Mormii Mushrikootaa-Kutaa 2.1

Offline dubbisuf

Mormii 2ffaa-Aakhiratti Kafaruu isaanii
Nabiyyiin (SAW) yommuu gara Guyyaa Aakhiratti amanuutti isaan waamu, Mushrikoonni qoosu fi kijibsiisuun itti deebisan. Hojii isaanii kana Qur’aana keessatti akkana jechuun kaasa:

Warroonni kafaran ni jedhan, “gara namticha ‘[Duutanii] ciccirama guutuu erga cicciramtanii booda dhugumatti isin uumama haarawa keessatti ni taatu’ jedhee isinitti odeessutti isin qajeelchinuu?  Sila Rabbiin irratti kijiba uuma moo maraatutu isatti jiraa?” [Dubbiin] akkasi mitii, warroonni Aakhiratti hin amanne azaaba (adabbii) fi jallinna fagoo keessa jiru.” Suuratu Saba 34:7-8

Warroonni Rabbitti, Ergamaa Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti hin amanne fi haqa Rabbiin irraa dhufe fudhachuu didan ni jedhan, “namticha erga duutanii qaamni keessam cicciramee fi bututee booda uumama haarawatti ni deebifamtan isiniin jedhu isinitti agarsiisnuu? Namtichi isaan jedhan Ergamaa Rabbiiti (SAW). Dubbi kana baacoo fi qishnaaf akkana jedhu. Ergasii akkana jechuun deebii walitti deddeebisu: Yommuu “erga duutanii booda lamuu ni kaafamtu” jedhu, “Rabbiin irratti kijiba uuma moo maraatu qabaa!?” Rabbiinis akkana jechuun isaanitti deebisee, “[Dubbiin] akkasi mitii, warroonni Aakhiratti hin amanne azaaba (adabbii) fi jallinna fagoo keessa jiru.” Kana jechuun dhimmichi akka isaan jedhanii fi yaadanii miti. Kana irra, Muhammad (SAW) nabiyyii dhugaa dubbatu fi gara karaa qajeelatti nama qajeelchudha. Haqaan kan dhufeedha. Isaan (warroonni kafaran) immoo kijibdoota, wallaaltoota fi gowwoota ta’an “azaaba (adabbii)” keessa ta’u. Kana jechuun yommuu lamuu kaafaman sababa kufrii isaanitiin Aakhiratti adabbii cimaa keessa seenu. Akkasumas, addunyaa tana keessatti haqa irraa jallinna fagoo keessa jiru.[1]

Warroonni kafaran lamuu namni du’e kan hin kaafamne ta’uu kakuu daangaa darbe kakatu. Qur’aana keessatti ni jedha:

Kakuu isaanii kan daangaa gahe, “Rabbiin nama du’e hin kaasu” jechuun Rabbitti kakatan. Lakkisaa [isin kaasaa]; Waadaa Isa irratti dhugaa ta’e [Rabbiin seenee jira]. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan. [Sababni du’a irraa isaan kaasuuf] wanta isaan keessatti wal dhaban isaaniif ibsuu fi warri kafaran kijibdoota ta’uu isaanii akka beekaniifi.” Suuratu An-Nahl 16:38-39

Namoonni kafaran kunniin jireenya addunyaa tana malee jireenyi biraa akka hin jirre godhanii yaadu. Aakhiratti amanuuf abbootin isaanii akka kaafaman barbaadu. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Jireenya addunyaa teenya [tana] malee ishiin (jireenyi) homaayyu miti. Ni duuna, ni jiraanna. Yeroo malee wanti nu balleessu hin jiru.” Jedhan. Kana ilaalchise isaan beekumsa hin qaban. Isaan warra shakkan malee homaayyu miti. Yeroo keeyyattoonni (aayaatni) Keenya ifa ba’anii isaan irratti dubbifaman, ragaan isaanii [kan ittiin morman], “Yoo kan dhugaa dubbattan taatan abbooti keenya fidaa.” jechuu malee wanta biraa hin taane. Jedhi, ‘Rabbumatu isin jiraachisee ergasii isin ajjeesa. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessa walitti isin qaba. Isa keessa mamiin (shakkiin) hin jiru. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.’  Suuratu Al-Jaasiyah 45:24-26

Warroonni jireenya du’aan boodaatti hin amanne fi kijibsiisan ni jedhan, “Jireenya addunyaa teenya [tana] malee ishiin (jireenyi) homaayyu miti. Ni duuna, ni jiraanna” Kana jechuun jireenya addunyaa tana malee jireenyi biraa hin jirtu. Nuti ni duuna, ijoolleen teenya ni jiraatu ykn ni jiraanna, ni duuna.[2] Kana booda, lama kaafamuu fi Qiyaaman wanti jedhamu hin jiru. “Yeroo malee wanti nu balleessu hin jiru.” Kana jechuun halkanii guyyaan darbuu fi dheerinna umrii malee wanti nu balleessu ykn ajjeesu hin jiru[3]. “Kana ilaalchise isaan beekumsa hin qaban. Isaan warra shakkan malee homaayyu miti.”  Kaafiroonni kunniin wanta jedhan kana ilaalchisee beekumsa dhugaa hin qaban. Wanti isaan jedhan kuni yaada sobaa ofii uuman malee odeefannoon Rabbiin irraa isaaniif dhufe ykn ragaa dhugaa hin qaban. Wanti isaan jedhan kuni shakkii fi yaada ragaa hin qabne irraa kan madde malee homaayyu miti[4].

Yeroo keeyyattoonni (aayaatni) Keenya ifa ba’anii isaan irratti dubbifaman” kana jechuun yommuu haqni isaaniif ifa godhamuu fi qaamoleen namaa erga badanii fi bututanii booda Rabbiin isaan deebisu irratti Danda’aa akka ta’e ragaan isaaniif dhiyeefamu, “ragaan isaanii [kan ittiin morman], ‘Yoo kan dhugaa dubbattan taatan abbooti keenya fidaa.’ jechuu malee wanta biraa hin taane.” Kana jechuun wanti isin jettan haqa yoo ta’e abbooti keenya jiraachisaa.[5]

Rabbiin subhaanahu hanga Qiyaamaan dhaabbattu eenyullee addunyaa tanatti akka hin deebine murteesse jira. Kan isaan lamuu kaafaman Guyyaa Qiyaamati. Kanaafi, akkana jechuun deebii isaanitti deebisee: “Jedhi, ‘Rabbumatu isin jiraachisee ergasii isin ajjeesa.” Kana jechuun akkuma argitan kana dhabama irraa jiruutti kan isin baasu Rabbiidha. “Akkamitti Rabbitti kafartuu? Du’aa turtan, Inni isin jiraachise. Ergasii isin ajjeesa; ergasii isin jiraachisa.” Suuratu (Al-Baqara 2:28) Uumiinsa keessan jalqabuu irratti danda’aa kan ta’e, isin deebisuu irratti caalatti danda’aadha. “Ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessa walitti isin qaba. Isa keessa mamiin (shakkiin) hin jiru.” Kana jechuun akkuma isin jettan addunya tanatti kan isin deebisuu osoo hin ta’in, Guyyaa Qiyaamaa walitti isin qaba[6]. Takka takkaan namoota du’an addunyaa tanatti kan deebisuu osoo hin ta’in Guyyaa Qiyaamaa namoota jalqaba irraa kaase hanga dhumaa jiran bakka tokkotti walitti sassaaba. Kanas kan godhuuf isin jidduutti murteessu fi nama hundaa wanta hojjateef jazaa isaaf kafaluufi. Kanaafu, yeroon Qiyaamaa dhufuun dura abbooti keenya fida jedhanii mormuun haqa irraa kan fagaateedha.  Guyyaan Qiyaamaa qaxaroo guddaa namoonni itti wal gahaniidha. Mee itti yaadi, qaxaroon gahuun dura wanti karoorfame hojjatamuu danda’aa?

 “Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Namoonni baay’een haqiiqa (dhugaa) Guyyaa Qiyaamaa hin beekan. Kanaafi, namni erga du’ee kaafamu akka waan hin danda’amnetti yaadu. Osoo beekumsi dhugaa qalbii isaanii keessa seene silaa Guyyaa kanaaf ni hojjatu, of qopheessu turan.

Mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Rabbiiti. Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, Guyyaa san warri soba hordofan ni kasaaru.” Suuratu Al-Jaasiyah 45:27

Rabbiin olta’e itti aanse samiwwanii fi dachiin kan Isaa akka ta’anii fi too’annaaf aangoo guutuu akka irratti qabu beeksiisa. Mootummaa jechuun wanta tokko horachuu fi too’annaaf aangoo irratti qabaachudha. Samiwwanii fi dachiin kan Isaa erga ta’anii, wanta fedhe keessatti hojjachuu ni danda’a. Kanaafu,akkuma jalqaba irratti isaan uume, isaan balleesse lamuu isaan deebisuu ni danda’a jechuudha. Kanaafi ni jedha, “Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu” fi namoota iddoo wal-gahii tokko irratti walitti isaan qabu, warroota sobatti amananii fi hordofan kasaaratu qunnama. Baaxila (soba) jechuun faallaa haqaa kan ta’ee fi wanta dhaabbata hin qabneedha. Hojiin isaanii sobaan waan wal qabateef baaxila (soba) badu ta’a. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa ni bada. Mindaan guddaan isaan jala darbuun adabbiif of saaxilu. Kanaafu, mindaa guddaa waan dhabanii fi adabbiif of saaxilaniif kasaaraa guddaa kasaaranii jiru jechuudha. Namni daldala keessatti maallaqa guddaa jireenya isaa itti tolchu yoo dhabe, kasaare jedhamaa miti ree? Namoonni haqa Rabbiin irraa dhufe dhiisanii soba hordofan kunniinis mindaa guddaa qananii Jannataa itti argatan waan dhabaniif kasaaranii jiru. Rabbiin olta’aan rahmata Isaatiin kasaaraa irraa nu haa tiiksu.

Rabbiin guddaan olta’ee gabroonni akka of eeggataniif ciminna Guyyaa sanii itti aanse ni ibsa. In sha Allah kutaa itti aanu keessatti ibsa waliin ni ilaalla… Hangasi ragaalee fi waa’ee Guyyaa Qiyaamaa Kitaaba kanarraa dubbisuun ni danda’ama: “Barzakha fi Guyyaa Qiyaamaa” Linkii: https://www.sammubani.com/wp-content/uploads/2019/06/Barzakha-fi-Guyyaa-Qiyaamaa.pdf


Kitaabban Wabii
[1] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/260-261, Zaadul Masiir 1143
[2] Tafsiiru Qurxubii 19/164, Tafsiiru Xabarii 21/95
[3] Tafsiiru Xabarii 21/96
[4] Madda olii
[5] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/613
[6] Madda olii

Mormii Mushrikootaa-Kutaa 2.2
Mormii Mushrikootaa-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply