Mormii Mushrikootaa-Kutaa 2.2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti waa’ee Aakhirah ilaalchisee mormii Mushrikoota ilaalle jirra. Suuratu Al-Jaasiyah aayah 28 irraa itti fufuun taate Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu mee haa ilaallu. Tarii qalbiin gogde ni jiiti, nafseen of dagattee fi gaflaa keessatti tarte ni dammaqxi.

Rabbiin guddaan olta’ee gabroonni akka of eeggataniif ciminna Guyyaa sanii ni ibsa:

Guyyaa san ummata hunda jilbifatanii argita. Ummanni hundu gara kitaaba isaanitti waamamuun, “Har’a waan dalagaa turtaniif ni mindeefamtu” [jedhamu]. Kuni kitaaba Keenya kan isin irratti dhugaan dubbatuudha. Dhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeesisaa turre. Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan immoo Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisa. Suni isumatu milkaa’inna ifa bahaadha.” Suuratu Al-Jaasiyah 45:28-30

Isaan kafaran immoo, “Sila keeyyattoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa hin turre? Garuu isin garmalee of-tuultan, namoota mujrimoota turtan. Yommuu ‘Waadaan Rabbii haqa, Qiyaamaan [akka dhuftu] shakkiin ishii keessa hin jiru’ jedhamu, isin ni jettan, “Qiyaamaan maal akka taate hin beeknu. Mamii malee yaada ishii hin qabnu. Nuti warra dhugaan amananii miti.” Hamtuun waan dalaganii isaaniif ifa baha, wanti isaan itti qishnaa (qoosaa) turaniis isaan marsa. Ni jedhaman, “Har’a akkuma isin qunnamti Guyyaa keessan kana dagattan Nutis isin dhiifna. Teesson keessanis ibidda, tumsitoonni (gargaartonni) isiniif hin jiran. Kuni waan keeyyattoota Rabbii qishnaa godhattanii fi jireenyi addunyaa isin gowwomsiteefi. Har’a ishii (ibidda) keessaa hin baafaman, isaan ceephoos hin buufachiifamanu.” Suuratu Al-Jaasiyah 45:31-35

Ibsa Keeyyatoota armaan olii:
Guyyaa san ciminnaa fi guddinnaa irraa kan ka’e ummata hundaa jilbiifatanii isaan argita. Akkana jedhame jira, “Kuni kan ta’u yommuu Jahannam fidamteedha. Sababni isaas, sagaleen qaxxisaa ibidda Jahannam ni dhagahama. Yommuu kana dhagahan hundi isaanitu ni jilbifatu. Inumaa Ibraahim Khaalilu Rahmaan ni jedha, “Nafsii, nafsii (nafsee tiyya, nafsee tiyya) Har’a nafsee tiyya malee homaa si hin kadhu…” Tafsiiru Ibn Kasiir – 6/614

“Ummanni hundu gara kitaaba isaanitti waamamuu” kana jechuun gara Kitaabni hojiin isaanii itti galmeefamaa turetti ni waamamu. “Har’a waan dalagaa turtaniif ni mindeefamtu” Kana jechuun hojii gaariis ta’i hojii badaa irraa wanta hojjattaniif jazaa guutuu argattu. Jazaan mindaa gaarii kennuus adabuus of keessatti qabata. Kanaafu, namni hojii gaarii iimaanaa, ikhlaasa fi shari’aa irratti hundaa’un hojjate, mindaa wanta hojjate caalaa argata. Namni kafaree fi badii hojjate immoo adabbii isaaf malu adabama. “Kuni kitaaba Keenya kan isin irratti dhugaan dubbatuudha.” Kana jechuun osoo homaa itti hin dabalinii fi irraa hin hir’isin kuni kitaaba hojii keessan guutuu of keessatti qabateedha. Akkuma Rabbiin jedhe, “Galmeenis ni kaa’ama. Yoma san badii raawwattoota waan isa keessa jiru irraa sodaattota ta’anii isaan argita. Ni jedhus, “Yaa badii keeenya! Kuni kitaaba akkamii, xiqqaas guddaas walitti qabu malee hin dhiifne!” Waan hojjatan dhiyaataa ta’ee argu. Gooftaan kee eenyullee hin miidhu.” (Suuratu Kahf 18:49)

“Dhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeesisaa turre.” Kana jechuun haala guutuu ta’een hojii dhoksaa fi ifaa yommuu addunyaa keessatti hojjataa turtan san Malaykoonni akka galmeessanii fi kataban ajajaa turre. Namni osoo hin argin wanta inni hojjatu galmeessun wanta salphaa ta’eedha. Yeroo amma keessatti, meeshaalee teknoloji namni hojjate mee ilaali. Osoo namni hin argin meeshaaleen akka kaamera wanta inni hojjatu hunda suuraa waliin waraabu. Rabbiin subhaanahu namoota kana akka hojjatan kan dandeesise Malaaykotas hojii namaa akka kataban ni dandeesisa. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.

Guyyaa murtii kana qoratamuun murtiin isaan jidduutti darba. Kanaafi Rabbiin Guyyaa kana garee lamaan adda baasa. Ni jedha, “Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan immoo Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisa.” Kana jechuun namoonni qalbii isaanitiin amananii fi qaama isaanitiin hojii gaggaarii hojjatan, Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisa. Rahmanni Isaa kuni Jannata. Akkuma hadiisa sahiih keessatti dhufe, Rabbiin Jannataan akkana jedhe“Ati rahmata tiyya, siin nama fedheef rahmata ittiin godha.” (Sahiih Muslim 2846)

“Suni isumatu milkaa’inna ifa bahaadha” Kana jechuun Jannata seenuun milkaa’inna ifa baheedha.Fawz (milkaa’inna) jechuun sharrii fi wanta jibbamaa hunda jalaa nagaha bahuu fi wanta jaallatamaa barbaadamu argachuudha. Kanaafu, namni Jannata yoo seene sharrii, adabbii fi wanta jibbama jalaa nagaha bahuun wanta kheeyri fi jaallatama hunda waan argatuuf, dhugumatti suni milkaa’inna ifa bahee fi guddaadha.  

“Isaan kafaran immoo,” kana jechuun haqa Rabbiin irraa dhufe osoo beekanu fudhachuu didanii fi morman waqqasaaf isaaniin akkana jedhama, “Sila keeyyattoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa hin turre?” Keeyyattoonni (aayaanni) wanta gaarii isin fayyadu isinitti agarsiisanii fi wanta isin miidhu irraa isin dhoowwan isin irratti dubbifama turan. Dhugumatti keeyyattoonni Keenya qananii hundarra guddaa gara keessan gaheedha. Garuu isaan hordofuu irraa of tuultan, dhageefachuu ykn dubbisuu irraa ni garagaltan. “namoota mujrimoota turtan.” Akka lugaatti mujrima jechuun zanbii (badii) baay’ee hojjachuun daangaa kan darbeedha. Kanaafu, badii akka kufrii, shirkii fi badiiwwan gurguddaa biroo hojjachuun namoota daangaa darban turtan.

“Yommuu ‘Waadaan Rabbii haqa, Qiyaamaan [akka dhuftu] shakkiin ishii keessa hin jiru’ jedhamu,” Kana jechuun yommuu Nabiyyoonni ykn warri amanan, “Erga namoonni du’anii booda lamu akka isaan jiraachisuu fi qabrii keessaa isaan kaasu Rabbiin waadaa galee jira. Waadaan kuni haqa. Qiyaaaman namoota walitti qabuun isaan qoratu, nama Isaaf ajajameef mindaa itti kennuuf, nama Isa didee immoo itti adabu ni dhaabbatti. Qiyaamaan dhufuu fi dhaabbachuu keessa shakkiin homaatu hin jiru. Kanaafu, Rabbiin sodaadhaa, Isaa fi Ergamtoota Isaatti amanaa, adabbii Rabbii jalaa wanta nagaha isin baasu dalagadhaa.” Isiniin jedhan, isin ni jettan, “Qiyaamaan maal akka taate hin beeknu. Mamii malee yaada ishii hin qabnu. Nuti warra dhugaan amananii miti.” Yommuu addunyaa irra turtan,“Nuti Qiyaaman akka dhaabbattu warra mirkaneefatanii miti. Shakkuu malee Qiyaamaan ni dhaabbatti jennee jala murree hin mirkaneeffanne.” Jechaa turtan. Garuu har’a rakkoon isin himattan tokkollee isin hin fayyadu. Sababni isaas, ragaaleen Qiyaaman akka dhaabbattu isiniif dhiyaatanii turan. 

“Hamtuun waan dalaganii isaaniif ifa baha” kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa adabbiin hojii badaa isaanii ifa baha. “wanti isaan itti qishnaa (qoosaa) turaniis isaan marsa.” Kana jechuun azaabni (adabbiin) isaan addunyaa irratti itti qoosaa turan har’a isaanitti bu’a.

Ni jedhaman, “Har’a akkuma isin qunnamti Guyyaa keessan kana dagattan Nutis isin dhiifna.” Kana jechuun akkuma isin qunnamti Guyyaa kanaatti amanuu diddanii fi hojjachuufi dhiistan, Nutis ibidda keessatti isin dhiifna. “Teesson keessanis ibidda, tumsitoonni (gargaartonni) isiniif hin jiran.” Teessoo fi galti keessan ibidda Jahannami. Tumsitoonni adabbii kana isin irraa ittisan hin jiran. “Kuni waan keeyyattoota Rabbii qishnaa godhattaniif” Kana jechuun azaabni (adabbiin) kuni kan isinitti bu’eef sababa isin addunyaa qormaataa keessatti, isin qajeelchuuf keeyyattoota fi ragaalee Rabbiin irraa dhufan itti qoostaniif ykn qishnaa godhattaniif. Keeyyattoota fi ragaalee Gooftaa keessani sirritti qabachuu fi gammachuun hordofuun isin irra jiraa ture, garuu taphaa fi qishnaa godhattan. Ammas, waan “jireenyi addunyaa isin gowwomsiteefi”. Hanga kaafamu fi qorannon hin jiru jettan geettanitti jireenyi addunyaa faayaa fi mi’aa ishiitiin isin sobde. Haqatti amanuu fi gammachuu abadii wanta isiniif mirkaneessu hojjachuu irraa isin garagalchitee. Addunyaa tanaaf ni hojjattan, Ganda Aakhira yeroo hundaa tura ta’eef hojjachuu ni dhiistan.

Kanaafu, “Har’a ishii (ibidda) keessaa hin baafaman, isaan ceephoos hin buufachiifamanu.” “isaan ceephoos hin buufachiifamanu.”Jechuun gara Rabbiif ajajamutti akka deebi’an isaan irraa hin barbaadamu. Hojii gaggaarii akka hojjataniif gara addunyaa hin deebifaman.

“Faarun kan Rabbii Gooftaa samiwwanii fi Gooftaa dachii, Gooftaa aalama hundaati. Samii fi dachii keessatti Al-Kibriyaa’u kan Isaati. Innis Injifataa Ogeessa.” Suuratu Al-Jaasiyah 45:36-37

“Faarun kan Rabbii” uumamtoota Isaa biratti qananii isaan qananiiseef faaruun hundi kan Isaati. Kanaafu, yaa namoota Isa faarsaa. Qananiin isin qabdan hundi Isa irraayyi. “Gooftaa aalama hundaati.” Aalama jechuun wantoota uumaman hunda. Jechi “aalama” jedhu, jecha “alama” jedhu irraa kan fudhatameedha. Alama jechuun mallattoo gara wanta tokkotti akeekudha. Wantoonni uumaman hundi gara Khaaliqa isaanii waan akeekaniif aalama ta’u.

 “Gooftaa samiwwanii fi Gooftaa dachii” Kana jechuun Maalika samiiwwii fi dachiiti. Samiiwwani fi dachiin hundi kan Isaati. Sababni isaas, Isatu uumee, Isatu isaan tiiksa, too’ata.

Al-Kibriyaa’u kan Isaati” jechuun Boonuun, Aangoo fi Guddinni hundi kan Isaa qofa. Wanti hundi Isaa biratti gadi jedha, Isatti hajama. “Innis Injifataa” Isa qofatu humna waa hundaa injifatu qaba. Humni kamiyyu humna Isaatiin morkachuu hin danda’u. “Ogeessa” wanta hunda bakka isaaf malu kan kaa’udha. Seera kaa’u tokkollee hin kaa’u ogummaa fi faaydaf yoo ta’e malee. Wanta uumuu tokkollee hin uumuu faaydaf yoo ta’e malee.[1]

Qur’aanni namoonni erga du’anii booda akka kaafaman amansiisuuf maloota adda addaatti fayyadame jira. Maloonni kunniin hundi sammuu isaanii waliin kan deemaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota erga du’anii booda jazaaf isaan kaasun barbaachisa akka ta’e isaan yaadachisa. Namoota kan uumeef Isa qofa akka gabbaraniif. Kanaaf, karaa ittiin Isa gabbaranii fi Isaaf ajajaman ifa gochuuf Ergamtoota ni erge, kitaabban ni buuse. Kanaafu, erga du’anii booda namni badaa fi gaariin osoo jazaa isaanii hin argatin akkanumatti hafuu? Du’aan booda kaase yoo jazaa isaaniif hin kafalin namni badaa fi gaarii wal-qixaa jechuudha. Namni gaarii wanta gaarii hojjateef yoo hin badhaafamin, namni badaa badii hojjateef yoo adabamin, garaagarummaan isaanii eessatti ree?

Addunyaa tana keessatti namoonni badii hojjatanii osoo hin adabamin du’an mee ilaali. Adolf Hitlar namoota miliyoona jahaa jumlaan fixe. Adolf Hitlar mana murtiitti dhiyaatee adabbii argatee jiraa? Osoo mana murtiitti hin dhiyaatin du’e. Yeroo ammas, moottonni abbaa irree namoota kumaatamatti lakkaawaman fixaa jiru. Mana murtiitti osoo hin dhiyaatin du’u. Kanaafu, moottonni abbaa irree fi namoonni badii hojjatan kunniin osoo adabbii guutuu hin argatin akkanumatti badanii hafuu? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni (Zaalimonni) raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf Guyyaa isa keessa ijji sodaadhan bobaastudha. [Gara waamichaatti] fiigaa mataan isaanii kan olka’u ta’a, ijji isaaniis gara isaaniitti hin deebitu. Qalbiin isaanis duwwaadha.” Suuratu Ibraahim: 42-43

Kanaafu, Qiyaamaan dhufuun wanta shakkii hin qabnee fi dirqama ta’eedha. Rabbiin subhaanahu ni jedha:

11:104

 “[Guyyaa Qiyaamaa] yeroo lakka’ameef (murtaa’ef) malee hin tursiisnu.” Suuratu Huud 11:104

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sanyii Aadam irraa namoonni meeqa addunyaa tana irra akka dhufan dursee murteesse jira. Yeroo isaaniis murteesse kaa’e jira. Namoonni lakkoofsi isaanii beekkame kunniin addunyaa tana irratti dhufanii erga xumuramanii booda Qiyaamaan ni dhaabbatti. Kanaafu, Qiyaamaa tursiisuun dadhabbiif osoo hin ta’in yeroon jireenya addunyaa duraan murteefame haa xumuramuufi. Yeroon jireenya addunyaa tanaa erga xumuramee booda Qiyaamaan dhaabbachuun qorannoo fi jazaan ni jalqabama.


Kitaabban wabii
[1] Tafsiiru Ibn Kasiir – 6/614-616, Tafsiiru Sa’dii-fuula 917-918, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi–13/125-134,  Zaadul Masiir-Ibn Al-Jawzi- fuula 1296-197, Tafsiiru Xabari-21/107-110

Mormii Mushrikootaa-Kutaa 4
Mormii Mushrikootaa-Kutaa 2.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply