Siiraa Lakk.17.1

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti wantoota gurguddaa mushrikoonni faalleessanii fi mormaa turan ilaalle jirra. Yeroo mata-duree “Mormii Mushrikootaa” jedhu ilaalaa turre, tarii dubbistoonni gariin sila siiran addaan citee jechuun yaadu danda’u. Mata-dureen kuni siiraa jala waan galuuf barnoonni siiraa addaan hin cinne. Ammas itti fufuun mata duree itti aanu haa ilaallu.

Da’watti duuluuf tooftaalee Mushrikoonni fayyadaman
Mushrikoonni osoo wanta biraa irratti tokkichoomu baataniyyuu ergaa Islaamaa ukkamsu irratti tokko ta’anii jiru. Ergaan Islaamaa kuni wallaalummaa isaanii qullaa taasise, hanqinna wantoota isaan gabbaran ifa baase, yaada dogongoraa fi doofummaa isaanii ifatti labsee. Ergaan Islaamaa akka hin babal’anneef yaali baay’ee godhan. Yaaliwwan kanniin keessaa mee muraasa isaanii haala armaan gadiitiin haa ilaallu:

1-Qureeshonni Abu Xaalibin Nabiyyii (SAW) gargaaru fi eegu irraa fageessuf yaalu
Abu Xaalib abbeeraa Nabiyyii (SAW) waan ta’eef Nabiyyii ni gargaaraa fi eegaa ture. “Gaafa tokko Qureeshonni gara Abu Xaalibitti dhufanii akkana jedhaniin: Ilmi obboleessa keeti kuni iddoo walitti qabamnu fi Masjiida keenya keessatti azaa nu godhee jira. Kanaafu, isa nurraa dhoowwi. Abu Xaalibis ni jedhe: Ilmaan abbeerota keeti kunniin iddoo isaan walitti qabamanii fi masjida isaanii keessatti akka azaa gootu odeessu. Isaan azaa gochuu dhiisi.” Nabiyyiinis (SAW) gara samii ija ofii olkaasun akkana jedhe, “Aduu tana argitanii?” Isaanis ni jedhan, “Eeyyen.” Nabiyyiinis ni jedhan, “Osoo aduu tana irraa laboobaa qabsiiftaniyyuu da’waa kana isinirraa dhiisu hin danda’u.” Gabaasa biraa keessatti, “Yaa abbeeraa koo! Rabbiin kakadhe, dhimma kana akka dhiisuuf osoo aduu harka mirgaa kiyya irra, ji’a immoo harka bitaa kiyya irra kaa’anii, hanga Rabbiin ifa baasutti dhimma kana hin dhiisu.”[1] Abu Xaalibis ni jedhe: Ilmi obboleessa kiyyaa gonkumaa hin kijibne. Kanaafu haala gaarii ta’een deebi’aa.”[2] Qureeshonni Nabiyyii (SAW) karaa maatitiin dhiibbaa uumuu yaali baay’ee goote. Garuu yaalin hundi ni fashalaa’e.

Dhimmi Abu Xaalib ilma obboleessa isaa eegu fi isa gargaaru irratti jabaachuun ni cime. Kuni Qureeshota irratti yaaddo, hinaafi fi mala baasu dabale. Gama isaanitiin abdii kutuun yaali biraa akka yaalan isaan taasise. Dargaggeessa maqaan isaa Umaarah bin Al-Waliid bin Mughiirah jedhamu qabachuun gara Abu Xaalib deeman. Abu Xaalibin ni jedhan: Yaa Abu Xaalib kuni Umaarah bin Waliid. Qureeshota keessatti dargaggeessa hundarra humna qabuu fi bareedaa ta’eedha. Isa fudhadhu, si gargaaraati. Yoo ajjeefame immoo gumaan kee ta’a. Akka ilmaatti godhadhu, inni keeti. Ilma obboleessa keeti immoo nuuf kenni. Inni amanti keeti fi abbooti keeti faallesse, ummata kee bittineesse, yaada fi ilaalcha keenya akka doofummaatti ilaale. Kanaafu, isa haa ajjeesnu. Dhiira dhiiran waan ta’eef inni homaayyu miti.” Abu Xaalibis ni jedhe, “Rabbiin kakadhe! Daldalli isin naaf dhiyeessitan ee fokkate! Ilma keessan naaf kennitani ani isiniif isa qallaba. Ani immoo ilma kiyya isiniif kennee, isin isa ajjeeftu. Rabbiin kakadhe! Kuni gonkumaa waan hin taanedha.”

Dhugumatti namni Nabiyyi eeguu fi gargaaruuf dhiirummaa Abu Xaalib qabu argee ni dinqisiifata. Abu Xaalib gahuumsa ofii gahuumsa ilma obboleessa isaa Muhammad (SAW) waliin hidhaa cimaa hidhe. Hogganaa bani Haashim waan ta’eef Rasuula gargaaruuf du’aa fi jiruu irratti banii Haashimii fi bani Muxxalib bakka tokkotti tokkichoomse. Ilma obboleessa isaatiif eeggumsa guddaa homaayyuu hin fudhannee godheef. Miseensa maatii keessaa namni isaan waliin tokkichoomu dide Abu Lahab abaarramaa badiin isaa Qur’aana keessatti ibsameedha.

Yommuu Abu Lahab Nabiyyii (SAW) arrabsu, Hamzaan isatti bahuun xiyya isaatin Abu Lahabin madeesse. Akkana jedheen: Ani osoo amanti isaa irra jiru Muhammadin arrabsitaa? Yoo dandeessa san (xiyya) deebisi.”

2-Ergaa Nabiyyii (SAW) Maqaa xureessu
Yeroo waqtiin hajjii gahuu namoonni ergaa Islaamaa akka hin fudhanneef, nabiyyi maqaa xureessu jalqaban. Kutaa darbe keessatti maqaa nabiyyiif baasu qaban Waliid ibn Mughiirah waliin akka mari’atan ilaalle turre. Marii isaanii duubatti deebi’uun ilaalun ni danda’ama: https://www.sammubani.com/2019/09/23/siiraa-lakk-16/#more-11590

 3-Rakkinnaa fi azaa Nabiyyii (SAW) irra gahee
Nabiyyiin (SAW) urga ergaa Islaamaa ifatti baasu jalqabe irraa kaasee hanga gara Madiinaa godaanutti Qureeshonni isa azaa gochuu fi rakkisuu irraa hin dhaabbannee. Kanaafi, aayaanni Qur’aanaa yeroo san bu’an Nabiyyii (SAW) akka obsuu fi abdi hin kunne ajaju. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

73:10

“Wanta isaan jedhan irratti obsi, fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu.” Suuratu Al-Muzzammil 73:10

Aayah tana keessatti, mushrikoonni wallaaltonni sanama gabbaran, arrabsoo isa arrabsanii fi azaa isaanii irratti nabiyyiin (SAW) akka obsu ajaja. Gowwootaa fi wallaaltota waliin walitti nyakkisuu osoo hin ta’in haala gaariin akka irraa fagaatus ni ajaja.

Ammas aayah biraa keessatti ni jedha:

76:24

“Murtii Gooftaa keetitiif obsi. Isaan keessaa nama badii hojjataa yookiin kafaraa ta’eef hin ajajamin.” Suuratu Al-Insaan 76:24

Murtiin Rabbii takkaa qormaata fi balaa namatti bu’u ta’a, takkaa immoo murtiwwan (hukmiwwan) shari’aa ta’a. Azaan Mushrikoota irraa Nabiyyii tuqu qormaata waan ta’eef kana irratti obsa barbaachisa. Ammas, ergaa Islaama ummatatti geessun, salaata salaatu fi dirqamoonni Islaama biroo obsa guddaa barbaadu. Kanaafu, kana hundarratti obsi. Namoonni ergaa Islaama faalleessan hawaasa keessaa waan hin dhabamneef, “nama badii hojjataa yookiin kafaraa ta’eef hin ajajamin.” Namoonni badii hojjatanii fi kaafironni badii akka raawwatan ykn Islaama akka hin hordofne waan ajajaniif, isaaniif ajajamuun badii malee homaa hin fidu.

Akka fakkeenyatti azaa fi rakkinna Nabiyyii (SAW) muudate muraasa isaanii haala armaan gadiitiin dhiyeessun ni danda’ama:

1-Gaafa tokko Abu Jahl miseensota Qureeshota keessaa namoota muraasan ni jedhe: Muhammad isin jidduutti biyyee irratti ni sujuudaa?” Isaanis ni jedhan, “Eeyyeen.” Innis ni jedhe, “Laati fi Uzzaan kakadhe, isaa kana hojjatu yoo argee, morma isaatirra ijjadha.” San booda osoo nabiyyiin (SAW) salaatu morma isaatirra ijjachuuf itti dhufe. Abu Jahl yommuu Nabiyyitti dhiyaatu homaa hin turre duubatti jedhe dheessu malee. Osoo Nabiyyi bira hin gahin nahee duubatti deebi’e. Isaan ni jedhame, “Maal taate?” Innis ni jedhe, “Dhugumatti, anaa fi isa jidduu bolloo ibiddaa, wanta rifachiisaa fi koolatu jira.” Nabiyyiin (SAW) wanta gaafa san ta’e akkana jechuun ifa baasan, “Osoo natti dhiyaate silaa Malaaykonni kutaa kutaan isa cicciruu turan.

2-Abdullah ibn Mas’uud akka gabaasetti, Osoo Nabiyyiin (SAW) Ka’abaa biratti salaatu gareen Qureeshotaa walitti qabamuun isaan keessaa tokko akkana jedhe: “Gara nama agarsiisaaf salaatu kana hin argitanii? Isin keessaa eenyutu Jazuura (gaala qalmaaf dhiyaatte) warra ebalu bira deemun macaree, dhiigaa fi garaa irraa wanta hafee fidaa? Ergasii yommuu inni sujuudu ceeku isaa lamaan jiduu irra kaa’a. Isaan keessaa namni hundarra gadhee ta’e hojii fokkuu kana hojjachuf ka’e. Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) sujuudan macaree fi dhiiga gaalaa fidee ceequ lamaan jidduu kaa’e. Nabiyyiinis (SAW) akkuma sujuudetti ture. Namoonni hojii kana hojjatan immoo kolfa irraa kan ka’e gariin garii irratti hanga kufanitti ni kolfan. Namni wayii Faaximah biraan darbee [gocha kana itti hime]. Faaximaan yeroo san mucayyoo xiqqoo turte. Ishiinis fiigaa dhufte. Hanga ishiin isa irraa darbitutti Nabiyyin akkuma sujuuda bu’etti ture. Ishiinis mushrikoota gadhee kanniin arrabsutti qajeelte. Nabiyyiin (SAW) yommuu salaata xumuru ni jedhe, “Yaa Rabbii! Qureeshota adabii.” (si’a sadii jedhan). Ergasii tokkoon tokkoon maqaa dhayee: “Yaa Rabbii! Amr bin Hishaam (Abu Jahl), Utbah bin Rabi’ah, Sheybah ibn Rabi’ah, Waliid ibn Utbah, Umayyah ibn Khalaf, Uqbah ibn Abi Mu’iix fi Umaarah ibn Waliid adabi.” Abdullah ibn Mas’uud ni jedha, “Rabbiin kakadhee! Namoota armaan olitti maqaan isaanii dhayamee Guyyaa lola Badrii dhayamanii ajjeefaman. Ergasii Al-Qaliibitti harkifaman. Al-Qaliib biiri (boolloo gadi fagoo) Badriiti. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Warri Qaliib abaarsaan hordofaman.” (Kuni tarii Du’aayi Nabiyyiin isaanitti godhan ta’uu danda’a.) (Sahiih Al-Bukhaari 520)

Gabaasni biraa akka addeessitu namni macaree gaalaa nabiyyii irratti darbee Uqbah ibn Abi Mu’iix. Namni hojii fokkuu kana akka hojjatu itti kakaase immo Abu Jahl. Gareen Qureeshota du’aayin nabiyyii (SAW) dhiibbaa isaan irratti fide, dhimmichi baay’ee isaan irratti ulfaate. Sababni isaas, du’aayin Makkaan keessatti akka qeebalamtutti ilaalu.

 3-Matootin Qureesha walitti qabamuun Nabiyyii (SAW) rukutuu- gaafa tokko matootin Qureeshaa Ka’abaa cinaatti walitti qabamuun waa’ee Nabiyyii (SAW) haasawan. Ni jedhan, “Dhimma namticha kanaa irratti obsuu caalaa dhimma obsa guddaa gaafatu gonkumaa hin argine. Yaada fi ilaalcha keenya akka doofummaati ilaale, wanta gabbarru ni arrabse. Dhugumatti isa irraa dhimma guddaa irratti obsinee jirra.” Osoo isaan haala kana keessa jiranu, Rasuulli (SAW) isaanitti bahe. Akka namni tokkichi utaalutti utaalani isa marsan. Akkanas jedhaniin, “Akkana akkana kan jedhu sihi.” Innis ni jedhe, “Eeyyeen, anatu akkas jedha.” Ergasii isaan keessaa namtichi tokko [nabiyyiin loluuf] uffata isaa qabe. Ergasii Abu Bakr dhufee nabiyyii fi isaan jidduu dhaabbate. Abu Bakris booyaa akkana jedhe, “Nama ‘Gooftaan kiyyaa Allah dha’ waan jedheef ajjeeftu sila?”

4-Abbeeran Nabiyyii Abu Lahab namoota hunda caalaa diina Nabiyyii (SAW) ture. Niitin Abu Lahab ummu Jamiilis isaaf diina guddoo turte. Hariiroo Nabiyyii fi namoota jidduu jiru balleessuuf oduu oli gadi guurti, karaa inni irra deemu irra qoree keetti. Balbala isaa irratti balfa (koshaasha) gatti. Abu Lahabi fi ishii ilaalchise suuraan Qur’aanaa ni bu’e:

“(1)-Harki lamaan Abu Lahab badan, innis bade. (2)-Qabeenyi isaatii fi wanti inni hore isa hin fayyanne. (3)-Ibidda [bobayaa] laboobaa qabdu ni seena. Niitin isaas baadhattu qoraanii tan taate [ibidda ni seenti]. Morma ishii irra haada quunce teemira irraa ta’etu jira.” Suuratu Al-Masad 111:1-5

Yommuu waa’ee ishiitii fi jaarsa ishii ilaalchisee Qur’aana irraa wanta bu’e dhageessu, Ka’aba biratti gara Nabiyyii (SAW) dhufte. Abu Bakr Nabiyyii waliin Ka’aba bira taa’u ture. Umm Jamiil harka ishiitti dhagaa qabachuun isaan lamaan bira dhaabbatte ni jettee, “Yaa Abu Bakr Saahibni (hiriyyaan) kee eessa jiraa? Walaleesse akka na arrabsu na gahee jira. Rabbiin kakadhe, osoo isa arge dhagaa kanaan isa rukutaa ture.” Ergasi garagaltee deemte. Abu Bakr ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! Ishiin kan si hin argine ta’uu ni yaaddaa?” Nabiyyiinis ni jedhe: Rabbiin na arguu irraa ishii dhoowwe jira.”

Abu Lahab jiruu isaa guutuu Islaaman loluuf fixe. Iddoo gabayaa, namoonni walitti qabamanii fi yeroo hajjii yommuu Nabiyyin namoota Islaamatti waamu Abu Lahab isa hordofuun dubbii isaa addaan kutaa fi arrabsaa ture.

Kunniin azaa fi rakkina muraasaa Qureeshonni Nabiyyii (SAW) dukkana keessaa isaan baasuf dhufe irraan gahaniidha. Ibidda irraa akka baraaramanii fi dukkana wallaalummaa fi shirkii keessaa akka bahaniif gara Islaamaatti isaan waama. Isaan immoo rakkisuu fi azaa gochuun itti deebisu. Nama waan gaarii namaaf yaadu fi waan gaaritti nama affeeru rakkisuu fi arrabsuun goowwummaa fi doofummaa malee wanta biraa ta’uu danda’aa?

Barnoota Asirraa Baratamu
Namni Islaama qabate akkanumatti osoo hin rakkifaminii fi hin qoramin kan hafu osoo hin ta’in, rakkooleen adda addaa isa qunnamu. Nabiyyii (SAW) fakkeenya godhachuun obsuu qaba. Rakkoo fi balaan hangana hin jedhamne nabiyyiitti ni bu’e. garuu san hunda obsaan dabarse.
Gowwoonni fi wallaaltonni yommuu nama arrabsan, akkuma isaan nama arrabsan isaan arrabsu osoo hin ta’in, dubbii gaarii isaanitti dubbachuu yookiin immoo guutumatti irraa garagalanii deemudha. Aayan Qur’aanaa jalqaba irratti eerre kanumatti ajajji. “Wanta isaan jedhan irratti obsi, fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu.”
Humnoonni badii kaayyoo qabatan irraa duubatti nama deebisuuf yommuu carraaqan ijjannoo qabaachu fi obsuun barbaachisaadha. Nabiyyiin (SAW) akkana jechuun ijjannoo isaa ibse, “Yaa abbeeraa koo! Rabbiin kakadhe, dhimma kana akka dhiisuuf osoo aduu harka mirgaa kiyya irra, ji’a immoo harka bitaa kiyya irra kaa’anii, dhimma kana hin dhiisu.”
Namoonni har’a haqa malee nama rakkisan dhumarratti jazaa ofii ni argatu. Namoonni Nabiyyii (SAW) irratti macaree gaalaa darban Guyyaa lola Badri salphachuun boolloo tokko keessatti walitti guuraman.


Kitaabban wabii:
[1] Siiratu Nabawi-188, Abul Hasan Al-Nadawi
[2] As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 131, 143-145, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/381-386

Siiraa-Lakk.17.2
Mormii Mushrikootaa-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply