Siiraa-Lakk.15.1

Offline dubbisuf

Marsaaleen Da’waa Nabiyyii (SAW) bakka gurguddoo lamatti qoodun ni danda’ama: Marsaa Makkaa fi Marsaa Madiinaati. Makkaan keessatti da’waan godhan waggaa 13 itti fudhate. Kan Madiina immoo waggoota hafan kurnan itti fudhate. Ammas, Marsaa Makkaa bakka sadiitti qoodun ni danda’ama:

  1. Marsaa da’waa iccitii: waggaa sadii
  2. Marsaa ifaan ifatti da’waa makkaan keessatti labsuu: nabiyummaa irraa waggaa afraffaa irraa eegalee hanga waggaa kurnaffaa
  3. Marsaa Makkaan alatti Islaama babal’isuu fi namoota waamu: kuni dhuma waggaa kurnaffaa irraa hanga hijraa (godaansaatti) ture.[1]

Marsaa da’waa iccitii waggaa sadiif adeemsifamaa ture kutaalee darban keessatti ilaalle jira. Akka yaadannotti, marsaan kuni haati mana Nabiyyi (SAW) Khadijaan Islaamawu irraa eegale manni nabiyyi guutuun ni Islaamawe. Itti aanse Abu Bakr fi sahaabonni gurguddoon kanneen akka Usmaan bin Affaan, Abdurahmaan ibn Awfa, Sa’d ibn Abi Waqqaas, Abu Ubeyd ibn Jarrah fi kannen biroo ni Islaamawan. Marsaa kana keessatti da’waa fi salaanni iccitiin kan gaggeefamu ture. Muslimoonni Daarul Arqam (mana Al-Arqamitti) wal gahuun Qur’aana fi barnoota amantii Nabiyyii (SAW) irraa fudhatu. Mana barnoota dhoksaa kana keessatti jijjiramni guddaan adeemsifame jira. Marsaa kana keessatti namoota Islaama keessa seenan, keessa isaanii iimaanan jabeessu, hoggantummaaf isaan qopheessuu fi dhugaa jireenya isaan barsiisu ture.

Marsaa lamaffaa Makkaa keessatti azaa fi rakkoon Muslimoota irra gahu guyyaa guyyaan cimee itti fufe. Qureeshonni namoota Islaama keessa seenan adabbi adda addaatin adabuu jalqabde. Garii isaanii ibiddaan gubu, garii isaanii lafa hoo’aa Arabiyyaa irra harkisu, garii isaanii eboon waraanu. Garii isaanii dhagaa guddaa irra kaa’u. Garuu warroonni akkanatti azzabaman (adabaman) kunniin gonkuma Islaama irraa duubatti hin deebine. Islaama qabachuun itti fufan. Mee of haa gaafannu, “Namoota kana maaltu akkanatti isaan cimsee Islaama irratti akka gadi dhaabbatan isaan taasisee?” Gargaarsa Rabbii waliin sababni isaan hojjatanis jiraachu qaba. Nuti kana qorannee deebii yoo arganne, rakkoolee fi qormaata nu qunnamaniif salphatti akka dabarru nu gargaara. Kanaafu, marsaa iccitii irraa gara Marsaa ifatti osoo hin darbin dura, sababoota sahaabota cimse ni ilaalla. Kaayyoon keenya guddaan seenaa odeessu qofa osoo hin ta’in barnootas irraa fudhachuu waan ta’eef.

1-Seera Rabbii hubachuu fi itti buluu
Wanti addunyaa keessatti adeemsifamu wanta tasa adeemsifamu osoo hin ta’in seera isaaf ka’ame kan hordofuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii erga uumee irraa kaase seerota baay’ee hin jijjiramne kaa’e jira. Milkaa’inni fi kufaatin ummataa fi namoota dhuunfaa seerota kana irratti hundaa’a. Namni seerota kana hubatee hordofe, ni milkaa’a. Kan dhiise immoo ni kufa. Seeronni kunniin Qur’aana fi Sunnah Nabiyyii keessatti kanneen ibsamanidha. Wanti nama ajaa’ibu, namoonni baay’een Qur’aanatti hojjachuu irraa haa garagalaniyyuu malee seeronni achi keessa jiran guyyaa guyyaan hojii irra oolaa jiru. Namni Qur’aana hubate seerota kanniin akka ifa aduutti arga. Nabiyyiin (SAW) seerota Rabbii hubachuun dukkana keessaa namoota baasuf carraaqa turaniru. Seerota Rabbii hin jijjramne keessaa tokko “Seera sadarka sadarkaan gara fuunduraatti deemu (Law of Gradual Progression).” Sadarka sadarkaan deemu jechuun karaan dheeraa akka ta’e hubachuun marsaa tokkorraa gara marsaa biraatti darbuuf suuta suutaan, of eeggannoo fi tarkaanfi tarkaanfin gara fuunduraatti deemudha.  

Nama dhuunfaa fi hawaasa jijjiruu keessatti seerri kuni seera garmalee barbaachisaa ta’eedha. Namni halkan takkaan ummata ykn mataa kiyya nan jijjira jedhee carraaqu seera kana waan cabsuuf dhumarratti kufaatitu isa muudata. Kanaafi, Rabbiin Qur’aana keessatti seera sadarka sadarkaan deemu agarsiisuuf bakka baay’eetti xiyyeffannoo keenya harkisa. Fakkeenyaf, Rabbiin sakandi muraasa keessatti dachii fi samii uumuu osoo danda’u guyyaa jaha keessatti uume. Osoo fagoo hin deeminiyyuu mataa keenya yoo ilaalle, miciree irraa jalqabee hanga nama guutuu taanutti sadarkaa dhaloota fi guddinna keessa dabarre hubachu dandeenya. Dhangala’oon saalaa walitti erga dhufanii gara dhiiga ititaatti jijjire, ergasii gara foonitti, ergasi gara lafee san booda gara marsaalee itti aanutti dabarse. Kuni barbaachisummaa “seerri sadarka sadarkaan deemu” qabu agarsiisa.

Ammas, murtiwwan Islaama yoo fudhanne sadarka sadarkaan kan bu’an turan. Salaanni, soomni, zakaan yeroma tokkotti dirqama kan godhaman osoo hin ta’in sadarka sadarkaan dirqama godhaman. Yeroo ammaa, hawaasa dhugaa hundeessu yoo barbaanne, murtii qondaala biyyatitiin ykn mootiitiin ykn parlamaan kaayyoon keenya galma ni gaha jennee yaadun of gowwoomsu hin qabnu. Kaayyoo hawaasa dhugaa Islaamaa hundeessu kan dandeeyyu sadarka sadarkaan deemudha: yaada namoota dhuunfaa jijjiruu fi kaayyoo ol’aanaaf isaan qopheessu, keessa isaanii jijjiruu, sadarkaa hawaasattis suuta suutan deemudha. Kuni tooftaalee nabiyyiin (SAW) ummata wallaala gara ummata Islaamatti jijjiruuf itti fayyadamedha. Nabiyyiin (SAW) waggaa 13 Makkaan keessatti namoota amanan ulfaatinna da’waa fi dirqama Jihaada akka baadhatan, itti gaafatamummaa Islaama babal’isuu akka fudhatan leenjisuuf ture. Kanaafu, sadarka sadarkaan deemun namoonni ciccimoon rakkinna isaan qunnamuuf dantaa hin kenninee, dirqamaa fi itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahan akka argaman taasise jira.

2-Amanti sirreessu
Nabiyyiin (SAW) ergamuun dura namoonni Makkaan keessa jiraatan waa’ee Rabbii ilaalchisee amanti micciramaa fi hanquu qabu turan. Fakkeenyaf, maqaa fi Sifaata Isaa ilaalchise haqa irraa kanneen jallataniidha. Qur’aana keessatti:

7:180

Rabbiif maqaalee gaggaaritu jira, kanaafu isaaniin Isa kadhaa. Warra maqaalee Isaa jallisaniis dhiisaa. Waan dalagaa turaniif fuunduratti jazaa ni argatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:180

Sifaata Rabbii garii fudhachuu ni didan. Guutummaa Isaatiif maqaalee hin malleen Isa waamu. Akkasumas, wanta hanquun Isa ibsan, kanneen akka ilma qabaachu. Rabbiin kana hundarraa qulqullaa’e. Amanti sirrii ta’ee qalbii keessatti hidda qabsiisuuf, gadi dhaabu fi namootaaf ibsuuf Qur’aanni ni dhufe. Kunis galma kan gahe, tawhiida Ar-Rubuubiyyah (Rabbiin Gooftaa haqaa tokkicha akka ta’e) ibsuun, tawhiidu al-Uluuhiyyah (ibaada keessatti Rabbiin tokkichoomsu), tawhiidu al-asmaa’a was-sifaat (Maqaalee fi sifaanni gugguutuun Rabbii tokkichaaf akka ta’an) ibsuuni. Ammas, Rabbitti, Malaykootatti, Kitaabbanitti, Ergamtootatti, Guyyaa Qiyaamaa fi murtii Isaa (qadaratti) amanuuni.

Gareen Muslimoota jalqabaa tawhiida barachuu fi hojii irra olchu irratti kan guddatanii fi dagaaganiidha. Nafsee isaanii keessatti Rabbiin ol-guddisan, jaalala Isaa argachuun carraaqqi fi kaayyoo isaanii dhumaa ta’e. Yeroo hundaa Rabbiin akka isaan argu isaanitti ni dhagahame.

Nabiyyiin (SAW) namoota dhuunfaa tawhiida irratti guddisuu fi barsiisuun hundee ijaarsi Islaamaa irratti dhaabbateedha. Qajeelfama sirrii nabiyoonni darban hordofaa turaniidha. Nabiyyiin kamuu yommuu ergamu hojiin isaa jalqabaa gara tawhiidaatti namoota waamudha.

Nabiyyiin (SAW) sahaabota isaanii tawhiida irratti guddisuu fi barsiisuun firiwwan baay’ee fidee jira: haala waligalaatin sahaabonni wanta tawhiida faallessu irraa qulqullaa’ani jiru. Dhimma hunda keessatti murtiif gara Rabbii qajeelan, Rabbiif ni ajajaman, hanga Rabbiin jaallatan eenyullee hin jaallanne, Isa malee eenyullee hin sodaanne, Isa qofa irratti hirkatan, Isa qofa irraa gargaarsaa fi araarama kadhatan, Isa qofaaf qalma qalan (kana jechuun gara Isaatti dhiyaachuf maqaa Isaa qofaan qalu), yommuu kakatan maqaa Isaa qofaan kakatu. Isaan ala eenyufillee gadi hin jenne, hin sujuunne. Rabbiin homaanu wal hin fakkeessine. Amaloota (sifaata) Isaaf maluu ni mirkaneessan, wanta Isaaf hin mallee irraa immoo ni qulqulleessan.

Makkaan keessatti akkuma Qur’aanni waa’ee tawhiida fi gosoota isaa, nabiyyii fi ergaa isaa ilaalchisee amanti sirrii qalbii sahaabota keessatti hidda qabsiise, hundeewwan iimaana hafan ilaalchise amantiin isaanii sirrii ta’e. Kanaafu, tawhiinni fi hundeewwan iimaanaa qalbii keessatti hidda waan qabateef rakkoolee fi ulfaatinna isaan qunnamuuf danta osoo itti hin kenniin gara fuunduraatti tarkaanfachu danda’aniiru. Adabbiin Qureeshotaa Islaama irraa duubatti isaan hin deebisne. Sababni isaas, tawhiinni fi iimaanni qalbii keessatti lafa waan qabateef. (Nutis isaanitti hidhanne milkaa’u fi qormaata ciccimoo keessa darbuuf gosoota tawhiida bal’innaan sammubani.com irratti ilaalaa jirra.)

3Qur’aana keessatti ibsa Jannataa fi bu’aa inni sahaabota irratti fide
Aayaanni Qur’aanaa Makkaan keessatti bu’an Guyyaa Qiyaama irratti xiyyeefannoo guddaa kennanii jiru. Suuraalee Makkaan keessatti bu’an baay’een isaanii osoo waa’ee haala Qiyaamaa muraasa isaa, haala warra qananiifamanii, azzabamanii fi akkamitti akka walitti qabaman osoo hin dubbatin hin darban. Akka waan namni Qiyaama ijaan argutti sirritti ibsan.

Jannani fakkeenya hin qabdu:
Aayaanni Qur’aanaa haala ifa ta’eeni fi addunyaa tana keessatti haala fakkeenyi ishiif hin jirreen Jannata ibsan dhufanii jiru. Guddinna, baay’inna fi amala addaa qananiin kuni qabu irraa kan ka’e, addunyaa tana keessatti wanti Jannata fakkaatu hin jiru. Kuni dhiibbaa guddaa sahaabota irratti uumee jira. Qananiin Jannataa qananii Rabbiin tolaa fi arjummaa Isaatiin gabroota gaggaarii Isaatiif qopheessedha. Qananii kanarraa hanga ta’ee nuuf ibse jira. Garuu wanti Inni nurraa dhokse baay’ee guddaa sammuun namaa bira gahuu hin dandeenyedha. Rabbiin subhaanahu ni jedha:

Cinaachi isaanii ciisicha isaanii irraa fagaata. Sodaa fi kajeellaan Gooftaa isaanii ni kadhatu, waan isaaniif kennine irraas ni baasu. Waan isaan hojjataa turaniif jecha akka mindaatti gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu.” Suuratu As-Sajdah 32:16-17

Cinaachi ykn dirri warra amananii fi Qur’aana hordofanii, bakka rafan irraa hirriba mi’aawa keessaa gara wanta caalatti mi’aawa ta’etti ka’u. Wanti isaan biratti garmalee jaallatamaa fi mi’aawa ta’e salaata halkanii (salaatu leyli) fi Rabbii olta’aa waliin maqoo dhaabbachuudha. Kanaafi, ni jedhe, “Gooftaa isaanii ni kadhatu” kana jechuun faayda addunyaa fi Aakhirah akka isaaniif fidu fi wanta miidhaa qabu akka isaan irraa deebisu ni kadhatu. “Sodaa fi kajeellaan” kana jechuun adabbii Isaa sodaachuu fi rahmataaf mindaa Isaa kajeelun Isa kadhatu. “waan isaaniif kennine irraas ni baasu” Baasi dirqamaa fi jaallatamaa ni baasu. Baasin dirqamaa kanneen akka zakaa, ijoollee fi niiti irratti baasu, firoota irratti baasi baasu fi kanneen biroo. Baasin jaallatamaan kanneen akka sadaqa kennu, hojii kheeyri garagaraa hojjachu fi kkf.

Jazaa (mindaa) namoota kanaa akkana jechuun dubbata “akka mindaatti gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu.” Kheeyri fi qananii baay’ee guddaa, gammachuu, mirqaansu fi mi’aa isaaniif Jannata keessatti dhokfame namni tokkollee hin beeku. Akkuma Rasuulli (SAW) jedhan, “Rabbiin olta’aan ni jedha, “Gabroota Kiyya gaggaariif wanta ijji hin agarre, gurrii hin dhageenye fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurree qopheessefi jira.Sahiih Al-Bukhaari 4780

Akkuma isaan halkan dukkana keessa salaatan, du’aayi godhanii fi hojii dhoksan, gosaa hojii isaanitiin mindaa isaaniif kafale. Mindaa isaanii ni dhokseef. Akkuma isaan namoota irraa hojii gaggaarii dhoksan, Innis mindaa isaanii ni dhokseef. Kanaafi ni jedhe, “Wanta hojjataa turaniif akka mindaatti”[2]Hasan al-Basrin ni jedha: “namoonni hojii gaggaarii isaanii ni dhoksan. Kanaafu, Rabbiinis wanta ijji hin agarree fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurre dhokseef.”[3]

Wanta hundarra caalu warri Jannata argatan
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Yommuu warri Jannataa Jannata seenan, Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa ni jedha: Isiniif dabalaa waa ni barbaaddu?” Isaanis ni jedhu, “Fuula keenya hin ibsinee? Ibidda irraa nu baraarun Jannata nu hin seensifnee?”, Ergasii Rabbiin haguggi Isaa ni saaqa (ni kaasa). Gara Gooftaa isaanii ilaalu caalaa wanti isaan biratti jaallatamaa ta’e hin jiru.” Itti aanse aaya tana ni qara’e: “Isaan toltuu hojjataniif [mindaa] gaarii fi dabalataatu jira. Gurraachinnii fi salphinni homaatu fuula isaanii hin haguugu. Isaan sun warra Jannataati. Isaan ishee keessatti hafoodha.” Suuratu Yuunus 10:26 Sahiih Muslim 181, Jaami’u At-Tirmizii 3388

Mindaan dabalataa Aakhiratti Rabbiin olta’aa ilaaludha. Isa ilaalun,  qananii Jannataa hunda caaludha. Warri Jannataa yommuu Isa argan qananii keessa jiran hunda ni dagatu. Isa ilaalun akkamitti qananii hunda hin caalle ree? Rabbii tokkicha fakkaataa hin qabne, Uumaa dachii fi samii ilaalu caalaa qananii fi gammachuun guddaan ni jiraa? Qur’aana keessatti ni jedha:

“Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha. Gara Gooftaa (Rabbii) isaanii ilaalu.” (Suuratu al-Qiyaamaa 75:22-23)

Waa’ee Jannataa sirritti yaadu fi dhugaan itti amanuun, guddinna ummata keenyaatiif garmalee barbaachisaadha. Nafsee namootaa dhuunfaa keessattis fakkiin Jannataa yoo jiraate, Jaalala Rabbii olta’aa argachuuf gara fuundarratti furga’u, wanta qaalii (wuddi) ta’ee ni dhiyeessu, dadhabbinnaa fi du’a jibbuu irraa ni qulqullaa’u. Diini Rabbii oltaasisuuf annisaa fi humni cimaan nafsee isaanii keessaa ni burqa.


Kitaabban wabii:
[1] The Sealed Nectar-Fuula 77
[2] Tafsiiru Sa’dii fuula 769
[3] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/145
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 103-108, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/183-…

Siiraa-Lakk.15.2
Siiraa-Lakk.14
Offline dubbisuf

Leave a Reply