Mormii Mushrikootaa-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Qur’aana ilaalchisee Mormii Mushrikoota-kutaa 2ffaa
Ammas Mushrikoonni kijiba biraa Nabiyyitti (SAW) maxxansan. Kijibni kunis, “Qur’aana kana Muhammadtu ofirraa fuudhe dubbate. Yookiin namoota durii irraa waraabe.” Kiristaanonni ammaas kijiba kana keessatti yommuu akkana jedhan isaan waliin hirmaatu: “Muhammad Qur’aana macaafa qulqulluu irraa garagalche.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun Mushrikootaa, Kiristaanota fi garee biraatiif deebii deebisa:

“Jedhi ‘Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii [hunda] Kan beekutu isa (Qur’aana) buuse.’ Dhugumatti Inni akkaan Araaramaa, rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Furqaan 25:6

Nama Qur’aanni kuni kitaaba Kiristaanota fi Yahuudota irraa waraabame jedhuuf deebiin isaaf kennamu, “Samiwwanii fi dachii keessatti iccitii [hunda] Kan beekutu isa (Qur’aana) buuse.” ta’a.  Qabiyyee deebii kana keessa jiru hubachuuf wanta Qur’aanni of keessatti qabate beekun nurra jira. Akkasumas, haala namoota jecha kijiba kana jedhanii fi iccitii isaanii Rabbiin qofti beeku hubachuu qabna. Wanta Qur’aanni of keessatti qabate ilaalun qorataa tokko gara wantoota armaan gaditti isa qajeelcha:

1ffaa-Tooftaan dubbii itti ibsuu Qur’aana keessatti dhufee fi kitaabban Qur’aana dura dhufan jidduu wal fakkeenyi hin jiru. Ijaarsi himaa fi jechoota Qur’aana keessa jiruu fi kitaabban darban keessa jiran wal hin fakkaatan. Kuni jechoonni Qur’aanaa kitaabban darban irraa kan hin waraabbamne ta’uu ifaan ifatti agarsiisa.

2ffaa-Dhimmoota amantii irraa wanti Qur’aana keessatti dhufe kan hiikni isaanii kitaabban darban kanneen akka Suhf Ibraahim fi Muusaa, Tawraat, Zabuur, Injiil fi kanneen biroo keessatti bu’e, dhimma amanti kana Kan buuse Tokkicha akka ta’e mirkaneessa. Innis Rabbiidha. Fakkeenyaf, waa’een tawhiida (Rabbiin tokkichoomsu) Qur’aana keessattis, kitaabban darban keessattis bu’ee jira. Osoo kitaabban kunniin jijjiramu ykn micciramuu fi baduu baatanii silaa dhugaa kana ifa baasu.

Garuu kitaabni amanti Kiristaanotaa fi Yahudoota harka jiru, kitaaba micciramee fi itti dabaluu fi irraa hir’isuun hundee sirrii irraa kan jijjirameedha. Kanaafu, hanga xiqqoo malee, wanti Qur’aana keessa jiruu fi wanti kitaabban isaanii keessa jiru guutumaan guututti walitti hin galu.

Hundeen sirriin Rabbiin olta’aan nabiyyoota darban irratti buuse kiristaanota fi yahudoota keessatti iccitii garmalee dhokfamu ta’ee jira. Amantiin Rabbiin namootaaf kaa’e tokkicha waan ta’eef, qabiyyeen ergaa Nabiyyoota Rabbiin irraa ergamanii walitti kan galan ta’uu qaba. Garuu kitaabban kunniin kan badanii fi iccitii keessaa iccitiii guddaa waan ta’aniif eenyullee hundee amantii sirrii ta’ee kitaabban kanniin irraa waraabu hin danda’u. Fakkeenyaf, Rabbiin Tokkichoomsun (tawhiinni) hundee amantiiti. Tawhiinni ergaa nabiyyoota hundaati. Kitaabban amma Kiristaanonni fi Yahuudonni harka qaban keessatti tawhiinni dhimma iccitii ta’ee fi kan badeedha. Garuu Qur’aana keessatti tawhiinni bal’innaan kan ibsameedha.

Kuni Qur’aana kan buuse Rabbii iccittii samiiwwanii fi dachii beeku akka ta’e agarsiisa. Qur’aanni kitaaba Kiristaanonni fi yahuudonni “Kuni Rabbiin irrayyi” jedhan irratti tiiksadha. Kana jechuun wanta dogongoraa fi sobaa kitaabban kanniin keessa jiru ni sirreessa. Miccirrama achi keessa jiru ifa baasa. Wanta achi keessaa bade ni mirkaneessa. Amanti guutuuf wanta barbaachisu itti dabala.

Kanaafu, Kiristaanota Qur’aanni macaafa qulqulluu irraa waraabbame jedhuuf deebiin sirriin ta’uu, JedhiSamiwwanii fi dachii keessatti iccitii [hunda] Kan beekutu isa (Qur’aana) buuse.’”
Qur’aanni iccitii isaan dhoksanii fi haaqan waan ifa baasuuf Rabbii iccitii hunda beeku irraa bu’e.

3ffaa-Qur’aana keessatti wanta buufamee keessaa dhimmoonni iccitii samiin wal qabatan kanneen akka pilaaneti, urjiilee fi dhimmoonni iccitii dachii kanneen akka namoota fi lubbuu qabeenyi birootin wal-qabatan dhufanii jira. Pilaanetotaa, urjiilee, dachii, namoota, lubbuu qabeenyi biroo ilaalchise wanti saayinsin yeroo ammaa irra gahee yeroo Qur’aanni bu’u sanitti iccitii samii fi dachii Rabbiin qofti beekudha. Kitaabban darban keessatti waa’een kanaa hin dhufne, namni yeroo sanitti beekus hin jiru. Dhugaan saayinsawaa Qur’aana keessa jiraachun, Qur’aana kan buuse Rabbii samii fi dachii keessatti iccitii beeku akka ta’e agarsiisa. Kanaafu, deebiin isaaniif maluu wanta barsiisa Rabbii olta’e keessatti dhufeedha: JedhiSamiwwanii fi dachii keessatti iccitii hunda Kan beekutu isa (Qur’aana) buuse.’

4ffaa-Mushrikoonni, “Kuni oduu durii namoota irraa waraabbameedha.” jedhan, isaan kijibdoota ta’uu sirritti beeku. Wanta jedhaniif ragaa hin qaban. Kan isaan kana jedhaniif hordoftoota isaanii dogongorsuu fi Qur’aana fi Nabiyyii hordofuu irraa isaan garagalchuufi. Deebiin sirriin haala isaanii kanaaf maluu kenname: JedhiiSamiwwanii fi dachii keessatti iccitii hunda Kan beekutu isa (Qur’aana) buuse.”

Ragaa sobaa Ergamaa Rabbii irratti uumtaniif adabbii fi haloo Isaa irraa of eeggadhaa. Akeekachiisa kana booda yoo isaan araarama kadhatan, tawbatan,  amananii fi Rasuula hordofan, Rabbiin araarama fi rahmata Isaatiin isaan kajeelchisa. Rabbiin olta’e ni jedha, “Dhugumatti Inni akkaan Araaramaa, rahmata godhaadha.” Kana jechuun Inni yeroo hundaa nama gara Isaatti deebi’ee araarama kadhatee fi karaa Isaa qabateef ni araarama, rahmata godha.[1]

Qur’aana ilaalchise dubbii kijibaa Mushrikoonni fi namoonni biroo jedhan daran ifatti baasa. Qur’aanni jecha namaati yoo jettan, wanta Qur’aana fakkaatu fidaa ykn boqonnaa kudhan ykn boqonnaa takkaayyu fidaa jechuun isaan affeera. Yoo fidu dadhaban Qur’aanni jecha namaa akka hin taane namni sammuu qabu haa mirkaneefatu. Affeerraa fi deebii kana mee keeyyattoota armaan gadi keessatti haa ilaallu:

“Inumaayyu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu? Jedhi, “Yoo kan dhugaa dubbattan taatan, fakkaataa isaa suurah kudhan kanneen [isin biraa] uumaman fidaa. Rabbiin gaditti nama dandeessan [gargaarsaf] waamadhaa.” Yoo isiniif deebii hin kenniin, [Qur’aanni] beekumsa Rabbiitiin akka buufamee fi Isa malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre beekaa. Kanaafu Muslimoota ni taatuu?” Suuratu Huud 11:13-14

“Inumaayyu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu?” kana jechuun Mushrikoonni Makkaa ykn namoonni biroo akkana jedhu sila? “Muhammad Qur’aana ofuma irraa fuudhe dubbatee ‘kuni Rabbiin irraa bu’e’ jedha.”  Deebiin namoota kanaaf kenname kana fakkaata:
Wanta jettan kana dhugaa kan dubbatan yoo taatan, suurawwan (boqonnaalee) kan of biraa isin uumtan kudhan, suurawwan Qur’aanaatin kan wal fakkaatan fidaa. “Qur’aanni jecha namaati” jechuu irratti dhugaa yoo taatan, suurawwan kudhan kan Qur’aana fakkaatan uumuuf Rabbiin ala nama dandeessan gargaarsaf waamadha.

Isinii fi Nabii Muhammad (SAW) jidduu dandeetti Afaan Arabiffaattiin garaagarummaan hin jiru. Da’waa isaa balleessuuf isin diinota fedhii guddaa qabaniidha. Yoo dhugaa dubbattan, suurawwan kudhan fidaa. [2]

“Yoo isiniif deebii hin kenniin” kana jechuun yoo suurawwan kudhan fiduu dadhaban, beekaa, isaan kanarraa dadhaboodha, Qur’aanni kuni beekumsa Isaa, wanta Inni ajajee fi dhoowwe of keessatti qabatee Rabbiin irraa kan bu’eedha.[3] Ammas, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre beekaa. “Kanaafu Muslimoota ni taatuu?” Kana jechuun ragaan erga isiniif dhiyaate booda Rabbiif ni ajajamtuu, Isa qofa ni gabbartuu?[4]

Mushrikoonni suurawwan Qur’aana fakkaatan kudhan yommuu fidu dadhaban, gara suurah takkaatti isaaniif hir’ifame. Ni jedha:

10:38

“Inumaayyu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu? Jedhi, “Yoo kan dhugaa dubbattan taatan, fakkaataa isaa suurah takka fidaa. Rabbiin gaditti nama dandeessan [gargaarsaf] waamadhaa.” Suuratu Yuunus 10:38

Qur’aanni kuni Rabbiin irraa ta’uu yoo shakkitanii fi sobaan, “Muhammadtu ofirraa fuudhee dubbate” yoo jettan, isinis suurah akka Qur’aanaa takka fidaa. Namaa fi jinnii irraa gargaarsaaf nama dandeessan waamadhaa.

Ammas, Qur’aana keessatti bakka biraatti dubbii kana jabeessuf ni jedha:
“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo taatan, suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan waamadhaa.”Suuratu Al-Baqarah 2:23

Mushrikoonni fi namoonni biroo suurah Qur’aana fakkaatu gonkumaa fiduu hin dandeenye. Kanaafu, affeerraa isaaniif dhiyaate hojjachuu erga dadhabanii, ilmi namaatii fi Jinnin wanta Qur’aana fakkaatu fiduu hin danda’anii jechuudha. Akkuma irranatti arginu, gargaarsaf nama dandeessan waamadhaa, ragoota waamadhaa jedha. Kanaafu, wanta akka Qur’aanaa fiduuf namoonni fi jinnooni osoo walitti qabamani, fiduu hin danda’an. Ni jedha:

17:88

Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu irratti walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Israa 17:88

Namoonni fi jinnooni hundi erga dadhabanii, Qur’aanni Rabbiin irraa bu’uun shakkii hin qabu jechuudha. Ni jedha:

10:37

Qur’aanni kuni Rabbii gaditti kan sobaan uumamu hin taane. Garuu dhugoomsaa [kitaabota] isa dura turanitii fi addeessa kitaabati. Gooftaa aalama irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.” Suuratu Yuunus 10:37

Qur’aanni kuni Rabbii gaditti kan sobaan uumamu hin taane.” Kana jechuun namas ta’e, jinnis ta’e, Malaaykas ta’e eenyullee Rabbiin ala Qur’aana kana barreessun ykn ofirraa fuudhe dubbachuun ergasii “Kuni Rabbiin irraa bu’e” jechuu hin danda’u.[5].  Sababni isaas, uumamtoota keessaa eenyullee wanta akka Qur’aana fiduu hin danda’u. Qur’aanni wanta darbe, wanta ammaa fi wanta gara fuunduraatti dhufuu of keessaa qaba. Rabbii waan hundaa beekun ala eenyutu waan darbe, amma fi gara fuunduraatti dhufu hunda beekaa? Kanaafu, Qur’aanni kuni kalaama (dubbii) Rabbii olta’aa fakkaata hin qabneeti. Akka mushrikoonni jedhan dubbii nabii Muhammadi (SAW) miti. Ammas akka gareewwan biroo jedhan, dubbii Malaykaa Jibriili miti. Qur’aanni kuni dubbi ykn jecha nama kamiyyuu ta’uu hin danda’u.

“Garuu dhugoomsaa [kitaabota] isa dura turanitii” kana jechuun Rabbiin ala eenyullee Qur’aana kana ofirraa fuudhee dubbachuu ykn barreessu hin danda’u. Garuu Gooftaa aalamaa irraa kan bu’eedha. Dhugaa kana wanta agarsiisu keessaa tokko, kitaabban darban kan Rabbiin irraa bu’an akka Nabii Muhammad (SAW) ergamuu fi Qur’aanni isarratti buufamu beeksisanii fi gammachiisanii turan. Akkuma kitaabban sunniin (Tawraat, Injiil) beeksisan Qur’aannis ni bu’e. Ammas, Qur’aanni kitaabban darban kanniin keessatti wanta abbootin amanti jijjiran, micciranii fi dhoksan ifa baasa.[6]   

 “fi addeessa kitaabati.” Hayyoonni kanaaf hiika lamaa kennanii jiru. 1ffaa-Qur’aanni kitaabban darban ibsa. Wanta isaan keessatti haala wali-galaatin dhufe Qur’aanni takka takkaan ibsa. 2ffaa-Dirqamoota Rabbiin ummata Nabii Muhammad (SAW) irratti katabee fi wantoota haraama dhoowwe ibsa. Haraama fi halaala, murtiwwan amantii fi odeefannoo dhugaa addeessa (ibsa).[7]

“Gooftaa aalama irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.” Asitti aalama jechuun Rabbiin ala wantoota jiran hunda jechuudha. Hiikni aaya: Qur’aanni kuni Rabbiin irraa bu’uun shakkiin keessa hin jiru. Qur’aanni jecha Rabbii olta’aati. Bakka biraattis ni jedha:

“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Gooftaa aalama irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.” Suuratu As-Sajdah 32:2

Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa erga buufamee, “Akkamitti Nabiyyii (SAW) irratti buufame?” gaafii jedhuuf, dabalataan kitaaba “Akkaataa Qur’aanni itti buufamee fi Walitti Qabame” ilaalun ni danda’ama.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 6/360-362
[2] Zaadul Masiir 645, Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/334, Tafsiiru Sa’dii 435
[3] Tafsiiru Ibn Kasiir 4/438
[4] Xabarii 12/345
[5] Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/119, Tafsiiru Qurxubii-10/503
[6] Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/120, Tafsiiru Sa’dii 418
[7] Maddoota olii, Tafsiiru Qurxubii-10/503

Mormii Mushrikootaa-Kutaa 3
Mormii Mushrikootaa-Kutaa 2.2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply