Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.3

B-Sifaata maqaaleen Al-Maalik, Malik fi Al-Maliik of keessatti qabatan
Uumuun, ajajuun, mindaa fi adabbiin amaloota mootiif barbaachisaniidha
Imaamu ibn Al-Qayyim ni jedha, “Maqaa Mootii jedhuuf haqa isaa yoo kenniteef, uumuun, ajajuun, mindaa kennuu fi adabbiin, waa kennuu fi dhoowwachuun amala mootiitif barbaachisaa akka ta’an ni beekta. Amalli mootii kana waan barbaachisuf, kuni wanta hin hafneedha. (Mootii yommuu jedhamu wanti sammuu namaa keessatti dhufu, Aangoo ol’aanaa kan qabu, ajaju, dhoowwu, mindaa kennu (badhaasu), adabuudha.) Mootii irraa amaloota kanniin haaqun dhimma hin danda’amneedha. Mootiin haqaa Ergamtoota erguu, kitaabban buusu, gabroota ajajuu, isaan dhoowwu, mindaa isaaniif kennuu, adabuu, nama kabajni isaaf malu kabajuu, nama salphinni isaaf malu salphisuu barbaachisa.”[1]

Asitti wanti hubatamu qabu, wantoota hundaa Kan harka qabuu fi addunyaa guutuu kan bulchu Rabbiin erga ta’ee, Kan uumuu, ajajuu fi dhoowwu, mindaa kennuu fi adabuu, waa kennuu fi dhoowwatu Isaa jechuudha. Mootiin Kan ajajuu fi dhoowwu erga ta’ee warri isa jalatti bulan ajaja isaatiif buluu qabuu miti ree?

Akkuma armaan olitti hubannu Mootiin kan uumuu, ajajuu, dhoowwu, mindaa kennuu fi adabu erga ta’e, Rabbiin Mootii haqaa waan ta’eef uumamtoota kanniin osoo hin ajajinii fi hin dhoowwin, osoo mindaa hin kenninii fi hin adabin akkanumatti ni dhiisaa? Ajajuu fi dhoowwuuf Ergamtoota erguu fi kitaabban buusu barbaachisa. Mindaa kennuu fi adabuuf immoo Guyyaan Qiyaamaa ni barbaachisa. Kanaafu, namni “Rabbiin Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun gabroota hin ajaju, hin dhoowwu. Guyyaa Qiyaamaa dhaabun mindaa hin kennu, hin adabu” jedhu dhugumatti, kabaja dhugaa Rabbiin hin kabajne. Akkuma Rabbiin jedhe,

Rabbiin homaayyu nama irratti hin buusne yommuu jedhan kabaja Isaaf malu hin kabajne.” Suuratu Al-An’aam 6:91

Namni shari’aa Rabbii, ajaja fi dhoowwaa Isaa mormee fi ilma namaa akka horii dhiifamanii godhee, mootummaa Rabbii keessatti waan badaa dubbate, Kabaja Isaaf malu hin kabajne.

Haaluma kanaan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Gabbaramaa (Ilaah) haqaa ta’uun Zaatni, sifaanni fi maqaaleen Isaa guutuu ta’uu fi hojiin Isaa haala guutuu ta’een argamuu barbaachisa. Akkuma Zaatni Isaa haqa ta’e, jechi Isaa haqa, waadaan Isaa haqa, ajajni Isaa haqa, hojiin Isaa hundi haqa, jazaan Guyyaa Murtii kennuus haqa. Namni kanniin keessaa tokko fudhachuu dide fi morme, Rabbiin gara hundaan haqa ta’uu isaa hin ibsine. Rabbiin haqa ta’uun Isaa shari’aa (seera Islaamaa) kaa’u, mindaa kennuu fi adabuu barbaachisa. Akkamitti Mootiin Haqaa uumamtoota osoo hin ajajin, hin dhoowwin, mindaa hin kenniini fi hin adabin taphaaf ni uuma jedhamee yaaddamaa? Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe,

75:36

“Sila namni akkanumatti dhiifamu yaadaa?” Suuratu Al-Qiyaamaa 75:36

Aaya tana ilaalchise Imaamu Shaafi’iin ni jedha, “kan hin ajajamnee fi hin dhoowwamne ta’ee akkanumatti dhiifamaa?” Isaan ala aalimni biraas ni jedha, “wanta gaarii fi badaa hojjateef osoo mindaa hin argatinii fi hin adabamin akkanumatti dhiifamaa?” Himoonni lamaan kunniin akka sansalataa kanneen wal qabataniidha. Shafi’iin sababa jazaatti nama geessu dubbate. Innis ajajuu fi dhoowwudha. Kan lammataa immoo kaayyoo ol’aanaa namoota itti ajajuu fi dhoowwu dubbate. Innis, mindaa kennuu fi adabuudha.

Ergasii jecha Rabbii olta’aa kan itti aane dhufe itti xinxalli: “Sila inni maniyyii dhangalaafamu irraa copha bishaan saalaa hin turree? Ergasii dhiiga ititaa ta’e. [Rabbiinis nama godhee] isa uumee guutee.” Suuratu Al-Qiyaamaa 75:37-38

Inni cophaa bishaani ta’ee osoo jiru kan isa hin dhiifne akkamitti nama guutuu erga ta’e booda isa dhiisaa? Copha bishaanii kana hanga dhiiga ititaa ta’uutti ni jijjire. Ammas, dhiiga ititaa kana hanga muraa foonii ta’utti ni jijjire. Ammas muraa foonii kana hanga nama guutuu ta’uutti bocaa fi suuraa isaa sirreesse nama guutuu taasise. Hanga nama guutuu ta’utti marsaa hunda keessatti ogummaa Isaatiin isa uumee. Kanaafu, marsaa uumamaa kana hunda keessatti kan isa hin dhiifne, akkamitti gara kaayyoo ol’aanatti osoo isaan hin oofin akkanumatti dhiisaa?

Namni qaruuteen haala copha bishaan saalaa jalqaba irraa kaasee hanga nama guutuu ta’uttii yoo sirritti itti xinxalle, kuni lamuu kaafamuun akka jiruu isatti agarsiisa.[2]

C-Ibsa Aayaata Mulk, Malik, Maalik fi Maliik of keessaa qabaniikutaa 1

Jedhi, ‘Yaa Rabbii Abbaa mootummaa kan taate! Nama feetef mootummaa kennita, nama feete irraas mootummaa ni mulqita. Nama feete ni jabeessita, nama feete immoo ni xiqqeessita, kheeyrin harka Kee jira. Dhugumatti, Ati waan hundaa irratti Danda’aadha. Guyyaa keessa halkan seensifta, guyyaas halkan keessa seensifta. Jiraataa du’aa keessaa baasta, du’aas jiraataa keessaa baasta. Nama feete herreega (hisaaba) malee razzaqxa (soorata kennitaaf).” (Suuratu Aali-Imraan 3:26-27)

Yaa Rabbii Abbaa mootummaa kan taate!” Kana jechuun bulchiinsi, aangoon, too’annaan hundi Keeti. Waan hundaa kan dhuunfatu Sihi. Waan hundaa kan harka qabu, too’atu, bulchu, wanta fedhe hojjatu Rabbiin qofa. Ergasii Rabbiin olta’aan hojii mootummaa Isaa keessatti hojjatu muraasa isaanii ni ibse: “Nama feetef mootummaa kennita” Nama feetef aangoo fi taaytaa kennita, nama feete irraa immoo ni mulqita (ni fudhatta). Mootummaa kennuu fi mulquun fedhii fi ogummaa Rabbii hordofa. Garuu kuni sababoota mootumman akka turuu ykn mulqamu taasisaniin wal hin faallessu. Mootummaa kennuu fi mulquun sababa waliin kan walitti hidhameedha. Sababoota mootummaan (aangoo fi bulchiinsi) akka argamu taasisan keessaa: iimaana, hojii gaggaarii, meeshaa waraanaa hanga danda’an qopheessu, obsaa fi wal jidduutti wal mormuu dhiisudha. Rabbiin warroota dhugaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan dachii keessatti bakka isaan buusun aangoo fi bulchiinsa akka isaaniif kennu waadaa galee jira. (Ilaali suuratu an-Nuur 24:55) (Akkuma waadaa galee sahaabota Nabiyyitiif (SAW) aangoo fi bulchiinsa guddaa kennef.) Akkasumas, sababni guddaan mootummaan akka namarraa mulqamu taasisu: amanti hordofuu dhiisu, addaan bittinaa’udha. Seenaa keessatti sababa kufaati mootummaa Islaamaa yoo qoratte sababni guddaan amanti dhiisu fi addaan bittinaa’u akka ta’an ni argita. [3]  

Nama feete ni jabeessita, nama feete immoo ni xiqqeessita” Asitti jabeessu jechuun jabaa fi humna cimaa kan qabu gochuu, namoota biroo kan injifatu gochuudha. Rabbiin nama fedhe iimaanan, beekumsaa isaatiin isa jabeessa, osoo namni kuni mooti ta’uu baateyyu. Yookiin immoo aangoon isa jabeessu danda’a. Haaluma kanaan, namni badii hojjachuun ykn injifatamuun isa xiqqeessu danda’a. Kanaafu, sababoota jabeenya itti argatan keessaa: iimaana, hojii gaggaarii, yoo lolaaf qophaa’an wanta barbaachisu sirritti qopheessu, ijjannoo, fedhii cimaa fi kkf.

Sababoota xiqqeenyaa fi salphinnaa keessaa: badii hojjachuu, namni of dinqisiifachuu, wanta ofirraa ittisuu hin dandeenyef of saaxilu. Hadiisa keessatti wanti akkana jedhu dhufee jira: “Mu’minni of salphisuun isaaf hin malu.” Namoonnis ni jedhan, “Akkamitti nafsee ofii salphisaa?” Ni jedhe, “Balaa baadhachuu hin dandeenyef of saaxila” At-Tirmizii-2254[4]

Namni akkuma iimaanni isaa dabaluu fi hojii gaggaarii hojjatuun keessa isaatti jabeenya argata. Faalla kanaa, akkuma badii hojjatuun keessa isaatti xiqqeenyi fi salphinni itti dhagahama. Ija namootaa keessatti xiqqaa ta’e mul’ata.

kheeyrin harka Kee jira.” kheeyri jechuun wanta gaarii hunda addunyaa fi Aakhiratti namaaf faaydaa fi fooyya’iinsa buusudha. Sooranni, fayyaan, beekumsi, hojiin gaggaariin kheeyri (wanta gaggaariidha). Kuni hundi harka Rabbii keessa jira. “Dhugumatti, Ati waan hundaa irratti Danda’aadha.” Dandeettin Isaa guutuu ta’uu wantoota agarsiisan keessaa: mootummaa kennu fi mulquu, jabeessu fi xiqqeessu. Kuni dhimmoota jajjaboo eenyullee hin dandeenyedha, waan hundaa irratti Danda’aa kan ta’e malee. Ammas, Dandeettin Isaa guutuu ta’u wantoota agarsiisan keessaa: Guyyaa keessa halkan seensisuu fi halkan keessa guyyaa seensisuudha.

Guyyaa keessa halkan seensisuu” jechuun halkan guyyatti seensisuun dheerinna halkanii dabaluudha. Dheerinna guyyaa immoo hir’isuudha. Faallaa kanaa, guyyaanis halkanitti seenun guyyaan ni dheerata, halkan immoo ni gabaabbata.[5] Kuni biyya keenya keessatti hangas mara namoonni hin beekan. Sababni isaas, Itiyoopiyan handhuura lafaatti dhiyoo waan taateef, waggaa guutuu dheerinni halkanii fi guyyaa walitti dhiyoodha. Garuu akkuma handhuura lafaa irraa fagaataniin dheerinni guyyaa fi halkanii garagara. Fakkeenyaf, biyya Turkii keessatti yeroo gannaa dheerinni halkanii kan guyyaa caalaa. Yeroo aduun Sa’aati 1:00tti baate sa’aati 11:00 tti dhiitu jira. Faallaa kanaa, yeroo bonaa guyyaan ni dheerata. Yeroo aduun subii sa’aati 11:00 baate galgala sa’aati 2:00 itti dhiitu jira. Kanaafu, kuni akkamitti halkanii fi guyyaa wal keessa seensisu nutti agarsiisa.

Hojiiwwan kana hunda Rabbiin malee eenyullee hojjachuu hin danda’u. Rabbiin ala eenyutu guyyaatti sa’aati lama dabaluun guyyaa dheeressuu fi halkan gabaabsu danda’aa? Isatu halkan guyyaa keessa seensisa, guyyaas halkan keessa seensisa. Kana waliinu seensisuun kuni hojii ogummaa fi sadarka sadarkaan raawwatamuudha. Hanga dhumarra gahuutti suuta suutaan seensisuu jalqaba. Ergasii dhumarra erga gahee deebi’u jalqaba. Guyyaa fi halkan wal keessa seensisu kanarraa waqtiileen ni dhalatu.

Jiraataa du’aa keessaa baasta” kan akka, killee keessaa caacuti baasta, sanyii du’aa keessaa biqiltuu jirtuu, kaafira keessaa mu’imina baasta. “du’aas jiraataa keessaa baasta.” Kan akka allaatti keessaa killee baasu, muka keessaa sanyii baasu, mu’imina keessaa kaafira baasu. “Jireenya” bakka sadiitti qoonne ilaalu dandeenya: 1ffaa- wanta lubbuu qabuu fi fedhii ofiitin socho’u. Fkn, kan akka namaa, horii fi kkf. 2ffaa– jireenya biqiltoota- biqiltoonnis jireenya akka qaban saayinsin yeroo ammaa ni dhugoomsa. Kanaafi, Qur’aana keessatti, du’aan booda kaafamuun akka jiru amansiisuuf dachii gogdu biqiltootaan jiraachisuu irra deddeebi’e dubbata. “Biqiltoota du’an lamuu jiraachisuu kan danda’e namoota du’aniis lamuu jiraachisuu irratti danda’adha. Sanyi gogduu keessaa biqiltu jiitu jireenya qabdu kan baase, lafe gogdu keessaa nama baasu ni dadhabaa?” 3ffaa-Jireenya qalbii- qalbiin namaa iimaanan ni jiraatti, kufriin immoo ni duuti.[6] Mu’iminni nama qalbiin isaa jiraattu taatedha. Kaafirri immoo nama qalbiin isaa duutedha. Kanaafu, mu’minaan jiraataa, kaafiraan du’aa jechuuni dandeenya.

 “Nama feete herreega (hisaaba) malee razzaqxa (soorata kennitaaf).” Nama feetef qabeenya hisaaba malee kennitaaf. “hisaaba (herreega) malee” jechuun kafalti tokko malee. Sababni isaas, herreegni kan ta’u wanta kafaltiin itti ta’uufi. Kafaltii kan hin barbaanne, hin herreegu. Garuu kafaltii kan barbaadu, hanga wanti inni fudhate kan inni kenneen wal gituu ykn wal gituu dhiisu isaa beekuf ni herreega. Qananii meeqa Rabbiin nurratti oole. Kafalti tokko malee qananii baay’ee nurratti dhangalaasa.

Rizqiin Rabbii olta’aa gosa lama akka ta’e beeki. Isaanis, rizqii qaamni ittiin dhaabbatu fi rizqii qalbii fi ruuhin ittiin dhaabbataniidha. Rizqiin gosa jalqaba mu’minaa fi kaafira, nama badaa fi gaarii of keessatti hammata. Inuma bineensota fi beelladotas of keessatti hammata. Kuni rizqii nyaataa fi dhugaatii qaamni ittiin dhaabbatudha.

Rizqiin lamaffaa immoo rizqii qalbii fi ruuhin ittiin dhaabbatan yommuu ta’u, warra iimaana qaban qofaaf kan ta’uudha. Kuni iimaana, beekumsaa fi hojii gaggaariidha. Barbaachisummaan iimaanni fi beekumsi qalbiif qabu akka barbaachisummaa bishaan mukaaf qabuuti.[7] Akkuma mukni bishaan malee guddachuu fi dagaagu hin dandeenye, qalbiinis iimaanaa fi beekumsa malee qulqullaa’u fi fayyaa argachuu hin dandeessu.

Guduunfaa
☞Mootiin kan uumu, ajaju, dhoowwu, mindaa kennu fi adabuudha. Kunniin amaloota mootiiti.
☞Rabbiin Mootii haqaa waan ta’eef uumamtoota taphaaf hin uumne. Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun isaan ni ajaja, ni dhoowwa. Dhumarratti immoo Guyyaa Qiyaamaa isaan kaasun nama Isaaf ajajame mindaa kennaaf, nama Isa dide immoo ni adaba.
☞Rabbiin Mootii samii fi dachii erga ta’ee wantoonni Isaa gadi jiran hundi gabroota Isaati. Kanaafu, namoonni gabroota Isaa waan ta’aniif Mootii Haqaa isaaniitiif ajajamu qabu. Kuni wanta gabricha irraa eeggamu miti ree? Dirqamni gabricha irra jiru Mootiif ajajamuudha. Wanta Inni ajaju hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha.
☞Namni Mootii isa uumeef yoo ajajame, kabajaa fi jabeenya argata. Yoo dide immoo salphinnaa fi xiqqeenya argata.
☞Rabbiin Mootii Haqaa waan ta’eef nama Isaaf ajajame ni kabaja, ni jabeessa. Nama isa dide immoo ni salphisa. Ajajuu fi dhoowwun, mindaa kennu fi adabuun, kabajuu fi salphisuun amaloota mootii waan ta’aniif.
☞ Kanaafu, namni jabeenya fi kabaja barbaadu Rabbii olta’aaf haa ajajamu. Yeroo hundaa tawbachuu fi araarama kadhachuun salphinnaa irraa haa fagaatu.


Kitaabban wabii
[1] Sharih Ibn Al-Qayyim li asmaa’il husnaa-fuula 48, Umar Ashqaar
[2] Madda olii fuula 50-51
[3] Tafsiir ibn Kasiir (English)-2/139 (836), Tafsiiru Sa’dii-131-132
[4] Tafsiiru Qur’aanil Kariim- suuratu Aali-Imraan 1/157-158, Muhammad bin Salih Useymiin
[5] Madda olii
[6]  Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur-6/541
[7] Tafsiiru Qur’aanil Kariim- suuratu Aali-Imraan 1/165-166

Print Friendly, PDF & Email
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.4
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.2

Leave a Reply