Maqaalee Rabbii (subhaanahu)-Kutaa 5.3

Offline dubbisuf

C-Bu’aalee maqaalee Al-Khaaliq fi Al-Khallaaq beekuu fi itti amanuun argamu-kutaa darbe irraa kan itti fufe
4-Maqaa Rabbii “Al-Khaaliqatti” amanuun uumamtoota kaayyoo guddaaf akka uumee fi Inni tapha irraa qulqulluu akka ta’ee amanu namarraa barbaada. Namni waa hojjatu kamiyyuu wanta hojjatu san kaayyoo itti hojjatuuf ni beeka. Fakkeenyaf, namni mana ijaaru kaayyoo itti ijaaruuf beeka. Namni konkolaataa hojjatu kaayyoo konkolataan ooluf beekun kaayyoo san irratti hundaa’e hojjata. Akkanamutti lafaa olka’ee taphaaf ykn kaayyoo tokko malee maallaqa baay’ee baasun mana ni ijaaraa ykn konkolaataa ni hojjataa?

Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabne, hundarra beekaa fi ogeessa ta’e wantoota uumuu kanniin maaliif akka uumuu sirritti beeka. Inni taphaa fi wanta kaayyoo hin qabne hojjachuu irraa qulqullaa’e, olta’e. Kanaafu, samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran taphaaf hin uumne. Ni jedha:

21:16

“Samii, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran taphattoota taanee hin uumne.” Suuratu Al-Anbiya 21:16

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii, dachii fi wantoota isaan jidduu jiran taphaaf hin uumne. Kan uumeef, dandeetti, beekumsaa fi Tokkichummaa Isaa agarsiisuuf, akka namoonni uumamtoota Isaatti xinxalluun Inni Khaaliqa guddaa akka ta’ee fi sifaata biroo guutuu akka qabuu akka hubataniif. Kanaafu, Ibaadan (gabbarriin) Khaaliqaaf malee akka hin taane haa beekaniif.[1] Ammas kaayyoon guddaan wantoota kana itti uumeef, namoota qoruun dhumarratti Guyyaa Qiyaamaa nama gaarii hojjatee gaariin mindeessuf, nama badaa hojjate immoo adabuufi. Kaayyoowwan kanniin walitti cuunfun bakka sadiitti qoodu dandeenya:

  1. Namoota qoruu (Qur’aana keessatti Suuratu Huud 11:7 ilaali)
  2. Sifaata Rabbii beekuu fi Isa qofa gabbaruu (Suuratu Ax-Xalaaq 65:12 fi Suuratu Az-Zaariyat 51:56)
  3. Ergasii jazaa (mindeessuu fi adabuuf) (Suuratu Yuunus 10:4, Suuratu An-Najm 53:31)

Kaayyooleen sadan armaan olii hundi akka sansalataa wal keessa seenu. Addunyaan tuni iddoo qormaatati. Qormaanni kuni gara Abbaa humnaatti akka fiigan nama taasisa. Ammas, samiin, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran sifaanni Rabbii Guddaa guutuu akka ta’an agarsiisu. Namni ibaadaa sirnaan kan hojjatu yoo Rabbii isa uume beekedha. Karaan Isa itti beekan keessaa tokko uumamtootatti xinxalluudha. Kanaafu, qormaanni fi wantoota uumaman kanniinitti xinxalluun ibaadaa isarraa barbaadamu galmaan akka gahu isa taasisa.

Ibaada isarraa barbaadamu galmaan gahu ykn dhiisu isaa Guyyaan itti beekkamu jiraachu qaba. Ta’uu baannan, namoota qoruun tapha ta’a. Kanaafu, nama waan gaarii hojjateef mindaa kafaluu fi nama badii hojjate adabuuf dirqama Guyyaan Qiyaamaa jiraachu qaba. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin deebifamne ta’uu ni yaaddu?
Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e. Isa malee Kan haqaan gabbaramu hin jiru. Inni Gooftaa Arshii kabajamaati.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:115-116

Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e.” Rabbiin Mootii Haqaa ta’e osoo ilmaan namaa jidduutti haqaan hin murteessin akkanumatti badanii ni hafuu? Zaalimtonni (cunqursitoonni) badii hojjatanii osoo hin adabamin du’an mee ilaali. Namoota cunqurfamanii osoo haqa isaanii hin argatin dhuman mee ilaali. Mootiin Haqaa osoo nama miidhaa hojjate hin adabin, nama miidhameef haqa isaa isaaf hin deebisin akkanumatti ni dhiisaa? Kanaafu, Rabbiin Mootii Haqaa waan ta’eef Guyyaa Qiyaamaa isaan kaasun isaan jidduutti haqaan murteessa. Namoota du’an lamuu kaasu irratti danda’aa akka ta’ee samii fi dachiin ragaa bahu. Kana jechuun samii fi dachii garmalee bal’atanii fi gurguddatan kanniin Kan uume lamuu namoota kaasun itti ulfaataa?

5-Maqaa “Al-Khaaliqatti” amanuun shari’aa Isaa akka fudhatan, isaan murteessanii fi seera Isaatiin ala kan biraatti akka hin gammanne namarraa barbaada- sababni isaas, shari’aan (seerri) kuni Khaaliqa Ogeessa uumamtoota Isaa sirritti beeku irraa kan dhufeedha. Ni jedha:

67:14

“Inni kan uume hin beeku sila? Inni Al-Laxiif, Al-Khabiir.” (Suuratu Al-Mulk 67:14) “Inni kan uume hin beeku sila?” kana jechuun sila Khaaliqni uumamtoota Isaa hin beekuu? Uumamtoonni keessa ofiitu kan hin beekne ta’uu danda’u. Garuu Uumaan akkamitti isaan wallaalaa? Hidda dhiigaa qaama keeti hunda kan uume, qalbii, qoma, sammuu fi kutaalee qaama kee hunda kan uumee Isa. Inni akka hargantu waan si dandesiseef ni harganta, kutaaleen qaama keetii akka hojjatan kan taasise Isa. Kanaafu, akkamitti wanti dhoksitan, ifa baastanii fi qoma keessan keessa jiru Isarraa dhokataa? Kana waliinu, “Inni Al-Laxiif, Al-Khabiir” dha. Hiika Al-Laxiif keessaa tokko, wantoonni hanga fedhan haa xiqqaatan ykn haa haphatan, wanta hundaa kan beekudha. Xiqqeenya irraa kan ka’e, wantoonni ija namaatin hin mul’anne baay’etu jiru. Wantoota kanniin hunda Rabbiin Guddaan ni beeka. Beekumsi Isaa wantoota hunda dhaqqaba. “Al-Khabiir” jechuun immoo keesso fi iccitii wantoota hundaa kan beekudha. Dhimma keessaa fi garmalee dhokate hunda beeka.

Wanta namoota fayyadu fi miidhu sirritti waan beekuf seera isaaniif buuse. Kanaafu, seerri Isaa seera hundarra gaarii ta’eedha. Ilmi namaa waa’ee namootaa sirritti beeku waan hin dandeenyef seerri fi heerri kaa’u hanquu fi hir’inna baay’een kan guuttameedha. Seerri isaa dhaloota tokkoof yoo ta’e dhaloota biraatif hin ta’u. Bakka tokkoof yoo ta’e bakka biraatiif hin ta’u. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa waan beekuuf, shari’aan Isaa madaallamaa fi dhaloota hundaaf kan ta’uudha. Namni shari’aa Isaatirraa dheessee seera namtolche barbaade, kasaaratu isa muudata. Yeroo ammaa badii dimookraasin, diktaatarshipin, kapitaalizmi fi soshaalizmiin fide hangana hin jedhamu. Waan fedhan hojjachuun mirga dimookrasiiti jechuun faahishaa (wantoota fokkuu) bakka adda addaatti babal’atan mee ilaali! Rabbiin guddaan olta’e ni jedha:

5:50

Sila murtii Jaahiliyyah barbaadu? Namoota yaqiina qabaniif Rabbiin caalaa eenyutu murtiin irra gaariidhaa?” Suuratu Al-Maa’ida 5:50

Murtiin jaahiliyyah murtii Rabbiin buuse faallessudha. Murtiin jaahiliyyah murtii wallaalummaa fi fedhii lubbuu hordofuu irratti hundaa’edha. Namoota yaqiina qabaniif murtii Rabbii caalaa murtii kamtu isaaniif irra gaariidha? Yaqiina jechuun beekumsa guutuu shakkii hin qabneedha. Kanaafu, namoota yaqiina qaban jechuun namoota beekumsa guutuu qabanii fi dhugaan amananiidha. Namoonni yaqiina qaban murtii fi seerri Rabbii murtii fi seera kamiyyuu akka caalu ni beeku. Kanaafu, itti amananii hordofu.

6- Ta’aziim (Ol-Guddisuu)– Uumamtoonni garmalee gurguddatan kanneen akka samii fi dachii gara guddinna Khaaliqaa akeeku. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

[Rabbiin] samiiwwan torba baqannaan Kan uumedha. Uumiinsa Rahmaan keessatti wal dhabbii homaatu hin agartu. Mee agartuu kee gara [samii] deebisi, baqaqiinsa wayii ni agartaa? Ergasiis yeroo baay’ee agartuu kee deddeebisii [gara samii ilaali], agartuun kee hoonga’aa dadhabaa ta’ee sitti deebi’a.” Suuratu Al-Mulk 67:3- 4

Baqannaa jechuun wantoonni baay’een gubbaa jalaan walirra ta’uudha. Nuu ol samiiwwan torba gubbaa jalaan ta’uun uumaman. Uumiinsa Rabbii keessatti wal dhabbii, hir’inna fi hanqinna wayitu hin agartu. Mee gara samii Rabbiin uumee tana ilaali, baqaqiinsa ykn dhooyinsa wayii keessatti ni argitaa? Ammas irra deddeebi’i ijaan ykn teleskooppin qoradhu, ijji tee hir’inna, hanqinna fi baqaqiinsa wayituu arguu irraa hoongoftu taatee sitti deebiti. Kana jechuun hir’inna, hanqinna fi baqaqiinsa wayituu samii keessatti arguu hin dandeessu. Akkasumas, dhumarratti ijji dadhabdu taate gara keetti deebiti.  Kuni hundii guddinna Khaaliqaa, beekumsi, dandeetti fi ogummaan Isaa guutuu ta’uu agarsiisu. Kanaafu, kana beekuu fi itti amanuun Rabbii guddaa garmalee akka kabajanii fi ol guddisan nama taasisa.

Rabbiin garmalee ol guddisuu fi kabajuun Isa qofa akka gabbaran, ajajoota, wantoota Inni dhoowwe fi shari’aa Isaa akka guddisan nama taasisa. Namni Rabbiin garmalee ol-guddisuu fi kabaju, Isaan ala wanta biraatiif gadi of hin qabu, ajajoota Isaa galmaan gahuuf ni carraaqa, wanta dhoowwe irraa ni fagaata.

Guduunfaa
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Khaaliqa wanta hundaa uumee ta’u amanuun firiwwan kanniin namaaf buusa:
1-Inni Gooftaa tokkicha haqaan gabbaramuu ta’uutti amanuu fi Isa qofa gabbaruu
2-Rabbiin sifaata (amaloota) gugguutu ta’an akka qabu amanuu. Wanta tokko uumuuf uumaan jireenya, beekumsa, dandeetti, fedhii fi ogummaa qabaachu qaba. Bakka amaloonni kuni hin jirretti waa uumuun hin danda’amu. Kanaafu, Rabbiin uumamtoota garmalee gurguddatan kanniin uumuun jireenyi, beekumsi, dandeettin, ogummaa fi sifaanni Isaa biroo guutuu ta’uu agarsiisa.
3-Rabbiin wantoota hundaa akka beeku amanuu fi dhoksaatti waan badaa hojjachuu fi yaadu irraa of eegu. Uumaan waa uumu wanta uumee sirritti beeka. Namoota hundaa kan uumee Rabbiin erga ta’e, ifaa fi dhoksatti wanta isaan hojjatan, dubbatanii fi jibba, niyyaa, jaalalaa fi miroota biroo qalbii isaanii keessa jiru hunda beeka.
4-Uumamtoota kaayyoo guddaaf akka uume amanu. Khaaliqni Ogeessa wanta hojjatu maaliif akka hojjatu sirritti beekudha. Kanaafu, uumamtoota kanniin hundaa kaayyoo guddaaf uume. Uumamtoota gurguddaa kanniin kan uumeef: namoonni Isa beekuun Isa qofa akka gabbaraniif, ammas ibaada (gabbarrii) isaan irraa barbaadamu bakkaan akka gahaniif isaan qoruuf, ergasii jazaa isaaniif kafaluufi.

Nuti addunyaa tana keessatti Rabbii guddaa ijaan arguu hin dandeenyu. Kanaafu, Inni jiraachu fi sifaanni Isaa guutuu ta’uu karaan itti beeknu, uumamtoota Inni uumetti xinxalluuni. Dabalataan, kitaaba buusuu fi ergamtoota erguun caalatti waa’ee Isaa, akkaata ibaada itti hojjatanii fi mindaaf adabbii nutti beeksise. Kana booda xumura irratti jazaan jiraachu qaba miti ree? Uumamtoota gurguddaa kanniin uumee, kitaabban buusee fi ergamtoota ergee, Guyyaan Qorannoo ykn jazaan yoo hin jiraatin hojiin kuni tapha hin ta’uu ree? Rabbiin ogeessaa fi beekaa ta’e waan taphaa hojjachuu irraa qulqullaa’e. Kanaafu, Guyyaan wanta hojjataa turaniif namoota itti qoratuu fi jazaa isaaniif kafalu jiraachu qaba. Guyyaan kunis Guyyaa Qiyaamaa jennaan.
5-Shari’aa Isaatti gammadu- Khaaliqni wanta uumamtoota Isaa fayyaduu fi miidhu sirritti waan beekuf shari’aan (seerri) Inni uumamtoota Isaatiif buuse seera kamiyyuu caala.
6-Rabbii guddaa ol-guddisuu


Kitaabban wabii
Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.46,47; AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 606, Zaadul Masiir-Ibn Al-Jawzi- fuula 925, (Dabalataaf: Tafsiiru Ibn Kasiir 5/326)

Maqaalee Rabbii (subhaanahu)-Kutaa 6
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 5.2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply