Mormii Mushrikootaa-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Mormii 3ffaa- Nabiyummaa Ergamaa Rabbii (SAW) faallessuu
Mushrikoonni namummaa Nabiyyii irratti mormii cimaa agarsiisan. Ergamaan Rabbii akka isaanii nama ooso hin ta’in malaayka ta’uu qaba ykn malaykan isa waliin kan deemu ta’uu qaba jedhanii yaadu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

17:94

Namoonni yommuu qajeelchi isaanitti dhufu, “Sila Rabbiin ilma namaa Ergamaa godhee ergaa?” jechuu malee homtuu amanuu irraa isaan hin dhoorgine.” Suuratu Al-Israa 17:94

Kana jechuun namoota baay’ee qajeelchi (kitaabni fi Ergamaan) Rabbiin irraa yommuu isaanitti dhufu, wanti amanuu fi ergamtoota hordofuu irraa isaan dhoowwe ilaalcha badaa fi jecha isaanii kana: “Sila Rabbiin ilma namaa Ergamaa godhee ergaa?, Maaliif Malaayka hin erginee?” Rabbiinis akkana jechuun deebii isaaniif kenna:

17:95

Jedhi, “Osoo dachii keessa Malaaykonni tasgabbaa’anii deeman kan jiraatan ta’ee, silaa samii irraa Malaaykaa Ergamaa goone isaan irratti buufnaa turre.” Suuratu Al-Israa 17:95

Malaykaan kan ergamu malaaykotaa qofaaf akka ta’e Rabbiin ni beeksisa. Sababni isaas, osoo Malaaykan namootatti ergamee, silaa namoonni haala irratti uumameen malaykaa kana arguu hin danda’an.[1] Malaykoonni uumamni isaanii kan namootaa irraa adda kan ta’e fi guddinni isaanii kan nama sodaachisudha. Rabbiin nabiyyoota qofa haala malaaykan irratti uumame arguu irratti isaan dandeesise. Dabalataaf barruu tana dubbisuun ni danda’ama: (Dubbistoonni duraan barruu tana dubbisan, barreefama armaan gadi itti haa fufan. Warri hin dubbisne immoo boodarra itti deebi’un dubbisuu danda’u)- https://www.sammubani.com/2018/10/31/maaliif-malaykaan-hin-ergamnee/#more-8216

Mushrikoonni Nabiyummaa Ergamaa Rabbii (SAW) faallessuu fi mormuuf maqaa adda addaa baasu fi isa arrabsuu turan. Wanta nabiyyiin hin malleen arrabsu. Kuni hundi ifa Islaamatti karaa cufuu fi namoonni hordoftootaa fi gabroota isaanii ta’anii akka hafan gochuufi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Sila gara isaan qananii Rabbii kufriin jijjiranii fi ummata isaanii ganda badii qubsiisanii hin ilaallee?” Suuratu Ibraahim 14:28

Qananiin Rabbii kuni Nabii Muhammadin (SAW) isaaniif erguudha. Addunyaa fi Aakhiratti Nabiyyiin wanta gaarii argachuu hundatti isaan waama, sharrii addunyaa fi aakhira jalaa nagaha bahutti isaan affeera. Garuu isaan qananii kana fudhachuu diduun, mormuun, ofii fi namoota biroo irraa dhoowwun jijjiran. Hanga ummata isaanii ganda badii qubsiisanitti Nabiyyitti amanuu fi hordofuu irraa ni dhoowwan. Kufrii fi jallinna isaanii keessa akka turan ni miidhagsaniif. Gandi badii kuni ibidda Jahannami. [2]  Itti aanse ni dubbata.

Haaluma kanaan, hoggantoonni fi jallistoonni yeroo ammaa, Nabiyyii, Qur’aanaa fi Islaamaa maqaa xureessun Islaama hordofuu irraa namoota dhoowwan, aayan tuni isaanifis ni taati. Akkuma Qureeshonni hordoftoota isaanii Nabiyyi (SAW) maqaa xureessun karaa qajeelinna namootatti cufan, hoggantoonni fi jallistoonni ammas miidiyatti fayyadamun hordoftoota isaaniititti karaa qajeelinnaa itti cufu. Haala kanaan dhumarratti ganda badii isaan qubsiisu.

14:30

“Karaa Isaa irraa jallisuuf Rabbiif andaada godhan. ‘Dhugumatti, deebiin keessan gara ibiddaatti, [yeroo xiqqoof] qanani’aa’ jedhin.” Suuratu Ibraahim 14:30

 “Karaa Isaa irraa jallisuuf” namoota isaaniif ajajamanii fi hordofan karaa Rabbii irraa jallisuuf, “Rabbiif andaada godhan” kana jechuun Gooftummaa ykn gabbarri keessatti Rabbiif fakkaattoota, dorgomtoota fi shariikota gochuun Isaa gaditti gabbaran. Rabbiin waliin sanama ykn taabota, Nabiyyii, Malaykaa, muka,  fi uumamtoota biroo gabbaran (waaqefatan). Namoota biroos akka kana gabbaran itti waaman. Kuni haala hoggantootati. Mee wanta peenxonni fi gareewwan biroo hojjatan ilaali. Rabbii guddaa dhiisanii gara Iyyasuusin gabbaruutti (waaqefachuutti) namoota waamu.

 ‘Dhugumatti, deebiin keessan gara ibiddaatti, [yeroo xiqqoof] qanani’aa’ jedhin.” Kana jechuun, jedhi yaa nama karaa Rabbii keetitti namoota waamu! Jireenya addunyaa irraa qananii xiqqoo itti fayyadama. Du’aan dura badii kufrii irraa buqqa’uun gara Gooftaa keessanitti yoo hin deebi’in, dhugumatti Guyyaa Murtii gahuumsi isin itti deemtan adabbii ibiddaati[3].

Mormii 4ffaa-Qur’aana

Akkuma Nabiyyiin (SAW) Ergamaa Rabbii ta’u dhugoomsu didan, Qur’aanni Rabbiin irraa bu’uu dhugoomsu ni didan. Gosa walaloo keessa tokko akka ta’etti ilaalan. Namni Qur’aana fi walaloo Arabaa wal bira qabe garaagarummaa isaan jidduu jiru sirritti arga. Qur’aanni akkamitti walaloo ta’aa, walalessitoota namoota jallisanii fi faallaa haqaa dubbatan balaalefatee (qeeqee) osoo jiruu? Qur’aana keessatti:

“Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa. Sulula hunda keessa akka raata’anii fi wanta hin hojjanne akka dubbatan hin arginee?” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:224-226

Keeyyatonni kunniin hordoftootatti xinxalluun walaleessitoota fi nabiyyii wal bira akka qaban nama waamu. Namoonni dhugaan amanan hordoftoota Nabiyyii (SAW) yoo ta’an, hordoftoonni walaleessitoota ykn weellistoota hordofan immoo jallattoota. Jallattoonni dhugaan Nabiyyii hin hordofan. Kanaafu, kuni Nabiyyiin walaleessaa akka hin taane agarsiisa. Qur’aannis walaloo miti. Osoo Nabiyyiin walaleessaa ta’ee silaa jallattootatu isa hordofa ture; warroonni amananii qajeelinna barbaadan isa hin hordofan.

Al-Ghaawuun jechuun jallattoota osoo beekanuu fedhii lubbuu hordofuun daandii qajeelaa dhiisaniidha. Hordoftoonni walaleessitootaa ykn wellistootaa jallattoota yoo ta’an, haalli walaleessitoota mataan isaanii maal ta’inna ree laata? Mucucni walaloo sulula badii, kijibaa, daangaa darbuu, namoota kabaja qaban haqa malee gadi-xiqqeessu fi namoota gadi aanoo faarsutti isaan mucuceessa.

Hin arginee Sulula hunda keessa akka raata’an?”
Yaa nama yaadu hoo! Haala walaleessitoota ykn wellistoota baay’ee isaanii duraan yoo hin beekin, qoradhu. Sulula hunda keessa akka raata’an ni argita. Hangi isaan gara gaara gubbaatti olbahan baay’ee xiqqaadha.

“Raata’an” jechuun karoora fi qajeelinna tokko malee jireenya isaanii keessa deemu. Kaayyoo galmaan gahuuf itti carraaqan osoo hin beekin fedhiin lubbuu fi hawwiin isaanii asii fi achii isaan oofti. Akka lugaatti ebalu raata’e ni jedhama. Kana jechuun gara dachii bahee gara itti deemu hin beeku. Karama arge deema, asii fi achi dhama’a.
Sulula jechuun gaarreen ykn lafa olka’aa jidduu lafa gadi bu’aa ta’eedha.

Aaya armaan olii keessatti wanti barbaadamee, raata’uu fedhii lubbuu, yaadaa fi hojiiti. Sululli immoo jireenya keessatti dirree (field) nashaaxaa hojii fi sochiiti. Sababni isaas, isaan amala gaarii, guutuu fi ol’aanaa ta’e hin filatan. Fakkeenyaf, beekumsa, hojii kheeyri fi faaydaa qabu, gara Rabbitti namoota waamu, karaa Rabbii keessatti qabsaa’u, dhaloota amala gaarii irratti guddisuu fi kkf keessatti hin hirmaatan. Kana irra, dhimmoota gadi aanoo fi wanta fokkuutti rarra’u. Namoonni waa isaaniif akka kenniniif kijibaan isaan faarsu. Namoota isaaniif hin kennine immoo maqaa xureessu. Yookiin immoo dhaadannoo kijibaa dhaadatu ykn dubartii faarsu, jaalala akka ibiddaa nama gubuu ibsuu fi dhimmoota biroo gadi aanoo olka’iinsi keessa hin jirretti taru. Kuni haala weellistoota baay’eeti[4]. Dubbiin isaan dubbatanii fi sochiin isaan godhan akka sululuutti gadi aanaa kan ta’eedha. Fedhiin lubbuu fi hawwiin asi achi isaan raatessiti.

Hasan Al-Basrin aayah tana ilaalchise ni jedha: Dhugumatti Rabbiin kakadhe! Sulula isaan keessa raata’an arginee jirra. Yeroo garii ebaluun arrabsuu keessa, yeroo garii immoo ebaluun faarsu keessa raata’u. Qataadan akkana jedha: Walaleessaan namoota sobaan ni faarsa, ammas namoota biroo sobaan ni balaalefata. Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) ni jedha: “dubbii faaydi hin qabne hunda keessatti taru.”[5] Asirraa ka’uun hojii weellistoota baay’ee mee itti xinxalli!

wanta hin hojjanne akka dubbatan hin arginee?” Kuni amala walaleessitoota ykn weellistootaati. Dubbiin isaanii hojii isaanii faalleessa. Yommuu nama tokko faarsu ykn balaalefatu argitu, kuni dhugaadha jetta. Garuu inni soba. Yeroo garii hojii hin hojjanneef of faarsa. Amaloota biroo hin qabneef of faarsa.

Mee ilaalli haalli walaleessaa fi haalli Nabiyyi Muhammad (SAW) wal fakkaatuu? Nabiyyiin namoota qajeelcha, namni qajeelan isa hordofa, karaa qajeelaa irra jira, dubbii fi hojiin isaa wal hin faallessan. Kheeyritti malee nama hin ajaju, sharrii irraa malee nama hin dhoowwu. Wanti dubbatu hundu dhugaadha. Homattu hin ajaju awwala kan hojjatu isa yoo ta’e malee. Homarrayyu hin dhoowwu awwala kan dhiisu isa yoo ta’e malee. Mee haalli isaa haala walalessitootatiin wal fakkaataa ykn walitti dhiyaataa? Yookiin gara hundaanu isaan faallessaa? Nabiyyi guutuu fi nama hunda caalu kanarratti nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu. Inni walaleessaa miti, saahiras miti, maraatas miti. Amala guutuu ta’e malee homtu isaaf hin malu.[6] Qur’aana keessatti ni jedha:

36:69

“Walaloo isa hin barsiisne, isaafis hin malu. Inni yaadannoo fi Qur’aana ifa galaa qofa.”
Kana jechuun Nabii Muhammadin (SAW) walaloo hin barsiifne. Walaleessaa ta’uunis isaaf hin malu. Garuu kan isa barsiise yaadannoo fi Qur’aana ifa galaa qofa.

Walaleessitoota amala isaanii erga ibsee booda walaleessitoota Rabbii fi ergamaa Isaatti amanan, hojii gaggaarii hojjatanii fi zikrii Isaa baay’isaan isaan irra adda baase. Walaleessitoonni amaloota sadan kanniin qaban walaleessitoota armaan olii keessa hin seenan. Amaloonni sadan kunniinis, amanuu, hojii gaggaarii fi zikrii baay’isuudha.
Warra amananii, hojii gaggaarii hojjatanii fi baay’innaan Rabbiin yaadatan, erga miidhamanii booda [walaloon] kan ofirraa deebisan (harka kafalatan) malee. Isaan miidha hojjataniis deebifama akkami akka deebifaman beekuuf jiru.” Suuratu Ash-Shu’uraa’a 26:227

Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aanni dubbii walaleessa fi raagdu akka hin taane ni dubbata.

“Inni (Qur’aanni) jecha walaleessaatii miti, xiqquma qofa amantu. Jecha raagaatiis miti, xiqqoo malee hin gorfamtan. Gooftaa aalamaa hundaa irraa kan buufameedha.” Al-Haaqqah 69:41-43
Namoota hunda dura walaleessitoonni Qur’aanni walaloo akka hin taane hubatanii jiru.

Kijibaa fi daangaa darbuu Mushrikoota keessaa kan biraa jecha isaanii, “Muhammad nama Araba hin taane irraa Qur’aana barata.” Namni Araba hin taane isaan baanan kuni nama gabra naannawa Safaatti waa gurguruudha. Tarii Nabiyyiin (SAW) yeroo garii isa bira taa’un waa itti dubbatu. Garuu namtichi alarraa dhufe Araba hin taanee kuni waan xiqqoo malee Arabiffa hin beeku. Akkamitti Qur’aanni Arabiffaa sirni ijaarsa jechoota isaa sadarkaa ol’aanaa irraa gahe nama Arabiffa sirritti hin beekne irraa maddaa? Kanaafi, Rabbiin olta’aan akkana jechuun isaanitti deebisee:

16:103

Kan isa barsiisu ilma namaa qofa” akka jedhan dhugumatti ni beekna.  Qooqni nama isaan itti jallisanii Araba kan hin taanedha. Kuni (Qur’aanni) immoo qooqa (lugaa) Arabiffa ifa galaadha.” Suuratu An-Nahl 16:103

Mushrikoonni Makkaa, “Qur’aana Muhammadin kan barsiisu ilma namaa qofa.” Jechuun sobaan Nabiyyii (SAW) maqaa xureessu. Namni isaan itti akeekan kuni nama alarraa dhufe lugaan isaa Arabiffa hin taanedha. Qur’aanni immoo lugaa Arabiffaa ifa galaa ta’eeni. Namni sammuu sirrii qabu, “Namni Arabiffa sirritti hin beekne, Qur’aana Arabiffaa Araboonnu fakkaataa isaa fidu hin dandeenye, Nabii Muhammadin (SAW) ni barsiisa” jedhee ni yaadaa? Namni Ingiliffa hin dandeenye, kitaaba ingiliffaa nama barsiisuu danda’aa? Namni hubanno xiqqoo qabuyyuu, “Namni Arabiffa hin beekne Qur’aana Arabiffaa isa barsiisa” jedhee hin dubbatu.
Mata-dureen kuni itti fufa…


Kitaabban wabii
[1] Tafsiira Qurxubii- 13/178
[2] Tafsiiru Sa’dii-fuula 493
[3] Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 14/63
[4] Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 8/727
[5] Ibn Kasiir 5/655
[6] Tafsiiru Sa’dii fuula 703

Siiraa Lakk.17.1
Mormii Mushrikootaa-Kutaa 4
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply