Maqaalee Rabbii (subhaanahu)-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Al-Baari, Al-Musawwir
“Maqaalee fi sifaata Rabbii Olta’aa beekuu fi itti amanuu salphinna irraa nama eega, balbala abdii namaaf bana. Obsa irratti nama gargaara, dadhabbinnaa fi ceem’uu irraa nama fageessa. Rabbiif akka ajajamanii fi itti dhayaatan nama kakaasa. Ma’asiyaa fi badii irraa nama sodaachisa (akeekachiisa). Yeroo musiibaa, rakkoo fi gaddaa booharti namaaf ta’a. Sheyxaana irraa nama eega. Jaalala fi jaallatamuu namaaf fida, arjummaa fi tola oolutti nama dhiiba.”[1] Kana hubachuuf nama Rabbiin beeku fi nama Isa hin beekne wal biraa haa qabnu. Namni maqaaalee fi sifaata Isaatiin Rabbiin beeku, ifa fi dhoksatti Isa sodaata, obsaa fi tasgabbii qaba. Namni maqaalee fi sifaata Isaatiin Rabbiin hin beekne immoo lubbuu ofii waan badaa irraa qabuun itti ulfaata. Obsii fi tasgabbiin inni qabu baay’ee xiqqaadha. Kanaafu, balballi gammachuu fi milkaa’innaa guddaan maqaalee fi sifaata Rabbii olta’aa beekudha. Kutaa darbe irraa itti fufuun har’as maqaalee biroo ni ilaalla:

A. Hiika Al-Baari, Al-Musawwir
Gabaabumatti hiika maqaalee kanniin lamaani hubachuuf ibsa Aayah tanaa haa ilaalu: 

Inni Allaah, Al-Khaaliq, Al-Baari, Al-Musawwir ta’eedha.” Suuratu Al-Hashr 59:24

Imaamu Qurxubii fi Ibn Kasiir maqaalee kanniin ilaalchisee ni jedhu: Asitti Al-Khaaliq (Uumaa) jechuun [boca, hamma, bifa wanta tokko fi amaloota isaa biroo] Kan murteessu fi safaruudha. Al-Baari jechuun immoo wanta murteesse fi safaree Kan argamsisuudha. Al-Musawwir immoo wantoota hundaaf suuraa fi boca barbaade kan kennuudha.[2] Maqaan al-Musawwir jedhu jecha “sawwara” jedhu irraa kan fudhatameedha. Sawwara jechuun “boca kennuufi ykn suuraa kaasu” jechuudha.[3]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa garaa haadhaa keessatti marsaalee uumama gurguddoo sadii keessa dabarsa: Dhangala’aa saalaa irraa alaqa (dhiiga ititaa) uuma, ergasi mudgha (muraa fooni) godha. Ergasii suuraa fi boca isaaf kenna.[4] Suuraa fi boca namaa erga isaaf kenne booda uumamtoota biroo irraa adda baafama. Suuraa fi boca isaaf kennun dura namni umamtoota biroo irraa adda hin baafamu.

Kanaafu, aaya armaan olii keessatti maqaalee kanniin tartiibaan dubbachuun hiikan kan walitti galaniidha. Jalqaba “uumuun (al-khalq)” hiika taqdiir (murteessu fi safaruu) qaba, itti aanse dhabama irraa argamsiisudha. Ergasii suuraa fi boca barbaade irratti gochuudha.[5] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa boca, suuraa, bifaa fi amaloota biroo, nama uumuun dura murteesse fi safaree jira. Ergasii wanta murteesse fi safare ni argamsiisa. San booda boca fi suuraa barbaade isaaf kenna. Kanaafi, namoonni suuraa fi bocni isaanii kan beelladoota fi uumamtoota biroo irraa garagara. Akkasumas, namoota jidduutti suuraan isaanii garagara. Gariin diimaa, gariin gurraacha. Gariin bareedaa, gariin hin bareedu. Gariin dhiira, gariin dubartiidha. Rabbin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

3:6

Inni Kan gadaameessa keessatti akka fedhetti isin bocuudha. Haqaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. Inni Injifataa Ogeessa.”  Suuratu Aali-Imraan 3:6
እርሱ ያ በማሕፀኖች ዉሰጥ እንደሚሻ አድርጎ የሚቀርጻችሁ ነዉ። ከርሱ በስተቀር ሌላ አምላክ የለም፤ አሸናፊዉ ጥበበኛዉ ነዉ።

Kana jechuun gadaamessa haadhaa keessatti suuraa fi boca fedhe irratti kan isin uumu Rabbiidha. Nama hundaafu suuraa fi amala wanta biraa irraa adda isa baasu kennaaf. Nama fedhe suuraa bareeda, kan fedhe suuraa fokkuu kennaaf, kan fedhe gurraacha, kan fedhii adii godha. Kan fedhe boca fuula fi qaamolee isaa biroo bal’aa ykn dhiphaa ykn gabaaba ykn dheeraa godha. Suuraa fi bocni ati irra jirtu fi amaloonni addaa namoota biroo irraa adda si baasu hundi hojii Rabbii tokkichaati. Namni garaa haadhaa keessa osoo jiru suuraa fi boca barbaade ofiif kennu danda’aa? Namoonni isaaf kennu danda’u?

Hayyoonni Qur’aana ibsan, aaya tana keessa Kiristaanota Iyyasuus gooftaadha jedhaniif deebii gahaatu jira jedhu. Iyyasuusin (Iisaa) garaa haadha isaa Mariyam keessatti akkuma namoota biroo suuraa fi boca kan kenneef Rabbii tokkicha. Iyyasuus uumamtoota fi gabroota Rabbii keessaa tokko. Gooftaa ykn ilma Rabbiiti miti. Akkamitti Iyyasuus gooftaa ta’aa garaa haadhaa keessatti marsaa umamaa tokkoo irraa gara marsaa itti aanutti kan dabarfame ta’ee osoo jiruu? Wanta zaalimonni jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e olta’e.[6]

B.Sifaata Maqaaleen Kunniin of keessatti qabatan
Rabbiin Al-Baari (Argamsiisaa) waan ta’eef dhabama irraa wanta tokko kan argamsiisu Isa qofa. Rabbiin Al-Musawwir waan ta’eef wanta fedhe suuraa fi boca fedhe irratti uuma. Uumamtoonni suuraa fi bocaan garagara ta’uun hojii Rabbii olta’a akka ta’e ni hubanna. Wanti duraan hin jirre mataa ofiitiin of argamsiisuu danda’aa? Erga uumamni isaa jalqabame boodayyuu suuraa fi boca barbaade fudhachuu danda’aa? Mee fuula keeti fi namoota biroo ilaali. Hundi isaanitu wal fakkaatuu? Eenyutu akkanatti gargar godhee?

C.Ibsa Aayata (keeyyata) Qur’aanaa maqaalee kanniin of keessatti qabate

64:3

Inni (Rabbiin) samiwwanii fi dachii haqaan uumee. Isinis bocee boca keessanis miidhagse. Deebiinis garuma Isaati.” Suuratu At-Taghaabun 64:3

“Aayah tana keessatti wantoonni sadii wal duraa duuban dubbatamanii jiru:
Tokkoffaa, Rabbiin samiiwwanii fi dachii haqaan akka uume dubbatame jira. Yommuu jechi, “Haqaan” jedhu oduuf dubbatame, oduu dhugaa jechuudha. Yoo ajajaaf dubbatame immoo, ajaja haqummaa irratti hundaa’e jechuudha. Yaadaf yommuu dubbatame immoo yaada sirrii jechuudha. Yoo gochaaf itti fayyadaman immoo, gochi kuni gocha ogummaa fi qabatama irratti kan hundaa’e fi faayda kan qabu ta’uu agarsiisa. Amma, “Uumun (al-khalq)” gocha; kanaafu, samii fi dachiin haqaan uumaman jechuun samii fi dachiin taphaaf osoo hin ta’in hojii cimaa fi dhugaa Khaaliqa ogeessa ta’eti.  Samii, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran hundi kaayyoo mataa ofii qabu, taphaaf osoo hin ta’in kaayyoo cimaaf uumaman.

Lamaffaa, Rabbiin ilma namaa boca hundarra gaarii ta’e irratti uume. Asitti bocni fuula namaa qofa kan agarsiisu osoo hin ta’in ijaarsa qaama isaa guutuu agarsiisa. Akkasumas, akka addunyaa tana keessatti hojjatuuf humnaa fi dandeetti isaaf kenname of keessatti qabata. Gama lamaan kanaan, uumamtoota dachii irra jiraatan keessaa ilmi namaa bocni fi suuraan hundarra bareedaan isaaf kenname jira. Kanarratti hundaa’e, bulchiinsi dachii isaaf kenname. Gadi dhaabbanni bareenni isaaf kenname. Miilli hundarra sirriin inni ittiin deemu isaaf kenname. Harki wanta fedhe ittiin hojjatu fi isaaf malu ni kennameef. Qaamoleen miiraa odeefannoo itti argatuu fi sammuun odeefannoo kana ittiin adda baasu fi beekumsa ittiin argatu isaaf ni kenname. Nafsee isaa keessatti miira waan gaarii fi badaa addaan itti baafatu isaaf kenname. Fedhii wanta barbaade itti hojjatus isa keessa kaa’ame. Kanaafu, namni suuraa fi boca hudarra bareeda ta’e irratti uumame jechuudha.

Suuraa fi bocni bareedaan erga isaaf kenname, wanta inni hojjatuuf gaafatamuun ni oolaa? Kanaafi, ni jedha, “Deebiinis garuma Isaati.” Akkuma ifa ta’uu, uumamni dachii tana keessatti humni fi aangoon isaaf kenname, addunyaa tana keessatti itti gaafatamummaa tokko malee akka jiraatu ogummaan hin hayyamu. Kana irra, Khaaliqni nama uumee humna, aangoo, sadarkaa fi qananii adda addaatin isa qananiise isa gaafata. Asitti “deebiin” deebima qofa osoo hin ta’in Guyyaa Qiyaamaa qorannoof gara Isaatti deebi’uudha. Suurah armaan oli keessatti qorannoof deebi’uun kuni addunyaa tana keessatti kan ta’uu osoo hin ta’in du’aan booda erga kaafamanii jireenya lammataa keessatti ta’a. Humnaa fi aangoo Rabbiin isaaf kenne karaa sirriin fayyadamu ykn karaa badaatti fayyadamu isaa ni gaafatama. Ergasii ni mindeefama ykn ni adabama. Gaafii “qorannoon kuni namoonni jalqabaa fi dhumaaa erga bakka tokkotti walitti qabamanii osoo ta’in maaliif addunyaa tana keessatti hin adeemsifamne?” jedhutti yoo dhufne, namni osoo xiqqoo sammuu isaatti fayyadame silaa namoonni hundi bakka tokkotti erga walitti qabamanii booda qorachuun ogummaa fi gamnummaa akka ta’e ni arga. Akka deebitti sababa lama dhiyeessu dandeenya. Sababni 1ffaan- namni wanta jireenya isaa guutuu keessatti hojjatef itti gaafatama. Kanaafu, yeroon sirriin inni itti qoratamu, hojiin jireenyaa (life-work) isaa yoo xumurameedha. Sababni lammaffaan- namni dhiibbaa inni jireenya namoota biroo irratti uumeef itti gaafatama. Dhiibban inni geesse inni du’uu qofaan kan dhaabbatu osoo hin ta’in isa boodas kan itti fufuudha. Kanaafu, qorannoon sirriin jireenyi namoota hundaa addunya tana keessatti erga xumurameen booda namoonni hundi lamuu kaafamanii bakka tokkotti walitti qabamuun kan adeemsifamuudha.[7]


Kitaabban wabii:
[1] Fiqhu Al-Asmaa’il Husnaa– fuula 21, Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin Badri
[2] Tafsiiru Qurxubii-20/393, Ibn Kasiir 7/238
[3] Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.48,49; AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[4] Tafsiiru Qurxubii-20/393
[5] Fiqhu Al-Asmaa’il Husnaa– fuula 95, Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin Badri
[6] Tafsiiru Ibn Kasiir 2/310, Aali-Imraan 15-16, Abdurahmaan Hasan Habanka
[7] http://www.islamicstudies.info/tafheem.php?sura=64&verse=1&to=10

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.1
Maqaalee Rabbii (subhaanahu)-Kutaa 5.3
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply