Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 5.1

Offline dubbisuf

Al-Khaaliq, Al-Khallaaq
Ahmad Salaam akkana jedha: “Nabiyyiin (SAW) dhufuun dura, namoonni Rabbiin Uumaa samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran akka ta’e ni amanu turan. Garuu gosoota ibaada gargaraa keessatti Rabbiin waliin wanta biraa gabbaru. Kanaafu, Islaamni yaada Rabbiin Gooftaa tokkicha ta’uu qulqullessuu fi hubanna sirrii kennuuf dhufee. Akkas gochuun, namoonni Rabbii tokkicha sirnaa fi haala sirrii ta’een ni gabbaru. Garuu kana galmaan gahuuf ykn tuqaan ka’uumsaa, maqaalee fi sifaata Rabbii ilaachisee beekumsaa fi hubanna sirrii qabaachudha. Yoo namni maqaalee fi sifaata Rabbii ilaachisee beekumsaa fi hubanna sirrii qabaate, inni gonkumaa Rabbiin alatti eenyuttillee hin garagaluu ykn Isaan ala eenyullee hin gabbaru. Kanaafu, maqaalee fi sifaata Rabbii sirnaa fi bal’innaan hubachuun bu’uura gosoonni tawhiidaa biroo itti guuttamaniidha. Itti fufuun ni jedha: Tawhiidu Ar-Rubuubiyyan [qalbii keessatti] akka mukaati. Hiddi isaa immoo tawhiidu al-asmaa’a wa sifaati dha. Yoo hiddi ykn bu’uurri hin jiraatin, mukni mataan isaa dhukkubsataadha ykn dadhabaadha.”

Ammas fakkeenya armaan oliitti kenname yoo itti xinxalline, firiin dhugaa tawhiidu al-asmaa’a wa sifaataa, ibaadaa keessatti Rabbiin Tokkichoomsudha (tawhiidu al-uluuhiyyah). Namni akkuma caalatti waa’ee Rabbii fi sifaata Isaa beekun, akkasuma caalatti Rabbiin jaallataa, Isa sodaataa fi abdataa adeema. Dhugumatti, namni akkuma daran waa’ee Rabbii beekun, akkasuma daran Rabbiin jaallata, Isa gammachiisuuf dharra’a, Rabbiinis isatti gammada. Kanaafu, maqaalee fi sifaata Rabbii sirnaan hubachuun garmalee barbaachisaa fi faayda guddaa kan qabuudha.[1]

Kutaa darbe irraa itti fufuun maqaalee fi sifaata Rabbii (subhaanahu) barachuu fi hubachuuf haa carraaqnu.

A.Hiika Al-Khaaliq, Al-Khallaaq
Al-Khaaliq, Al-Khallaaq maqaalee gaggaarii Rabbii olta’aati. Akka Afaan Oromootti Al-Khaaliq jechuun Uumaa. Maqaan “Al-Khaaliq” jedhu, jecha“khalaqa (uume)” jedhu irraa kan fudhatameedha. Mee amma hiika Khalaqa (uumee) jedhu haa ilaallu. Akka lugaatti, “uumuun (al-khalq)” hiika lama qaba:[2]

1ffaa-Taqdiir (hamma, boca, amala wanta tokko murteessu, safaruu ykn tilmaamu). Kuni Rabbiin ala uumamtootafis ni ta’a. Akka lugaatti ni jedhama, “Khalaqa adiima (gogaa horii uumee)-kana jechuun gogaa kana irraa waa hojjachuuf “hamma isaa safare ykn tilmaame” jechuudha. Qur’aana keessatti Rabbiin Nabii Iisaa (aleyh salaam) akkana jechuun qananii irratti oole yaadachiisa.

Yeroo hayyama Kiyyaan dhoqqee irraa waan akka allaatti uumtee ergasii hafuura itti afuuftee hayyama Kiyyaan allaatti taatee [yaadadhu].” Suuratu Al-Maa’ida 5:110 (suuratu Aali-Imraan 49 keessas hiikuma wal fakkaatu jira.)

Asitti “uumte” jechuun “hammaa fi boca wanta akka allaatti murteessite ykn suuraa akka allaatti hojjatte.”[3] Nabii Iisaan (aleyh salaam) wanta gonkumaa hin jirre dhabama irraa hin argamsiifne. Kanaafi, “Dhoqqee irraa” jedha. Inumaa dhoqqee irraa wanta akka allaatti tolchunu hayyama Rabbiitiin ta’e. Ammas, wanti dhoqqee irraa hojjatame kuni hafuura itti afuufun allaatti ta’uun hayyama Rabbiitin. Osoo hayyama Isaatin ta’uu baate, silaa dhoqqee irraas wanta akka allaatti tolchuu hin danda’u, bocni kunis gara allaatitti hin jijjiramu. Kiristaanonni gariin kana ragaa godhachuun nama dogongorsuuf carraaqu. Asitti wanti hubachuu qaban waa lama: 1ffaa– keeyyata keessatti hiikni “uumte” dhabama irraa argamsiisu osoo hin ta’in, hammaa fi boca wanta tokko murteessudha. Ragaan kanaa, “mina xiini (dhoqqee irraa)” jedha. Osoo dhabama irraa ta’ee maaliif “dhoqqee irraa” jedhaa? 2ffaa-Nabii Iisaan wanta kana kan hojjate fedhii fi dandeetti isaatiin qofa osoo hin ta’in, “Hayyama Rabbiitiin”. Ragaan kanaa, “hayyama Kiyyaan” jedha.

Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bakka biraatti ni jedha:

“Rabbii uumtota hunda caale tolti Isaa baay’atte.” (Suuratu Al-Mu’iminuun 23:14)
Asitti uumtota jechuun warra wanta tokko murteessanii fi safaraniidha. Ilmi namaa wanta tokko hamma, boca fi amaloota isaa biroo murteessuun ykn safaruun ni hojjata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota waa murteessanii fi safaran hunda caala. Wanta hundaa murtii fi safara sirriin uuma.

Hiikini “uumuu” 2ffaa-fakkeenya dursaa tokko malee dhabama irraa argamsiisuu fi jalqabuudha. Kuni Rabbii Tokkichaaf malee eenyufillee hin ta’u. Rabbii Tokkicha qofatu waan hunda dhabama irraa argamsiise. Eenyullee Isa waliin hin hirmaatu. Namoonni wanta tokko ni uumu. Garuu uumuun isaanii kuni dhabama irraa argamsiisu osoo hin ta’in wantuma Rabbiin uumee boca fi hamma isaa murteessun wanta haarawa hojjatu.

Fkn, telefoona dhabama irraa argamsiisu danda’u? Gaafi kana deebisuuf wantoota telefoonni irraa hojjatamte qorachuu qabna. Iskiriiniin, dhagaan, haguuggi fi keessi telefoona daawitii, pilaastikii, shiboo fi kkf irraa hojjataman. Daawitii, pilaastikiin fi shiboon kunniin wantoota Rabbiin uumerraa walitti qabamuun kan hojjatamaniidha. Wantoota kanniin Rabbiin dhabama irraa argamsiise. Kanaafu, namoonni wanta uumama keessa jiru bocaa fi hamma isaa safaruun wanta tokkorraa wanta biraatti jijjiruu malee elemanti (wanta jalqabaa wanti biraa irraa hojjatamu) dhabama irraa argamsiisu hin danda’an.

Kanaafu, Rabbiin “Al-Khaaliq (Uumaa)” fakkeenya dursaa tokko malee uumamtoota dhabama irraa Kan uumuu fi argamsiisudha.

Maqaan “Al-Khallaaq” jedhu baay’inna uumuu fi argamsiisu agarsiisa. Jechoonni akkana Arabiffa keessatti mubaalagha jedhamu. Kanaafu, Al-Khallaaq wantoota lakkaawame hin dhumne hunda kan uumuu fi uumuun amala (sifata) Isaa kan ta’eedha[4]. Samii hangana guddattu fi urjiilee biliyoonaa fi biliyoonatti lakkaawaman ishii keessa jiran haa ilaallu. Ammas dachii fi wantoota dachii keessa jiran haa ilaallu. Kuni hundi Rabbiin Al-Khallaaq ta’uu agarsiisa. Kana jechuun wantoota baay’ee lakkaawamanii hin dhumne kan uumuudha. Wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru. Ni jedha:

15:86

Dhugumatti, Gooftaan kee Al-Khallaaq, waan hundaa Beekaadha.” Suuratu Al-Hijr 15:86

B. Sifaata Maqaaleen kunniin of keessatti qabatan
Maqaaleen Al-Khaaliq fi Al-Khallaaq sifata (amala) “uumuu” of keessaa qabu. Al-Khallaaq baay’inna gocha uumuu agarsiisa. Kanaafu, maqaalee kanniin irraa waa afur hubanna: hamma, boca, bifa wanta tokko fi amaloota isaa biroo murteessun uumuu ykn argamsiisu, yeroo hundaa uumuu, baay’innaan uumuu fi dhabama irraa argamsiisu.

Uumamtoota hunda dhabama irraa kan argamsiisee Rabbii tokkicha. Samiin, dachii fi wantoonni isaan keessa jiran duraan kan hin jirre turan. Ergasii Rabbiin isaan uume.  Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Sila Rabbiin ala uumaan (Khaaliqni) biraa kan samii fi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa?” Suuratu Faaxir(35):3

Kanaafu, Khaaliqni (Uumaan) wantoota hundaa dhabama irraa argamsiisu Rabbiin malee hin jiru. Eenyullee Isa waliin hin hirmaatu. Akkuma barnoota keenya darbe keessatti ilaalle, Gooftaa jechuun Kan waan hundaa uumuu, qananiisu, too’atu fi jiraachisudha. Rabbiin wantoota hundaa dhabama irraa kan argamsiisu waan ta’eef Isa malee Gooftaan Haqaa hin jiru. Wanta tokko argamsiisu yoo fedhe “ta’i” jedhaan, wanti sunis yoosu ta’ee argama. Kiristaanonni Iyyasuus gooftaadha nun jedhu. Mee haa gaafannu, “Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) wanta duraan hin jirree dhabama irraa argamsiise jiraa?”

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

[Rabbiin] samiiwwan utubaa argitaniin malee uume. Akka [dachiin] isiniin hin socheenef gaarreen gadi dhaabbatoo dachii keessa kaa’e (gadi dhaabe). Lubbuu qabeenyi hunda irraa ishii (dachii) keessa facaase. Bishaanis samii irraa buufnee biqiltoota gosoota gaggaarii hunda ishii keessatti magarsine.Kuni uumama Rabbiiti. Kanneen Isaa gadi jiran wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa. Dhugumatti, miidha hojjattoonni jallinna ifa galaa keessa jiru.” Suuratu Luqmaan 31:10-11

Kanneen Isaa gadi jiran wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa.” Kana jechuun wantoonni isin Rabbii gaditti gabbartan (waaqefattan) wanta isaan dhabama irraa argamsiisanii fi uuman mee natti agarsiisaa? Akkuma beekkamu, wanta isaan uuman argisiisuu waan hin dandeenyeef, Rabbii gaditti wantoota kanniin beekumsaa fi ragaa malee gabbaru (waaqefatu). Kanaafu, jallinna ifa bahaa keessa jiru. Namni Rabbii wanta hundaa uumuu fi dandeetti guutuu qabu dhiisee, wanta waa uumuu, nama fayyaduu fi miidhaa namarraa deebisuu hin dandeenye akkamitti kadhataa ykn gabbaraa? Kuni jallinna ifa bahaa mitii?

Guduunfaa
☞Maqaalee fi sifaata Rabbii beeku fi sirritti hubachuun bu’uura tawhiida Ar-Rubuubiyyah fi tawhiida al-uluuhiyyah ti.
Uumuun hiika lama qaba: 1ffaa-wanta tokko hamma, boca, bifa fi amaloota isaa biroo murteessu, safaruu ykn tilmaamuudha. 2ffaa-Dhabama irraa wanta tokko argamsiisu. Dhabama irraa wanta tokko kan argamsiisu Rabbiin qofa.
Al-Khaaliq Uumaa waan hundaa uumuudha.
Al-Khallaaq uumun amala Isaa yeroo hunda turaa ta’ee fi baay’innaan kan uumuudha. Rabbiin yeroo fedhetti waan fedhe uuma.
☝Al-Khallaaq baay’inna uumuu waan agarsiisuuf samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda kan uumee Rabbii Tokkicha. Wantoota yeroo durii uumaman, yeroo ammas uumamuu itti fufanii fi gara fuunduraattis uumaman hunda Rabbiitu uumee. Ni jedha:

39:62

Rabbiin Uumaa waan hundaati. Inni waan hundaa irratti Tiiksadha.” Suuratu Az-Zumar 39:62


Kitaabban wabii:
[1] Commentary on the forty hadith of an-nawawi– Jildi (Vol.)-1, fuula 215
[2] Fiqhu Al-Asmaa’il Husnaa– fuula 91, Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin Badri, Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.46,47; AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi– 6/340 , Abdurahmaan Habanka
[4] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Tafsiiru Suuratu Yaasin:82, Ibn Useymiin, fuula- 303

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 5.2
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.3
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply