Siiraa-Lakk.14

Offline dubbisuf

Mana Al-Arqam ibn Abi Al-Arqam (Daarul Arqam)
Kitaabban siiraa akka himanitti, erga Sa’d bin Abi Waqqaas mushrika tokkoon walitti bu’een booda manni Al-Arqam akka iddoo wal gahii iccitii Muslimotaatti filatame. Ibn Is’haaq ni jedha: Sahaabonni Nabiyyii (SAW) salaatu yommuu barbaadan ummata isaanii irraa dhokachuun gara karaa gaarren Makkaatti dhiyaatan deemun achitti salaatu turan. Karaa gaarreen Makkaa keessaa karaa tokko keessatti Sa’d bin Abi Waqqaas guyyaa tokko garee sahaabota Nabiyyii (SAW) waliin ture. Osoo isaan salaatanu gareen mushriikota isaan biraan darban. Mushrikoonni wanta sahaabonni hojjatan kanaaf garmalee isaan irratti jibban, hanga wal lolan gahanitti jechoota badoo itti dubbatan. Ergasii Sa’d bin Abi Waqqaas lafee luka gaalaatin mushrikoota keessaa nama tokko dhayee madeesse. Kuni Islaama keessatti dhiiga jalqabaa jigfameedha.”

Manni Al-Arqama wiirtu dhoksaa Muslimoonni itti wal-gahanii fi wahyii irraa wanta gara Nabiyyiitti (SAW) bu’e itti argatanii fi isa itti dhageefataniidha. Waa’ee Rabbii isaan yaadachiisa, Qur’aana isaaniif qara’a, wanta nafsee isaanii keessa jiru hunda isa fuundura godhu.

Manni Al-Arqam (Daarul-Arqam) wiirtuu mana barnoota ol’aanaa addunyaa keessatti dhaabbateedha. Barsiisan dhaabbata kanaa barsiisa hunda caalu Ergamaa Rabbiiti (SAW). Barattoonni immoo sahaabota isaati. Kitaabni irraa baratan immoo Qur’aana Rabbii olta’aa irraa dhufeedha. Barnoonni guyyaa guyyaan baratan immoo waa’ee amantii, haala jireenya, tawhiida, akhlaaqa fi kkf dha. Barattoonni mana barnoota kanaa yoo bayan yoosu wanta baratan hojii irra oolchu. Kanarraa kan ka’e xumura irratti, hoggantoota ummata hoogganan, dukkana keessaa namoota gara ifaatti baasanii fi amala gaariin kan faayaman ta’an. Kanaafu, Daarul Arqam dhaabbata barnoota yeroo jalqabaaf hundeefamee fi yeroo hundaa dhaabbata barnoota kamuu caalu (best educational institution for all time) yoo jedhame nama hin saalfachiisu.

Dhaabbanni barnoota dhagaa manni irraa ijaarramuun kan madaallamu osoo hin ta’in qulqullinna barnootaa inni kennuu fi barattoota achii keessaa bahaniin. Manni dhaabbata barnota hanga fedhe bareedee garuu qulqullinni barnoota yoo hin jiraatinii fi barattoonni achi keessaa bahan dadhaboo yoo ta’an, dhaabbanni barnootaa kuni dadhabaadha jechuudha. Faallaa kanaa, manni hanga fedhe xiqqaa yoo ta’e ykn kan hin bareenne yoo ta’e, garuu qulqullinni barnoota gaarii yoo ta’ee fi barattoonni achi bahan ciccimoo yoo ta’an, kuni dhaabbata barnoota garmalee gaarii ta’eedha. Kanaafu, Daarul Arqam dhaabbata barnoota yeroo hundaa dhaabbata kamu caaludha. Sababni isaas, barsiisan achi keessa ture barsiisaa kamiyyuu kan caaludha. Innis Nabiyyiidha (SAW). Barattoonni achi bahanis seenaa dhalli namaa kamu hin hojjanne hojjatanii darban.

Sababoota Daarul Arqam akka filatan taasisan
Daarul Arqam filachuun sababoota baay’eef ture:
1-Al-Arqam ifaan ifatti Islaamawu isaa ifa hin baasne. Islaamawu isaa namoonni baay’een hin beekan. Kanaafu, Nabiyyii fi sahaabonni isaa mana Al-Arqamitti wal-gahan jedhee namni yaadu hin jiru.  

2-Al-Arqam gosa Makhzuum irraayyi. Gosti Makhzuumi fi Bani Haashim waliif diinaa kan ta’anii fi wal dorgomaniidha. Nabiyyiin immoo Bani Haashim irraayyi. Al-Arqam islaamawun isaa ifaan ifatti osoo beekkameyyu mana isaatti Muslimoonni wal gahan jedhee eenyullee hin yaadu. Sababni isaas, manneen naannawa Al-Arqam jiran kan gosa Makhzuumiti. Kanaafu, mana Al-Arqamitti wal gahuun akka diina jidduutti wal gahuutti lakkaawama. Mushrikoota Makkaa keessaa namni kamu kuni wanta hin taane godhanii yaadu. (Kanaafu, Mana Al-Arqamitti Muslimoonni wal gahuun mushrikoonni akka isaan hin argine fi hin shakkine taasise.)

3-Al-Arqam yommuu Islaama keessa seenu dargaggeessa ture. Umriin isaa gara waggaa kudha jahaa ture. Osoo hoggantoonni Qureeshotaa bakka dhoksaa Muslimoonni itti wal gahan barbaaduf yaadanii, sahaabota Nabiyyii irraa mana dargaggeessa xiqqaa keessa barbaadun sammuu isaanii hin qaxxaamuru. Kana irra, ijjii fi yaanni isaanii gara mana sahaabota gurguddaatti ykn mana Nabiyyitti qajeela. Tarii Bani Haashim keessaa mana nama tokkotti ykn mana Abu Bakr ykn isaan ala mana namoota beekkamotti wal gahan jedhanii yaadu danda’u. Sababa kanaaf, gama nageenyaatin mana Al-Arqam filachuun ogummaa ol’aana akka ta’e argina. Qureeshonni guyyaa tokkollee markaza (handhuura barnootaa) kana akka irra geesse fi bakka wal gahii akka argatte nuti gonkumaa hin dhageenye.

Amaloota Sahaabota Jalqabaa Nabiyyii (SAW)

Marsaan jalqabaa da’waa dhoksuu fi carraaqqi namoota dhuunfaa irratti kan hundaa’e ture. Makkaan keessatti guddinni hawaasa Musliimaa suuta, of eeggannoo fi tarkaanfi sadarka sadarkaatiin kan itti fufu ture. Mallattoon marsaa kanaa qajeelfama Rabbii olta’aatiin kan qajeelfamu yoo ta’u, akkana jechuun ibsa:

Fuula Isaa barbaaduun warroota ganamaa fi galgala Gooftaa isaanii kadhatan waliin nafsee tee [obsaan] hidhi. Faaya jireenya addunyaa barbaadun ijji tee isaan irra hin darbin. Nama qalbii isaa zikrii (yaadanno) Keenya irraa gaafila goone, fedhii lubbuu isaa hordofee fi dhimmi isaa kan daangaa darbe ta’eef hin ajajamiin.” Suuratu Al-Kahf 18:28

Aayan armaan olii tuni Nabiyyiin (SAW) warroota amananii halkanii guyyaa Rabbiin faarsanii fi kadhatan waliin akka taa’uu fi hiriyyoomu ajajji. Akkasumas, dogongoraa fi hanqinna isaanii irratti akka obsu, rakkinna isaan qunnamuu irratti akka isaan sabbarsiisuu fi isaan irraa isa fageessuf wantoota nama gowwoomsan akka of eeggatu ajajji. Ammas, waa’ee isaanii ilaalchisee nama of tuulaa qalbiin isaa zikrii Rabbii irraa gaflaa keessa taatee fi dhimmi isaa jalaa badeef akka hin ajajamne dhaamti.  

Aayanni suuratu Al-Kahf armaan olii amaloota Muslimoota jalqabaa nuuf eerti (kaasti). Isaan keessaa barbaachisoon:

A)-Obsa (nafsee tee [obsaan] hidhi) jedhu keessatti
Obsi jecha Qur’aana, Hadiisota Nabiyyii fi jechoota namootaa keessatti yeroo baay’ee deddeebi’uudha. Barbaachisummaan obsaa hanga garee kasaaraa irraa nagaha bahaniif amala ta’utti gahe. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“(1) Yeroon kakadhe! (2) Dhugumatti ilmi namaa hoongoo (kasaaraa) keessa jira. (3). Isaan amananii, hojii gaggaarii dalagan, haqa walii dhaamanii fi obsa walii dhaaman malee [warri hafan hoongoo (kasaaraa) guddaa keessa jiru].” Suuratu Al-Asr 103:1-3

Rabbiin Olta’aan namoota amaloota afran kana qaban malee namoonni hundi kasaaraa keessa akka jiran beeksisa:

  1. Rabbii fi hundeewwan iimaana hafanitti amanuu
  2. Hojii gaggaarii hojjachuu
  3. Haqa walii dhaamu
  4. Obsa (sabrii) walii dhaamu

Najaan (adabbii jalaa nagaha bahuun) nama tokkoof kan mirkanaa’u nafsee ofii iimaana fi hojii gaggaariin yoo guute fi faayedha. Hoongon (kasaaraan) sadarkaalee qaba. Kasaaraan guddaan guutumaan guututti addunyaa fi Aakhiratti kasaarudha. Namni kaafira ta’e du’e guutumaan guututti kasaare jira. Iimaanni fi hojii gaariin guutumaan guututti kasaaru irraa nama eegu. Namni amane fi hojii gaggaarii hojjate garuu yoo waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwun haqa namaaf hin dhaamin, mindaa haqa walii dhaamu dhabuun kasaaraa malee guutumaan guututti akka kaafiraa hin kasaaru. Namni wantoota afran armaan olii guute immoo Jannata keessatti sadarkaan isaa gadi bu’uu irraa ni eeggama. Namni kuni iimaana fi hojii gaariin erga of faaye booda namoota isaan ala jiranis fooyyessuu fi guutuuf isaan gorsuu fi qajeelchuf ni carraaqa.* Carraaqqi kana keessattis obsuu qaba. Haala kanaan haqa Rabbiiti fi haqa gabroota bakka tokkotti walitti kan qabe ta’a. Akkasumas obsa waliif dhaamun wanta garmalee barbaachisaa ta’eedha.

Obsi sababa baay’ee gaarii ta’eef suurah armaan olii keessatti gara dhumaatti dubbatame. Namni yommuu Rabbitti amanee, hojii gaggaarii hojjatee fi namoota biroo haqa akka hordofan gorsu, rakkoolee fi qormaata baay’etu isa qunnama. Kanaafu, kuni hundi obsa isarraa barbaada. Iimaana fi hojii gaggaarii hojjachuu irratti gadi dhaabbachuu fi haqa eegun wantoota ulfaatoo nama dhuunfaa fi hawaasa qunnamuudha. Kanaafu, kana irratti obsuun dirqama ta’a. Nafsee ofiitti qabsaa’uuf, diinotattis qabsaa’uuf obsa barbaachisa. Dheerinna karaa, marsaaleen milkaa’inna suuta jechuu fi fageenya gahuumsaa irratti obsa guddaa barbaachisa.

B-Du’aayi baay’isuu fi Rabbitti warwaachuu
Kuni jecha Rabbii olta’aa keessatti ifa baha: “ganamaa fi galgala Gooftaa isaanii kadhatan” Du’aayin (kadhaan) balbala guddaadha. Balballi kuni yoo namaaf baname, kheeyrin wal duraa duubaan isatti jiga, barakaan isatti dhangala’a. Sababoota baay’ee barbaachisoo gara milkaa’innaatti nama geessan keessaa tokko, gargaarsaa fi qajeelchaaf baay’isanii Rabbiin kadhachuun Isa waliin hariiroo gaarii qabaachudha.

C-Ikhlaasa (Hojii Rabbiif qulqulleessu)
Kuni jecha Rabbii, “Fuula Isaa barbaadun” jedhu keessatti ifa baha. Muslimni dubbiin isaa, hojii fi qabsoon isaa hundi Fuula Rabbiitii fi jaalala Isaa barbaadun ta’uu qaba. Gara faayda addunyaa, beekkamtii, maqaa addaa isaaf kennamu, gara fuunduraatti dursu ykn gara duubatti hafuu osoo hin ilaalin mindaa isaa Rabbiin qofarraa kajeelu qaba. Rabbiin azza wa jalla ni jedha:

Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii. Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma kanatti ajajame, ani jalqaba Muslimootaati.” suurat Al-An’aam 6:162-163

Ikhlaasni (Rabbiif qofa jedhanii fi mindaa Isaa barbaaduun hojii hojjachuun) hojiin Rabbiin biratti fudhatama argachuuf sharxiwwan (ulaagaalee) lamaan keessaa tokko. Akkuma beekkamu, hojiin Rabbiin biratti fudhatama hin argatu, ikhlaasaa fi niyyaan sirriin yoo jiraatanii fi hojichi sunnaa fi shari’aan yoo walitti gale malee. Namni ikhlaasni fi niyyaan isaa sirrii ta’ee fi hojiin isaa sunnaa fi shari’aan walitti gale, hojiin isaa fudhatama argata.

DGadi dhaabbannaa (As-Sabaat)
Kunis jecha Rabbii olta’aa keessatti ifa baha: “Faaya jireenya addunyaa barbaadun ijji tee isaan irra hin darbin.” Kana jechuun isaan (mu’mintoota) dhiistee [mushrikoota fi kaafiroota irraa] namoota dureeyyi fi sadarka qabanitti ija kee hin garagalchin.[1] Faaya addunyaa irraa wanti isaan bira jiru babal’inna da’waatiif deeggarsa akka ta’uu fi namoonni baay’een waamicha kee akka fudhatan dharra’uun warroota qabeenya fi sadarka qaban gammachiisuuf jettee haala mu’mintoota ilaalu, xiyyeeffannoo isaanitti kennu fi isaaniif mararfachuu irraa hin garagalin.[2]

Kuni faaya fi miidhaginna addunyaatin akka hin gowwoomnee fi haqa irratti gadi dhaabbachu agarsiisa. Haqa qabatan irratti gadi dhaabbachuun wanta Muslimni namoota biroo irraa adda ittiin baafamu qabuudha. Rabbiin subhaanahu ni jedha:

33:23

Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru; isaan irraas nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraas nama eeggataa jirutu jira. Jijjirraa kamillee hin jijjirre.” Suuratu Al-Ahzaab 33:23

“Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru” jechuun warroota amanan irraa dhiirota wanta Rabbiif waadaa galan guutetu jira, waadaa galaniif dhugaa ta’an. Wanti isaan waadaa galan keessaa: Islaama fi Nabiyyi gargaaruf waada galan; namoonni lola Badr irratti hin hirmaanne gonkuma san booda duubatti akka hin hafne Rabbiif waadaa galan. Yoo aduwwiin wal-qunnaman gonkumaa akka hin dheessine waadaa galan[3].  “isaan irraas nama dirqama isaa raawwatetu jira” kana jechuun nama wanta waadaa gale guutuun karaa Rabbii keessatti ajjeefame ykn du’etu jira.Kanneen biroos osoo jijjiraa homaatu hin jijjirin kan eeggantu jiru.

Aayata keessatti amaloota sadiitu dubbatame: Iimaana, dhiirummaa fi sidq (dhugaa ta’uu). Karaa haqaa irratti gadi dhaabbachuf wantoonni sadan kunniin baay’ee barbaachisoodha. Sababni isaas, iimaanni wanta gatii ol’aanaa qabu akka qabatanii fi itti maxxanan nama kakaasa. Akkasumas, bu’uurri ol’aanaan akka turuuf nafsee ofii akka wareegan nama kakaasa. Osoo wantoota xiqqooleetti danta hin kenniin dhiirummaanis gara kaayyoo kanaatti nama sochoosa. Sidq (dhugaa ta’uun) immoo amalli namaa akka hin diigamnee fi hin jijjiramne dhoowwa. Namni amaloota sadan kanniin yoo horate, osoo seeyfin morma isaatirraa ifeeyyu ykn funyoon itti fannifamu isaaf qopheefameyyu ykn faaydan addunyaa ykn dubartiin miidhagduun isa qorteeyyu hayyama Rabbiitiin haqa irratti gadi dhaabbanna (sabaata) argata. Kanaafu, ergaa Islaamaa baadhachuu fi qaroominna ijaaruuf dhaloonni kamu gadi dhaabbannaa isa barbaachiisaa.


Kitaabban wabii:
[1] Zaadul Masiir fuula 848-849, Ibn Al-Jawzi
[2] Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 13/357-358
[3] Zaadul Masiir -fuula 1120
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 95-101, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/167-180
*Dabalataaf waa’ee guutumaan guututti kasaaru fi hamma ta’e kasaaru ilaalchise, kitaaba “Bidaa’u Tafsiir-3/367-368, Imaamu ibn Al-Qayyiim ilaalun ni danda’ama. [9.53MB]

Siiraa-Lakk.15.1
Siiraa-Lakk.13.2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply