Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.2

Offline dubbisuf

Haqiiqaa Mootummaa
Kutaa darbe keessatti maqaaleen Maalik, Malik fi Maliik maal akka ta’an ilaalle jirra. Ammas itti fufuun waa’ee mootii fi mootummaa daran ni hubanna. Imaamu İbn Al-Qayyim ni jedha: Haqiiqaan Mootummaa kan guuttamu kennuun, dhoowwachuun, kabajuun, salphisuun, mindaa kennuun, adabuun, dallansuun, gargaaru fi eegun, adda baasun, nama jabeenyi ta’uuf jabeessuun, nama xiqqeenyi maluuf xiqqeessuuni. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Jedhi, ‘Yaa Rabbii Abbaa mootummaa kan taate! Nama feetef mootummaa kennita, nama feete irraas mootummaa ni mulqita. Nama feete ni jabeessita, nama feete immoo ni xiqqeessita, kheeyrin harka Kee jira. Dhugumatti, Ati waan hundaa irratti Danda’aadha. Guyyaa keessa halkan seensifta, guyyaas halkan keessa seensifta. Jiraataa du’aa keessaa baasta, du’aas jiraataa keessaa baasta. Nama feete herreega (hisaaba) malee razzaqxa (soorata kennitaaf).” (Suuratu Aali-Imraan 3:26-27) (ibsa aayaata tanniin boodarra ni ilaalla). Ammas ni jedha:

55:29

Kan samiiwwanii fi dachii keessa jiru hundi Isa kadhata. Guyyaa hundaa Inni hojiitti jira.” Suuratu Ar-Rahmaan 55:29

Zanbii ni araarama, cinqii ni fura, yaaddo ni saaqa, nama zulloomame ni gargaara, zaalima ni qaba, hiyyeessa ni duroomsa, kan cabee ni fooyyeessa, dhibama ni fayyisa, kan daare ni uwwisa, kan salphate ni jabeessa, nama jabaa yoo fedhe ni xiqqeessa, kadhataaf ni kenna, mootummaa garii deemsise kan biraa fida, namoota jidduu guyyoota ni jijjira (kana jechuun yeroo garii gareen tokko garee biraa akka moo’atu taasisa, yeroo biraa immoo faallaa kana ta’a. Kunniin hundi ogummaa, beekumsaa fi fedhii Isaa irratti kan hundaa’edha.), namoota garii olkaasa, garii immoo gadi buusa, samiiwwanii fi dachii uumun dura wantoota murteesse yeroo isaanii keessatti bakkaan gaha. Homtu yeroo isaa hin dursu, ammas homtu yeroo isaatirraa duubatti hin hafu. Kana irra, wantoota hundaa hammaa fi yeroo isaanii beeke walitti qabee fi lakkaa’e jira. Mootummaa hunda keessatti kan too’atu fi qindeessu Isuma qofa. Inni Mootii Danda’aa, Injifataa, Haqaa, Rahiim ta’e fi mootummaan Isaa guutuu ta’eedha. Mootummaa Isaa keessatti eenyullee Isaan hin morkatu, eenyullee Isa faallessu hin danda’u. Bulchiinsa Isaa keessatti wanta fedhe hojjachuun haqummaa (justice), tola, ogummaa (wisdom), fooyya’insa fi rahmata jidduu naanna’a. Hojii fedhe hojjachuun kanniin keessaa hin bahu.”[1] (Kana jechuun murtiin, too’annaa fi qindaa’inni Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mootummaa Isaa keessatti raawwatu wantoota shanan kanniin irratti kan hundaa’edha. Isaaniis, haqummaa, tola, ogummaa, fooyya’iinsa fi rahmata. Fakkeenyaf, nama badii raawwatu yoo tawbatuu didee badii ofii itti fufe, haqummaan isa ni adaba. Nama salphise haqummaa (adlii) Isaatiin isa salphise. Namni kuni badii hojjachuu waan itti fufee fi tawbachuu waan dideef dhumarratti salphinnaa fi adabbii isarratti murteessa. Kuni madaala haqummaati. Nama gara Isaatti deebi’e immoo rahmata Isaatiin ni araaramaaf. Nama waan gaarii hojjatu immoo tola Isaatiin mindaa guddaa kennaaf. Wanta uumuu hundaa ogummaan uuma. Shari’aa kan buuseef fooyya’insa namootaatiif. Kanaafu, wantoota shanan kana irratti hundaa’e mootummaa Isaa keessatti wanta fedhe hojjata. Namni Rabbii Injifataa fi Ogeessa ta’e waan badaan shakkuun dura wantoota kanniin haa ilaalu.)

Wantoota armaan olitti kaasne haala kanaan guduunfu dandeenya. Mootiin gara dhimmoota sadiitti deebi’a[2]:
1ffaa-Amalli (sifanni) mootummaa Isaaf ta’uu. Mootiin bulchiinsa mootummaa hundaa kan harka qabuudha. Mootummaan tokko dhaabbachuuf maal isa barbaachisaa? Humna, jabeenya, dandeetti, beekumsa, ogummaa, fedhii, murtii fi kkf ni barbaachisu miti ree? Bakka kunnin hin jirretti mootummaan jiraachu danda’aa? Samiwwan torban, dachii fi wantoonni isaan keessa jiran hundi bulchiinsaa fi too’anna guddaa isaan barbaachisa. Kanaafu, Mootiin isaan bulchu fi too’atu humna, jabeenya fi dandeetti guutuu, beekumsa waan hundaa haguuge, ogummaa bal’aa, fedhii hojii irra oolu fi rahmata Kan qabuudha jechuudha. Mootiin Haqaa (jalla wa’alaa) ni jedha:

3:189

Mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Rabbiiti. Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:189

2ffaa-Mootiin haqaa samii fi dachii too’atu Tokkicha erga ta’e, wantoonni Isaa gadi jiran hundi Isa jalatti kan bulan, gabroota Isaatii fi Isatti kan hajamaniidha. Akkuma kutaa darbe keessatti jenne Mootiin Haqaa Kan Of danda’ee fi homattu hin hajamneedha. Wantoonni Isaan ala jiran hundi Isatti hajamu. Sababni isaas, kan isaan too’atu, eegu fi wanta barbaadan isaaniif kennu Mootii Haqaa (Rabbiin) qofa waan ta’eefi. Yoo too’annaan, eeggumsi fi kennaan Isaa isaan irraa cite jireenyi isaanii guutuun ni dhaabbatti. Mee ilaali, osoo samii irraa bishaan roobsu baate, aduun akka hin deemne bakka tokkotti qabee, jireenyi isaanii maal taatii? Mootiin Haqaa (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

29:60

Lubbu-qabeenyin baay’een soorata isaanii hin baadhatan. Rabbiin isaanii fi isin ni soora. Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:60

3ffaa– Too’annaa fi murtii guutuu qabaachu. Mootiin wanta fedhe murteessa, wanta fedhe hojjata. Murtiin Mootii Haqaa bakka saditti hiramu. Isaanis:

A-Murtiiwwan Qadariyyah- Kuni murtii akka uumuu, argamsiisu, jiraachisuu, ajjeesu, duroomsu, hiyyoomsu fi kkf dha. Murtiin kuni qadaraan (wanta dursee murteessen) kan wal-qabatuu fi guyyaa guyyaan addunyaa guutuu keessatti kan adeemsifamuudha. Garii ni ajjeesa, garii immoo gara addunyaa baasa, garii olkaasa garii gadi buusa. Garii ni duroomsa garii ni hiyyoomsa…
B-Murtiiwwan shari’aa- kuni immoo murtii shari’aa (seera Islaamatin) wal-qabatuudha. Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun halaala fi haraamni maal akka ta’an ni murteesse. Hojii isaanii hunda keessatti murtii kanarra akka deeman ni ajaje. Fakkeenyaf, Rabbiin qofa gabbaruun murtii shari’aati. Kanaafu, gabroonni Isa qofa gabbaru qabu.
C-Murtiiwwan Jazaa- kuni murtii nama waan gaarii hojjateef mindaa kennuu fi nama waan badaa hojjate irratti immoo adabbii murteessun kan wal qabatuudha. Nama waan gaarii hojjate tola Isaatiin mindaa guddaa kennaaf, nama badii hojjate haqummaa (adlii) Isaatiin adabbii irratti murteessa. Murtiin kuni tolaa fi haqummaa irra naanna’a.

Namni Jannata kan seenu tolaa fi rahmata Rabbiitin. Akkasi miti ree? Garuu asitti Jannata seenuuf hojiin hin barbaachisu jechuu miti. Amanuu fi hojiin gaggaariin ulaagalee barbaachisaniidha. Garuu Rabbiin olta’e tola Isaatiin mindaa hojii nama sanii dachaa kudhan irraa jalqabe hanga 700 fi san caalutin isaaf baay’isa. Dhugumatti kuni tolaa fi arjummaa guddaadha. Faallaa kanaa, namni amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuu dide tola guddaa kana dhabuun haqummaan (adliin) adabbiin isarratti darba. Kanaafu, Rabbiin gonkumaa eenyullee hin miidhu.

Mee gara duubatti deebinee murtii sadan kanniin haa ilaallu. Eenyullee taanan murtii sadan kanniin keessaa xiqqaate xiqqaatu murtiwwan lama keessa osoo hin seenin hin hafu. Murtii 1ffaa fi 3ffaa keessaa Muslimnis kaafirris, nama badii hojjatus hin hojjannes ni seena. Murtii 2ffaa keessa warri amanan ni seenu, of-tuultonni immoo ni dhiisan. Murtii sadaffaa keessatti namni hunduu jazaa waan hojjatuu ni argata. Tarii addunyaa irratti hamma ta’e ni argatu. Garuu haala guutuu ta’een murtiin sadaffaan kuni kan adeemsifamu Guyyaa Murtiiti ykn Qiyaamati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Guyyaa hundi isaanitu ifa bahan, isaan ilaalchisee homtu Rabbiin irraa hin dhokatu. ‘Har’a mootummaan kan eenyuti? Kan Rabbii Tokkicha [waa hundaa] Injifataa ta’eeti.’ [jedhama]. Har’a nafseen hundi wanta hojjatteen jazaa argatti. Har’a zulmiin hin jiru. Dhugumatti, Rabbiin qorachuutti Saffisaadha.” Suuratu Ghaafir 40:16-17

Guyyaa hundi isaanitu ifa bahan” kana jechuun qabrii keessaa yaa’anii Guyyaa dirree wal-qixxaa’a bu’aa bahiin keessa hin jirree irratti walitti qabamanii fi homtu isaan hin dhoksineedha. Dirree kana irratti wanti isaan dhoksu ykn gaaddisesu tokkollee hin jiru. Namoonni hundi ifatti bahu. “isaan ilaalchisee homtu Rabbiin irraa hin dhokatu.” Qaama isaanii irraayis ta’ee, hojii isaanii irraayis ta’e, jazaa hojii hojjataniis ta’e wanti Rabbii olta’aa irraa dhokatu hin jiru. Isarraa qaama isaanitiin gaara ykn bakka tokkotti of dhoksuu hin danda’an. Guyyaa san dachiin dirree wal-qixxaata waan taatuf bakka itti of dhoksan hin jiru. Osoo of dhoksaniyyuu Rabbiin subhaanahu isaan arga. Ammas, hojii isaanii Isarraa dhoksuu hin danda’an. Wanti isaan hojjatan hundi galmee (kitaaba) keessatti kan walitti qabameedha. Jazaanis Isarraa hin dhokatu.

“Har’a mootummaan kan eenyuti?” kana jechuun, “Har’a aangoon kan eenyutu?” Guyyaan kuni Guyyaa Qiyaamaati.[3] Guyyaa kana aangoo fi ol’aantummaan uumamtoota hundaa addaan cite jira. Guyyaa kana aangoo fi ol’aantummaan Kan Rabbii tokkicha waa hundaa Injifataa ta’eeti. Kan addunyaa irratti mooti turee fi mootii hin turre, dureessaa fi hiyyeessi Isa fuunduratti walitti qabaman. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa Abbaan Murtii fi Aangoo murtii isaan jidduutti dabarsu Rabbii olta’aa qofa. Kanaafi itti aanse ni jedha, “Har’a nafseen hundi wanta hojjatteen jazaa argatti.” Kana jechuun Har’a (Kuni Guyyaa Walitti qabamaa Guyyaa Qiyaamaati), namni addunyaa irratti qormaatamaa ture kan itti qoratamuudha. Filannoo ofiitiin wanta hojjateef jazaa argata. Yoo amanee fi hojii gaggaarii hojjate, Jannata qananii keessatti mindaa guddaa fi bareedaa argata. Yoo kafaree fi Gooftaa isaa faallesse, adabbii isaaf malu adabama.[4] “Har’a zulmiin hin jiru.” Kana jechuun badii inni hin hojjannee isatti baachisuun ykn hojii gaarii ulaagaalee (sharxiwwan) barbaadaman guutuun hojjate isa jalaa hir’isuun isa miidhuun hin jiru. Badii hin hojjanneef hin adabamu. Iimaana, iklaasa fi shari’aa irratti hundaa’un hojii gaarii hojjate irraayyis mindaan isaa hin hir’ifamu.

Namoonni gariin, “Namoota jalqaba irraa kaase hanga dhumaatti jiran qorachuun yeroo dheeraa fudhata.” Jedhanii yaadu danda’u. Yaada kana deemsisuuf, “Dhugumatti, Rabbiin qorachuutti Saffisaadha.” jechuun deebii itti kenna. Isa biratti namoota jalqaba irraa kaasee hanga dhumaatti jiran qorachuun akka nafsee takka qorachuuti. Akkuma bakka biraatti jedhe, “Uumamni keessanii fi kaafamni keessan akka nafsee (lubbuu) takkatti malee homaayyu miti. Dhugumatti Rabbiin dhagahaa, argaadha.” Suuratu Luqmaan 31:28[5]

Addunyaa keessatti hojii hojjataa turaniif Guyyaa san gabroota qorachuuf Inni baay’ee saffisaadha. Yeroo gabaaba keessatti isaan qorachuun jazaa isaaniif kafala. Akkana jechuun dubbatamee jira, “Guyyaa san qorannoon xumuramee hanga warri Jannataa Jannata keessatti boqonnaa fudhatanitti, warra Jahannamis Jahannam seenanitti, walakkaan guyyaa hin darbu. Qorannoo fi isaan jidduutti murteessun yoosu xumurama.” [6]


Kitaabban wabii:
[1] (Xariiqu hijrateyn wa baabu Sa’adateyn 228-229)
[2] Fiqhu Al-Asmaa’il Husnaa– fuula 99-100, Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin Badri
[3] Xabarii 20/299
[4] Ma’aarij 12/341
[5] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/488
[6] Tafsiiru Xabarii 20/300

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.3
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply