Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.1

Warri iimaanaa Gooftaa isaanii beekuuf fedhan maqaalee gaggaarii fi sifaata ol’aanaa Isaa irratti xiyyeefachuu, barachuu, hiika isaanii hubachuu, haffazuu fi maqaalee kanaan Rabbii olta’aa kadhachuun isaan irra jira. Maqaalee gaggaariin Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa beekun diini Rabbii olta’aati, hundee Gooftaa ofii itti beekaniidha. Maqaalee Isaa keessaa maqaaleen qalbii wanta biraatti hirkachuu fi mootummaan dhugaa Isaan ala wanta biraatiif ni ta’a jedhanii amanuu irraa qulqulleessan, “Malik, Maalik fi Maliik”. Namni maqaalee kanniin sirritti yoo hubate, qalbiin isaa Rabbiin ala wanta biraatti rarra’uu irraa ni qulqulloofti, akkasumas, ajajoota Gooftaa isaa bakkaan gahuuf ni carraaqa.[1]

A-Hiika Maalik, Malik, Maliik
Jalqaba hiika maqaalee kanniini ilaalun dura mee Mulk maal akka ta’e haa ilaallu. Mulk (Motummaa) jechuun wanta tokko qabaachuu fi isa keessatti wanta fedhan hojjachuudha.  Akkasumas, wanta lubbu qaban kanneen akka namootaa irratti ajajuun, dhoowwuun, mindaa kennuu fi adabuun aangoo fi too’annaa irratti qabaachudha[2].

Akka lugaatti, Maalik jechuun Qabaataa, Dhuunfataa jechuudha. Jecha biraatin, wanta tokko kan qabuu jechuudha. Ingiliffaan, “Possoser, Owner” jedhama.[3]

Malik-akka Afaan Oromootti, “Mootii” jechuudha. Imaam ibn Al-Qayyiim (rahimahullahu) akkana jedha: “Al-Malik (mootii)- jechuun Kan ajaju, Kan dhoowwu, kan jabeessu, kan salphisudha. Akkasumas, Kan dhimmoota gabroota Isaa akka fedhetti jijjiruu, qindeessu fi gaggaragalchuudha. Rabbiin subhaanahu Al-Malikul Haqqul Mubiin (Mootii Haqaa ifa baheedha)- Mootiin Kan ajajuu fi dhoowwu, kan mindaa kennuu fi adabu, kan salphisuu fi kabaju, kan jabeessu fi xiqqeessudha.”[4]
Maqaan Maliik jedhus hiika “Mootii” jedhu qaba. Garuu Maliik motummaan Isaa haqa ta’uu fi fiixee ol’aanaa irra gahuu (mubaalagh) agarsiisa.

Hiika jechoota afranii kana erga hubannee, sirritti waa’ee Mootii fi Motummaa hubachuuf carraaqu qabna. Yoo akkana goone, maalummaan jireenya nuuf gala.

Haqiiqaadhaan Motummaan Rabbiif malee eenyufillee hin ta’uu
Akkuma duratti jenne Motummaa jechuun wanta tokko qabaachu fi isa kessatti wanta fedhan hojjachuu, akkasumas, wanta lubbuu qabuu ajajuun, dhoowwun, mindaa kennuu fi adabuun aangoo irratti qabaachudha. Mootiin immoo kan ajaju, dhoowwu, mindaa kennu fi adabuudha. Mootiin biyya tokkoo namoota isa jala jiran ni ajaja, ni dhoowwa, seera qabsiisa, nama waan gaarii hojjate mindaa kenna, nama badii hojjate immoo ni adaba. Akkasi miti ree?

Mee amma of haa gaafannu, “Mootiin biyya tokkoo mootummaan isaa yeroo hundaaf ni turaa?” Ammas gaafi lammata itti haa daballu, “Mootiin namaa tokkichi biyya takkarra ykn lamarra darbee addunyaa guutuu bulchuu danda’aa?” Deebiin keenya: “Mootiin biyya tokkoo motummaan isaa yeroo hundaaf hin turu. Yeroo muraasan booda inni du’uun ykn fonqolfamuun mootummaan isaa irraa fudhatama.” Ammas, mootiin namaa tokkichi addunyaa guutuu bulche jira oduu jedhu hanga ammaa hin dhageenye. Moottonni Roomaa fi Pershiyaa duraan beekkamo ta’an biyyoota muraasa bulchaa turan malee addunyaa guutuu harkatti galfachuun hin bulchine. Dubbiin erga akkana ta’ee Motummaan haqaa kan eenyuti ree? Kana hubachuuf jalqaba haqa jechuun maal akka ta’ee beeku qabna. Hiika “Haqaa” keessaa tokko: wanta dhaabbata gonkumaa hin jijjiramne fi itti fufaa ta’eedha.

Mootummaan ilma namaa ni jijjirama, itti fufaa miti. Kanaafu, motummaan namaa haqa miti (yeroo hunda turaa kan hin jijjiramnee miti). Kana irraa wanta isaaf kennamee yeroo muraasan booda irraa fudhatamuudha. Kanaafu, Motummaan haqaa hin jijjiramne kan eenyuti ree? Mootummaa haqaa hin jijjiramne beekuf sifaata (amaloota) mootii beeku qabnaa miti ree? Amma haa dhufnu, Mootiin biyya tokkoo takkaa inni du’uun takkaa immoo kan biraa isa moo’achuun mootummaan isarraa fudhatama. Kanaafu, duuti fi dadhabbinni waan mooti tuquuf mootummaan namaa ni bada. Du’uu fi dadhabbinni amala namaati. Duuti fi dadhabbinni isa tuqnaan mootummaan isaa bade jechuudha. Amma, Mootii duuti fi dadhabinni gonkumaa hin tuqne haa barbaannu. Yeroo hunda Jiraataa gonkumaa hin duune, Injifataa gonkumaa hin moo’atamne, Danda’aa dadhabbinni Isa hin tuqne Rabbii olta’aa akka ta’e ni beekna. Kanaafu, Rabbiin Mootii Haqaati. Kana jechuun, Mootii yeroo hundaa turu gonkumaa hin jijjiramnee fi hin banneedha. Mootiin haqaa Isa qofa erga ta’e, motummaan haqaa kan Isaa qofa jechuudha. Addunyaa guutuu kan bulchu Isa, yeroo hundaa motummaan harka Isa jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

3:189

Mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Rabbiiti. Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:189 (Kana jechuun samiiwwan, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda kan harkaa qabu, bulchuu fi too’atu Rabbiidha.)

Kanaafu, dhugaadhaan (haqiiqadhaan) Mootummaan Rabbiif malee hin ta’u. Samiiwwan torba, dachii fi wantoota isaan keessa jiran kan uume Rabbiidha. Ammas, Kan too’atu, bulchu fi qindeessu Isa. Kanaafu, bulchiinsi samiwwanii fi dachii kan Isaa qofa. Namni dachi tana irratti aangoo yoo qabaate, samii irratti aangoo qabaachu danda’aa? Samiiwwanii fi dachii irratti aangoo guutuu qabaachu kan danda’u Rabbii tokkicha. Kuni dhimma jalqabaa maqaa Malik (Mootii) fi maqaalee biroo hunda keessatti amanuu qabnuudha. Rabbiin Mootii fi Qabaataa (Maalik) ta’uu ilaalchise wanti nuti amannu Inni dhugaadhaan Mootii ta’uudha. Namni waa qabaachu danda’a. Garuu wanti inni qabuu suni wanta Rabbiin isaaf kenne malee wanta humnaa fi beekumsa isaa qofaan argatee miti. Wanti inni argate suni guyyaa tokko isa jalaa bada. Ykn inni ni du’a. Kanaafu, Maalika (qabaataa) haqaa ta’uu danda’aa? Ammas, namni aangoo argachuun mootii yoo ta’e mootummaa isaa kana Rabbiitu isaaf kenne. Mootummaan inni argate yeroo hundaa turuu danda’aa? Kanaafu, Mootii fi Qabaataan haqaa Rabbii olta’aadhaa jechuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Jedhi, ‘Yaa Rabbii Abbaa mootummaa kan taate! Nama feetef mootummaa kennita, nama feete irraas mootummaa ni mulqita. Nama feete ni jabeessita, nama feete immoo ni xiqqeessita, kheeyrin harka Kee jira. Dhugumatti, Ati waan hundaa irratti Danda’aadha.’” Suuratu Aali-Imraan 3:26

Mootiin Haqaa Rabbiidha
Rabbiin jalla wa’alaa ni jedha: “Rabbiin Mootii Haqaa olta’ee” (suuratu Al-Mu’minuun 23:116)Mootiin Haqaa wanta Isaan ala jiran hundarraa guutumaan guututti Zaata f sifaata Isaatin kan of danda’eedha. Wantoonni Isaan ala jiran hundi gara Isaatti hajamu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Mootii Haqaa waan ta’eef eenyuttillee hin hajamu. Sababni isaas, Inni waan hundaa too’ata, wanti hundi Isatti hajama, wantoonni hundu qabaa Isaa keessa jiru, wanti hundu Isaaf gabroota. Uumuu fi ajajuun kan Isaati.

Mootiin wantoota jiran hundarraa zaata fi sitaafa Isaatiin kan of danda’ee dha. Garuu Isaan ala wantoonni jiran hundi Isarraa of danda’anii jiraachu hin danda’an. Sababni isaas, wantoonni hundi Isarraa isaaniif dhufa. Osoo wanta tokko dhoowwate, Inni dhoowwachuu irratti danda’aadha. Wanta dhoowwate kan kennu hin jiru, osoo kenne eenyullee dhoowwu hin danda’u. Sababni isaas, Inni Kennaa (Arjoomaa) kennaa Isaa eenyullee dhoowwu hin dandeenyedha. Kanaafu, Malik (Mootii) irraa eenyullee of danda’e jiraachu hin danda’u.

Mee gara nafsee teeti ilaali. Rabbii olta’aa irraa of dandeesse fi of geette jiraachu hin dandeessu. Dhabama irraa jiruutti argamuu keessatti, adeemsa, ilaalcha, dhageetti, dubbii fi humna kee keessatti Isarraa of dandeesse jiraachu hin dandeessu. Osoo Inni dhabama irraa si argamsiisu baate ati jiruu tanatti ni dhuftaa? Osoo lukaa fi humna ittiin deemtu siif kennu baatee, ni deemtaa? Seelonni qaamni kee irraa ijaarraman hojii irraa osoo dhaabbatanii, Isaan ala kan sochoosu jiraa? Ruuhin teenya hundi harka Isaa jirti. Ruuhi tana yoo qabe Isa malee qaama keenyatti kan deebisuu jiraa? Kanaafu, hundi keenya jaallannes jibbinees Gooftaa guddaaf of gadi qabna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yoo dhaabe eenyullee kan nu sochoosu hin jiru. Yoo nu sochoose kan nu dhaabu hin jiru. Yoo nu jiraachise kan nu ajjeesu hin jiru. Kanaafi, jiraattonni hundi zaata, sifaata fi turuu isaanitiin Mootii Haqaa irraa of danda’anii jiraachu hin danda’an. Wantoota hundaa kan argamsiisee fi uumee Isa. Eenyullee mootummaa Isaa keessaa bahuu hin danda’u. Dhumarratti du’i yoo jedheen ni du’a. Osoo Malakul Mawt (Malaykan Du’aa) itti dhufe, eenyullee, “lakki… ani hin du’u” jechuu hin danda’u.

Kuni kan agarsiisu uumamtoota hunda irratti baduu katabee jira. Kuni dandeetti fi aangoon Isaa guutuu ta’uu agarsiisa. Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Mootii haqaa waan hundaa irraa of danda’eedha. Wantoonni hundi Isatti hajamu, gabroota Isaati. Wanta fedhe isaan irratti murteessu danda’a. Murtii Isaa jalaa bahuu hin danda’an. Hundema Mootiin kan waa murteessu, ajaju, dhoowwu, mindaa kennu, adabu, wanta fedhe kan kennu fi wanta fedhe kan dhoowwatuudha.

Gabrichi haala guutuu ta’een Mootii ta’uu hin danda’u 
Ilmi namaa gabricha Rabbii waan ta’eef waan hundarraa of danda’ee jiraachu hin danda’u. Nama kamtu nyaata, dhugaati, geejjibaa fi kkf irraa of danda’ee jiraachu danda’aa? Inni nama uffata isaaf oomishu barbaada. Nama nyaata isaaf qopheessu ykn oomishu barbaada. Nama Isa yaabbisutti ni hajama, nama isa wal’aanutti ni hajama. Nama isa walin hojjate dhumarratti mindaa isaaf kennutti ni hajama. Waan hunda keessatti hajamaadha. Osoo wantoota Rabbiin ala jiran irraa of danda’eyyuu gabrichi yeroo hundaa Rabbii olta’atti hajama. Kana jechuun osoo namni tokko namoota irraa of danda’eyyu kan inni itti of danda’een kennaa Rabbiin isaaf kenneeni. Maddi galii fi soorata isaa kennaa Rabbii waan ta’eef, yeroo hundaa Kan kennaa kana kennutti hajamaa jechuudha. Osoo namni tokko namoota irraa dhimmoota gariin kan of danda’e fi isaanitti hin hajamne ta’ee, nafsee isaatin isaan irraa of danda’ee moo wanta Rabbiin isaaf kenneen of danda’e jettee yaaddaa? Shakkii hin qabu, waan Rabbiin isaf kenneen isaan irraa of danda’e. Sababni isaas, osoo Rabbiin wanta isaaf kenne kana irraa fudhate, namni kuni gara isaanitti deebi’uun isaanitti hajama.

Kanaafu, namni hiyyeessaa fi hajamaa ta’uu, homaa qabaachu fi too’achuu akka hin dandeenye fi kan waan hundaa harkaa qabuu fi too’atu Rabbiin ta’uu yoo beeke, ammas Rabbiin haqa waan hundaa irraa Of gahe, wantoonni Isaan ala jiran hundi gara Isaatti akka hajaman fi wanti hundi qabaa Isaa keessa akka jiran yoo beeke, kuni Gooftaa isaa akka beeku, Isatti rarra’uu fi Isa tokkichoomsu isa taasisa. Isaan ala gara gabrootatti hin mil’atu, yoo kadhate Gooftaa isaa kadhata, yoo waa barbaade Isarraa waa barbaada, yoo hojii qulqullessee Isaaf qulqulleessa, akka isa duroomsuuf Isatti garmalee hajama, akka Isa jabeessuuf Isaaf of gadi xiqqeessa.[5]
In sha Allah Itti Fufa…


Kitaabban Wabii:
[1] Futuhaatu Ilaahiyyati shariha Asmaa’il Husnaa 1/280
[2] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 14/614
[3] https://www.almaany.com/ar/dict/ar-en/%D9%85%D8%A7%D9%84%D9%83/
[4] Sharih Ibn Al-Qayyim li asmaa’il husnaa-fuula 46, Umar Ashqaar
[5] Futuhaatu Ilaahiyyati 1/285-288

Print Friendly, PDF & Email
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.2
Maqaalee Rabbii (subhaanahu)-Kutaa 6

Leave a Reply