Mormii Mushrikootaa-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Wantoota Barbaachisoo Mushrikoonni fudhachuu didanii fi faalleessan
Mushrikoota (polytheists)-jechuun namoota Rabbii waliin ykn Isaan ala wantoota adda addaa gabbaran (waaqefatanii)dha. Warroonni shirkii leellisan wantoonni gurguddan isaan faalleessanii fi morman: Tokkichummaa Rabbii (Wahdaaniyyatillah), Guyyaa Aakhiraatti amanuu, Ergama Nabiyyii (SAW) fi Qur’aana Rabbal aalamina irraa isa irratti bu’eedha. Sababni kanniin asitti kaafnuf, namni biroo yaadaa fi amanti akka mushrikoota qabachuun dogongora wal fakkaatutti akka hin kufnee fi akkuma isaanii adabbiif akka of hin saaxilleefi.

1ffaa-Tokkichummaa Rabbii faallessuu fi mormuu
Warroonni kafaran Makkaa Rabbiin isaanii fi wantoota biroo hunda akka uumee ni amanu. Garuu sanama gabbaraa turan. Dhagaan isaan gabbaran kuni gara Rabbitti nu dhiyeessu jechuun odeessu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

39:3

Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi. Warri Isaa gaditti awliyaa’a (tiiksotaa fi gargaartota) godhatan, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu]. Dhugumatti Rabbiin waan isaan keessatti wal dhaban ilaalchise jidduu isaanitti ni murteessa. Dhugumatti Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.” Suuratu az-Zumar 39:3

Kana jechuun yaa namoota amantiin (ajajamnii fi ibaadan) makaa irraa qulqulluu ta’ee Rabbiif qofa malee eenyufillee akka hin taanee xiyyeeffannoo itti kennaa, mirkaneefadhaa. Wanti shirkii qabu Isa bira hin gahu. Rabbiin warroota shirkii irraa dureessa. Namni hojii ibaada hojjatu keessatti Rabbiin ala wanta biraa itti dabale, Rabbiin isarraa hin qeebalu. Isatti gadi deebisa.

Itti aanse waa’ee mushrikoota dubbata: “Warri Isaa gaditti awliyaa’a (tiiksotaa fi gargaartota) godhatan.” Kana jechuun warri Rabbii gaditti wanta biraa gabbaramtoota (gooftota) godhachuun gabbaran.Godhatan” jechuun wanta haqaan wal faallessu mataa ofiiti uuman jechuudha. Sanamni isaan gabbaran homaa akka hin uumne, faayda namaaf fiduu fi miidhaa namarraa deebisu akka hin dandeenye isaaniif erga ifa ta’ee booda falmii fi mormiif jecha, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu].”  Kana jechuun sanamoonni ykn taabonni amala gooftummaa ni qabu jennee isaan hin gabbaru. Garuu Rabbiin biratti sadarkaa guddaa fi shafa’aa (jaarsummaa) fudhatama qabu waan qabaniif Isatti nu dhiyeessan jennee isaan gabbarra.”

Falmi kijibaa kana akkana isaaniin jechuun kuffisuun ni danda’ama: wanti isin gabbartan kunniin gara Rabbii akka nama dhiyeessan kan beekan ragaa fi ibsa Rabbiin irraa dhufeeni. Kanaafu, ragaa keessan kitaaba Rabbiin irraa bu’e irraa fidadhaa. Wanta odeessan kanaaf ragaa wayitu fidu hin danda’an. Kanaafi, dhuma aayah irratti isaan kijibdoota fi kaafirota akka ta’an ibsa.[1]

Dhugumatti Rabbiin waan isaan keessatti wal dhaban ilaalchise jidduu isaanitti ni murteessa.” Kana jechuun Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa wanta namoonni keessatti wal dhabanii fi gargar itti ta’an ilaalchise isaan jidduutti ni murteessa. Namni haqa irra jiruu fi namni soba irra jiru Guyyaa san addaan baafamuun namni haqaa mindaa gaarii argata, namni sobaa immoo ni adabama.

Dhugumatti Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.” Kana jechuun nama niyyaan isaa Rabbiin irratti kijibuu ta’ee fi qalbiin isaa mallattoolee, keeyyattoota fi ragaalee Rabbii osoo beektu fudhachuu diddu, Rabbiin gara qajeelinnaatti ykn haqaatti isa hin qajeelchu.[2]

Mushriikota Makkaatti sanama gabbaruun biyyoota ollaa irraa kan isaanitti darbeedha. Kanaafi, waamicha gara Tawhiidaa mormii cimaan faallessan. Rabbiin olta’aan isaan ilaalchisee ni jedha:

Akeekachiisaan isaan irraa ta’ee isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee. Kaafironni ni jedhan, “Kuni saahira (nama sihrii hojjatu), sobaa dha. Sila gabbaramtoota hunda gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti kuni waan dinqisiisadha.” Isaan (mushrikoota) keessaa namoonni gurguddoon deemanii, “Deemaa, gooftolee keessan [gabbaruu] irratti obsaa, dhugumatti inni kuni wanta barbaadamudha. Amanti gara dhumaa keessatti kana hin dhageenye. Kuni wantuma haarawa uumamee malee homaa miti.” [jedhan].  Suuratu Saad 38:4-7

Mushrikoota Makkaa Nabii Muhammad (SAW) akeekachiisa ta’ee isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee. “Sila gabbaramtoota hunda gabbaramaa tokko qofa taasisee?” Kana jechuun sila Gooftaan gabbaramu tokkicha qofa, Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru jedhaa? Mushrikoonni kana garmalee jibban. Sababni isaas, sanama gabbaruu abboota isaanii irraa dhaalan, qalbiin isaaniis shirkiin xuroofte. Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) qalbii isaanii irraa kana akka haaqanii fi Rabbiin akka tokkichoomsan isaan waamu, garmalee dinqisiifachuun, “Sila gabbaramtoota hunda gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti kuni waan dinqisiisadha.” jedhan.  “Isaan (mushrikoota) keessaa namoonni gurguddoon deemanii” Kunniin hoggantoota fi maanguddoota isaanii kanneen ta’aniidha. “deemaa” kana jechuun amantii keessan irratti itti fufaa. Wanta gabbartan (waaqefattan) irratti obsaa. Tawhiida irraa wanta inni itti isin waamuuf hin awwaatinaa. “dhugumatti inni kuni wanta barbaadamudha.” Muhammad (SAW) tawhiidatti kan nu waamuf isin irratti kabajaa fi ol’aantummaa ittiin barbaadufi.

Amanti gara dhumaa keessatti kana hin dhageenye.” Kana jechuun amanti gara dhumaatti dhufe keessatti Rabbiin qofa gabbaraa kan jedhu hin dhageenye[3]. Amantin gara dhumaa isaan jedhan kuni amanti akka isaanii shirkiin guuttame amanti Kiristaanati. Kiristaanonis Rabbiin waliin waan biraa gabbaru (waaqefatu).  

Sababni aayaanni tunniin itti bu’aniif mufaasironni akkana jechuun ibsan:
Yommuu Abu Xaalib dhukkubsatu, Abu Jahl dabalatee Qureeshonni gariin isatti seenanii akkana jedhan, “Ilmi obboleessa keeti wanta gabbarruu arrabsaa jira. Inni wanta akkana akkanaa hojjate, wanta akkana akkanaa jedhe. Maaliif isatti ergitee akka kana hin hojjanne itti hin himnee?” Abu Xaalibis gara Nabiyyiitti (SAW) ni erge. Innis dhufee mana ni seene. Isaanii fi Abu Xaalib jidduu iddoo teessummaa nama tokko teechisuutu jira. Abu Jahl -abaarsi Rabbii isarratti haa bu’uu- yoo nabiyyiin (SAW) cinaa Abu Xaalib taa’ee, inni Nabiyyiif daran garaa ni laafa jedhe sodaachuun utaalee bakka kana taa’e. Nabiyyiinis iddoo teessumaa abbeeraa isaatti dhiyaatu hin arganne, kanaafu balbala bira taa’e. Abu Xaalib ni jedheen, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Namoonni kee maaliif si komatuu? Wanta gabbaran akka arrabsituu fi akkana akkana akka jettu ni odeessu.” Dubbii itti baay’isan. Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana jechuun dubbatan, “Yaa abbeeraa koo! Wanti ani isaan irraa barbaadu dubbii takka akka jedhan qofaadha, dubbii tanaan Araboonni hordoftoota isaanii ta’uu, warri alaa (Islaama keessa hin seenne) immoo jizyah isaaniif kafalu.”

Mushrikoonni dubbii fi jecha isaatiif ni rifatan. Isaanis ni jedhan, “Dubbi takka moo? Eeyyen abbaa keetin haa ta’u, dubbi kudhanu ni jenna! Dubbiin tuni maalidhaa?” Abu Xaalib ni jedhe, “Dubbii tamiidhaa yaa ilma obboleessa kiyyaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhe, “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru)” Qureeshonni kunniinis kana yommuu dhagahan rifatanii uffata isaanii hurgufaa fi akkana jechaa ka’anii deeman: “Sila gabbaramtoota hunda gabbaramaa tokko qofa taasisee?”[4]

Hojii hundarra fokkuu ta’e shirkii dhiisanii Rabbii tokkicha gabbaruun mushrikoota irratti ni ulfaate. Amanti jallataa abboota isaanii irratti ni gogan. Kanaafi, Rabbiin keessan tokkicha Isa qofa gabbaraa yommuu jedhaman mormii cimaa agarsiisan. Garuu shirkiin isaan irra jiran baaxila (soba) waan ta’eef adabbii (azaaba) jalaa isaan hin baasu. Qur’aana keessatti, “Dhugumatti namni Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootafis tumsitoonni hin jiran.” Suuraa Al-Maa’ida 5:72

Rabbiitti waa qindeessuun (shirkiin) bifa adda addaa qaba. Isaan keessaa, wanta uumame (makhluuqa) akka Gooftaatti ilaalun kadhachuu, isaaf of gadi qabu, sagaduu, qalma qaluu fi kkf hojjachuudha. Rabbiin olta’ee shirkii irraa nu haa eegu.

Mormii 2ffaa-Aakhiratti Kafaruu isaanii

In sha Allah boru kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla…


Kitaabban wabii
[1] Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 12/152-153
[2] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/439
[3] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/408-409
[4] Madda olii

Mormii Mushrikootaa-Kutaa 2.1
Siiraa-Lakk.16
Offline dubbisuf

Leave a Reply