee Lammaffaa
Namoonni filatamoon harka Abu Bakr irratti erga Islaamawanii gareen lamaffaan Islaama keessa seenu ni jalqabe. Gareen lamaffaan kuni: Abu Ubeydah ibn Jarraah, Abu Salamata Abdullah ibn Abbdul-Assad ibn Makhzuum ibn Murrah (namni kuni ilma adaadaa Nabiyyiitii (SAW) “Barrah bint Abul-Muxxalib), Al-Arqam ibn Abi Al-Arqam Makhzuumii, Usmaan bin Maz’uun al-Jumhii, Ubeyda ibn Al-Haaris ibn Abdulmuxxalib, Sa’iid ibn Zayd ibn Amr ibn Nufeyl, Qudaamah fi Abdullah ilmaan lamaan Maz’uun, Faaximah bint Al-Khaxxaab ibn Nufeyl (obboleetti Umar ibn Al-Khaxxaab fi niiti Sa’iid ibn Zayd), Asmaa’a bint Abu Bakr Siddiiq, Aa’isha bint Abu Bakr Siddiiq fi Khabbaab ibn Al-Arat (hunda isaanii irraayyu Rabbiin haa jaallatu).

7-Garee sadaffaa
Kunniin namoota garee sadaffaa keessatti Islaamawaniidha: Umeyr ibn Abi Waqqaas (obboleessa Sa’d ibn Abi Waqqaas), Abdullah ibn Mas’uud, Mas’uud ibn Al-Qaariyy, Saliix ibn Amr fi obboleessa isaa Haaxib ibn Amr, Ayyaash ibn Abi Rabii’ata fi niiti isaa Asmaa’a bint Salaamata, Khuneys ibn Huzaafata Sahmiyy, Aamir ibn Rabii’ah (gosa Al-Khaxxaab waliin kan gamtoomedha), Abdullah ibn Jahshi fi obboleessa isaa Abu Ahmad, Ja’afar ibn Abi Xaalib fi niiti isaa Asmaa’a bint Umeys, Haaxib ibn Haaris fi niiti isaa Faaxima bint al-Mujallal, obboleessa isaa Haxxaab ibn Haaris, niiti Haxxaab, Fukehata bint Yasaar…Suheeyb ibn Sinaan nama Roomaa jalqabaa Islaamawe. Namoota dursa gara Islaamatti seenan keessaa kanneen biroo Abu Zarr Al-Ghifaariyy, obboleessa isaa Uneys fi haadha isaa. Bilaal ibn Rabaah Al-Habashii (Itiyoophiyaa irraa) namoota jalqaba gara Islaamatti fiiganiidha. Ibn Is’haaq ni jedha: dhiirotaa fi dubartoota irraa namoonni garagaraa Islaama keessa ni seenan hanga waa’een Islaamaa Makkaan keessa babal’atu fi dubbatamutti.”

Maqaalee armaan olitti dhiyaatan irraa akkuma ifa ta’utti namoonni gara Islaamatti dursa seenan namoota hawaasa keessatti kabajamanii fi gaarii turaniidha. Isaan akka qorattoonni siiraa gariin “namoota gadi aanoo ykn gabroota bilisummaa isaanii argachuu barbaadaniidha fi kkf” jedhanii miti. Yeroo jalqabaa Islaamaa, eenyullee Muslima ta’uun faaydaa addunyaa irraa wanti argatu hin jiru. Inuma wanti isaan eeggatu reebicha fi adabbiidha. Wanti isaan barbaadan mindaa Rabbii qofa ture.

Akkasumas, namoonni kitaaba siiraa barreessan gariin yommuu akkana jedhan tuqaa kanarratti dogongoranii jiru: “Namoonni jalqabaa gara Islaamatti seenan baay’een isaanii hiyeeyyi, dadhabdoota fi gabroota.” Garuu yoo sirritti qoratan jechi kuni dogongora akka ta’ee ni mul’ata. Namoota guyyoota jalqabaa Islaamaa irratti gara Islaama seenan 40 keessaa namoonni gabroota, dadhabdoota, gabroota bilisa bahanii fi alaa Islaamatti seenan lakkoofsi isaanii 13 ture. Lakkoofsi kuni namoota guutumatti Islaama keessa seenaniin yommuu wal bira qabamuu, “Irra caalaan ykn baay’een isaanii dadhabdoota, hiyeeyyi fi gabroota” hin jedhamu.

Namoonni yeroo san Islaamawan faaydan addunyaa homaatu isaan hin kakaasne. Garuu haqatti amanuu Rabbiin qalbii isaanii itti banetu gara Islaamatti isaan kakaase. Kana keessatti kabajamaa fi gabrii, dureessaa fi hiyeessi, waliin hirmaatu. Abu Bakr, Bilaal, Usmaani fi Suheeyb wal-qixxaa’u. Hundi isaanitu sababa wal fakkaatuf Islaama keessa seenan. Innis “Haqatti amanuudha.”

Osoo dureessaa fi hiyyeessa, gurraacha fi adii, dhiiraa fi dubartii, gabrichaa fi nama bilisaa addaan hin baasin Islaamni nafsee gaarii, qalbii qulqulluu fi sammuu iftutti yaa’aa tureera. Namoota dursa gara Islaamatti seenan keessaa: Khadiijaa, Abu Bakr, Aliyy, Usmaan, Zubeyr, Abdurahmaan, Xalha, Ubeydah, Al-Arqam, Usmaan bin Maz’uun, Sa’iid bin Zayd, Abdullah bin Jahsh, Ja’afar, Sa’d bin Abi Waqqaas, Faaximah bint Al-Khaxxaab fi kanneen biroo ummata isaani keessatti namoota kabajamoo fi sadarkaa qaban turan. Warroonni kuni namoota jalqabaa gara Islaamaa dursanii fi waamicha Nabiyyii (SAW) dhugoomsuuf fiiganiidha.

Nabiyyiin (SAW) Da’waa (Waamicha) itti fufuu
Nabiyyiin (SAW) da’waa dhoksaa isaanii itti fufuun maatii fi hiriyyoota dhiyoo irraa namoota ofitti harkisuu danda’aniiru. Akkasumas, Muslimoonni jalqabaa kunniin nama sharriin isaa nagaha ta’uu amananitti da’waa ni godhuu turan. Marsaan jalqabaa da’waa kuni rakkoolee fi ulfaatinnaan kan guuttame ture. Nama amananii fi sharrii isaatirraa nagaha ta’an qofa dubbisu. Akka kanatti, tarkaanfin da’waa suuta fi of eeggannoon kan itti fufee ture. Iccitiin (dhoksaan) tarkaanfachuun waan isaan irraa eeggamuuf Muslimoonni Nabiyyii (SAW) irraa barnoota barachuu fi wanta baratan hojii irra oolchuuf haalli garmalee ulfaataa ta’e. Yeroo kanatti eenyullee ifatti bahee salaatu fi Qur’aana qara’uu hin danda’u. Kanaafu, yoo salaatu barbaadan gara sululaa fi gaarreen Makkaa dhokatanii deemun achitti salaatu turan.  

1-Nageenyi namatti dhagahamuu
Marsaa kana keessatti nageenya hawaasa Muslimaa xiqqaa mirkaneessuuf dhoksuu fi iccitiin jiraachu qaba. Inuma yoo isaan hin amaniin namoota hundarra namatti dhiyoo ta’an irraayyu of dhoksuun baay’ee barbaachisaadha. Yeroo kanatti ajajni Nabiyyii amanti ofii dhoksuu dirqama akka ta’e ifaadha. Nabiyyiin (SAW) Muslimoota garii walitti qabuun garee ijaaraa ture. Gareen kunis dabeessummaa fi sodaaf osoo hin ta’in qophaa’innaa fi leenjiif of dhoksuu turan. Nabiyyiin (SAW) sahaabota isaa irraa garee xiqqoo ijaarun jalqabe. Namni humnaa fi qabeenya qabu namni tokko ykn namoonni lama hiyeeyyi ta’an yommuu Islaamawan walitti isaan qabuun isa waliin ta’u. Innis isaan waliin nyaata ofii qoodaaf. Isaan keessaa namni Qur’aana irraa waa haffazee (sammutti qabatee) nama biraa ni barsiisa. Namoonni haala kanaan walitti qabamuun hariiroo obbolummaa jabeessu fi sagantaa wal barsiisuu uumanii jiru.

Qajeelfamni Nabiyyiin (SAW) hordoftoota isaa barsiisuuf hordofe Qur’aana kabajamaadha. Nabiyyiin (SAW) sahaabota isaa barnoota aqiidaa (amantii), ibaadaa, amalaa, nageenyummaa fi kan biroo barsiisaa tureera. Kanaafi, Qur’aana keessatti aayaata waa’ee nageenya hawaasa fi dhuunfaa eeguu dubbatan arganna. Sababni isaas, wantoota guddinnaaf barbaachisan keessaa miseensa hawaasaa keessatti namoonni dhuunfaa hundi nageenyi itti dhagahamuudha. Keessumayyu hiriirri Islaama irraa ittisuu fi dachii keessatti bakka akka qabatuuf carraaqu, daran nageenyi itti dhagahamuun barbaachisadha.  Shakkii hin qabu, sahaabonni nama gara Islaamatti waamu barbaadan ilaalchisee odeefannoo ni funaanu turan. Kunis nageenyaa hawaasa Muslimaa xiqqaa Makkaan keessatti jalqabamee eegsiisu fi mirkaneessuufi. Qur’aana keessatti waa’ee of eeggannoo fi nageenya ilaalchise aayaata lamaan tanniin haa ilaallu:

“[Haati Muusaa] obboleetti isaatiin ni jette, “Isa hordofi.” Osoo isaan hin beekin ishiinis fagoo irraa isa ilaalte. [Gara haadhaatti deebi’uun] dura harma hoosistoota irraa isa ni dhoorgine. [Obboleettin isaa], “maatii isa isiniif guddisuu fi gaarii isaaf yaadutti isin qajeelchu?” jetteen.” Suuratu Al-Qasas 28:11-12

Yeroo nabi Muusaan (aleyh salaam) dhalatu sanitti Fira’awni daa’imman Israa’il ni ajjeesaa ture. Nabii Muusaan haarawa dhalate kuni ajjeecha fira’awna jalaa akka bahuuf Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haadha isaa saanduqa keessa isa kaa’un galaanatti akka darbitu beeksiisa itti godhe. Haati Muusaas akkuma ajajamte daa’ima ofii saanduqa keessa keette galaanatti darbite. Ergasii garmalee dhiphatte. Rabbiinis ilma ishii akka ishiif deebisu waadaa galee jira. Muusaa harma dubartoota biraa akka hin hoone taasise. Harma haadha isaa malee harma dubartoota biraa hodhu dide. Kanaafi dhumarratti obboleettin isaa “maatii isa isiniif guddisuu fi gaarii isaaf yaadutti isin qajeelchu?” jetteen. Aaya tanaa fi seena kana wal-qabsiisu wanti barbaanneef barbaachisummaa of eeggannoo fi nageenyaa mul’isuufi. Seenaa kanarraa qabxiwwan armaan gadi baranna:

1)-nageeya ilma ishii mirkaneefachuuf haati Muusaa odeefannoo funaanu barbaadde. Obboleetti isaatiin “Qussiihi (isa hordofii)” jetteen. Jechi Arabiffaa quss jedhu hiika “hordofuu” fi “odeefanno funaanu” of keessatti qabata.

2)-Ammas, haati Muusaa nageenya ilma ishii mirkaneessuuf nama kakka’uumsa akka ishii qabu ni filatte. Intala ishii filatte. Kunis odeefannoo dhugaa ishiif funaannamu mirkaneessuufi. Obboleettin Muusaas fedhii fi of eeggannoo waa’ee obboleessa ishii ilaaluuf ni deemte. Kuni kan agarsiisu namni odeefannoo funaanu nama amanama ta’u qaba, yoo danda’ame akkuma nama isa ergee kakka’uumsa wal fakkaatu qabaachudha.

3)-Obboleetti Muusaa namuu osoo ishii hin beekin of eeggannoon akka deemtu ajajamte. “Osoo isaan hin beekin ishiinis fagoo irraa isa ilaalte.”

4) Ammas, obboleettin Muusaa odeefannoo funaanun gara haadhaa deebitee bakka inni jiru ishitti beeksisuu qofa osoo hin ta’in gara fuunduraatti tarkaanfachuun kaayyoo isaanii galmaan geesse. Kaayyoon kunis: Muusaa gara haadhaatti deebisuudha. Yaali kanaan milkaa’inna guutuu galmaan geesse. Kanaafu, dhoksaa fi of eeggannoo waliin odeefannoo funaanu fi kaayyoo ofii galmaan gahuun hojii nama qaruuteti. Kaayyoo ofii osoo galmaan gahuu baataniyyuu odeefanno dhugaa of eeggannoon funaanun baay’ee barbaachisadha.

Wanti dagatamu hin qabne keeyyattoonni Qur’aana armaan olii tunniin osoo Nabiyyiin gara Madiinaa hin godaaniin dura bakka nageenyi rakkoo guddaa itti ta’e Makkaan keessatti bu’an. Siiraan Nabiyyii (SAW) namoota dhuunfaa barsiisuu irraa kaase hanga mootummaa ijaaru gahutti nageenya mirkaneessun kan guuttameedha. Hoggantoonni Musliimaa yeroo ammaas Muslimootaa fi Islaama badii irraa eeguf hawaasa keessatti nageenya mirkaneessun garmalee isaan irraa eeggama.

Muslimoonni nageenya irratti xiyyeefachuun rukuttaa diinaa tasa isaanitti dhufuu irraa isaan eega. “Diinaa fi nafsee tee yoo beekte, wanti bu’aa dirree lolaa dhibba akka sodaattu si taasisu hin jiru. Yoo nafsee tee beektee garuu diina kee hin beekin, dirree lolaa hundatti moo’atamutu si qunnama.

Nabiyyiin (SAW) mataa ofiitiin gama adda addaatin sahaabota isaa barsiisuuf ni too’ataa ture. Garee adda addaatti ni qoqqooda. Fakkeenyaf, Faaxima bint Al-Khaxxaabi fi jaarsi ishii Sa’iid ibn Zayd garee tokko keessatti Nu’aym ibn Abdullah An-Nahhaam ibn Adiyy waliin turan. Barsiisaan isaan barsiisuuf ramadamee Khabbab ibn al-Aratt ture. Yommuu bakka tokkotti walitti dhufan xiyyeefannoon isaanii guddaan akkamitti Qur’aana akka dubbisan qofa osoo hin ta’in Qur’aana qo’achuu, keeyyattota isaa hubachuu, ajajootaa fi dhoowwama isaa barachuu fi hojii irra oolchu ture.

Nabiyyiin (SAW) xumura murtiiwwanii yaada keessa galchuun wantoota hundaa of eeggannoo fi gadi fageenyaan karoorsu turan. Guyyaan da’waa ifatti itti labsuu fagoo akka hin taanee ni hubataa ture. Akkasumas, namoonni baay’een akkuma Islaama keessa seenanii manni Khadiija wal-gahiif namoota hunda keessumeessu akka hin dandeenye ni hubate. Akka hogganaatti hordoftoota waliin iddoo bal’aa namoota hunda gahuutti wal qunnamuun ni barbaachisa. Kanaafu, Nabiyyiin (SAW) mana Al-Arqam ibn Abi Al-Arqam bakka wal-gahii dhoksaa Muslimootaaf ta’u filate. Bakki wal-gahii garmalee barbaachisadha. Sababni isaas, yeroo hundaa hogganaa fi hordoftoonni wal qunnamuun karaa Muslimoota itti barsiisuu fi leenjisuun marsaa da’waa dhufuuf hoggantoota fi daa’iwwan itti godhuudha.

Akkuma ifa ta’u, Nabiyyin (SAW) hordoftoota isaa ergaa Islaamaa akka baadhatanii fi gara fuunduraatti ummata Muslimaatiif hoggantoota akka ta’an qopheessaa jira. Osoo Nabiyyiin (SAW) waa’ee ummata isaa gara fuunduraatti dhufaniif hin yaadin ergama qofa geessuu irratti xiyyeefate silaa haala kanaan marsaa jalqabaa irratti dhoksaa fi of eeggannoon hin hojjatu ture. Bakki hundarra gaariin ergaa isaa itti geessu Ka’aba Qureeshonni baay’innaan itti wal-gahan ture. Garuu Nabiyyiin (SAW) marsaa jalqabaa irratti dhoksaa ykn iccitii guutuu filate. Bakka eenyullee hin argine filachuun hordoftoota isaa Qur’aanaa barsiisaa fi hojii ulfaata gara fuunduraatti isaan eeggatuuf qopheessaa ture. Kanaafu, namni ofii fi hawaasa ijaaru barbaada marsaa jalqabaa irratti dhoksaa fi iccitiin deemun ofii fi garee isaa jabeessu danda’a.

Kitaabban wabii
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 88-95, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/158-167

Siiraa-Lakk.14
Siiraa-Lakk.13.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply