Siiraa-Lakk.15.2

Offline dubbisuf

Kutaa darbee keessatti sababoota gurguddoo dhaloota Musliimaa jalqabaa jabeesse fi milkeesse ilaalle turre. Ammas, itti fufuun sababoota kanniin har’a ni xumurra.

4.Qur’aana keessatti ibsa Jahannami fi bu’aa inni sahaabota irratti fide
Sahaabonni Rabbii olta’aa kan sodaatanii fi kajeelan turan. Barsiisni Nabiyyii (SAW) nasfee isaanii keessatti bu’aa guddaa kan qabu ture. Tooftaan Qur’aanaa Rasuulli (SAW) hordofaa ture nafsee isaanii keessatti dhiibbaa guddaa uumee jira. Sababni isaas, Qur’aanni haalota Guyyaa Qiyaamaa kanneen akka dachiin qabamuu fi ishii waliin dhahuun butuchuu, samii dachaasu, gaarren bibbittineessu, galaanota walitti makamanii fi ibiddi itti qabsiifamu, aduun maramuu, jiyni ifa dhabuu, urjiileen faca’uu fi haalota rifachiiso biroo ni dubbata. Qur’aanni haala kaafirotaa, salphinna fi gaabbii isaanii sammuu keessatt fakkii kaasun namatti hima. Ammas, kaafirota gara ibiddaatti oofaman, warra amanani siraaxa irra darbanii fi warra amanan munaafiqota irraa adda baasu ilaalchise ni dubbata. Kuni hundi nafsee sahaabota keessatti dhiibbaa fi bu’aa guddaa fide. Qur’aanni fakkii adabbii ibiddaa sammuu keessatti ni kaasa. Muslimoonni jalqabaa akka waan azaaba kana ijaan arganitti ta’an. Adabbii ibiddaa kana keessaa mee muraasa haa ilaallu:

Dhugumatti, mukni Zaqquum, nyaata nama badii hojjatuuti. Akka sibila baqaati, garaa keessatti danfa. Akka danfuu bishaan hoo’ati. [Ni jedhama], “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa. Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa. Dhandhami, dhugumatti ati simatu cimaa, kabajamaadha. Dhugumatti, kuni waan isin shakkaa turtaniidha. Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagahaa keessa ta’u.” Suuratu Ad-Dukhaan 44:43-51

Guyyaa Qiyaamaa murtiin erga kennamee booda warri kafaranii fi shirkii hojjatan nyaanni isaanii muka Zaqquum ta’a. Mukni kuni fooliin isaa badaa, dhandhamni isaa hadhaawaa, garmalee hoo’aa akka bishaan hoo’aan danfuutti garaa keessatti danfa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta darbe, amma jiruu fi gara fuunduraatti dhufu hunda waan beekuf haala nama kaafira ibiddatti darbamu ni ibsa. Malaykoota kaafirota adabuuf bakka buufamaniin ni jedhama: “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa.” Kana jechuun bakka murtiin Rabbii akka isarratti darbu eeggatu irraa fuudhatii harkisa cimaan harkisuun walakkaa Jahannamitti darba. Ergasii bishaan garmalee danfaa gubbaa mataa isaatirratti gadi dhangalaasaa.

San booda akkana isaan jedhama: “Dhandhami,” Kana jechuun Azaaba (adabbii) laaleessaa kana dhandhami. “dhugumatti ati simatu cimaa, kabajamaadha.” Kana jechuun ati cimaa fi jabaa akka taatetti yaadaa turte. Azaaba Rabbii ofirraa nan dhoowwa jechuun yaada turte. Ammas “Ani Rabbiin biratti kabajamaadha, azaaban na hin tuqu” jechuun yaadaa turte. Har’a ati salphataa fi dadhabaa akka taate ifa siif ta’a.[1]

Ibsi biraa: Azaaba laaleessa kana dhandhamni. Sababni kanatti si geesse wanta Gooftaa keetirraa dhufetti kafaruu ykn mormuu keetidha. Mormii fi haqa osoo beektu waakkachuun kee “Ani nama cimaa fi kabajamaadha” jettee akka yaaddu si taasise. Ammas, haqa irraa boonun kee Ergamaa Gooftaa keetirraa siif dhufe hordofuu fi Kitaabaa Inni buusetti hojjachuun akka siif hin mallee gootee akka yaaddu si taasise. Haala kanaan namni kaafirri fi namni ajajoota Rabbiitti hin bulle nafsee isaa keessatti of tuuluu fi of dinqiisifachuun guuttamuun haqatti amanuu fi itti buluu irraa of tuula.[2]

Dhugumatti, kuni waan isin shakkaa turtaniidha.” Kana jechuun adabbiin laaleessan Jahannam keessatti dhandhamaa jirtan kuni wanta isin addunyaa irratti shakkaa fi falmaa turtaniidha. Lamu kaafamuun adabamuun hin jiru jechuun shakkaa fi mormaa turtan. Amma kunoo isin biratti haqaa mirkanaa’a ta’ee jira[3].  

Muttaqoonni immoo iddoo nagaha ta’etu isaaniif jira. Muttaqoota jechuun warra badii dhiisuu fi wanta itti ajajaman hojjachuun dallansuu fi azaaba Rabbii irraa of eeganiidha. Isaan dallansuu fi azaaba jalaa bahuun Jannata qananiin guuttamte keessa qubatu.

5-Qadaa fi qadaratti amanuu fi bu’aa sahaabota irratti fide
Qadara jechuun wanti hundi raawwatamuun ykn uumamuun dura murtii Rabbiin murteesse fi katabeedha. Murtiin kuni ajaja (amrii), hamma, amala, yeroo, bakkaa fi kkf of keessaa qaba. Wanti tokkoo uumamuun dura amala akkami akka qabaatu, eessa fi yoom akka adeemsifamu Rabbiin olta’aan beeke, murteesse fi katabee jira. Qadaa jechuun immoo wanta murtaa’e hojii irra oolchu fi xumuruudha.

Suuraaleen (Boqonnaaleen) Qur’aanaa Makkaan keessatti bu’an dhimma qadaa fi qadaratti xiyyeefannoo guddaa itti kennan. Rabbiin olta’aan ni jedha:

54:49

Dhugumatti, Nuti waan hundaa qadaraan uumne.” Suuratu Al-Qamar 54:49

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sifaanni (amaloonni) Isaa guutuu waan ta’aniif maqdhaala, “Nuti” jedhu fayyadamuun jalqaba. Wantoota hundaa murtii fi safara dursee murteesse fi katabeen uumee. Wanta tokko uumuuf dursa beekumsa guutuu qabaachu, amalli, bakki, yeroo fi hammi isaa kan murtaa’an ta’uu qabu. Ergasii wantoota kana hojii irra oolchudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa uumuun dura beekumsa guutuu qaba. Uumuun dura amala, bakka, yeroo fi hamma wantoota kanniini murteesse fi katabee jira. Kanaafu, wanta tokko uumuu yoo barbaade, “Ta’i” jedhaan, wanti sunis yoosu ta’ee argama.

Nabiyyiin (SAW) hubanna qadaa fi qadara nafsee sahaabotaa keessatti dhaaba turan. Sahaabonni haala sirrii ta’een qadaaa fi qadara hubachuu fi dhugaan itti amanuun firii baay’ee gaarii isaaniif buusee jira. Isaan keessaa:
1-Ibaada bakkaan gahuu
2-Qadaratti amanuun karaa shirkii irraa itti qulqullaa’aniidha. Sababni isaas, mu’minni (namni dhugaan amane) kan nama fayyduu fi miidhu, kan nama jabeessu fi salphisuu, kan olkaasu fi gadi buusu Rabbii Tokkicha akka ta’e ni amana. Kanaafu, faayda, jabeenya fi sadarkaa argachuuf, miidhaa fi salphinna ofirraa deebisuuf Rabbii gaditti wanta biraatiif of gadi hin qabu, hin kadhatu.
3-Gootummaa fi gara fuunduraatti dursuu- qadaa fi qadaratti waan amananiif ajalli nama hundaa harka Rabbii akka jirtu ni mirkaneefatan. Nafseen hundi yeroon ishii yoo gahe akka duutu ni beekan.

4-Obsuu, mindaa abdachuu fi haalota ulfaatoo danda’u- namni qormaanni addunyaa tana keessatti nama muudatu wanta tasa argame osoo hin ta’in murtii Rabbiitiin ta’uu yoo beeke, mindaa abdachuun ni obsa. Mindaa abdachuun obsuun isaa kuni wanta dhabe caalaa wanta gaarii akka argatu isa taasisa.
5-Qalbii fi nafseen tasgabbaa’u, sammuun boqonnaa argachuu- wanti addunyaa tana keessatti adeemsifamu hundi murtii Rabbiitiin ta’uu waan amananiif qalbiin isaanii ni tasgabboofti.
6-Nafsee ofii jabeessu, wanta xiqqootti quufu, uumamtootaaf gabroomu irraa of bilisoomsu
Firiin qadaa fi qadaratti amanuu baay’eedha. Kuni akeekumaaf qofa.

6-Sahaabonni haqiiqaa (dhugummaa) namaa beeku
Dhugumatti Qur’aanni kabajamaan waa’ee Rabbii fi Guyyaa Aakhirah erga beeksisee booda waa’ee nafsee namaa namatti beeksisa. Gaafilee uumamaa kanniniif deebii deebisa: “Ani eessarraa dhufee? Eessa deemaa jiraa?” Gaafileen kunniin gaafilee nama hunda keessatti dhufanii fi namni sammuun sirrii ta’ee deebii argachuuf kan itti carraaqudha.

Sahaabotaaf Qur’aanni argamaa fi guddinna ilma namaa, hundee itti deebi’anii fi addunyaa qormaataa tana keessatti wanta isaan irraa barbaadamu isaaniif ibse jira. (Kutaa kana akka hin dheeresineef namni kana bal’innaan hubachuu barbaadu, kitaabban, “Isin keessa mallatto jira, itti hin xinxillitanii?”, “Barzakha fi Guyyaa Qiyaamaa” fi “Kaayyoo uumama ilma namaa” dubbisuu ni danda’a. Gaafilee armaan olitti ka’aniif aayaanni (keeyyatonni) Qur’aana kitaabban kana keessa jiran deebii gahaa ni deebisu. https://www.sammubani.com/kitaabban/ )

Guduunfaa
Furtuu milkaa’innaa keessaa tokko karaa warra milkaa’anii beekun irra deemudha. Sahaabonni (namoonni Nabiyyitti amananii fi isaan wal-qunnaman) karaan isaanii karaa milkaa’innaatti. Sababni isaas, dukkana cillimi nama nyaatu keessaa gara ifa akka aduutti bahan. Sababoota milkaa’inatti isaan geessan keessaa:
1-Seera Rabbii hubachuu fi itti buluu
2-Amantii sirreessu-haala sirrii ta’een Rabbitti fi wantoota Inni beeksisetti amanuu,
3-Jannatatti amanuu fi qananii sanitti yaaduun hojii gaggaarii hojjachuu,
4-Jahannamitti amanuu fi adabbii hamaa sanitti yaadun hojii badaa irraa fagaachu
5-Qadaratti dhugaan amanuu,
6-Maalummaa namaati fi eessaa dhufee eessa deemaa akka jiru beeku.
7-Wanta Nabii Aadamii fi Ibliisa jidduutti taasifame beekun ibliisa akka diinatti fudhachuu
8-Samii, dachii fi haala jireenya itti xinxallu.


Kitaabban wabii
[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 913
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi– Abdurahmaan Hasan Habankaa -13/57
[3] Maddoota olii As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 108-110, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/219-…

Siiraa-Lakk.16
Siiraa-Lakk.15.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply