Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.4

Offline dubbisuf

C-Ibsa Aayaata maqaalee Malik, Maalik, Maliik fi jecha Mulk jedhu of keessaa qabaniikutaa 2
Kutaa darbe keessatti ibsa aayaata muraasaa maqaalee kanniini fi jecha Mulk of keessaa qaban ilaalle jirra. Har’as itti fufuun izni Rabbiitiin ni ilaalla. Laa hawla walaa quwwata illa billah.

Warroonni Rabbiin Masiih ilma Mariyam jedhan dhugumatti kafaranii jiru. Jedhi, “Eenyutu Rabbiin dhoowwu danda’aa osoo Inni Masiih, haadha isaatii fi namoota dachii keessa jiran hunda balleessu fedhee?” Mootummaan samiwwanii, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiranii kan Rabbiiti. Inni wanta fedhe uuma. Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aadha.”  Suuratu Al-Maa’ida 5:17

Warroonni Rabbiin Masiih ilma Mariyam jedhan dhugumatti kafaranii jiru.” Kana jechuun Kiristaanonni Rabbiin Iisaadha jedhan haqaa waakkatanii fi mormanii jiru, soba guddaa sobanii jiru. Akka lugaatti kafaruu jechuun waa dhoksuudha. Namoonni kunniin Iisaan Gooftaa akka hin taane osoo beekanu haqa waan dhoksaniif warra kafaraniidha. Rabbiin Iisaa akka hin taanee ykn Iyyaasuus gooftaa akka hin taane wanta agarsiisu keessaa, “Rabbiin osoo Masiih, haadha isaatii fi namoota dachii keessa jiran hunda baalleessu fedhee eenyutu Isa dhoowwu danda’aa?” Kana jechuun Osoo Rabbiin Iisaa, haadha isaatiii fi namoota dachii keessa jiran balleessu fedhee, eenyutu ajaja Isaa deebisuu danda’aa? Akkuma Kiristaanonni jedhan osoo Iyyasuus Gooftaa ta’e, silaa yommuu ajajni Rabbii Iyyasuusin ykn haadha isaa ykn namoota hunda balleessuf dhufu deebisuu ni danda’aa ture. Garuu haadha isaatti ajajni du’aa yommuu dhufu, du’a ishii irraa deebisuu hin dandeenye.  Kuni ragaa tokkoffaa Iyyasuus gooftaa akka hin taane agarsiisudha.

Ragaan lammaffaan, “Mootummaan samiwwanii, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiranii kan Rabbiiti.” Wantoonni samii, dachii fi isaan lamaan jidduu jiran hundi uumamtootaa fi gabroota Rabbiiti. Ammas, kan isaan bulchuu fi too’atu Isa. Wanta fedhe ni balleessa, wanta fedhe ni argamsiisa. Kanarraa eenyullee Isa dhoowwu hin danda’u. Iyyasuus aleyh salaam uumamtoota samii fi dachii jidduutti argaman keessaa tokko. Kanaafu,Iyyasuus umamaa fi gabricha wayitti hajamu ta’ee osoo jiru, Gooftaa gabbaramaa Dureessa wanta hundarraa of danda’ee ta’uu danda’aa? Kuni wanta gonkumaa hin danda’amneedha. Iyyasuus nageenyi isarratti haa jiraatu waan dadhabuuf ni nyaata, ni dhuga, Gooftaa isa uumetti hajama. Gooftaan nyaata, dhugaati, dadhabbii fi wayitu hajamu irraa qulqullaa’e.

Ragaan sadaffaan “Inni wanta fedhe uuma.” Yaanni dogongoraa guddaan Kiristaanota kanatti geesse, “Iyyasuus abbaa malee dhalate” jechuu isaaniti. Kanaafi, isa ilaalchise amanti sobaa kana qabatan. Akkuma Iyyasuus abbaa malee uumame kunoo Hawwaan haadha malee uumamte. Inuma wanta uumama Iyyasuus caala nama ajaa’ibsiisu qabu uumama Aadami. Aadam abbaa fi haadha malee uumame. Kanaafu, maaltu Iyyasuusin gooftaa taasisa ree? “Rabbiin wanta fedhe uuma” yoo fedhe abbaa fi haadha malee nama uuma, kan akka Aadam. Yoo fedhe haadha malee uuma kan akka Hawwaa. Yoo fedhe abbaa malee uuma, kan akka Iyyasuus. Yoo fedhe haadha fi abbaa irraa uuma, kan akka namoota hafanii. Fedhii Isaatiin uumamtoota Isaa haala adda addaatin uume. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aadha”

Rabbiin waan hundaa irratti danda’aadha. Wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru. Samii, dachii fi wantoonni isan lamaan jidduu jiran hundi uumamtoota Isaati, too’annaa guutuu irratti qaba. Inni injifataa homtu Isa hin moo’anneedha. Iyyasuusin, haadha isaa fi namoota dachii irra jiran hundaa balleessu danda’a.[1] Garuu Iyyasuus wanta hunda irratti dandeetti qabaachu dhiisi, wanta Rabbiin irraa isatti bu’uuyyu ofirraa deebisu hin danda’u. Haadha isaa irraayyu du’a deebisuu hin dandeenye. Kanaafu, yaa Kiristaanota! Ofii fi haadha isaa irraayyu miidhaa deebisuu kan hin dandeenye akkamitti “Iyyasuus gooftaa addunyaa baraarudha” jechuun kadhattani ykn waaqefattanii? Haadha isaatu du’arraa kan hin baraarre akkamitti addunyaa baraaraa? Sila sammuun yaadu isa dhaqee?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

23:116

“Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e. Isa malee dhugaan Gabbaraman hin jiru. Inni Gooftaa Arshii kabajamaati.” Suuratu Al-Mu’minuun 23: 116

Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e.” Rabbiin Mootii Haqaa ta’e guddinnaa fi guutuummaa Isaatiif wanta hin malle hundarraa qulqullaa’e. Ilma, shariika (hiriyyaa) fi fakkaataa qabaachu irraa qulqullaa’e. Wanta taphaa hojjachuu irraa qulqullaa’e. Dadhabinna irraa qulqullaa’e.

Akkuma kutaa darbe keessatti jennee Mootiin Haqaa waan hundarraa dureessa of danda’aadha, homattu hin hajamu. Akkasumas, hiika “haqaa” keessaa tokko wanta hin jijjiramne yeroo hundaa turaa ta’eedha. Kanaafu, Rabbiin Mootii Haqaa yeroo hunda jiraataa gonkuma hin bannee fi hin jijjiramneedha, waan hundaa irraa kan of danda’ee fi dureessa ta’eedha. Wantoonni hundi Isatti hajamu. Inni Mootii haqa yeroo hundaa jiraataa ta’e, waan hunda irraa dureessa, wantoonni hundi Isatti kan hajaman erga ta’e, haqaan gabbaramaan Isa qofaa jechuudha.

Wantoonni Isaan ala jiran ni badu, ni jijjiramu. Of danda’anii ofiin hin dhaabbatan, wantoota biroo irraas miidhaa deebisuu fi faayda fiduu hin danda’an. Wanti faayda namaaf hin finnee fi miidhaa namarraa hin deebisne akka gooftaatti ilaaluun akkamitti kadhatanii? Kanaafu, Gooftaa haqaan gabbaramu ta’uu hin danda’an. Gooftaan haqaan gabbaramu, yeroo hundaa Jiraata gonkumaa hin bannee fi waan hundaa irratti danda’aa ta’uu qaba. Sababni isaas, Jiraataa fi waan hundaa irratti danda’aa yoo ta’e, wanta irraa kadhatan isarraa argatan. Jiraataa kan hin taanee fi waan hundaa irratti danda’a kan hin taane irraa wanta kadhatan argachuun danda’amaa? Mee of haa gaafannu, “Rabbiin ala yeroo hunda jiraataan gonkumaa hin duune, waan hunda hojjachuu irratti danda’aa kan ta’e ni jiraa?” Isaan ala kan yeroo hundaa jiraatu fi waan hundaa irratti danda’aa ta’e waan hin jirreef, “Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru.” jechuudha.

Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru.”  Kana jechuun dhugaan kan gadi jedhaniif, garmalee jaallatan, garmalee ol guddisan, sodaatan, waan hundaa irraa kajeelanii fi kadhatan, sagadaniif Rabbiin malee hin jiru[2].

Dhugumatti, Muttaqoonni Jannataa fi laggeen keessa ta’u. Mootii Danda’aa bira teessoo dhugaa keessa ta’u.” Suuratu Al-Qamar 54:54-55

Muttaqoota jechuun warra dhugaan amananii, wanta Rabbiin ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun azaaba (adabbii) Isaa irraa of eeganiidha. Warri kuni Guyyaa Qiyaamaa Jannataa fi laggeen keessa ta’u. Jannata qananii, ishii keessa mukkeen dhedheeroo fi firiin isaanii bilchaata ta’e, laggeen ishii keessa yaa’an, gamoo dhedheeroo, nyaataa fi dhugaati mi’aawoo, dubartoota mimmidhagoo, fi qananii biroo irraa wanti ijji hin agarre, gurri hin dhageenye fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurre jiru keessa seenu.[3] Kanarratti dabalatee, Jaalala Mootii waan hundaa irratti danda’aa ta’ee argatu, Isatti dhiyaatu. Kanaafi ni jedha, “ Mootii Danda’aa bira teessoo dhugaa keessa ta’u.” “Teessoo dhugaa” kana jechuun teessoo gaarii fi haqaa ta’e, wanta faaydi hin qabnee dubbachuu fi badii hojjachuun keessa kan hin jirreedha.[4]Mootii Danda’aa bira” kana jechuun Mootii Guddaa, Khaaliqa wanta hundaa uumee bira ta’u[5]. Isatti dhiyaatu. Inni waan fedhe hundaa irratti danda’aadha.

Al-jazaa’u min jiinsil amal (mindaan gosa hojiitiin) waan ta’eef, namni addunyaa tana keessatti dhugaadhaan amanee fi hojii gaggaarii Rabbiif jedhe hojjate, Guyyaa Qiyaamaa teessumma kabajamaa Mootii Guddaatti dhiyoo ta’e taa’a. Mootiitti dhiyaachun hangam nama gammachiisaa!!! Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmata fi tola Isaatin warra san keessaa nu haa taasisu.  


Kitaabban Wabii
[1] Tafsiiru Xabarii-8/267-269, Tafsiiru Sa’dii-249, Zaadul Masiir-fuula 368
[2] Ash-shirku fil qadiimi wal hadiisi– 1/fuula 53-54
[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 976
[4] Taafsiiru Xabari-22/167, Zaadul Masiir-fuula 1375
[5] Tafsiiru ibn kasiir-7/97

Suuratu An-Naas
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.3
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply