Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 5.2

Offline dubbisuf

C-Bu’aalee maqaalee Al-Khaaliq fi Al-Khallaaq beekuu fi itti amanuun argamu

﴾وَٱلسَّلَٰمُ عَلَىٰ مَنِ ٱتَّبَعَ ٱلۡهُدَىٰ﴿

Nageenyi nama qajeelfama hordofe irratti ta’a.” (Suuratu Xaahaa 20:47) Kana jechuun nageenyi fi tasgabbiin nama qajeelfama Rabbiin buuse hordofe irratti ta’a. Rabbiin addunyaa keessatti azaaba (adabbii) Isaa irraa nagaha isa taasisa, Aakhirattis Jannata isa seensisuun azaaba jalaa nagaha baasa.[1].

Kutaa darbe keessatti, hiika Al-Khaaliq fi Al-Khallaaq ilaalle turre. Al-Khaaliq Uumaa waan hundaa uumudha. Al-Khallaaq Uumaa baay’innaan waa uumuu fi uumun amala Isaa kan ta’eedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Uumaa waa hundaati. Dhabama irraa wantoota kan argamsiisu Isa malee hin jiru. Namni hiika maqaalee kanniin lamaanii yoo hubatee fi itti amanee bu’aalee armaan gadii ni argata:

1-Maqaa Rabbii “Al-Khaaliqatti” amanuun tokkichummaa Isaatti akka amananii fi ibaada keessatti akka Isa tokkichoomsan nama taasisa- uumama samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran yommuu ilaallu madaala isaanii kan eeggatanii fi sirna ajaa’ibaatin walitti galaniidha. Fakkeenyaf, urjiilee, aduu fi ji’a yoo fudhanne, yeroo ofii eeggatanii sarara isaanii irra deemu. Urjiileen biliyoonatti lakkaawaman kunniin walitti bu’uu fi wal diiggaan hin jiru. Kuni kan agarsiisu, Khaaliqni isaan uumee tokkicha ta’uudha. Osoo Khaaliqni lama ykn sani ol ta’ee, silaa khaaliqni hundu wanta uumee fudhate adeema. Fedhiin isaan lamaanii yeroo hundaa dhibbaan dhibbatti waan wal hin fakkaanneef wanta isaan uuman jidduu walitti bu’iinsi ni dhufa. Ergasii addunyaan ni diigamti. Kanaafu, samiin, dachii fi wantoonni isaan keessa jiran waggoota biliyoonatti lakkaawamaniif sirna isaanii eeggatanii haala kanaan turuun “Khaaliqni Tokkichi” akka jiru agarsiisa. Osoo kan isaan too’atu hin jiraatin, wantoonni kunniin mataa isaaniitin osoo hin diigamiin yeroo dheeraaf turuu danda’uu?

Mushrikoonni durii Khaaliqni Rabbii Tokkicha akka ta’e ni amanu. Qur’aana keessatti ni jedha:
“Dhugumatti “Eenyutu samiiwwanii fi dachii uumee, aduu fi baatis laaffisee?” jette yoo isaan gaafatte, dhugumatti “Rabbiidha” jedhu. Kanaafu, akkamitti garagalfamuu?” Suuratu Al-Ankabuut 29:61

Eenyutu samiiwwanii fi dachii uumee, aduu fi baatis laaffisee?” jette osoo namoota Rabbiitti waa qindeessan ykn Isa qofa hin gabbarre gaafattee, dhugumatti “Rabbiidha” jedhu. Samii fi dachii uumuun, aduu fi jiiyni sarara isaanii irra akka deeman taasisuun hojii Rabbii akka ta’e ni beekkama. Sababa ifa aduutiin biqiltoonni ni biqilu. Osoo aduun jiraachu baatte silaa biqiltoonni hin biqilan. Kanaafu, namoonni fi beelladoonni soorata dhabu. Jiiynis dachii irratti ifa ibsa, lakkoofsa ji’ootaa fi waggoota itti beekan. Taabonni, Malaaykaan, nabiyyiin, waliyyiin, namni du’ee qabri keessa jiru kan isaan kadhatanii fi sujuudaniif wantoota kanniin hojjachuu danda’u? Kanaafu, akkamitti Rabbii isaan nyaachisuu fi obaasuf ajajamu irraa garagaluu? Akkamitti Isa qofa kadhachuu, Isa qofaaf sujuudu fi gadi of qabuu dhiisanii wanta isaan hin fayyannee fi hin miine kadhatuu?

Hundemaa, nama tokkorraa gargaarsa yommuu barbaadan, ulaagaaleen lama jiraachu qabu miti ree? 1ffaa-namni suni dandeetti fi humna kan qabu ta’uu, 2ffaa-Rakkoo namaa kan dhagahuu fi beeku ta’uu. Akka fakkeenyaatti, namni laamshayan homaa hojjachuu hin dandeenye nama gargaaru danda’aa? Ammas, namni duudaan homaa hin dhageenye kadhaa nama jalaa dhagahuu danda’aa?

Wantoota namoonni Rabbii Olta’aa gaditti gabbaran yoo ilaalle, nama gargaaru fi rakkoo keessaa nama baasuf dandeetti fi humna guutuu hin qaban. Akkasumas, waan hundaa dhagahuu fi beekuu hin danda’an. Rabbiin immoo waan hundaa irratti dandeetti fi humna guutuu qaba. Waan hundaa ni dhagaha, ni beeka. Wantoota dandeetti fi humni Isaa guutuu ta’uu agarsiisan keessaa, samii garmalee guddattu, dachii bal’oo fi wantoota baay’ee isaan keessa jiran uumuudha. Wanta tokko uumuuf dandeetti, humnaa fi beekumsa barbaachisa. Kanaafu, Rabbiin wantoota garmalee gurguddatanii fi baay’atan kanniin uumuu Kan danda’e, karaa rakkoo keessa itti bahanii fi wanta barbaadan itti argatan namaaf ni uumaa jechuudha. Wantoonni Isaa gadi jiran akka Isaatti waa uumuu waan hin dandeenyef, dandeetti, humnaa fi beekumsa guutuu hin qaban. Kanaafu, wanta dandeetti, humnaa fi beekumsa guutuu hin qabne gabbaruun ykn kadhachuun bu’aan argatan maaliidhaa? Qur’aana keessatti:

Sila wantoota ofiifu uumamoo ta’anii waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessu? Isaan gargaarus ta’ee lubbuu ofii gargaaru hin danda’an.” Suuratu Al-A’araaf 7:191-192
Kana jechuun sila wanta homaa uumuu hin dandeenye, inuma mataa isaatu uumamaa kan ta’e Rabbiin waliin gabbaruu (waaqefatuu)? Sanamni, taabonni fi uumamtoonni biroo namoonni gabbaran (waaqefatan) homaa uumuu, samii irraa bishaan buusu, lafa keessaa biqiltoota magarsuu hin danda’an. Ammas isaan gargaaru hin danda’an. Inuma mataa ofiitu gargaaru hin danda’an. Taabonni fi sanamni isaan gabbaran nama isaan gabbaru dhiisii, mataa ofii irraayyu rakkoo deebisuu hin danda’an. Kanaafu, wanta waa uumuu fi nama gargaaru hin dandeenye akkamitti waa irraa kadhatu? Akkamitti isaaniif of gadi qabuu?

Namni Rabbiin Uumaa waan hundaa ta’uu yoo beeke fi amane, Isa qofa gabbaraa jechuudha. Sababni isaas, namni faayda argachuu fi miidhaa ofirraa deebisuuf Abbaa Humna Guddaa kajeela. Abbaa Humnaa kanaaf gadi of qaba. Kajeelu fi gadi of qabuun ibaada (gabbarrii)dha. Abbaan humnaa faayda barbaadan uumuu danda’uu fi miidhaa sodaatan namarraa deebisu danda’u Rabbiin qofa waan ta’eef, kajeellaan, kadhaa fi of gadi qabuun guutuun Isa qofaaf ta’uu qaba. Wanta waa uumuu fi miidhaa namarraa deebisuu hin dandeenye kajeelun, kadhachuu fi of gadi qabuun bu’aan isaa maaliidhaa?

2- Maqaan Rabbii subhaanahu Al-Khaaliq sifaata Isaa biroo kanneen akka jireenya, dandeetti, beekumsaa, fedhii fi ogummaa agarsiisa. Sababni isaas, danda’aa kan hin taane, fedhii kan hin qabnee fi wanta uume kan hin beekne uumaa ta’uu hin danda’u. Kana ilaalchise Imaamu ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) ni jedha: “Karaalee sifaata itti mirkaneessan keessaa tokko hojii sifaata kanniin agarsiisan [itti xinxalluudha]. Wanti uumame (makhluuqni) jiraachu Uumaa isa uumee agarsiisa. Akkasumas, jireenya Khaaliqaa, dandeetti Isaa, beekumsaa fi fedhii Isaa agarsiisa. Hojii filannootiif kunniin wantoota barbaachisoo dirqama jiraachu qabaniidha. (Kana jechuun hojii fedhan hojjachuuf jireenyi, dandeettin, beekumsi fi fedhiin garmalee barbaachisoodha. Bakka kunniin hin jirretti waa hojjachuu fi uumuun hin danda’amu.) Hojii jabeessun, sirna qabsiisuu fi haala guutuu ta’een argamsiisuun ogummaa fi xiyyefannoo hojjataa ykn uumaa agarsiisa. Uumamtootatti tola oolun, wantoota faaydaa qaban gurguddaa isaaniif fiduun, rahmata, tola fi arjummaa Khaaliqa isaan uumee agarsiisa. Guutummaan uumama (makhluuqa) irraa mul’atu Khaaliqni isa caalaa guutuu ta’uu agarsiisa. Amala guutuu ta’e kan kennu hunda caalaa amalli guutuun isaaf mala. Uumaan dhageetti, argituu fi dubbii kenne, hunda caalaa dhagaha, argaa fi dubbataa ta’uun Isaaf mala. Jireenya, beekumsa, dandeetti, fedhii kan uumee, hundaa caalaa amaloonni kuni Isaaf malu. (Jireenyi, dhageettin, argituun, dubbachuun, beekumsi, dandeettin fi kkf amaloota guutuu ta’aniidha. Rabbiin amaloota kanniin namaaf kennee jira. Amaloota kanniin kan kenne Isa erga ta’e hunda caalaa amaloonni gugguutuun kunniin Isaaf ta’u.)

Uumamtoota amaloota garagaraatin adda adda gochuun wanta hunda caalaa fedhii fi ogummaa Khaaliqaa kan agarsiisudha. Ogummaa Isaatin uumamtoota kanniiniif amaloota adda addaa isaaniif malu kenne. Kadhataan wanta barbaadu erge kadhatee booda haaluma inni kadhateen deebii argachuun, Rabbiin wantoota hundaa takka takkaan akka beeku, kadhaa gabroota Isaa kan dhagahu fi haajaa isaanii guutuuf dandeetti akka qabu agarsiisa. Akkasumas, rahmata fi mararfannaa Isaa agarsiisa. Warroota Isaaf ajajaman sadarkaa isaanii olkaasu fi tola isaanitti ooluun jaalalaa Isaa agarsiisa. Warroota Isa faalleessan, zaalimotaa fi diinota ergamtoota Isaa adabbii adda addaatiin isaan adabuun dallansuu Isaa agarsiisa.” (Madaarija Saalikiin 3/355-356

Gabaabumatti uumuun beekumsa, dandeetti, fedhii fi ogummaa barbaachisa. Uumamtoota garmalee gurguddatanii fi baay’atan kanniin uumuun beekumsi, dandeettin, fedhii fi ogummaan Rabbii guutuu ta’uu agarsiisa.

3-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Uumaa wantoota hundaa akka ta’e amanuun wantoota hundaa takka takkaan akka beeku akka mirkaneessan nama taasisa. Hundemaa, hojjataan wanta tokko hojjatu eenyun caalaa waa’ee wanta sanii sirritti beeka. Akkasi mitii? Fakkeenyaf namni kompiyutara hojjatu namoota biroo caalaa waa’ee kompiyutaraa beeka. Kutaa (parti) isaa tokkoon tokkoon beeka. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa kan uume Isa erga ta’e, wantoota uumee kanniin hunda takka takkaan beekaa jechuudha. Wanta isaan hojjatanis takka takkaan beeka, wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Ni jedha:

“Haasawa keessan dhoksaa yookiin ifa baasaa, Inni (Rabbiin) beekaa wanta qoma keessa jiruuti. Inni kan uume hin beeku sila? Inni Al-Laxiif, Al-Khabiir.” Suuratu Al-Mulk 67:13-14

Sagalee keessan gadi qabdanii yoo hasaastan ykn olkaastanii yoo dubbattan, wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Wanti dhoksaa fi ifa bahe Isa biratti wal-qixa waan ta’eef. Rabbiin wanta qoma (laphee) keessa jiru ni beeka. Kana jechuun niyyaa, fedhii, jaalala, jibba, amantii fi wanta biraa qomni of keessatti qabate hunda beeka. Akkamitti wanta qomni of keessatti qabate hin beeknee warra qoma qaban, nafsee isaanii, qalbii isaaniitii fi amaloota isaanii hunda kan uume Isa ta’ee osoo jiru? 

Inni kan uume hin beeku sila?” kana jechuun sila Uumaan uumamtoota Isaa hin beekuu? Uumamtoonni keessa ofiitu kan hin beekne ta’uu danda’u. Garuu Uumaan akkamitti isaan wallaalaa? Hidda dhiigaa qaama keeti hunda kan uume, qalbii, qoma, sammuu fi kutaalee qaama kee hunda kan uumee Isa. Inni akka hargantu waan si dandesiseef ni harganta, kutaaleen qaama keetii akka hojjatan kan taasise Isa. Kanaafu, akkamitti wanti dhoksitan, ifa baastanii fi qoma keessan keessa jiru Isarraa dhokataa? Kana waliinu, “Inni Al-Laxiif, Al-Khabiir” dha. Hiika Al-Laxiif keessaa tokko, wantoonni hanga fedhan haa xiqqaatan ykn haa haphatan, wanta hundaa kan beekudha. Xiqqeenya irraa kan ka’ee wantoonni ija namaatin hin mul’anne baay’etu jiru. Wantoota kanniin hunda Rabbiin Guddaan ni beeka. Beekumsi Isaa wantoota hunda dhaqqaba. “Al-Khabiir” jechuun immoo keesso fi iccitii wantoota hundaa kan beekudha. Dhimma keessaa fi garmalee dhokate hunda beeka. Akkuma gubbaa (zaahira) beeke, keessoo fi iccitii hunda Kan beeku akkamitti wanta qomni fi sammuun of keessatti qabatan Isarraa dhokataa?
Hiikni biraa “Al-Laxiif” gabricha Isaatiif kan mararfatu, wanta gaggaari gara inni hin beekne irraa kan isaaf fiduu fi wanta badaa inni hin yaanne irraa kan isa eegudha. [2]


Kitaabban wabii:
Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.46,47; AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi– Abdurahmaan Hasan Habankaa, 8/123
[2] Tafsiiru Sa’dii-fuula 1034, Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 14/623, https://quran.com/67/14– ABUL ALA MAUDUDI(WITH TAFSIR), Bidaa’u Tafsiir-ibn Al-Qayyim 3/173

Maqaalee Rabbii (subhaanahu)-Kutaa 5.3
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 5.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply