Suuratu An-Naas

Offline dubbisuf

Seensa
Suuran tuni suuraalee (boqonnaalee) Qur’aanaa keessaa sheyxaana, badii isaatii fi sharrii uumamtoota biroo irraa Rabbiin eeggamuuf suurah qara’aniidha. Namni jireenya keessatti sharrii, fitnaa fi badii kamirraayyu eeggame nageenyaa fi gammachuun jiraachu barbaada. Hundeen sharrii hundii sheyxaana. Kanaafu, namni tasgabbii fi gammachuu barbaadu gara Rabbii Olta’aa fiigun suurah tana qara’ee eeggumsa barbaadun isarra jiraa miti ree? Namni eeggumsa kana kan argatu, wanta jedhu yoo itti amanee fi hiika isaa yoo beekedha. Kanaafu, hiika suurah tanaa beekun baay’ee barbaachisaadha.

Jedhi, “Gooftaa namootaattin maganfadha. Mootii namootaa [kan ta’e], Gabbaramaa namootaa [kan ta’e], Hamtuu hasaasaa(waswaasaa) dhufee dhabamu irraa, Kan qoma namootaa keessatti hasaasu, Jinnii fi namoota irraa [kan ta’e irraa Rabbitti maganfadha].” (Suuratu An-Naas 114:1-6)
(Maganfachuu jechuun eeggumsa barbaadu jechuudha.)

Faayda “Gooftaa namootaa…, Mootii namootaa…, Gabbaramaa namootaa” jedhee jalqabuu keessa jiru.
1-Gooftaa namootaa jechuun Kan isaan uumee, isaan too’atu, guddisu, fooyyessu, wanta faayda qabu isaaniif fidu, sharrii isaan irraa ittisu fi wanta isaan balleessu irraa isaan eegudha. Kanaafu, Rabbiin Gooftaa namootaa waan ta’eef, sharrii hasaasa sheyxaana irraa nama eegu irratti danda’aadha. Sheyxaanni kuni yeroo hundaa nafsee namaatti kan maxxanee fi akka dhiigni qaama keessa naanna’u nama keessa naanna’a. Badii hojjachuutti nama hasaasa, ma’asiyatti akka taran nama gowwoomsa, badii namaaf miidhagsa. Suuta suutaan akka itti taran nama taasisa. Namni yommuu Gooftaa isaa yaadatu, sheyxaanni isatti hasaasu ni bada ykn ni dhokata. Akkuma namni Rabbiin yaadachu fi faarsu irraa gaflaa (daguu) keessa ta’uun, sheyxaanni isatti hasaasu jalqaba. Qilee baditti isa dabarsuuf fedhii guddaa qabaata.

Hasaasni sheyxaanni ammaa amma wal duraa duuban dhufe badu kanarraa eenyullee nama eegu hin danda’u Rabbii Guddaa olta’e malee. Sababni isaas, Rabbiin Gooftaa waa hundaa uume, waa hundaa argu, too’atu, waan gaarii namaaf fidu fi sharrii namarraa ittisuudha. Isa malee eenyutu sheyxaana argee sharrii isaa namarraa ittisaa? Sheyxaana Kan uume, too’atu fi amala isaa beeku Isa. Kanaafu, sheyxaana namarraa ittisu kan Danda’u Rabbiin qofa.

2-Mootii namootaa- Inni Mootii isaaniiti, isaan kan too’atu fi aangoo guutuu isaan irratti qabuudha. Namoonni immoo gabrootaa Isaati. Dandeettin Isaa isaan keessatti hojii irra ni oola. Mootiin Haqaa isaanii Rabbiidha. Yeroo rakkoo fi balaa gara Isaatti dheessu. Rakkoo keessaa kan isaan baasu, isaaniif birmatu, isaan eegu Isa. Isa malee fooyya’iinsi fi jireenyi isaaniif hin jiru. Yommuu diinni isaan irraan garagale Mootiin itti dheessan Isa malee isaaniif hin jiru. Diinni yoo harkatti isaan galfate, Isarraa birmannaa barbaadu.

Mootii namootaa akka ta’e ibsuun Rabbiin irraa eeggumsa barbaadun, hiika Abbaan Mootummaa wanta mootummaa Isaa keessa jiru irraa akka nama tiiksuf gargaarsa Isarraa barbaadu qaba. Sababni isaas, Rabbiin Mootii waan ta’eef wantoota mootummaa Isaa keessa jiran hunda kan uume, too’atu fi aangoo guutuu irratti qabu Isa. Inni Mootii namootaa waan ta’eef mirga ajajuu, dhoowwu, mindaa kennuu fi adabu qaba. Dhimma lammiilee Mootii jalatti bulan keessaa tokko diina irratti Mootii Injifataa fi Abbaa Humnaa ta’e irraa gargaarsa kadhachuudha. Namoota kanniin gargaarun kan ta’u, sharrii hunda irraa isaan eegudha.

Gabrichi haala sirrii ta’een yoo Rabbitti amane, Isa gabbaruu keessatti dhugaa yoo ta’e, mootummaa fi aangoo Isaa yoo labsee fi Isaaf ajajamuuf fedhii guddaa yoo qabaate, Rabbiin olta’aan isa ni gargaara. Garuu kaafira waakkataa yoo ta’e yookiin nama ajajoota Isaa faallessu yookiin ajajoota Isaa haala salphaan ilaalu yoo ta’e, gargaarsi Inni Gooftaa isaa irraa argatu kan dhabamee ykn dadhabaa ta’a. Kunis, haala inni Gooftaa isaa waliin qabu irratti hundaa’a. Namni Gooftaa isaatti kafare, eeggumsaa fi gargaarsa Isarraa dhaba. Rabbiin sheyxaana irraa isa hin eegu. Qur’aana keessatti ni jedha:

19:83

Kaafirota irratti sheyxaanota akka erginee hin arginee? Kakka’uumsa [itti fufaa baditti] isaan kakaasu.” Suuratu Mariyam 19:83

Rabbiin irraa kaafirotaaf eeggumsi waan hin jirreef sheyxaanonni baditti isaan kakaasu. Akkuma badi tokko dhiisaniin badii biraatti akka darban ykn badima san akka itti fufan isaan kakaasu.

Faallaa kanaa immoo, Rabbiin warroota Isatti amananii fi Isa qofa gabbaran sheyxaana irraa ni tiiksa. Qur’aana keessatti ni jedha:

Yommuu Qur’aana qaraatu, sheyxaana abaarramaa irraa Rabbitti maganfadhu. Dhugumatti inni warroota amananii fi Gooftaa isaanii irratti hirkatan irratti aangoo hin qabu.” Suuratu An-Nahl 16:98-99

Yommuu Qur’aana qara’uuf jalqabdu, Rabbiin sheyxaana rahmata isaa irraa darbame irraa akka si eeguuf eeggumsa Isarraa barbaadi. Sheyxaanni warroota amananii fi Gooftaa isaanii irratti hirkatan irratti too’annaa hin qabu. Isaan too’achuun akka kaafirootaa fi warroota jallatanii badiitti isaan hin kakaasu.

3-Gooftaa fi Mootiin Isa erga ta’ee, haqaan Gabbaramaan Isa jechuudha. Akkuma Rabbiin qofti Gooftaa fi Mootii isaanii ta’e, akkasuma, Gabbaramaan (ilaahni) isaanii kan haqaa Isa qofa. Akkuma Gooftummaa fi Mootummaa Isaa keessatti shariika hin qabne, namoonni Isa gabbaruu keessattis shariika gochuufi hin qaban.[1]

Rabbiin gabbaramaa namootaa akka ta’ee ibsuun Isarraa eeggumsa barbaadun, namni eeggumsa barbaadu kuni haqa Gooftaan isaa isarraa qabu bakkaan gahuu akka qabu isatti akeeka. Haqni kunis ibaada (gabbarri) hunda Gooftaa isaa qofaaf gochuudha. Ibaada kanniin keessaa du’aayi fi eeggumsa barbaadudha. Namni haqa Gooftaa isaa bakkaan yoo gahe, Rabbiin du’aayi (kadhaa) isaa isarraa qeebaluun isa kabaja, diinota isa jallisuuf carraaqan irraa isa eega. Diinonni kunninis sheyxaanota jinniiti fi sheyxaanota namaati. [2]

Hiika “Hasaasaa (waswaasa)”
Aayah keessatti, “Hasaasaan (Waswaasan)” sheyxaana. Akka lugaatti hundeen hasaasa (waswasaa) sagalee ykn sochii dhokataa hin dhagahamneedha. 

Kanaafu, hasaasa (waswaasa) jechuun nafseetti wanta dhokataa darbuudha. Takkaa sagalee dhokataan nama darbe malee eenyullee hin dhageenye wanta dhokataa nafseetti darbu, kan akka namni gurratti hasaasu takkaa immoo sagalee malee darbuudha. Kan akka sheyxaanni namatti hasaasu.[3]

Hasaasni (waswasan) dubbii namni hasaasu irra deddeebi’e dubbatu waan ta’eef, hiikan akka walitti galuuf sagalee jechas ni deddeebisan. Ni jedhan, hasaasa (waswasa).[4] Akka hiikni wanta dubbatamu hubatamuuf sagalee jechaa ni deddeebisan. Akka Afaan Oromootti sagaleen, “-sa-“ si’a lama deddeebi’e. Akka Arabiffaatti immoo sagaleen “was” si’a lama deddeebi’e. Kuni jechoota biroo keessattis ni beekkama. Fkn, kirkira lafaa. Lafti irra deddeebi’uun waan sochootuf “Kirkira” (Zalzalaa)” jedhamte. Ammas jechi, “konkolate (kabkaba)” jedhu irra deddeebi agarsiisa. Kanaafu, hasaasni (waswasaan) wanta irra deddeebi’ame dhoksaan nafsee namaa keessatti darbamuudha. Namni yommuu namatti hasaasu dubbii isaa irra deddeebi’e dubbataa miti ree? Sheyxaannis laphee (qoma) namaa keessatti yommuu namatti hasaasu irra deddeebi’e badii namatti hasaasa.

Hiika “Khannaas”
Khannaas jechuun erga mul’atee booda kan dhokatuudha. Jecha biraatin kan dhufee dhabamuudha. Khannaas hiikota lamaan kanarraa kan fudhatameedha. Innis, dhokachuu fi duubatti deebi’udha. Sheyxaanni Khannaas jedhamuun ibsamee. Sababni isaas, akkuma namni Gooftaa isaa yaadatuun sheyxaanni duubatti deebi’e dhokata. Namni yommuu zikrii Rabbii irraa gaflaa keessaa ta’u immoo, sheyxaanni qalbii isaa irratti maxxanee taa’a. Qalbii irra diriirfachuun waswasaa hundee badii hundaa ta’ee qalbii keessatti facaasa. Namni yoo Rabbiin yaadatee fi eeggumsa Isarraa barbaade immoo, sheyxaanni duubatti deebi’e dhokata, ni suntura. Akka kanatti hasaasni khannaas wal duraa duuban deddeebi’a.[5]

Sheyxaanonni namaas haaluma kanaan hojjatu. Inuma balaa fi miidhaan sheyxaanni namaa fidu kan sheyxaana jinni caala. Sheyxaanni namaa jechoota karaa yaadatin darbuun qoma keessatti wiirtuu kakka’uumsa, fedhii, miiraa fi hawwii gahaniin namatti hasaasa. Sheyxaanni jinni immoo keessa nafsee irraa yaadota darba. Akka dhiigni naanna’utti nama keessa naanna’a. Yaadonni inni darbe kunniin qoma keessatti wiirtuu kakka’uumsa, fedhii, miiraa fi hawwiitti ce’u. Namni fedhii ofiitiin yommuu hasaasa kanaaf deebii kennu, adeemsi karaa irraa jallate, sharrii baay’ee namatti fidu isarraa mul’ata.[6]

Kanaafu, hiikni “Hamtuu hasaasaa(waswaasa) dhufee dhabamu irraa” jedhu, sharrii sheyxaanaa yeroo garii duubatti deebi’e dhokatu, yeroo biraa immoo kan waswaasu ta’e irraa Rabbiin tiikfama. Aayah tana ilaalchise ibn Abbaas ni jedha: “Sheyxaanni qalbii ilma Aadam irra haguuge taa’a. Yommuu namni dagatee fi gaflaa keessa ta’u, itti hasaasa. Yommu Rabbiin yaadatu immoo duubatti deebi’e dhokata.”[7]

Sheyxaanni eessa keessa ta’uun namatti hasaasaa?
Qomni namaa iddoo waswaasaati(hasaasati). Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota qoruuf sheyxaana gara qoma namaatti seenu fi lixu dandeesisee jira. Akka dhiigni qaama keessa naanna’utti sheyxaannis nama keessa naanna’a. Hanga du’aatti namarraa addaan hin bahu. Hadiisa sahiih ta’e keessatti: Safiyya bint Huyeyyi [masjiida keessatti] Ergamaa Rabbitti (SAW) dhufte. Yommuu gara manaa deebitu Ergamaan Rabbii ni gageessan. Ansaarota irraa dhiironni lama isa bira darban. [Ergamaan Rabbii] isaan waamun akkana jedhen, “Ishiin Safiyyaa [haadha manaa tiyya]’Isaan lamaan ni jedhan, “Rabbiin qulqullaa’e [Akkamitti waan badaa yaadna]!’ Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan,’Sheyxaanni qaama ilma namaa keessa akkuma dhiigni naanna’u naanna’a.” (Sahih Al-Bukhaari 7171)Gabaasa biraa keessatti, ‘Sheyxaanni yaada badaa isinitti darbaa sodaadha.’ jechuun itti dabale.” (Sahih Al-Bukhaari 2038

Sheyxaanni maal namatti hasaasa (wasawasaa)?
Wanti sheyxaanni namatti hasaasu lakkaawame hin dhumu. Garuu wantoota gurguddoo badii hundaaf hundee fi madda ta’an tarreessun ni danda’ama.

1ffaa– Kufrii fi shrkii- Namni akka Gooftaa isa uumetti kafaruu ykn isa waliin waan biraa akka gabbaru, sheyxaanni garmalee itti hasaasa. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Sheyxaanni tokkoo keessanitti dhufuun ni jedha ‘Kana eenyutu uume? Kana eenyutu uume? Hanga Gooftaa kee eenyutu uumee? jedhutti [ni gaafata]’ Yommuu bakka san gahu, Rabbiin irraa eeggumsaa haa barbaadu. Yaada akkanaa haa dhiisu.” (Sahiih Al-Bukhaari 3276)
Kanaafu yeroo kanatti wanti barbaachisu gara Rabbii fiigun eeggumsa Isarraa barbaadudha. Qur’aana keessatti, “Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” (Suuratu Al-A’araaf 7:200)
A’uuzu billahi mina sheyxaani rajiim (sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama)” jechuun Rabbii guddaa irraa eeggumsa barbaadu danda’a. Akkasumas, Suuratu An-Naas qara’uu danda’a.

Hojiin jalqabaa sheyxaanaa hasaasa isaatin hariiroo gabrichi Gooftaa isaa waliin qabu addaan kutuudha. Ergasii isa waliin ibidda keessatti akka gubataniidha. Qur’aana keessatti:

35:6

Dhugumatti sheyxaanni isiniif diina. Isinis diina isa godhadhaa. Hordoftoota isaas warra ibidda boba’a keessaa akka ta’aniif qofa isaan waama.” Al-Qur’an 35:6

2ffaa– Bid’aatti waamu-kana jechuun amanti keessatti wanta haarawa dabaluu fi uumutti nama kakaasa.
3ffaa- Badii gurguddaa akka zinaa, hanna, nama ajjeesu fi kkf akka rawwaatan namatti hasaasa.
Dabalataaf barruu tana ilaalun ni danda’ama: https://www.sammubani.com/2017/12/30/sadarkaalee-sharrii-sheyxaanaa/#more-5619

Sharrii waswaasa (hasaasaa)
Hasaasni sheyxaanaa hundee badii hundaati. Fedhiin badaan hasaasa irraa jalqaba. Tarii namni qalbiin isaa badii fi cubbuu irraa bilisa taate osoo jirtu sheyxaanni itti hasaasa. Sammuu isaa keessaa badii qaxxaamursiisa. Nafsee isaa keessatti fakkii badii kanaa kaasaf, ni hawwisisa. Ergasii fedhii lubbuu ta’a. Garmalee faaye bareechisaaf. Hanga nafseen itti dabdutti suuraa bareechisee kaasaf. Ergasii fedhii cimaa ta’a. Ammas, fakkii kaasu, dharraasisuu fi hadhaa badii sanirraa dhalatu isa dagachiisu itti fufa. Adabbii badii sanii isarraa haguuga. Kanaafu, namtichi suuraa badiiti fi mi’aa ishii malee wanta biraa hin argu. Wanta badii san duuba jiru ni dagata. Ergasii fedhiin cimaan kuni ijjannoo ta’a. Qalbii keessatti badii san hojjachuuf haafayuun ni cima. Akkuma namtichi badii san irraa duubatti deebi’uuf yaadun sheyxaanni badii sanitti kakaasa, akka itti fufu taasisa.[8] Dhumarratti baditti isa kuffisuun itti gammada.
Tarkaanfilee sheyxaanni baditti nama geessu:
1.Hasaasu—2.Badii san miidhagsu, fakkii badii nama keessatti kaasu—3.Hawwisisuu fi dharraasisuu—4. Dharraa fi hawwiin kuni gara fedhii cimaatti guddachuu—5.Adabbii badii kanarraa dhalatu dagachisuu fi irraa dhoksuu—6.Fedhiin cimaan gara ijjannootti jijjiramuu—7.Ijjannoo booda baditti kufuu—san booda wanti uumamu ni uumama
Namni qaruuten tarkaanfi kana hunda osoo hin deemin dafee tarkaanfi tokkoffaa ykn 2ffaa irratti gara Rabbii fiigun eeggumsa barbaada.

Kan namatti waan badaa hasaasu gosa lama
Suuratu an-Naas gara dhumaatti “Jinnii fi namoota irraa [kan ta’e irraa Rabbitti maganfadha].” Jedha. Kuni kan agarsiisu namatti waan badaa kan hasaasu gosa lama: Jinni fi nama. Hasaasa jechuun dhoksaan qalbitti waa darbuudha. Kana keessatti jinni fi namni waliin qoodu fudhatu. Hasaasni namaa karaa gurraatiin qalbii keessa seena. Hasaasni jinni immoo kanatti hin hajamu.Qaama keessa akka dhiiga waan naanna’uuf hasaasa isaa qalbitti darba. Tarii yeroo garii karaa gurraatinis itti hasaasu danda’a.[9] Kanaafu, asirraa ka’uun sheyxaana jinni fi sheyxaana namaa jenne bakka lamatti qoodu dandeenya. Sheyxaanni namaa karaa gurraatin namatti hasaasun baditti nama darba. Nama meeqatu sababa hiriyyaa badaatin karaa irraa jallatee adabbii guddaaf of saaxile. Sheyxaanni jinni immoo akka yaa’insi (current) elektrikii shiboo keessa yaa’u nama keessa yaa’un waan badaa namatti hasaasa. Kanaafu, namni gammachuu fi sharrii kamiyyuu jalaa nagaha bahuu barbaadu, yeroo hundaa Gooftaa isaa irraa eeggumsa isa barbaachisa. Rabbiin malee eenyullee sharrii sheyxaanaa irraa kan nama eegu hin jiru.

Aalimman durii keessaa aalimni tokko barataa isaatiin akkana jedhe, “Yommuu sheyxaanni badii siif miidhagsu maal gootaa?” Barataanis ni jedhe, “Itti qabsaa’a.” Aalimtichis ni jedhe, “Yoo deebi’e hoo?” Barataanis ni jedhe, “Itti qabsaa’a.” Aalimtichis ni jedhe, “Yoo deebi’e hoo?” Barataanis ni jedhe, “Itti qabsaa’a.” Aalimtichi ni jedhe, “Kuni immaa ni dheerata. Mee natti himi, osoo hoolota biraan darbaa jirtuu sareen yoo sitti dute ykn yoo si dabarsuu dhoowwe maal gootaa?” Barataanis ni jedhe, ” Rakkoo isaa danda’ee duubatti deebisuuf carraaqa.” Aalimtichis ni jedhe, “Kuni immaa sirratti dheerata. Garuu abbaa hoolota irraa gargaarsa kadhu. Inni sirraa qabaati.”*

Namnis sheyxaana irraa tiikfamu kan danda’u sheyxaana irratti aangoo guutuu kan qabu irraa gargaarsa fi eeggumsa yoo barbaadedha.

Guduunfaa
☛Hammi namni sheyxaana irraa itti eeggamu iimaana, ikhlaasa fi ibaadah isaa irratti hundaa’a. Namni iimaanni fi ikhlaasni isaa cimaa ta’e, hojii gaggaarii baay’isee qulqullinnaan hojjatu akkasuma, namoota biroo caalaa sheyxaana irraa eeggama. Iimaanan, ikhlaasaa fi hojii gaggaariin dallaa cimaa ofii fi sheyxaana jidduutti ijaara.
☛ Rabbiin Gooftaa namoota isaan uume, guddisuu fi kunuunsu waan ta’eef, nama gara Isaatti dheessun eeggumsa barbaade, sheyxaana irraa isa eega.
☛Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Mootii waan hunda irratti aangoo qabu waan ta’eef, nama Isa irraa gargaarsa barbaade sharrii sheyxaanaa irraa ni tiiksa. Sheyxaanni too’anna Isa jala waan jiruuf.
☛Rabbiin Gabbaramaa haqaa waan ta’eef nama Isatti amanee fi Isaaf of gadi qabe (Isa gabbare) sheyxaana irraa isa tiiksun nagaha isa taasisa.
☛Namni xiyyeefannoo fi dammaqiinsaan Rabbiin yommuu yaadatu fi faarsu, sheyxaanni isatti hasaasu irraa duubatti deebi’a. Yoo gaflaa keessa ta’e immoo gara isaatti deebi’e hasaasa.
☛Namni “Ani zikrii nan godha, suuratu An-Naas nan qara’a garuu sheyxaana irraa eeggamaa hin jiru” yoo jedhe, dhimmoota kanniin haa qoratu: 1ffaa-Iimaana isaa, 2ffaa-Ikhlaasa isaa, 3ffaa-Hojii ibaada isaa, 4ffaa-Yeroo zikrii godhuu ykn hojii ibaada hojjatu haala qalbii isaa, 5ffaa-Badii isaa

Hundee iimaana jahanitti sirritti amanuu isaa haa mirkaneefatu. Hundeen iimaana kunninis: Rabbitti, Malaykota, Kitaabban, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Qiyaamaatti, fi qadaratti amanuu. Hojii isaa keessattis ikhlaasa qabaachuu ykn qabaachu dhiisu isaa haa qoratu. Hojii iibaada haala barbaadameen yeroo fi sirnaa isaa eege bakkaan gahuu isaa haa ilaalu. Yeroo zikrii godhuu qalbiin isaa zikrii irratti ni xiyyeefatti moo gaflaa keessa ta’uun arrabni qofti socho’aa? Ammas, badii hojjachuu itti fufaa? Badii hojjachuu itti fufuun hasaasni sheyxaanni akka namatti baay’atu taasisa. Kanaafu, hasaasa sheyxaanaa jalaa bahuuf tawbaa fi istighfaara baay’isuu barbaachisa.

Namni suurah armaan olii jecha jechaan hubachuu barbaadu liinki kanarraa buufachuu danda’a: https://sammubani.files.wordpress.com/2019/10/hiika-suuralee-gaggaababoo.pdf


Kitaabban wabii:
[1] Bidaa’u Tafsiir-4/438-439, Ibn Al-Qayyim
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-2/38-40
[3] Bidaa’ul Tafsiir-3/441
[4] Madda olii
[5] Madda olii-fuula 3/446
[6] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 2/41
[7] Tafsiiru Xabarii 24/753-754
[8] Bidaa’u Tafsiir 3/449
[9] Madda olii fuula 458
*Tabliis ibliis fuula 60-Ibn Al-Jawzi

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.5
Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 7.4
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply