Siiraa-Lakk.17.2

Offline dubbisuf

Nabiyyiin (SAW) ummata isaa keessatti rakkoo hangana hin jedhamne qunnamanii jiru. Urga da’waa ifatti baase irraa jalqabee gowwoota Qureeshotaa irraa azaan baay’een irra gahee jira. Iddoo isaan walitti qabaman biraan yoo darbee, isaatti qoosu. Qishnaaf akkana jedhunii turan: Kuni ilma Abu Kabsha samii irraa isatti dubbatamudha.” Isaan keessaa namni tokko Nabiyyii (SAW) biraan darbuun qishnaaf akkana jedha: Har’a samii irraa sitti hin dubbatamnee?”

Dhimmichi qishnaa, qoosaa fi nafsee azaa gochuu irratti qofa hin gabaabbanne. Inumaa gara qaama rakkisuutti darbe. Inumaa aduwwiin Rabbii Umayyah ibn Khalaf hanga fuula Nabiyyii (SAW) irratti tufu gahe. Madinaatti godaanun boodas ciminni azaa fi qormaataa hin dhaabbanne. Diinonni haarofti mul’achuun sarara haarawa qabate. Yommuu Makkaan keessa ture san diinonni Qureeshota Makkaan keessa jiran qofa yommuu ta’u, erga gara Madinaatti godaane booda munaafiqoota, Yahuudota, Pershiyaa, Ruumota fi gareen biroo isaan waliin gamtooman isaaf diinota ta’an. Makkaan keessatti azaan qishnaa, qoosa, rukuttaa fi marsuu erga ta’ee booda Madiina keessatti immoo waraanan azaa gochuutti qajeele. Dhugumatti, yeroo nabiyummaa fi jireenyi isaa guutuu keessatti qormaanni fi balaan akka sansalataa kan walqabataniidha. Garuu Nabiyyiin (SAW) karaa Rabbii keessatti wanta isa tuqeef hin dadhabne, abdis hin kunne. Kana irra rakkoo hundaa obsan danda’ee dabarse.

Guddinna rakkoo Nabiyyiin (SAW) jireenya isaa keessatti danda’e eenyullee yaadu hin danda’u. Kuni gatii ergaa inni baadhateen kan wal gituudha. Kanaafi, Rabbii isaa biratti al-Maqaamal Mahmuud (dhaabbata faarfamaa) fi sadarka ol’aanaa haqa godhate. Akkuma ummata darbanii adabbiin cimaan ummata isaas akka hin tuqneef rakkoolee isa tuqan irratti ni obse. Akkasumas, daa’iwwan fooyya’iinsa ummata keessatti fiduuf carraaqaniif fakkeenya gaarii ta’uuf azaa kana hunda obsaan danda’e. Seera Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa keessaa tokko, nama sadarka isaa olkaasu yoo fedhe qormaata fi rakkoolee adda addaatin qora. Qormaanni kunis isa qulqulleessu, jabeessu fi sadarkaa isaa olkaasufi. Abu Sa’id Kudriyy akkana jechuun Nabiyyi (SAW) gaafate, “Yaa Ergamaa Rabbii! Namoota hundarra eenyutu sirritti qoramaa?” Nabiyyiinis (SAW) ni jedhan, “Nabiyyoota, ergasii hundarra gaarii kan ta’e, itti aanse hundarra gaarii kan ta’edha. Gabrichi hanga amantii isaatiin qorama. Yoo amanti isaa keessatti jabaa ta’e, qormaanni isaa akkasuma itti jabaata. Amanti isaa keessatti laafinni yoo jiraate immoo, hamma amanti isaa irratti hundaa’e ni qorama. Qormaanni gabricharratti bu’uu hin dhaabbatu hanga badiin isarra kan hin jirre ta’ee dachii irra deemutti malee.” Sunan ibn Maajah 4023

(Kanaafi, namoonni gariin “amantii yoo sirritti qabadhe”, qormaanni natti jabaata jechuun amanti laaffisu. Garuu kuni of gowwoomsudha. Qormaata addunyaa xiqqoo tana jalaa dheessuun amanti gadi lakkisanii akkamitti azaaba Aakhirah danda’uu? Qormaanni addunyaa gabaaba fi kan darbuudha. Garuu adabbiin Aakhirah turaa fi jabaadha. Qormaata yeroo gabaaba irratti obsanii mindaa guddaa argachuu fi azaaba Aakhirah jalaa nagaha bahuu wayya immoo amanti gadi dhiisanii ykn laaffisanii azaaba Aakhirah turaa ta’eef of saaxiluu wayyaa?)

Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunname-Kutaa 1

1-Rakkoo Abu Bakr Siddiiq (Radiyallahu anhu) muudate
Dhuguma, Muslimoota keessaa namoonni dararaa fi azaa Qureeshotaatiif baay’ee saaxilamu sahaabota dadhaboo fi gabroota turaniidha. Garuu Muslimoonni sadarka qabanii fi beekkamoo ta’anis dararaa kana jalaa hin baraaramne. Dhugumatti Abu Bakr harka Qureeshota keessatti dararame jira. Mataa isaa irratti biyyeen ni naqame. Siliparin Masjiid Harama keessatti ni rukutame. Du’aa fi jiruu jidduu ta’e uffata isaatiin marame gara mana isaatti baadhatame. Aa’ishaan akka gabaastetti, yommuu sahaabonni 39 Nabiyyii (SAW) biratti walitti qabaman, Abu Bakr da’waa ifatti akka labsuu Nabiyyitti warwaate. Nabiyyinis (SAW) ni jedhan, “Yaa Aba Bakr, nuti lakkoofsaan xiqqoodha.” Hanga Nabiyyiin (SAW) da’wa ifa baasanitti fi Muslimoonni naannawa masjiidatti bittinaa’anitti Abu Bakr warwaachu hin dhiisne. Nabiyyiin (SAW) taa’anii osoo jiranuu Abu Bakr dhaabbate namootatti dubbachuu jalqabe. Inni dubbataa jalqaba namoota gara Rabbii fi Ergamaa Isaatti waamedha. Mushrikonni isa cal’isaan kan dhageefatan osoo hin ta’in lafaa ol finciluun isaa fi muslimoota naannawa masjiidaa jiran rukuttaa cimaa rukutuu jalqaban. Kopheen Abu Bakr irra ijjatan, haleellaa cimaa haleelan. Namni faasiqni Utbah ibn Rabii’a isatti dhiyaachun kophee isaatin fuula Abu Bakr rukutu jalqabe. Garmalee fuula isaatirra dhiigni gadi jigu irraa kan ka’e fuulli isaa funyaan irraa addaan hin beeysisu.

Ergasi gosti Abu Bakr kan taate Bani Taym dhufuun Qureeshota isa miidhu irraa ariite. Bani Taym Abu Bakrin hanga mana isaa galchanitti uffataan maranii baadhatan. Ergasi Bani Taymi deebi’un Masjiida Haraam seenan. Ni jedhan, “Rabbiin kakanne! Yoo Abu Bakr du’e dhugumatti Utbah ibn Rabii’a ni ajjeesna.” Isaanis gara Abu Bakr ni deebi’an. Abu Quhaafah (abbaa Abu Bakr) fi Bani Taym hanga deebii deebisutti Abu Bakrin dubbisuu jalqaban. Dhuma guyyaa irratti ni dubbate, akkanas jedhe, “Ergamaan Rabbii (SAW) maal hojjate?” Gosti isaa kuni Muslima waan hin taaneef wanta inni jedheef isa waqqasan. Ergasii haadha isaa Ummu Al-Kheyrin ni jedhan: wanta nyaatamuu fi dhugamu mee barbaadi fidiif.” Ummu Al-Kheyris akka nyaate dhugu isatti warwaatte. Inni garu deddeebisee, “Ergamaan Rabbii maal hojjatee?” jedha. Ishiinis, “Rabbiin kakadhe, saahiba kee ilaalchise wanti beeku hin jiru.” Innis ni jedhe, “Gara Ummu Jamiil bint Khaxxaab deemun waa’ee isaa gaafadhu.” Haatis hanga Umm Jamiilin wal-qunnamtutti ni deemte. Ni jette, “Abu Bakr waa’ee Muhammad bin Abdullah si gaafata.” Ummu Jamiilis ni jette, “Ani Abu Bakris ta’e Muhammad ibn Abdullah hin beeku. Yoo feete gara ilma keeti waliin haa deemnu.” Ishiinis ni jette, “Hayyee kaa.” Ergasii ishii waliin ni deemte. Abu Bakr garmalee kan dhukkubsatu ta’ee argite. Ummu Jamiilis itti dhiyaachun sagalee olkaaste akkana jette, “Dhugumatti, namoonni kana sitti hojjatan namoota gadhee fi kufriiti. Rabbiin isaan irraa akka harka siif baasu nan abdadha.” Abu Bakris ni jedhe, “Ergamaan Rabbii (SAW) maal hojjatee?” Ishiinis ni jette, “Tuni haadha teeti [wanta nuti jennu] ni dhageessi.” Abu Bakris haadha isaa ilaalchise homaa akka hin yaadne ishii tasgabeesse.

Ummu Jamiilis ni jette, “Inni nagaha jira.” Abu Bakris ni jedhe, “Eessa jiraa?” Ishiinis ni jette, “Daarul Arqam (Mana Arqam)” Innis ni jedhe, “Rabbiin kakadhe hanga Nabiyyii (SAW) bira deemutti nyaata hin nyaadhu, dhugaati hin dhugu.” Ummu Al-Kheeyri fi Ummu Jamiil hanga dhimmoonni karaa irra jiran qabbanaa’anitti isa ni tursiisan. Erga haalli qabbanaa’e fi tasgabbaa’e booda isaan lamaan Abu Bakrin ofitti hirkisuun gara Daarul Arqamitti qajeelaniin. Akkuma Nabiyyitti seensisaniin Nabiyyiin (SAW) gara isaatti fiigun isa dhungatan. Muslimoonni biroos gara isaatti fiigan. Ergamaan Rabbii (SAW) mararfannaa cimaa isaaf mararfatan. Abu Bakris ni jedhe: Haati fi abbaan kiyya siif haa wareegaman yaa Ergamaa Rabbii! Rakkoon homaatu narra hin jiru wanta namni gadheen suni fuula kiyya irra rukute malee. Tuni haadha tiyya ilma ishiitti tola ooltedha. Ati nama barakaa qabuudha. Gara Rabbitti ishii waami, Rabbiinis akka ishii qajeelchu kadhuuf. Tarii Rabbiin sababa keetin ibidda irraa ishii baraaru danda’a.” Ergasii Nabiyyiin (SAW) Rabbiin ni kadhatan, ishiis gara Rabbiitti waaman. Ishiinis ni Islaamofte. (Siiratu Nabawiyyati- Ibn Kasiir 1/439-441)

2-Bilaal (Radiyallahu anhuu)
Azaa fi dararaan Mushrikoonni Nabiyyii fi sahaabota isaa irraan gahan guyyaa guyyaan dabaluu fi dachaa ta’uu itti fufe. Keessumaayyu, gabroonni Islaamatti seenan garmalee kan adabamanii fi azzabaman turan. Islaama irraa duubatti isaan deebisuu fi namoota biraatiif fakkeenya akka ta’aniif garmalee isaan dararan. Abdullah ibn Mas’uud ni jedha, “Namoonni jalqaba Islaama ifatti baasan torba. Isaanis: Ergamaa Rabbii (SAW), Abu Bakr, Ammaar, haadha isaa Sumayyah, Suheeyb, Bilaali fi Miqdaad. Rabbiin nabiyyii (SAW) sababa abbeeraa isaatiin mushrikoota irraa isa eega. Abu Bakrin immoo sababa gosa isaatiin isa eege. Garuu Muslimoota hafan biroo mushrikoonni uffata sibila irraa hojjatamee isaan irratti uwwisuun aduu keessatti isaan baqsan. Bilaalin malee hundi isaanitu wanta mushrikoonni isaan irraa barbaadan ni kennaniif. (Kana jechuun dirqamaan dubbi kufrii akka dubbatan mushrikoonni isaan dirqisisan. Arrabaan haa dubbatanii malee qalbiin isaanii iimaanan kan tasgabbaa’edha.) Bilaal nafsee isaa Rabbiif jedhe dhabu akka dhimma salphaatti ilaale. Namoonnis nafsee isaatiif danta hin kennine. Ijjoolletti kennanii karaa Makkaa keessaan naanna’aniin. Innis akkana jechaa ture, “Ahadun Ahadun (Tokkicha, Tokkicha)” (Rabbiin Tokkicha, Isa malee kan haqaan gabbaramu hin jiru.)

Bilaal maatii isa eegu, saayfi ittiin ofirraa dhoowwuun hin qabu ture. Hawaasa wallaala Makkaa keessatti namni akkanaa tajaajiluu fi ajajamuu, akka horii gurguramuu fi bitamuu malee hawaasa keessatti bakka homaatu akka hin qabnetti ilaallama. Namni kuni ilaalcha mataa ofii qabaachu ykn nama yaada haarawa burqiisisu ta’uu ykn abbaa da’waa ta’uun hawaasa jaahilliyya keessatti yakkaa guddaa miilti Qureeshota itti sochootu fi hollattuudha. Garuu osoo mushrikoonni akeekachisanu da’waan haarofti dargaggoonni itti fiigan kuni qalbii gabricha gatamee fi dagatamee kana ni tuqe. Ergaan Islaamaa jiruu keessatti nama haarawa gochuun isa baase. Amanti kanatti erga amanee fi Nabii Muhammadi fi obboleeyyan iimaanaa isaatti erga dabalamee booda hundee qalbii isaa irraa hiikni iimaana ni burqe.  Ina kunoo amma, sababa amantii isaatiif azaaba (adabbii) adda addaatiif saaxilamaa jira. Waziira Nabiyyii (SAW) kan ta’e Abu Bakr Siddiiq gara bakka Bilaal itti azzabamuu deemun Umayyah ibn Khalafin akkana jedhe, “Miskiina kana ilaalchisee Rabbin hin sodaattu? Hanga du’utti (azzabdaa)?” Umayyaanis ni jedhe, “Kan balleesse sihi. Kanaafu wanta argitu keessaa nagaha isa baasi.” Abu Bakris ni jedhe: Nan hojjadha. Ana bira gabricha gurraacha isa irra cimaa ta’ee fi amanti kee irratti jabaa ta’etu jira. Isa siif kenna.” Innis ni jedhe, “Fudhadhe jira.” Abu Bakris ni jedhe, “Inni keeti.”  Abu Bakr siddiiqis gabricha isaa umayyaaf kennee Bilaal fudhatee bilisa baase. Gabaasni biraa akka odeessutti Abu Bakr Bilaalin Awaaqi torbaan ykn warqii awaaqi afurtamaan bite. (Awaaqi-warqii safaruuf safara itti gargaaramaniidha).

Ee obse, ee jabaate Bilaal (radiyallahu anhu)! Islaama fudhachuu isaatiin nama dhugaa ture. Kanaafi, ni jabaate, sodaachisaa fi adabbii adda addaatiif onneen isaa hin laafne. Obsii fi gadi dhaabbanni (sabaanni) isaa wanta dallansuu Qureeshota dabaluudha. Keessumaayyu Muslimoota dadhaboo keessaa nama tokkicha Islaama irratti gadi dhaabbatee fi wanta mushrikoonni barbaadan kan isaaniif hin kennineedha. Jecha kufrii isaan jedhi jedhaniin didee jecha tawhiida “Ahadun Ahadun” jedhu deddeebise.

Qormaata hunda booda badhaasni ni jira. Bilaal azaaba fi rakkoo isatti roobe jalaa ni bahe. Hidhaa gabrummaa jalaa bahuun jireenya hafe isaa Nabiyyii (SAW) waliin jiraate. Nabiyyittis kan gammaduu fi Jannataan kan gammachiifame ta’ee du’e. Gaafa tokko Nabiyyiin (SAW) Bilaalin  akkana jedhan, “Dhugumatti ani halkan edaa Jannata keessatti sagalee faana keeti of fuunduratti dhagahe.Sahiih Muslim 2458, Sahiih Al-Bukhaari 1149 Sahaabota birattis sadarkaan inni qabu guddaa ture. Umar (radiyallahu anhu) akkana jechaa ture: Abu Bakr hogganaan keenya hogganaa keenya bilisa baase.” “hogganaa keenya bilisa baase” jechuun isaa “Bilaalin bilisa baase” jechuu isaati.

Kitaabban wabii:
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 145-151, Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/386-396

Siiraa-Lakk.18.1
Siiraa Lakk.17.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply